Translate

Monday, May 10, 2021

#HORA FINFINNEE

​​IRREECHA HORA FINFINNEE 

"Hora Finfinneerraa kaasee hanga Aqaaqi gahutti lafa horaati. Lafa horaa waan ta'ef ni ulfeessu. Oromoon irratti irreeffata" jedhu qorataan seenaa fi aadaa Obbo Alamaayyoo Haayilee.
Hora jahaan Oromoo Tuulamaa keessaa Horri Finfinnee hora isa hangafaati.
Abbaan malkaa hora kanaa gosa Gullallee akka ta'e kan himan Obbo Alamaayyoon iddoon horaa kun gosoota Tuulamaa adda addaan kan marfame ta'uu himu.
"Abbaan malkaa yookin kan daggala lafa kanaa saaqee aara kan aarse Gullallee dha. Naannoonsaa immoo Galaan, Gumbichu fi Eekkaadhaan marfame" jedhan.
Kan iddoo hora kanatti irreeffachaa turanis gosoota Oromoo kunneen ta'uu nutti himan. Yeroo keessa Oromoon iddichaa buqqa'uu erga eegalee fi qe'ee isaatii erga fagaatee booda aadaasaas gatee diinagdeensaas irraa fudhatame jedhan.
"Hanguma magaalummaan Finfinnee dabalaa dhufe Afaan Oromoo baadiyyaatti dhiibame, aadaansaas baadiyyaatti dhiibame" jechuun himu qorataan aadaaf seenaa Obbo Alamaayyoo Haayilee.
Hora Hangafaa…
"Horri hangaftittiin Horri Finfinnee ardaa warri qaalluu irratti irreeffatu ture" jedhu Obbo Alamaayyoon.
Itti aansunis horawwan akka Harsadii, Kiloolee, Baabboggaayyaa fi Warxoo akkasumas tulluuwwan irratti irreeffatamaa turuu nutti himan. Lafti hora Finfinnee inni qara itti irreeffatamu yeroo ammaa hoomtuu irratti osoo hin ijaaramin jira. Iddoon kun lafa bishaan hoo'aa lafa keessaa itti burqu yemmuu ta'u lafa caffaa dha.
Teessumni lafichaa gama bahaatin hoteela Finfinnee fi masara preezidaantii biyyattiin gama Lixaatin immoo waajjira mana amantaa adveentistin akkasumas gama kibbaatin hoteela Giyoonin daangeffamee akka jiru Obbo Alamaayyoon himu.
Horri Finfinnee iddoowwan Daalattii, Dabbasoo, Hulluuqqoo Kormaa fi kunneen birootin marfamti. Daalattiin iddoo mootin Minilik masara isaanii itti ijaarratan yemmuu ta'u araddaa warra Duulaa Ara'eeti. Maatin kun asii buqqa'ee kun gara Saaris kuun immoo gara Ejeree fi Hoolataatti akka qubatan taasifamu qorataan seenaa fi aadaa Obbo Alamaayyoo himu. Dabbasoon iddoo giddugalli aadaa Oromoo irratti ijaarrame yemmuu ta'u araddaa warra Masqaloo Guyyaateti. Hulluuqqoon Kormaa immoo iddoo yeroo ammaa addabaabayii Masqalaa jedhamuun beekkamu dha.
Oromoo aadaasaatu sarbame…
 Lafasaarraa buqqaa'uun uummata Oromoo uummaticha kallattii garaagaraan akka miidhe kan dubbatan Obbo Alamaayyoon dhiibbaan xiinsammuu addaan cituun Irreecha Hora Finfinnee fides olaanaa ta'u himu.
"Uummatichi gama diinagdeen lafa isaarraa buqa'ee loon horsiifachuu dadhabe. Lafa isaa qotee omishatee jiraachuu dadhabe. Ummanni heddus ni dhume" jedhu.
"Kana malees uummatni Oromoo afaansaa akka hin dubbanne taasifame. Mirgis aadaan isaas ni sarbame" jechuun dubbatan.
"Afaan dhabuun, diinagdee dhabuun waa hunda dhabuu jechuu dha. Akka namaatti jiraachuu hin dandeenye namaa gadi jiraatte" jechuun seenaa hadhaawaa yaadatu Obbo Alamaayyoon.
Wabii walin jireenyaa…
Aadaa Oromoo keessatti Irreechi walin jireenya, jaalala fi galateeffachuu ta'uu himu Obbo Alamaayyoon.
Haaluma kanaan "kabajamuun Irreecha Hora Finfinnee waliin jireenya uummata magaala Finfinneef wabii guddaadha" jedhan.
Kana malees hawwataalee tuurizimii magaalattii keessaa tokko ta'uunis faayidaa argamsiisuu akka danda'u himu.
Irreechi kun uummatni Oromoo aadaasaa miidhamee ture waltajjii addunyaatti baasuf carraa isa tokko ta'uu isaas himan.
@Odaatiktok
@Oromo_graphya1
Seenaa Oromoo
https://t.me/Oromo_graphya1
👇👇👇👇👇👇👇👇

No comments:

Post a Comment

mootittii saba'a Queen of sheba

"Mootittii Saba'a""Queen sheba" ----------------------------------------------------------------- ★Miky Sultan Bar...