Translate

Saturday, July 17, 2021

Obbo Disis Dabalee/ Qe,ee Finfinnee

“Finfinnee keessaa gamoo hin qabnu; garuu gamoo sana jalaa lafee abboota keenyaa qabna” Raayyaa Abbaa Maccaa (FIB irratti)
Haasaa Raayyaa Abbaa Maccaa kanarraan waa yaadadhe: Maatii Abbaa Malkaa Hora Finfinnee!
Akkas:
Obbo Deessis Dabalee jedhamu; Deessis…Dabalee…Ayyuu…Galatee…Sarrawaa…Lumee…Bookkisaa…Ejersoo…Ellaamuu…Jaarsoo….jedhaniitu Mana Gullalleetti galchu. Amma (waggaa 1 dura) naannawa Finfinnee, Golboo/Saaris/ jiraatu. Lafti maatii isaanii irraa dhaalan guutumatti  fudhatameera. Mana Abbaan isaanii ijaaran dargiitu irraa fudhatee ‘Mana Gandaa’ taasise. Obbo Deessis Seenaa isaanii himachuu baay’ee hin fedhan; ‘dubbachuun bu’aa hin qabu’ jedhu. Sababni isaa ‘waan nurraa fudhatamee fi waan nu jalaa bade (aadaa, Safuu, Afaan, Qabeenya, Lafa…) eenyutu nuuf deebisa? Eechaa dhufas?’ jedhu. Maatiin keenya osoo gubatanuu nurraa dhuman, nutis sanuma’ jedhu abdii kutannaadhaan. ‘Waa’een Oromoo Finfinnee irraa buqqa’anii Miidiyaan ni dubbatama garuu maal gatii qaba? … osoo nu mariisisanii, warra gargar faca’e iyyafatanii walitti fidanii gaarii ture…jechuudhaan komatu. 
Akka isaan himanitti Irreechi Hora Finfinnee Abaabilee isaanii (Sarrawwaa Luume) irratti dhorkamee hafe. Sarrawwaa Lumee ayyaantudha. Keelloon gubaa/Masqalaa qe’ee isaanitti gubamaa ture jedhu. 
‘…Minilik Sarrawwaatti michee haadha manaa isaatiif jaala ta’ee ani obboleessa keeti jechuun haadha manaa Sarrawaatti himatee, lafa akka kennaniif taasisee booda Sarrawwaa ajjeechisiise jedhu.
Sarrawwaan duunan ilmi isaanii Galateen qe’ee dhaalee osoo bulchuu Zawudituun lafa abbaa isaanii Waantaa 11 keessaa 10 irraa fudhattee Waantaa tokko qofa dhiisaniif. Obbo Galateen hedduu erga falmanii booda aaranii gara warra Haadha isaanii Awaash Leemanitti galan. Galateen Awaashitti duunan abbaa biyyaati jedhanii Finfinnee fiduun bataskaana Carqoositti awwaalan jedhu. Jiraan jibbamneet duunan jaalatamne’ jedhu.
‘…Galateen duunan ilmi isaanii Ayyuu Galatee lafa abbaa isaa falmuu jalqabe. Ayyuun ilmaan 7 hore. Isaanis: Dasii, Diinagdee, Shibbiruu, Dabalee, Fayyisaa, Cifiraa, fi Ituu jedhamu.
Maatiin kun erga naannawa masaraa mootummaatii dhiibamanii booda lafti isaan irra qubatan Bulbula ykn ganda  Qoreetii  hanga  karra Qaallutti (Qaallittii)  isaantu qabatee ture. Diinagdeen Ayyaantuu waan tureef iddoo bataskaana Yoosef Jedhamu kanaa Galma Ayyaantuu qaba ture. Abbaan lafa ilmaaf kennanii, ilmi galma irratti ijaarrate kana mana amantaaf barbaanna jennaan, hin kennu  jedhee Ayyuu Galatee namoota 3 waliin Ejeree (Aaddis Alam)tti baatii 3 hidhan. Namoonni kunis:-
1. Duulaa Arra’ee       2. Guddaa Duulaa         3. Itichaa Duulaa jedhamu
Ayyuun osoo lafaaf falmuu itti hammaannan Awwaash Leemmanitti galee achumatti du’ee, Adaadii Maaramiitti awwaalame. Ilmi isaanii Dabaleen itti darbee osoo falmuu dhumarratti lafti bataskaanaf ta’aa manni qaalluu hin barbaachisu jechuun Daj-azmaach Takistaa Wadaajoo isa ajjeechisiise.
Fayyisaa Ayyuu lafa irraa fudhatame waantaa kurnan (10nan) naaf deebisaa jedhee Hayilasillasedhaan waggaa 27 falmee ijibbaate. Abukaatoon isaanii Hayilamaariyam Gammadaa (Bu’ureessaa W. Maccaa-Tuulamaa) ture’ jedhu. Fayyisaan miseensa Waldaa Maccaaf Tuulamaa ture.
‘…Ilmaan isaanii keessaa Cifiraa Ayyuu roorroon itti hammaannan Boorana Yaaballoo gale jedhan. Achitti galuu  isaa malee ilmaan isaatin osoo wal hin beekin hafne.  Isaan kuun Arsii naannawa Itayyaa jiran, isaanin garuu wal agarree jirra.Warra Baale galaniin wal hin agarre … Akka callee cittee gargar facaanee’ jedhu.
Lafa isaanii lammii biyya Faransaay SAARIS jedhamu garaajidhaafin barbaada jennaan hanga tahe irraa kutanii itti kireessan. Kanaan naannoon sun maqaa SAARIS kanaan hafe jedhan. Dabaleenis dhumarra qabeenya isaanii Dargiin waan dhaalef aarin du’ee Bataskaana Yoosefitti awwaalame.
Yeroo ammaa kana Ilma isaanii Obbo Deessis Dabalee fi durbiisaa  Aaddee Zannabuu Fayyisaa Ayyuutu lubbuun jira. 
(Af-deebii Barruulee Ayyaana Irreechaa bara 2019tiif hojjanne keessaa fudhatame) Taliila Bulbulaa
https://t.me/joinchat/LgIhsjFudb4yYTI0

mootittii saba'a Queen of sheba

"Mootittii Saba'a""Queen sheba" ----------------------------------------------------------------- ★Miky Sultan Bar...