Kitaaba "Abbaa-Hagaa/Abbaa-Oormaa.
Barressaan: Makiin( miky)Sultan Seid Wallo.
Aadaaf seenaa oromoota walloo.
Gosoonni Oromoo hedduun jaarraa hedduuf lafa abbaa isaanii kan ta’e kaaba Itoophiyaa har’aa( kaaba Oromiyaa) jiraachaa jiran hedduu dha.
Isaan keessaa Waloo(Walloo), Yajjuu, Raayyaa, Jiillee, Arxummaa, Qorii Fursee fi Dhummuugaan, kan eeramuu danda’anii dha.
Gosoonni Oromoo kunneen Wiirtuu Amantaafi Siyaas-Dinagdee bakka tokkootti qaban qabu. Akkaataadhuma jiruu ittiin jirataniifi qubannaa isaaniinis Gooree isaanitti wiirtuu amantaa fi siyaasaa mataa isaanii kan qabanis jiru.
Wiirtuun Amantaafi Siyaasaa isaanii inni beekamaan bakka tokkotti qaban tokko Odaa Garaadooti.
Gosoota Oromoo kanneen jalaa Sababaa sirnoota cuunqursitootaatiin Aadaa fi Afaan isaanii kaan isaanii jalaa baaay’ee dadhabeera.
Haa ta’uu, malee gosonnii Oromoo baay’een kan Walloo kibbaa jiraatan dhiibba sirnoota nafxanyootaan isaanirra gahaa ture hundaa damdamachuun Aadaa fi Afaan abbaa isaanii kan Oromoo har’a illee itti fayyadamaa jiran hedduu dha.
Walloo dabalatee gosoonni Oromoo kaaba Oromiyaa (Itoophiyaa har’aa) jiraatan akkuma gosoota Oromoo kaanii Jaarraa hedduuf sirna Gadaan of bulchaa turan. Yeroon booda garuu akkuma dhiibbaan kallaattii hedduun itti cimaa dhufeen sirni kun waan jalaa dadhabaa dhufeef Odaa Garaadootti wal-gahaanii Seera Abbaa Ormaa kan jedhamu tumatani jedhu manguddoon Oromoo kan seenaa ummatichaa beekan kanaan irraa odeeffadhe.
(HUB:-Ragaaleen tokko tokkoo garuu seerri abba ormaa seera oromoon osoo gadaa hin tolfatiin dura ittiin bula turedha jedhu.)
1.Seerri Abbaa Ormaa kun seera Oromoo jechuu dha..
Seerrii kun maqaa isaa irraa kan hafe baay’een isaa seeruma sirna Gadaa keessa jiru dha, akka manguddoonnii Jiillee Kaaba Oromiyaa jiraatan tokko natti himanitti.
Wallootti Seerri Abba Ormaa akkuma sirna Gadaa caasaawwaan bulchiisaa hedduu of jalaa qaba.
Warra Seera tuman, warra seera hojiirra oolchan, caasaa nageenya uummataa eegu fa’aa qaba.
HOJJA DHEERESSA
Caasaan Seera Abbaa Ormaa gaggeessan ykn kan hojiirra akka ooluuf hojjetan Hojja Dheeressa jedhamu.
Gareen kun namoota umuriidhaan raagan ykn manguddoota. Hojja Dheeressi kun Qaama olaanaa dhimma hawaasaa irratti murtee kennudha. Hojja dheeressaan Gumii olaanaa ykn immoo Caffee jechuunii dandeenya.
2.SEERA ABAGAARUMMAA
Abbagaar sirna Aadaa orromooti walloo Abbaa alangaa ta,ee furmaataa rakkoo huundaa ittiin furaniidha.
Abbagaar jechuun seera Aadaa oromota walloo rakkoo ittiin furmaata kennan kan sirna isaa ittiin raawwattan maqaa namoota sirna Aangoo sanii ittiin waamamaniidha.
Abbagaarri iddoo jiraniti ummaticha keessati rakkoolee addaa addaa uumaman kan ittin furanifi kan ittiin araaramsan mandhee warra Aangoo saniif kennameedha.
mandheen sun Rakkoolee xixiqqoo irraa kaasee hanga rakkoo gurguddoo hanga namootii ajjeechaa raawwatani rakkoolee jiran sadarkaadhan furmaata kennuu Aangoo qabani. Angoo kana dhiiroolee qofattu ittiin hirmaata.
Aangoo Abbagaarummaa karaalee lamaan Argamu.
Kan jalqabaa sanyii irraa kan dhaalamu yeroo ta,u ka lammaffaa immoo ummataan filamuudhaan kan argamuudha.
Abbagaarummaan sanyiidhan argamu abbaa irraa kara ilma dhiiraatti dhaalchisamaa kan dhufuudha.Abbagaar ilma dhiiraa hin qabne intala isaatii dhaalchisuu hin dandayu.garuu immoo filannoo abbagaarichaatin ilma obboleessa isaatif ykn ilma obboleetti isaatif abbagaarumma dhaalchisuu nii dandaya.ilmi abbagaar filatu sun abbagaarummaf umriin isaa gahuu barbaachisa.kaadhimamaan abbagaar sun hanga abbagaarummaf gahu nama jabaa akka tahuuf abbagaar haqiif furmaata sirrii akka kennu godhuuf umrii bara 30 fi sanii ol tahuun dirqama.
Abbagaar lammafaan immoo kan filannoo ummataatin Aangoo argatuudha.naannoo isaa keessatti,jaalatamaa,dhaggeefatamaa,fudhatamaa,kabajamaa kan ummatan walii galu tahun ummanni filannoon Aangoo abbagaar kennuufidha.
Abbagaar ummanni filate sun Aangoo Aantummaan kennameef san yoo seeraan itti fayyadamuu dhabaate ummatuma saniin Aangoo irraa buusuufi kan iddoo abbagaa biraa buusuu ummatuma saniini.
Akka Abbagaar isa sanyiin Aangoo abbagaarummaa qabuu san ilma ofiitii dabarsuu hin dandayu.
Abbagaar Abbootii nageenyaati. Namoota wal ajjeesan walitti araarsu, dhiiga gogsu walitti tolchu. Irra caalaan ummati walloo osoo Amantiin adda isa hin qoodin Abbagaarummaan rakkoo furu.
Abbagaaroonni/ maanguddoonni/ namoota jalaa du,eef namoota jalaa ajjeesan san walitti fidu. Nageenya abbagaar dhamsa araara hin fudhadhu kan jedhu hin jiru. Yoo jiraateyu ummata san irraa adda baya. Seerri Araara abbaaar ummata huunda biratti bayyee kabajama.
No comments:
Post a Comment