Translate

Thursday, April 29, 2021

#Jirtuu_ ilmaan _oromoo?

WALALOO YAADANNO GOOTOTA WAREEGAMANI!
join our channel:- http://t.me/Oromo_graphya1

jirtuu ilmaan oromoo? guutuun qeerroo fi qarree
baga harra geenye waa meeqa kee tarreeX2
Hadaammiin ollaa hagamsaa ganama
booichaa galgala booicha
waliin kolfaa oolla keessi nu gubachaa shira alagaa caalaa ofiifuu walnyaachaa
baga walgeenye jenna imimmaan haqachaa.

mancaasaan gabrummaa jirtuu qarree fi qeerroo gootummaan kaatanii kan salphistan roorroo
isini Abdiin biyyaa jirtuu ilmaan oromoo!

qabsaa,onni dhugaa hayyuu yaa manguddoo sabni osoo beela,uu kan diddan gadadoo
jirtuu qomoon kiyya sanyiin Adam saaddoo!

quuqamtoonni haqaa hojjattoonni mootummaa osoo hin daddaaqamne jalqabaa hanga dhumaa baga harraan geessan baattanii iccitii cimaa

qabsaa,onni keenya qonnaan bulaa fi yaa daldalaa shamarran dargaggoo biyya keessaa fi alaa
daangaa biyya keessaniif kan ofgootan dallaa

Nuti oromoodha lammii oromiyaa
biyya bal'aa qabna magaalaafi baadiyyaa
baha harargeerraa kaasee hanga kaaba raayyaa

karaa kibbaan gujii hanga lixa wallaggaa
biyya uumaan faayaa haroowwanii fi lagaa baga oromoo taane hundatu waliif dhiigaa

Caarraa keenya ta,ee baay'ee dararamne bara hedduu turre alagaaf bitamnee
biyyarraa fagaannee ormaaf garba taanee
jaarraa 1, 1/2 Mataa gadi qabannee
salpannee jiraanne oromiyaa dhabnee

oromiyaa biyya abbaakoo biyya dammaa fi aannanii
alagaatu quufe ilmaan kee agabanii
waan habashaa hin jirre nyaatanii dhuganii ilmaan kee hedduu fixan garaa guuttatanii

oromiyaa oromiyaa oromiyaa harmee  siif jecha bahanii goottan meeqatu dhume
jiruun roorrifamaa oromoo jedhamee hedduus bineensi nyaate awwaalcha dhoorgamee

Arginee hin dhiifnu osoo alagaan nyaatuu lubbuun takkittumaa yoo baate haa baatuu
warri qabsoon dabarsan umrii isaanii guutuu
Elemoo Qilxuu faa kan akka Waaqoo Guutuu
goottan sodaa hin beekne jagna diina nyaatu fakkeenya qabsaa,otaa seenaan haa yaadatuu

Maammoo Muzammirii fi Jaarraa Abbaa Gadaa
Taaddasaa Birruu fi Kadir Bunee meeti Nadhii Gammadaa
Jaal Boruusoo Boruu fi Haylamaaram Gammadaa
gabrummaa mancaasuus warreen seenan baddaa kan galmeessisanii kufan galmee seenaa addaa
Agarii faa dhabnee garaan keenya madaa jal Laggasaa Wagii fi mee inni Baaroo Tumsaa
Abbishee Garbaa fi meeti Guddinaa Tumsaa sheh bakrii Saaphaloo fi warra akka Eebbisaa
itti fufna qabsoo gumaa isaanii baasaa
yaa ilmaan Oromoo TOKKUMMAA jabeessaa
walqeequun nuhin baasuu tokkummaa  furmaannisa

Huseen Bunee fi Bakar Waaree Waaqoo odaa fi Hawaas Jaarraa
Caccabsaa Dooyyoo fi meerre Gishuu Jaarraa
Goottan hedduutu dhumee Mullis Gadaa biraa tokkummaan keenya humnaa tokkummaan walijaaraa
Bilisoomnee galla gaafas farri firaa
hulaa Bilisummaa fullahuufi karraa

Hammisaa Sooree fi meeti abdataa Roobaa Yaadataa Bariisoofi meeti Gammadaa Roobaa 
Hasan Ibroo Abdii seenaatu harkaa qabaa
Sabboontota Oromoo namoota jajjaba
itti kafalleerra Ilma, Haadha fi Abbaa dirree qabsoo keessaahi lafeensaanii lallaba.

bara 1995 keessa oromoo jedhamee Abdussomad Idiris fi Ahmed saadiqtu ajjeefame
warri akka Hasan Huseen faa abiddaan gubame
Maamudee.I/m faatu reeffisaa waadamee..Baacaa Lammaatu ture rasaasa qusannaaf uleen ajjeefame

Abdulqaadir A/Kaarruu fi dhabne Raayyaa Muusaa
Shek Jihaad A/Garoo fi Usmaan A/Gissaa
Shek Daliil Shek Kadiir faa dhabnee I/A/Boor keessaa

Haji Adam A/Saambii fi Haji Alii A/Diggaa 
Yimaam A/Alii fi Raaimoo A/moggaa
kam himee kam dhiisa waan hojii alagaa

Shariif A/Garoo fi Nuuruu A/Saambii Diggaa A/Bulloo fi A/Fiixaa ,A/Saambii ,Abbaayii Baabboo faa fixxe jarri hin qabne qalbii!

dabballoota ABO bara chaarteraa sana Ammahaa Zawudee fi Daanieel Ayyaanaa
Geetaachoo Addunyaafaatu kufee, wayyoo jaallan sana
rabbiin haa qananiisu jannata isaaniif hawwinaa

Muhee Abdoo fi Faafam Dooyyoo warra akka Guutamaa
Mariin Galaan faatu kufee warra akka Tashoomaa
Gammachiis Dhaabaa fi kan akka Magarsaa Barii
goottan qaqqaalii dhabnee kan hin beeknes bari

Guddataa Gurmuu fi Yohaannis Wayyeessaa
Waaqoo Galgaloofaa warra akka Bobbaasaa
Lalistuu Huseenii fi J.Daawwii Ayyaansaa,Aasha Kormee faatu turee meeti Daraartuu Boonsaa
J.Kormee Tolaa fi J.Nagaasaa Kumsaa fakkeenyaafin kaase deddeemeefaa keessa.

Sabboontoonni oromoo warri shamarranii lubbuu of wareegan sabaaf dhaabbatanii
J.Ayyaantuu Dagaa Waarituu fi Kuulanii alangoo fi Dharraa Warqinee fi Taankii
Daraartuu Magarsaa fi J.Sooreettii fi Juukii

Saartuu Huuseenii fi Sabriinaa Abdallaa
Saartuu M/d fi Galaanee Gulummaa 
J.Aashaa Alii fi Daawwituu Aggaarii
biyyaaf wareegamanii meet Geexee Tafarii

Kaaba oromiyaa walloo kan harras akka hamaa jirtu
hedduu biqilchite kan biyyasaaf oflaatu warreen biyyaaf kufan seenaan haa yaadatuu

Abdurrahmaan Ibroo Abdii Ahmannuur Aadamee,
Mahammad sa'idoo fi warra akka Md Aammee,Huusseenee Indiris faa warra akka Hasan Aammee
dhugaa itti fakkaatee Alii Dullattiin sobamee walgahii gubbaatti guyyaan fannifame
isaan qofaas miti goottan hedduutu dhumee
Alii Abdulwahaab faa Adam Ahmaduus deemee
Hasan Rashiideefaatu Tigreedhaan nyaatame.Ahmad H.Umaruufaatu turee yoom dhuma himamee
gara jabeenya saniin meeqatu gubamee????
gabrummaatu godhe Tokkummaan dhabamee

J.Yesuuf Md fi J.Sayyoolee I/s
J.Haarun Yahyaa fi J.Abduu I/s
J.Abdul kariim baabboo fi warra akka J.Kaadraa I/s
sanyii jaallan kanaati kunoo jirra harras.

J.Adam Yesuf fi J.Ahmed Sayidii
J.walee Abboonnoo fi J.Abduu Sayidii
J.Abduu Adam fi J.I/s Abduu Qaadii
J.M.d Arabuu fi J.Ahmed M/d Sayidii

J.Aluwwaa Huuseenuu fi J.Sayyoo Aliyyee
J.Alii Abduu fi J.Huuseen Fantaayee
J.Hiddee Adamee fi J.Umar Hiddiyyee
sabasaaniif jecha kun hundi ta'an biyyee

J.Sayyoo Alii Amadee fi warra akka J.Kadoo Diimtuu
J.Adamii Leencaa faa eenyumtuu hin dagatuu
J.Md Dirree fi J.Ahmad Siraajuu faatu lafeen gaaratti hafee hanga harraa kan addaatu

J.Hiddee Ibraahim fi J.idiris Qaadii
J.Huusan Cunnii fi J.I/s Saydii
J.Makiin Hajii fi J.Hiddee Ahmadii
J.Huseen Shammuhee fi J.Jamaal Saydii

J.Ahmad Md fi J.Huusan Alii Muusaa
J.Huuseen Alii Umaree fi J.Adam I/s Irreessa
J.Said Abduu Abagaaz fi J.Huuseen Sooreessaa
J.Sayyoo Zubeer fi J.Yasuf Md Irreessaa

J.Ahmiyyee I/s fi J.Sayyoo Ahmad Gaaddisoo j.sayyoo Ahmad doddotaa
J.Sayyoo Zubeerfaatu dhaalchise qabsoo lubbuun isaanii haa jannatuu.
jabaadhu sabakoo boo,ichatti hin haftuu waan jaallan nuuf dhaaman han galma geettu Aarsaa ni kafalla kan qabsoon gaafattuu
tokkummaan nuuf humnaa daran haa jabaatuu tasa hin dhagahinaa gantuu fi ololtuu
dubbiin haaraa miti kanuma kaleessaatii
deemsa hin dagatinaa eessarraa garamittii
kaleessa akkam taane maaltauf boorutti

sabni keenya oromoo biyyi keenya oromiyaa
badhaatuu gabbattuu eebbifamtuu biyyaa lixaan hanga sudaan bahaan somaaliyaa
kaaba habashoota asgalfanna raayyaa 
Kibbaan keeniyaadha daangaan oromiyaa
Isaaf deebi,uu qabaa gaaffiin saba kiyyaa
Oromoodha yoomuu hin kenninu raayyaa

waadaa haaronfadhaa tokkoon tokkoon namaa
imaanaa hin nyaannu kan goota kumaatamaa
itti fufa qabsoon waaddan jaallawaan qabsoo wareegaman.

No comments:

Post a Comment

mootittii saba'a Queen of sheba

"Mootittii Saba'a""Queen sheba" ----------------------------------------------------------------- ★Miky Sultan Bar...