Translate

Thursday, February 8, 2024

#Afran #Qalloo #Barento ~

#Afran #Qalloof #Walloo #Rayyicha- #ቀሎ #ባሬንቶ 
****************★***********************
★Miki Sultan Wallo Barento★
Gosa oromoo keessaa Afran Qalloo hortee ilmaan Shanan Bareentummaa keessaa isa tokkoofi, Ilmaan Qalloo Baareentuuti.
Qalloo Bareentoo  ilmaan afur dhalche. Isaaniis:-
1. Ala
2. Daga 
3. Baabbilee 
4. Oborraadha. Ilmaan 4N Qalloo kanaan yeroo iddoo takkatti yaaman Afran Qalloo jedhamaniii yaamamu.

Akkuma kana gosti afran qalloo obboleeyyan isaa ituuf, Aniyyaa,kaarrayyuu ,xummuggaa,waliin kara kaabaatti waloomaan walloofi  raayyaatti horee  lafa qabatee walloof raayyaa tokkummaa waloo ijaaree lafa  walloo irratti ilmaan  horee jira.

Fkn:-Walloo Shanan jiillee hanga lafa raayyaatti gosti 4n qalloo heedduutu jira. Ammas Ilmi 4N Qalloodhaa Ala Jiille, Arxummaa hanga  Lafa raayyaa  ka'umsi isaa Alaa hanga laga eebootti walooma ilmaan ituuf,kaarrayyuu,Anniyyaaf xummuggaa obboleewwan isaa waliin 4n  qallootis lafa abbaa isaa keessa jiraachaa jira. 
Lafti Raayyaa Jalqabni isaa Alaa jedhama xumurri lafa Raayyaa Eeboo jedhama. 
Ummanni Raayyaa ammallee yeroo dhaadatu "Ana ilma Alaa" jedhe dhaadata ka naannoo alaatin jiru ka naannoo Eeebotin jirus Akkasuma Ana ilma eeboo jechuun tapha isaanii irratti geeraru.
Sirba geerara gumaayyee irratti  yeroo Wal Faarsan  Durbee Warra Alaa gurbaa bareedaa Warra Eeboo jechaa waliin taphatu.
Oromoon Alaa, hortee  damee Bareentumaa ilmaan Afran Qalloo Keessaa tokkoo yoo tahan, damee Afran Qalloo keessaa hedduminnaan sadarkaa durarratti warra argamuu dha.
Oromoon raayyaa lafa Eeboon gama  hin baane gama tigreetu jira jedhan maanguddoon.

Jahan_ ilmaan Jarsoo.

Ilmaan dagaa sadeen keessaa tokko Jaarsoo dagaati. Jaarsoo ilmaan Jaha qaba. Isaaniisa:-
1.Walaabu  Jaarsoo
2.Dhanka Jaarsoo
3.Dawwaroon  Jaarsoo
4Oromo Jaarsoo
5Sayyo  Jaarsoo
6 Ooga  Jaarsoo 
#Ilmaan jahan Jaarsoo dagaa akkuma oromoota  biroo lafa irratti qubatanii fi ona abbaa isaanii dagaa Qalloo irraa teessumni Qubannaa ilmaan Jaarsoo dagaa abbeera isaanii Noolee Dagaatti aansuun Naannoo Aanaa Jaarsoo fi Diida Waaled aanaa Cinaaksan Aanaa Tulluu Guuled fi Aanaa Gursum dabalatee heedduminnaa kan irratti qubatanii argaman yoo tahu akkasuma ilmi 4qalloo Daga ilmi isaa  Jaarsoo Walloo lafa Warra iluu Laga gooraaf laga hidhaa boorana hanga magaalaa roobiteetti gosa jiraachaa jiruudha.
Gosoota gurguddoo Walloo Arxummaa fursee:-
1. Noole
2. Jaalle
3. Galasha ykn galalcha
4. Maarutayyaa.
5. Habbaadhoo--
Walloo Aanaa laga hidhaa seenaa magaalaaf Aanaa laga hidhaa yeroo barreesseetti jaarraa 15ffa keessatti namoonni lama Yimar habsootiifi Dibil habsoo harargee irraa dhufuun magaalaa laga hidhaa kana huundeessan jedhee ragaa kaaye. Gosti isaanii illee warra jaarsoo akka tahan ibsa.Ammas gosti heedduun warra iluu laga gooraa hanga laga waayyuutti jiru gosa isaanii yeroo lakkaayan Jaarsoo galfatu. 

Shanan Jiillee
Waloo ilmaan gurmii shananiiti.
Shanan Kun Ilmaan Kaarrayyuu,Ituu,Anniyyaa,4NQalloo, Dhummuggaati.
Oromoon shanan  jiillee damee Shanitti adda qoodamu.
 Shanan kunniin  huundi isaanii damee heeddu of jalaa qabu. 
 
Fkn, Warri Abboo  damee 6 qaba.
Jahan Abboo jedhamanii yaamamu. isaan  jahan kunis deebi'anii gosa fi balbala hanga warratti baayyee qabu.
Jahan Abboo. Abbo ilmaan jaha qaba:- 
1.Hayyaruu, 
2.Kuuyyaruu 
3.Warra dheekkaa, 
4. Diinsaa
 5.Guyya’e
 6Aanna baabbo. Jedhamu
Gosa arfan fi meettaa jedhamu
Warri kaarrayyuu  ilmaan 3 qaba. sadan kuniis gosa hedduu of jalaa qaba. 
Warra Qaalluu  damee 4 qaba. 
Liibaniis akkasuma damee 4 qaba. Bala'an  damee 3 qaba. 
Shanan jiillee dhummuggaa  jechuun isaan armaan gadii kana jechuudham
Warra  Abboo
Warra Kaarrayyuu
Warra Qaalluu
  Liiban
   Bala'a
Shanan kanatu Shanan jiillee jedhamee yaamamu.
Ammas gosuma 4n qalloo keessaa teessuma isaa lafa diida caffaa kan godhate gosa baabbile jedhamuttu jira.
Gosti biroo kan goodina kana keessatti jiraatu.Dhummuggaa yoo ta'u manni isaanille mana Waayyuu,Guta,Liiban,jedhaman.

Gosti Walloo Arxummaa Fursee ilma Alaa (Qoriifi Fursee)Gosa Gutayya,Buukoo,Galaalcha,Heennaa,
Abbaadho,boodhaa,maaratooyyya,imaroo fi siibaa, Daabbaas,dhiinqaa fi  Noolee,Jaalle jedhaman heedduu of keessaa qaba.

Warra jahan daga jaarsoo:-
Tokkoon tokkoon isaanii ibidda ni qabu kuniis
1.Oromo ilmaan 6 qaba. 
          1 warra xiyyoo 
         2 warra Alii 
         3.Haamidoo 
         4.Halakhu
         5.warra warxuu
         6.ayyagee
2ffaa #Dawwaroon ilmaan 3 dhale isaaniis 
            1.Botor 
            2.Warra Heeban (Walloo)
            3.Warra Boroo
3ffaan Walaabu ilmaan 3 dhale isaaniis
             1. Umar 
             2. Usmaan 
             3. Baallad yoo tahan.
4ffaan #Dhanka ilmaan 7 dhale isaaniis 
             1.warra nya'aa 
             2.warra Mahammad 
             3.warra Yaayyaa Igguu
              4.Warra yaayyaa Guyyoo
              5.Arreeylee 
              6.warra akaakoo 
              7.karrayyuu
5ffaan #Sayyoo ilmaan 3 dhale isaaniis 
             1.Oromo 
             2.Buuko 
             3.Abbayyi 
6. warra Oogaa ilmaan 3 dhale isaaniis 
             1.Warra Nuunnuu  
             2.Haagaloo 
             3.Abbayyi arraaf horteewwan damee  dha.

Jechuun of yaamatee lafa kaabaaf kibba dhiha oromiyyaatti horee jiraachaa jiruudha

mootittii saba'a Queen of sheba

"Mootittii Saba'a""Queen sheba" ----------------------------------------------------------------- ★Miky Sultan Bar...