Translate

Saturday, July 2, 2022

#Afran Qalloof Ona Ituu

Mootummaan Turkii kan loltoota Misraa kumaatamaan hirrirse erga biyyoo Adaree too'atee Gadaa tokko gayuus, abdii Ona Oromoo Afran Qalloo fi Ona Ituu of jalatti cabsuuf qabu akka laaftuutti kutachuu hin dandeenye. Ingliizoonnis mootummaan Turkii biyya Misraa keessattis, biyya Oromoo keessattis akka injifatamu halkaniif guyyaa carraaqaa turan. Haala Ingiliizootaa kanaan Carraa hidhannoo hammayyaa argachuuf saaqamte akka laayyootti dabarsuun oromoo bareentummaa biratti waan tahu hin taane. Kanaaf bara 1882 keessa Loltoonni Caffee Gadaa Ituu shira ingliizoonni harka lafa jalaatiin Minilikiif haala mijeessaa jiraachuu isaanii osoo hin hubatiin, ingiliiz cinaan hiriiruun warra Ingliizootaa irraa qawwee muraasa hidhachuun, mootummaan Ra'uuf Paashaa akka baha biyyattii irraa gara Ona Ituutti as hin tarkaanfanne ittisuuf lolaa turan. Taateen tun Oromoon yeroo jalqabaatiif humna mootummaa alaa irraa meeshaa waraanaa muraasa yeroo itti argachuu dandeesse ture jadhu hayyoonni seenaa tokko tokkoo. 

Haa tahuu malee Bara 1883 hogu Minilik Ona Ituu kallattii lamaan weeyraruuf sochii godhutti seenu, ingliizootaa wajjiin hariiroo turte addaan kutanii weyrartoota Nafxenyaa dura dhaabbachuuf hiriiran. ingilizoonni Minilik wajjiin jiraachuu isaanii kan argan loltoonni Ituu #Jiiysaa jachuun beekaman, hidhannoo hamma xiqqoo inglizootarraa argatan  (ingiliizoonni irraa hiikachuu barbaadanis osoo tole hin ja'iin) malees, Mootii Affaar kan ture Sulxaan Mahammad Hanfarree wajjiin hariiroo qaban haaroomsuun biyya Awsaa keessaan Zeeyilarraa meeshaa waraanaa muraasa galfachuu dandayyanii ture. 

Loltoonni Caffee Gadaa Ituu haala kanaan eefa ofjaaran booda, waraana minilik kan Fitawurari Cherinnetti Daggifeetiin durfamu afaan bahuun Hawaashitti dura dhaabbatanii waggaa sadii caalaa falmaniini jiru. Waraani Ituu yeroo kana kan ajjajamuun Abbaa Duulaa yeroo sanii kan ture Ittisaa Roobaa tiin ture. Waraana Minilik kan deeggarsa hidhannoo waraana hammayyaa Biyyoota Awuroophaatirraa argateen ifwallaalee amman Ituu cabsee, magaalaa guddiitii goonfa Afriikaa yeroo sanii tan turte Adaree Biyyoo harkatti qabadha jachuun guluufaa ture ilmaan Murawwiichaa qabrii Hawaash godhaniifi jilba cabsan. Alaattiin gammoojjii hawaashiis gaafas soora garaa guutate. Irra Hedduun loltoota Ituu meeshaa waraana ingliizootaa hidhatanii duulan sun bara 1883-1886ti Lola Fantaallee hanga Bordooddee, akkasumas Hancaarii hanga gaara Arba Guugguu jidduuti gaggeefamaa ture keessatti kan wareegaman tahuu seenaan ni dubbati. 

Haa tahu malee warreegamuu Ittisaa Roobaa boodaan Abbaa Duulummaa loltoota Ituu kan bakka bu'ee lolchiissaa ture gootichi Mucee Ahmad Mucee capha Ituu boodas Fincila kan itti fufee ture yoo tahu, walakkeessa bara 1887ti haramfama Ciroo keessatti qabamee, bordooddeetti moormaa gad awwaalamee, "gad ja'ii wayiin sitti himaa" ja'ee Walda Gabreel Abbaa Seeyxaan sobuun, waan moormaa gad awwaalamee jiruuf, xiyyiitiin maayii tan qabu ilkaan isaa fayyadamuun gurra walda gabreel jalatti irraa qurxee warreegame. Haa tahu malee reeyfa Mucee gosti isaa Elleelle fudhatee awwaalcha isaa Aanaa Ciroo, Arraddaa madhiichoo ganda Mucee jechuun beekamutti akka raawwatame afseeneefama. 

Gaafa san booda barri Oromoon qawwee itti argatte bara 1936 gaafa xaaliyaan biyya seene san ture. Haa tahuu malee, gaafa Ingiliz xaaliyaan cabsee Haayila silaassee biyyatti deebisu, ilmaan Oromoo warri xaaliyaan irraa qawwee hidhatee ture kun dursee osoo waraanni Hayila silaassee Ona Ituu hin seenin dura irra caalaa lafa Carcar dhuunfachuu dandayyanii ture. Fincilli oromoota Ituu kun erga Haayilasilaaseen biyya bulchuutti seenullee kan akka laafutti too'atamu hin taane. Mootummaa Haayilasilaasee kan lafa carcar loltootaa fi dajjaazmaachoota isaa kaneen bara shanan san keessatti isaaf amanamoo turan sassaabee akka badhaasaatti (MAADARIYAAtti) lafa raabsuu ture, akkasumas Goojjaamirraa qubattoota fidee bal'inaan carcar qubsiisuuf sochoo'aa ture fi Oromoota Carcar kan gocha mootummaa kana mormaa turan jidduutti finciilaa (lolaa) waggaa 8 caalaa ture yoo tahu, bara 1941 - 1949 ti mootummaan Haayileee Finciltoota Oromoo Carcar kana goonkuma injifachuu hanqatee ture.  Moormii Oromoota Ituu (Capha Minilikiin booda, Finciila diddaa gabrummaa Oromootaa keessaa kan Jalqabaa kan ture) kan waggaa dheeraa kanaaf too'achuu dadhabee ture kana, maqaa #Girriigirrii_Mahammad_Jiloo jechuun nama yeroo san finciila kana qindeessaa turen mooggaassuun yaama ture. 

Dhumarratti-Mootunmaan Haayilee bulchitootaa fi abbootii lafaa iddoo biraatii fidee oromoota Carcarirratti muuduun humnaan too'achuuf yaaluus, kunnis hanga barbaadame osoo milkaa'uu hin dandayyin hafe. Haala kanaan finciila kana too'achuun akka salphaatti kan hin dandayyamne tahuu waan hubateef, mootummaan karaa tooftaa nagayyaatiin finciila kana qabaneessuu filate. Sababa kanaatiif hoogganoonni Fincila kanaa Muhammad Jiloo fi hiriyoonni isaa torban karaa nagayyaatiin harka kannatanis, warri akka #Umar_Abdullaa, #Sheikh_Umar, #Huulloo_Wadaay, #Biiftuu_Abdurqee, #Boruu_Soodduu fi kkf faan hamma sochii ijoollee Baalee sanitti Qabsoo osoo hin laafisiin  itti fufuudhaan, finciilicha gara baddaa Baaleetti tarkaanfachiissuu dandayyanii jiru. Ammas Baaleerraa ofduuba deebi'uun dhuma Bara 1973ti Ona Ituu keessa Xirrootti Warraaqsi bilisummaa Oromoo bifa hammayyaatiin dhoohee, Qabsoon sunnis dhalootarraa dhalootatti daddabraa, hanga guyyaa arraatti lubuun turuu dandeesse jirti. Dhugumatti Galata guddaatu warra kanaaf Mala. 

Horaa Bulaa
Ituu Oromoo Post Madda Beekumsaa fi Oddeefannoo, Daawwiitii Isa Kaleessa Keenyaa ti. 
-

mootittii saba'a Queen of sheba

"Mootittii Saba'a""Queen sheba" ----------------------------------------------------------------- ★Miky Sultan Bar...