Translate

Thursday, April 29, 2021

#Jirtuu_ ilmaan _oromoo?

WALALOO YAADANNO GOOTOTA WAREEGAMANI!
join our channel:- http://t.me/Oromo_graphya1

jirtuu ilmaan oromoo? guutuun qeerroo fi qarree
baga harra geenye waa meeqa kee tarreeX2
Hadaammiin ollaa hagamsaa ganama
booichaa galgala booicha
waliin kolfaa oolla keessi nu gubachaa shira alagaa caalaa ofiifuu walnyaachaa
baga walgeenye jenna imimmaan haqachaa.

mancaasaan gabrummaa jirtuu qarree fi qeerroo gootummaan kaatanii kan salphistan roorroo
isini Abdiin biyyaa jirtuu ilmaan oromoo!

qabsaa,onni dhugaa hayyuu yaa manguddoo sabni osoo beela,uu kan diddan gadadoo
jirtuu qomoon kiyya sanyiin Adam saaddoo!

quuqamtoonni haqaa hojjattoonni mootummaa osoo hin daddaaqamne jalqabaa hanga dhumaa baga harraan geessan baattanii iccitii cimaa

qabsaa,onni keenya qonnaan bulaa fi yaa daldalaa shamarran dargaggoo biyya keessaa fi alaa
daangaa biyya keessaniif kan ofgootan dallaa

Nuti oromoodha lammii oromiyaa
biyya bal'aa qabna magaalaafi baadiyyaa
baha harargeerraa kaasee hanga kaaba raayyaa

karaa kibbaan gujii hanga lixa wallaggaa
biyya uumaan faayaa haroowwanii fi lagaa baga oromoo taane hundatu waliif dhiigaa

Caarraa keenya ta,ee baay'ee dararamne bara hedduu turre alagaaf bitamnee
biyyarraa fagaannee ormaaf garba taanee
jaarraa 1, 1/2 Mataa gadi qabannee
salpannee jiraanne oromiyaa dhabnee

oromiyaa biyya abbaakoo biyya dammaa fi aannanii
alagaatu quufe ilmaan kee agabanii
waan habashaa hin jirre nyaatanii dhuganii ilmaan kee hedduu fixan garaa guuttatanii

oromiyaa oromiyaa oromiyaa harmee  siif jecha bahanii goottan meeqatu dhume
jiruun roorrifamaa oromoo jedhamee hedduus bineensi nyaate awwaalcha dhoorgamee

Arginee hin dhiifnu osoo alagaan nyaatuu lubbuun takkittumaa yoo baate haa baatuu
warri qabsoon dabarsan umrii isaanii guutuu
Elemoo Qilxuu faa kan akka Waaqoo Guutuu
goottan sodaa hin beekne jagna diina nyaatu fakkeenya qabsaa,otaa seenaan haa yaadatuu

Maammoo Muzammirii fi Jaarraa Abbaa Gadaa
Taaddasaa Birruu fi Kadir Bunee meeti Nadhii Gammadaa
Jaal Boruusoo Boruu fi Haylamaaram Gammadaa
gabrummaa mancaasuus warreen seenan baddaa kan galmeessisanii kufan galmee seenaa addaa
Agarii faa dhabnee garaan keenya madaa jal Laggasaa Wagii fi mee inni Baaroo Tumsaa
Abbishee Garbaa fi meeti Guddinaa Tumsaa sheh bakrii Saaphaloo fi warra akka Eebbisaa
itti fufna qabsoo gumaa isaanii baasaa
yaa ilmaan Oromoo TOKKUMMAA jabeessaa
walqeequun nuhin baasuu tokkummaa  furmaannisa

Huseen Bunee fi Bakar Waaree Waaqoo odaa fi Hawaas Jaarraa
Caccabsaa Dooyyoo fi meerre Gishuu Jaarraa
Goottan hedduutu dhumee Mullis Gadaa biraa tokkummaan keenya humnaa tokkummaan walijaaraa
Bilisoomnee galla gaafas farri firaa
hulaa Bilisummaa fullahuufi karraa

Hammisaa Sooree fi meeti abdataa Roobaa Yaadataa Bariisoofi meeti Gammadaa Roobaa 
Hasan Ibroo Abdii seenaatu harkaa qabaa
Sabboontota Oromoo namoota jajjaba
itti kafalleerra Ilma, Haadha fi Abbaa dirree qabsoo keessaahi lafeensaanii lallaba.

bara 1995 keessa oromoo jedhamee Abdussomad Idiris fi Ahmed saadiqtu ajjeefame
warri akka Hasan Huseen faa abiddaan gubame
Maamudee.I/m faatu reeffisaa waadamee..Baacaa Lammaatu ture rasaasa qusannaaf uleen ajjeefame

Abdulqaadir A/Kaarruu fi dhabne Raayyaa Muusaa
Shek Jihaad A/Garoo fi Usmaan A/Gissaa
Shek Daliil Shek Kadiir faa dhabnee I/A/Boor keessaa

Haji Adam A/Saambii fi Haji Alii A/Diggaa 
Yimaam A/Alii fi Raaimoo A/moggaa
kam himee kam dhiisa waan hojii alagaa

Shariif A/Garoo fi Nuuruu A/Saambii Diggaa A/Bulloo fi A/Fiixaa ,A/Saambii ,Abbaayii Baabboo faa fixxe jarri hin qabne qalbii!

dabballoota ABO bara chaarteraa sana Ammahaa Zawudee fi Daanieel Ayyaanaa
Geetaachoo Addunyaafaatu kufee, wayyoo jaallan sana
rabbiin haa qananiisu jannata isaaniif hawwinaa

Muhee Abdoo fi Faafam Dooyyoo warra akka Guutamaa
Mariin Galaan faatu kufee warra akka Tashoomaa
Gammachiis Dhaabaa fi kan akka Magarsaa Barii
goottan qaqqaalii dhabnee kan hin beeknes bari

Guddataa Gurmuu fi Yohaannis Wayyeessaa
Waaqoo Galgaloofaa warra akka Bobbaasaa
Lalistuu Huseenii fi J.Daawwii Ayyaansaa,Aasha Kormee faatu turee meeti Daraartuu Boonsaa
J.Kormee Tolaa fi J.Nagaasaa Kumsaa fakkeenyaafin kaase deddeemeefaa keessa.

Sabboontoonni oromoo warri shamarranii lubbuu of wareegan sabaaf dhaabbatanii
J.Ayyaantuu Dagaa Waarituu fi Kuulanii alangoo fi Dharraa Warqinee fi Taankii
Daraartuu Magarsaa fi J.Sooreettii fi Juukii

Saartuu Huuseenii fi Sabriinaa Abdallaa
Saartuu M/d fi Galaanee Gulummaa 
J.Aashaa Alii fi Daawwituu Aggaarii
biyyaaf wareegamanii meet Geexee Tafarii

Kaaba oromiyaa walloo kan harras akka hamaa jirtu
hedduu biqilchite kan biyyasaaf oflaatu warreen biyyaaf kufan seenaan haa yaadatuu

Abdurrahmaan Ibroo Abdii Ahmannuur Aadamee,
Mahammad sa'idoo fi warra akka Md Aammee,Huusseenee Indiris faa warra akka Hasan Aammee
dhugaa itti fakkaatee Alii Dullattiin sobamee walgahii gubbaatti guyyaan fannifame
isaan qofaas miti goottan hedduutu dhumee
Alii Abdulwahaab faa Adam Ahmaduus deemee
Hasan Rashiideefaatu Tigreedhaan nyaatame.Ahmad H.Umaruufaatu turee yoom dhuma himamee
gara jabeenya saniin meeqatu gubamee????
gabrummaatu godhe Tokkummaan dhabamee

J.Yesuuf Md fi J.Sayyoolee I/s
J.Haarun Yahyaa fi J.Abduu I/s
J.Abdul kariim baabboo fi warra akka J.Kaadraa I/s
sanyii jaallan kanaati kunoo jirra harras.

J.Adam Yesuf fi J.Ahmed Sayidii
J.walee Abboonnoo fi J.Abduu Sayidii
J.Abduu Adam fi J.I/s Abduu Qaadii
J.M.d Arabuu fi J.Ahmed M/d Sayidii

J.Aluwwaa Huuseenuu fi J.Sayyoo Aliyyee
J.Alii Abduu fi J.Huuseen Fantaayee
J.Hiddee Adamee fi J.Umar Hiddiyyee
sabasaaniif jecha kun hundi ta'an biyyee

J.Sayyoo Alii Amadee fi warra akka J.Kadoo Diimtuu
J.Adamii Leencaa faa eenyumtuu hin dagatuu
J.Md Dirree fi J.Ahmad Siraajuu faatu lafeen gaaratti hafee hanga harraa kan addaatu

J.Hiddee Ibraahim fi J.idiris Qaadii
J.Huusan Cunnii fi J.I/s Saydii
J.Makiin Hajii fi J.Hiddee Ahmadii
J.Huseen Shammuhee fi J.Jamaal Saydii

J.Ahmad Md fi J.Huusan Alii Muusaa
J.Huuseen Alii Umaree fi J.Adam I/s Irreessa
J.Said Abduu Abagaaz fi J.Huuseen Sooreessaa
J.Sayyoo Zubeer fi J.Yasuf Md Irreessaa

J.Ahmiyyee I/s fi J.Sayyoo Ahmad Gaaddisoo j.sayyoo Ahmad doddotaa
J.Sayyoo Zubeerfaatu dhaalchise qabsoo lubbuun isaanii haa jannatuu.
jabaadhu sabakoo boo,ichatti hin haftuu waan jaallan nuuf dhaaman han galma geettu Aarsaa ni kafalla kan qabsoon gaafattuu
tokkummaan nuuf humnaa daran haa jabaatuu tasa hin dhagahinaa gantuu fi ololtuu
dubbiin haaraa miti kanuma kaleessaatii
deemsa hin dagatinaa eessarraa garamittii
kaleessa akkam taane maaltauf boorutti

sabni keenya oromoo biyyi keenya oromiyaa
badhaatuu gabbattuu eebbifamtuu biyyaa lixaan hanga sudaan bahaan somaaliyaa
kaaba habashoota asgalfanna raayyaa 
Kibbaan keeniyaadha daangaan oromiyaa
Isaaf deebi,uu qabaa gaaffiin saba kiyyaa
Oromoodha yoomuu hin kenninu raayyaa

waadaa haaronfadhaa tokkoon tokkoon namaa
imaanaa hin nyaannu kan goota kumaatamaa
itti fufa qabsoon waaddan jaallawaan qabsoo wareegaman.

Thursday, April 15, 2021

#Sanyii(Gosa) _#Oromoota kaaba _#WalloofRaayyaa_

Sanyii Gosoota oromoo Walloo
(barreessan miky sultan wallo)
Ilmaan kaam kush ,faxna.kana,an jedhamu isaan keessa  walloon Sanyii kushiti.isaan keessa warri walloo Abbooti gurguddoo Saddeettu jira isanis.
1.Warra Baabbo
2.Warra Iluu
3.Warra qoobbo
4.Warra Yejjuu
5.Warra qaalluu
6.Warra Rayyaa
7.Warra Himanoo
8.Warra Waayyu jedhamuudhan beekamu obbolewwaan saddettan kun bulchiinsi isaani shawaa roobiti kaase hanga waajiraatitti fudhata.
Seena hin sobu dhugaa dubbata raayya jechuun Afaan oromooti . raayya jechuun  ittisa biyyatti akka walii galaatti.Namni barbaade raayya qoobbo,endamahoni,Azaboo,Allamaaxa ,Ashangee..deeme Abbootiwwan jiran sanyii isaani yoo gaafatan akka oromoo tayan ifaan ifatti sii himani raayyi lafti isaatu biyya oromoo itahuu isaa ragaa ofitti baha.Raayyaan gara naanno tigraay ka seenu dandeesse yeroo mootummaa Abbaa irre Atse yohaanis Afuraffaa ture.Yeroo mootummaa Abba irre Atse yohaannis Afuraffaa sanii kaase warri seemotik gara raayyaa seenu jalqabani.gara Ooflaa,maacow,Azaboo,qoobbo ,indamahonniti as dhufanii biyya qabatani.Agawfi walloon ummata waliin jiraatu lammeenu ilmaan kuushiti ummata walirraa horani agaw sanyii kuushiti.walloon lafa jabuuti irraa kaasee hanga marsaa faaxima Asabiin qabatee kan bulchitoota wallooti(lafa oromoo ture).
Dhiha wallooti kaase hanga oliitti oromiffa nii dubbatu..
1.Baatee
2.kamisee
4.Caffaa roobit
5.Sanbatee
6.Haxayyee
7.Harbuu
8.konbolcha
9.Boorana
10.siiqsinbira ....waajii kaase hanga lammiitti oromiffa dubbatani.
Dargaggeeyyin fi durboonni  walloo yeroo walgayanii wallee faarsan akkas jechaa faarsu "Nay kaarroyye Na kaarroyye" jechaa walaleessu Naan  akkuma jirutti tahe kaarroyye jechuu Afaan oromooti kaarroyye jechuun ilkaan kaarru jechuudha ilkaan kaarrun walloo keessatti iddoo qaba jechuudha.
Gootuwwan walloo durii
1.Balaaya zallaqa
2.Abbaa jabanoo
3.Abbaa marsee
4.Hasan rashiide
5.Abbaa gaangul
6.Hasan Ammee
7.mahammad maki
8.muhammad Ali
10.Lij iyyasu
11.Ras guugsa walee
12.Ras Ali guugsa waleefi kan maqaa hin dhoogne heeddudha .
Gootuwwan shamarrani keessa ....hangi tokko
1.Warqituu wadaajoo
2.ittegee mannaan
3.xayituu bixuul marsoo
4.giifti mastawat fi  heedudha isaanis xiqqoon maqaa keessa dhahe malee
Mootuwwan duraani kan akka mooti bulchaa Goondar kan ture Ras Ali guugsa walee ,mooti  walloo muhammad Ali ,tayitu bitul,tawabach kkf  oromoota turani.
walloo kan jalqaban oromoota akka turan ragaa qulqulluudhan beekamaadha  walloon sirna gadaatin akka bulaa turtes beekamaadha.mootuwwan Abbaa irree kan akka Atse yohaannis faan jibba ummata oromootifi islaamummaa qabuun oromoota walloo yookan islaamoota walloo iddoo Booruu meeda jedhamutti lola godhameen nama kuma30 ol tayan ajjeeesera.
 Seena booru meeda
  1. Atse yohannis
minilikifi yohannis jiddu waldhabiisaafi waljibbaan ifa hinta,intu ture. Minilik araara barbaade bakka Daseerra kiilo meetira 10 fagaattu tan Boruu -meeda jedhamtu bitootessa (1878)yohanisitti dhaqe.dhagaa baate jilbifatte dhiifama gaafate.yohannis dhiifama godheefii mooti shawaa godhee muude.
Booda waayee Amantii ortodoksiirratti mari,aanii addaan deeman.yohannisiifi minilik yeroo lammataa caamsa 25/1878)Booruu meedaaatti walqunnamanii ammas waayee Amantaa Ortodoksii irratti mari,ata.caamsa 29/1878/ walgahi Booru meeda jedhamu eegalnani.algahi kana irratti namni biyya kana jiraatu huundi akka amantii Ortodoksiu qofa akka qabatu fi afaan oromoo kan dubbatu huundi akka afaan warra seemota (amaarafi tigre)akka qabatan jedhee yohannis labsii baase.
1.Namni ortodoksii hintaane kan tayitarra jiru amantii isaani jijjiiru yoo kan kiristinnaa hin kaane taate tayita irraa ka,uu
2.muslimni huundi wagga3 keessatti kiristinnaa ka,uu
3.waaqeffatanis waggaa 2 keessa kiristinna ka,uu qaban jedhee labsii dabarse.
Labsii kana booda rakkinni kana hin jedhamne ummata muslimaaf oromoo irratti raawwatame.yohaannis labsii isaa labsii isaa hojiirra oolchuf jecha gara jabeenyaan oromootafi ummata muslima walloo  lubbuu ajjeessa,arraba muraa,qe,ee isaani irraa ari,u jalqabe.yohannis fi minilik mooti walloo muhammad alii irratti duulun ummata oromoo walloo muslimaa booru meeda irratti lola godhameen Atse yohannis fi minilik ummata oromoo walloo muslima gara kuma30 ajjeesani.

Gojjaami fi Oromoo /
gojjaam jechuun jechumti isaa oromoodha gojjaam jechuun boonu jechuudha.
Gojjaam biyya warra bulchitoota haagahuuti[Agaw).agaw sun maqaan sirrii isaa "haa gahu"isa jedhu san irraa dhufe 
.warri mootuwwa Absiniyaa kan warra nafxanyoota hagahu kana akka oromoo tahuu hin beeksifneef Agaw midir yookan biyya agaw jette itti moggaafte.
Jaarra 16ffatti mootin warra haagahu(Agaw)gojjaam kan turte" wabii"jedhamti turte.warri mootuwwan Absiniyaa maqaa wabii jedhu dhoksanii gara walata barsabee jedhutti yaamu jalqabani.jaarra 20ffa keessatti mootin biyya gojjaam kan ture adal doori jedhama ture.warri Absiniyaa maqaa isaa jijjirun Nigus takla haymaanoot jedhanii waamu.
Gootonni oromoo gojjaam kan yeroo san lolchiisa waraana turan Abbaa beella fi yimaam jedhamani waamamu turan.
gojjaam keessatti hanga ammaatti magaalonni afaan oromootin moggafaman jiru.
Maccaa,Diima,saqalaa,qoratti,jaawwi,Buree,jigaa,baasso ,gaale,liiban,meettaa ,dhaamote(ዳሞቴ) ilmaan diinsaAmarri yilmanna diinsa jette waamti ....oromoo ilmaan kushi kush burqaa Afriika tahuu isaa ethiopian lafa oromoo tahuu isaa nii mirkaneessa garuu daba qeesowwan habashotatin ummata oromoo irratti shira xaxameen yeroo dheera keessa afaan oromoof Aada oromoo balleessuf yaalaniiru garuu hin dandayamne Akka hayyun oromoo tokko jedhetti jarri habashoota seena isaani kitaaba irratti galmeessani oromoon garuu seena isaa lafa isaa irratti galmeeffate darbe jedha dhugaan jirus kanuma lafti oromoo ragaa bahaa jirti .
miky sultan/wollo oromo frist

Gondar fi Oromoo
Gondar sanyii ummata oromoo kan warra booji,aa jedhamaniiti.Mootonni duraani kanAbsiniyaan  booji,a kan ture san gondar ye  Beeja ምድር  jette kan oromoo akkan jedhamne maqaa jijjirte.itti aansunis beejuma san jijjirte Bagemder itti moggaafte san booda begemder kanas jijjirte gara Goondaritti moggaafte.garuu moggastootti oromoo waan ta,anif kan goondar jedhu kun afaanuma oromooti hiikan isaas kan dhufe "gundoo" "yookan safeeda isa isaan jedhan sanirraahi .
Ummata oromoo kan sanyii kuush kan warri nafxanyoota jalatti cunqurfamaa jiran sanyii warra qimaanti yookan "kam Ati "warra jedhamani.Absiniyaan warroota akka "kam ati"jedhaman san  maqaa jijjiirte qimaant jetteeni akka isaan oromoo hin taane fakkeessuf yaali guddaa goote.Gondar oromoo tahuudha ragoolen gurguddoon lafoonni goondar mirkaneessu.fkn,laga ambo,gubbaa laafto,daafic,ganda,Aga rabbii,sangaa,Bookkaa...jedhamanii waammamanitu jiru.
Osoo mootumman Atse tewodros jaarra 19ffa keessatti ka,ee moottuwwan oromoo jigsuuf hin yaalin dura manni maree waajjiroonni goondar afaan oromootin fayyadamaa turani.ragoole kana qabachuun goondar kan oromoo akka turte beektoonni nii himu.mootowwan bulchaa turanis kan akka mooti guugsa walee mooti walloo goondar bulchaa ture goondar walloo jala bulaa turte ras guugsan mooti oromoo duriiti.
Seena warqituufi Tewodroos

Atse Tewodros shawaa dhufee minilikiin booji,ee Maqdalaatti waggaa 10 hidhe.waggoota 10 booda mana hidhaati badee,mana mootitti  oromoo walloo,Warqituu wadaajoo jedhamtu,kan fira mooti walloo muhaammad alii taate,warqituu jedhamtu tan Tewodroosiin wal-falmitu bira dhaqee keessumummaan taa,e.Booda Minilikiin qabdee yoo ka deebiftu ta,e,ilma ishee kan duraan Atse Tewodros biratti qabamee jiru,Amadee Alii kan jedhamuufi Namoota isii kan hidhaa jiran huunda akka gad lakkisu itti eerge,Tewodroos Warqituutti dhaamsa erge.Garuu Warqituun nama cinqaafii roorroo Tewodroos jalaa miliqee dhufe,deebisee  Tewodroositti eergee hin ajjeesisu jettee,Minilik garaTewodroos deebiftee eerguu didde.
Tewodrosille ,diddaa warqituu erga dhagahee booda,ilma ishii kan isa bira maqdalaa hidhaa jiru "Ammadee Aliyyi" fi namoota warqituu kan hidhaa jiran huunda harkaafi miila irraa muree,gaara Maqdalaa irraa gara qileetti darbisiisee ajjeese.
Misiyoonota ingiliizii kan yeroo san Maqdalaatti hidhaman keessa tokko,DR.Hennery Blank jedhaman waayee kana yoo ibsan,Oromoota Walloo kan hidhaa turan huunda Tewodros ni ajjeese.Namoota 32 kan ta,an osoo lubbuun keessa hin bahin ,gaara Maqdalaa irra gara qileetti gadi darban jechuun DR.Hennery Blenk barreese jira.DR.Hennery Blank  dabalataan akkana jedhe.Oromoonni,loonifi midhaan isaani waraanni Tewodroos waan jalaa saamuun rakkiseef,gaafa tokko Oromoonni,loltoota Tewodros kana marsanii heeddu isaani fixan.waraanni muraasni hafan dheesaanii mooraa waraanaatti  deebi,an ,Tewidroos waraana isaa kan du,a jalaa lubbuu baafachuuf baqatee dhufe waamee,duraa enyutu saamaa isiniin jedhe,erga saamtanii immoo,maalif dheettan jechuun itti dallanee ,harka isaanii tokkoof luka tokko irraa cire,jechuun gara-jabeenna Tewodroos ibse.Ebla 10 bara 1868 Waraanni ingliizii"General Napier"jedhamuun durfamee maqdalaatti dhiyaate.Gama tokkoon ,waraana ingiliizi ka2,000ta,uufi loltoota baallabatoota Oromoo Wallooo,warqituufi Mastawat kan waraana ingiliizi gargaaran ,gama kaanin ammoo waraana Tewodroos, ka,"Gabriyeen durfamu loltoota 40,000 hin caalle qabatee baka"Arogee"jedhamuutti wal-waraanan.Maayyii,Gabriyyeefi loltoonnni Tewodros  baayyeen ajjeefaman.Heeddun mafaayani hojii ala ta,an.Tewodros lola kanatti hinjifatamuu baayyee gadde .lubbuu isaa baraaratuuf jecha gara kibbaa miliquu yaadu hin oollee.Garuu Naannawa isaa huunda,waraanni ingiliizifi waraanni mootitti walloo Warqituu,Mastaawat kan cufame tahuu hubatee,achumatti du,a dhandhamuun dirqama ta,e.
Namni quufaafi of-tuulammaan Oromooti roorrisee,dheekamee,jibbaafi tuffiin Oromoota garaa jabeennan ajjeesaa ture Tewodroos ,dhumarratti haalli du,iinsa isaa haga har,aa mormii gudda qaba.Habashoonni waraana ingiliziitti harka kennachuu didee ofii of ajjeese jedhan.Namoonni biroo akka kitaaba seenaa dhugaatti garuu ,osoo inni waraana ingilizii gara tokkoon ofirra eeguttu jiruu,waraanni baalabbatitti Oromoo Walloo,kan Warqituu bira gahee Atse Tewodroos ajjeese jedhan.

hayyufi sheekottan walloo oromoo 
1.Sheek Jamaaluddin Anniy(muhammad Roobsoo) sheeka raayya kan yeroo jalqabaaf Afaan arabaatin afaan oromoo barreessan
2,sheeka daana daaniyyul Awwal.Sheh Ahmad Adam gurrachaa
3.Shek daaniyyu saani,Sheh muhammad yasin daalacha
4.Sheh muhammad mi,aawa marsaa
5.Sheh sirajuddin Gaagur
6.Sheh Ali manta Abbaa sarbaa
7.She karam(sheh Abdu rahim warra gaara)
8.shek haji mahammad sani warra qaallu.k.k.f
Aniyyi fi Daaniyuul Awwal fi daaniyyu saanin warra Afaan arabaatin Afaan oromoo barreesaan rabbin sheekowwan hayyoota keenya kan jannata haa godhu.

Balay zallaqa laaqaw  qilxuu Ayanoo galgalii dhalataa warra wallo yeroo tahu guddinan gojjaami achumatti ijoolle horateera.Goonni balay zallaqa laqaw Abbaa isaa zallaqa laaqaw fi harmee isaa Adde xaayitu Asne irraa wallootti iddoo  boorana  jedhamtu Aana ciqaata gooxi jirruu simu jedhamutti 1904 dhalatani. Akkasuma erga waggaa afur ganiin booda Abbaan isaani zallaqa laaqaw lolchiisa lij iyyaasu waan turaniif gaafa lij iyyaasun qabaman inninis baqatee iddo ciqaata jedhamu kana osoo jiraatu achumatti namaan waldhabee nama ajjeese biyyaa baqatanii walloo dhiisani gojjaamitti galani.walloon oromoofi ummata agawi wallon kan kuushiti.kuush abbaa Afriikaati ummata afriika ummta kuushiti.

Muhammad Alii(Raas Mika,el)
Hidda dhaloota Oromoo Walloo keessa tokko,muhammad Alii yoo ta,u labsiif Dirqii Yohanisiin Fulbaana/1878 Amantii Kiristaana fudhatee,Ras mikaa,eel Ali jedhame.
Raas Mika,eel caamsa 31bara 1914,harka Abuuna pheexroosiin mootii Walloo,Gojjaamifi Goondar ta,ee muudame.

mootuwwan Amaara dhiigni isaani oromoo haati manaa isaani oromoo
1.Atse tewodros sanyii warra kam ati[qimaanti) Oromoo
2.jaartiin Atse twedros mintiwwab ali alula Oromoo yejjuu
3.jaartin Atse yohannis tigree  haati manaa isaa halimaa liiban yejjuu oromoo
4.Jaartin Atse minilik xaayitu bixilee marsoo wallo oromoo
5.Dalagduun hayile malakoot haati minilik oromoodha
6.Jaartin hayila sillase ittage mannaan walloo oromoo
7.Haati hayila sillaase jamiila Ali gamacoo yejju oromoo
8.Abbaan hayila sillase walda mikael guddisa shawaa oromoo
8.Mangistu hayilamariya waldee Abbaan shawaa oromooti....
warri amaarri itti faarsitu kun warri booji,a (Goondar) fi haagawu(Agaw)gojjaam  oromoodha.qeesni oromoo dhiigumaan jibbu kan Alaqa atsimu goorgis gojjaam biyya gootowwan oromoo ture jedhee ragaa  baheera.

Maqaa magaaloota Raayyaa
warra Abbaaye
kukkuftoo
Hijraa
Mohonni
Hashangee
Addi shaaboo
ta,oo/to,oo
barta kilay
qalqallaa/qaqallaa
Gaarjalaa
Addi haanxiyaa
Agamoota/Aaga moota
Kooban
Baasoo
Daareeytaa/dureeyta
Carcar
Baala
kooram
Ooflaa
Allamaaxaa/Ala maaxaa
Waajaa/waa jaha
Qoobboo
Qilshaa
Faccaa/facaa
Raarihe/raarrahe
Ximmuggaa
Waldayaa....heedutu jiru xiqqoo keessa dhahe malee

Maqoota warra raayya
""""""""""""""""""""
Tola,habulloo,Araarsee,Shantam,Ashkuttii, Waayyu, Dureeyti, Gurraaya ,Daadhi,Kubini,Wasanee,Jannatii,roobsoo,baareento,Areeroo...heeddutu jira 

Seena jemaalul Aniy (muhammad Roobsoo)

Jamaalul Aniy(muhammad Roobsoo)
Abbaan isaani sanyii Oromoo beekamoo keessa dhalatani.harmeen isaani warra Goondar irraa kan sanyii sheeka warra baalee sheek huussen baalee irra ilmoo ilmaan isaani sheek suuraa kan jedhaman irraa dhalatani kitaaba yaareed Girmaa hayilee seena Gondar haaasayu baafata 296-297 irratti.muqaama Ahmad kan jedhamani irraa dhalatti.jamaalul Aniiy(muhaammad Roobsoon)Roobsoo Baabboo fi Hawa Abdulqadir irraa Naanno Raayyaa iddoo "Galgaloo"jedhamtutti  bara 1781tti dhalatan.
jamaalul Aniy( bara1781-1870) barachaaf barsiisa gaari ta,ani jiraacha turani. Barattoota isaani keessa  Sheek Ahmad Diimaa 1902 waa,ee jireenya saani baayye barreese jira."Maxla,ul Rawiya Fi Manaaqibul Aniyi" jedhe Qopheesera.JamaalAniy(muhammad Roobsoon) waggaa 30 beekumsa walitti qabatanii barachaa turani.kitaaboole 52 qopheesaniiru.kitaaboolee seena ,falaasama,kitaaboole Nashiida, fi Afaan Arabatin Yeroo jalqabaatin Afaan Oromoo kan brressan isaani.Akka warri sheekoota Seena Aniy barressani.kan akka sheek Ahmad Diimaa,sheek Ahmad Darraa kitaaba "Nashrul Anbar" jedhuu fi mucaa isaani shek Haji muhammad Walee fii k.k.f  wabii isaan Godhannee muhammad Roobsoo(Aniy) bara 1870 Addunyaa irraa booqachuu isaani " koram" jedhamtu irrattiifi naannoo   Gaafraa jedhamutti.yejjuu keessaatti Awwaalamani .
Seenaa itiyoopiyaa keessatti Namni jalqabaa jaarra 19ffa keessatti Nashiida qopheesun beekaman Shek jamaalul Aniy(muhammad Roobsoodhadha)Shek jamaalul Aniy mootichi Atse yohaannis afuraffa baayye isaanitti duula biyyaa ari,aa ture keessa Sheeka Raayyaa keessa tokko.Sheek jamaalul Aniy Afaan oromoo fi Afaan Arabaa kan baayye haasayanii fi  manzuunaa Afaan arabaatin Qopheessa kan turan Sheek muhammad mashashan himaniiru. Sheek jamaalul Aniiy Afaan tigriffaa yoo dandayanis jibbaa qabaniif hin dubbatan turani.. barattoota isaanis dhoorkaa turani jedhama.

Ras bitwaddad Ali ykn Ali xiqqicha jedhame yaammama.
Bara 1769--1855 mootiicha waggaa torbaatama ol bulche jedhame yaadamu keessa tokko . giiftiiwwan kan fedhe moochisa kan fedhe buusa kan ture sanyii Warra seeh kan tahan Ras bitwaddaad kan dhumaa turani.Alin kan dhalatan eega Abbaan isaan biyya bulchuuf kara gojjaam deeme Gojjaam "buree" Keessatti dhalate .Ras bitwaddad Ali Harmeen isaani Ittagee mannaan liiban Ammadee jedhamti.ittagee Mannaa sanyii warra muhammadoota /muhammad Ali keessa tokko Kan warra hibanoo intala liiban Amadee kolaaseeti. Otoo kiristinna hin ka,in dura ittagee mannaa Halimaa jedhamtee yaamamti turte.maqaan itagee jedhu kun kan bayeef eega mucaan ishee bitwaddad Ali mootumma irra bahee boodafi eega yohaanni saalsaayi kan jedhamu eega fuute booda Mannaan jedhamte.
Abbaan Ras bitwaddad Ali xiqqicha magaala dabraa Taabor kan jalqaba magaala taassise fi wagga 26 gojjaam bulchaa ka turee yoo tahu. Obboleessa Ras guugsaa marsoo Baareentoofi ras Aluula marsooti.Ras Ali xiqqichi sanyii warra muhammadoofi warra seeh ykn yeejju irraa dhalatani.Ras Ali ma,akalawi wagga 22 bulchaa kan turan ras bitwaaddad isa dhumaa haa jedhaman malee. Gadaan bulchaa isaani hanga dhumutti hanga bara 1966 yejjuu, Goondaar,laastaa,Raayyaa,Anbaassal,Walloo guutuutti Bulchaa turani.
Haadhi manaa Mooticha Atse Tewodros kan taatee Tawabach Ali intala Ras bitwaddad Aliiti. Rasbitwaddad Ali baayye beekamoof Jaalatamoo turan jedhama.
http://t.me/ABBAA-HAGAA1

mootittii saba'a Queen of sheba

"Mootittii Saba'a""Queen sheba" ----------------------------------------------------------------- ★Miky Sultan Bar...