Translate

Showing posts with label love. Show all posts
Showing posts with label love. Show all posts

Thursday, June 23, 2022

#mootii#kumsaa#moradaa

Mootii Kumsaa Morodaa

Kitaaba Seenaa Oromoo jalqabaa Kumsaa Morodaatiin barreeffame.

Bara kudha sagal soddomoota keessa xalayaan baallee tokkoorratti barreeffamtee Naqamteerraa ergamuun Finfinnee qaqqabde. Xalayaa kana kan barreesse ilma Mootii Kumsaa Morodaa kan ta'e Dajjaaash Hafte-maariyaa Kumsaa ture. Kan barreeffameef ammoo Mootii biyyattii yeroo sanaa Haayile Sillaaseetiif.

Xalayyichi Afaan Amaariffaatiin kan barreeffame yoo ta'u, qabiyyeen isaas akkas jedha:

"Seenaa Abaabiloota keenyaa maanguddoota bubbulan irraa qorachuudhaan Abbaankoo Gabiraigzaaber (Kumsaa Morodaa) barreessuu eegalee ture. Haa tahu malee utuu hin xumurin lubbuun darbe. Ani ilmi isaa ammoo Maanguddoota Oromoo naannoo keenyaa qofa utuu hin taane, maanguddoota Oromoo naannoo kan biraa qoradhee, seenaa hidda sanyii Oromoo ballisee barreessuun, waan abbaankoo jalqabe xumureen jira. Kana kan goonuuf ammoo ijoolleen keenya sichi dhalatan waa'ee hidda isaanii sirriitti akka beekaniif jenneetu. Macaafa kana maxxansiisuun kan danda'amu, yoo isin Nugusni dhaalaa (aalgaa waraash) Tafarii Mokonnin hayyama kennitan qofa akka ta'e dhageenye. Kanaaf adaraa keessan akka maxxanfamuuf naaf hayyamaa. Ijoolleen Oromoo hidda sanyii abbootaa isaanii akka beekaniif hayyama nuuf kennaa" jedha ture.

Mootiin Itiyoophiyaa yeroo sanaa Haayilesillaaseen xalayyaa kanaaf yoo deebii kennu, akka maxxanfamuu hin dandeenyeefi yaalii akka kanaallee lammata akka hin yaalamne akeekkachiise. Hafte-maariyaam Ilmi Kumsaa Morodaa garuu gad hin jenne. Ammas tooftaa kan biraa ittiin kitaaba kana maxxansu soquu eegale. Dhumarras faranjii mishinerii wangeela lallabuuf dhufee naannoo Naqamtee keessa ture tokko argate. Karaa macaafa kana maxxansuun danda'amu irrattis itti mari'ate. Garuu kitaabnichi qubee Giizii waan ta'eef, maxxansuuf rakkisaa ta'uutu itti himame.

Dajjaash Haftemaariyaam Kumaas ammas gad hin teenye. Mootummaan biyyattii seenaa Oromoo hukkaamsuu isaatiif gubatee, fala ittiin Oromoo biliisa baasu qopheessuu eegale. 

Hafte-maariyaam Kumsaa nama barnoota ammayyaa qabu ture. Isa qofas osoo hin taane, ilmi Jootee Tulluu Mardaasaa Jootee jedhamus barnoota ammayyaa ni qaba. Isa kanaaf jecha, Jimma, Iluufi Wallaggarraa namoonni 36 walitti dhufanii waa'ee biliisummaa Oromoo irratti marii eegalan.

Dhumarras yaada walabummaa jedhu irratti waliif galan. "BIYYA OROMOO HUNDEESSUU" pirojektii jedhu wixineessan. Namoota ijaaru, akkamittiin akka biyyi ijaaramuu danda'uufi waraana qopheessuurratti qorannoo eegalan. Utuu kanaan jiranii Xaalayinaaniin biyya weerarte. Mootiin Itiyoophiyaa Haayile Sillaaseenis baqatee biyyaa ba'e. 

Yoo kana weerara xaaliyaanii kana akka carraatti ilaalan. Dafanii walitti dhufuunis, wixinee biyya hundeessuu saffisan. Wixinee guddaa qopheessuunis, mardaasaa Jootee gara Qoonsilaa Biritish Goree buufatanii jiraniitti ergan. Mardaasaa Jootee Tulluu afaan Ingiliffaa nama beeku waan ta'eef rakkoo malee qoonsiloota Biriitish waliin waliif galaa ture.

Wixinee Biyya Oromoo hundeessuu jedhus gara Goree deemuudhaan ibsame. Wixinee kana keessattis deggarsa meeshaa waranaafi siyaasaa akka godhamuuf gaafatan. Akka wixinee kanaattis Oromoon Iluu, Jimmaa, Wallaggaafi Shawaa Lixaa mootummaa Oromoo walii galaa hundeeffamu kana jalatti argamu. Buufatni isanaiis Gooree ta'a. Wixinee kanarratti namoota, qoroowwan, ijoollee mootii 36-tu mallatteesse. 

Sochiin kun eegalmee utuu baayyee hin turin, Xaaliyaan biyya gad dhiistee baate. Yeroo ba'aan garuu biyya gad dhiisan haa jedhamu malee waan hedduutu bade. Wixineen Biyya hundeessuuf dhihaate dabalatee, kitaabni seenaa Oromoo ofirraa qabu kan jalqabaa Kumsaa Morodaatiin barreeffame "Hidda Sanyii oromoo" jedhus xaaliyaanota kanaan fudhatame.

Yeroo ammaa kana Macaafni seenaan latiinsaafi hdda Oromoo irratti barreeffame, kan jalqabaa sun, Biyya Roomaa Akkaadaamii #Di_Lenche jedhamu keessatti argama. 

mootittii saba'a Queen of sheba

"Mootittii Saba'a""Queen sheba" ----------------------------------------------------------------- ★Miky Sultan Bar...