Translate

Sunday, March 20, 2022

#ituu_Qaalluu_sagal

"#ITUUN_SAGALI_QAALLUUTI_KUDHAN" Jechuun Yoom Dhufte? Maaliif Ja'aame?. Haaroomsa Gadaa Ituu kan jalqabaatiin dura Gosti Oromoo Ituu Qaalluu Keesssaa nama Qaallichummaa qabu malee kan biraa akkumma gosa Ituu tan birooti Abbaa Bokkuummaa Caffee Gadaa Ituutiif ni falamu ture. Haaroomsi Sirna Gadaa Ituu Finna Sirna Caffee Gadaa Ituu jechuun beekama. Haaroomsi Gadaa Oromoo jaarraa 10ffaa keessa akka gaggeefame hayyoonni ni seeneessu. Yeroo sanitti Caffeen Oromoo takka qofa turte. ishiinis Odaa Nabee ti. Sababa Ilmaan Oromoo Adda faffagaachaa qubachaa dhufaniin, Haaroomsa Gadaa Oromoo kanarratti murtiin dabarfamtee, Odaan Shanan Oromoo jidfugala Caffee Gadaa tahun tajaajila kennuu jalqaban. Bareentuma keessaa yeroo sanitti kan goodaanee carcar gahe Murawwaa dha. Hundeefamni Sirna Caffee Gadaa Ituutis haaroomsa gadaa Oromootiin booda, Jaarraa 10ffaa keessa ture jechuun ni dandayyama. Haaroomsi gadaa Ituu (Finna) jaarraa sadiin booda jaarraa 13ffaa keessa gaggeefame(Kan sirni Caffee Gadaa Ituu itti jalqabame hin jannee qalbiifadhaa, Sun kana dura). Seenaa Caffee Gadaa Ituu tan jaarraa 10nii oliif jirtu keessatti, Finni Gadaa Ituu marraa Sadii gaggeefame. kun dhalootaan lakkaa'amee Manguddoodhaan taa'ee jira. Finni Caffee Gadaa Ituu kan jalqabaa sababa waldiddaa ilmaan Warree fi Kura Galaaniin gaggeefamuu jalqabe. Ituun Sirna gadaa isaatiin Carcaritti walbulchuu jalqabee dhaloota 5nii booda Finni Gadaa isaanii kun raawwatame. Dhaloota tokkoo jechuun waggaa 80 jechuudha akka manguddoon tiyya jattuti(Maxxarrii - Gadaa Moojii). Duuba Barri Finnaa kun jaarraa 13ffaa (1200-1300) keessatti akkeekama akkan manguddoorraa oddeefadhee, heerreegga isaa hojjadhetti. Finna Gadaa Ituu kan jalqabaa kana keessatti ture murtiin gurguddoon caffee Gadaa Ituu tan odaa bultum maadheeffateen laatamte, akka Odaan Bultuum hanga ammaa kabajaa fi maqaa guddaa saba Oromoo keessatti qabaate itti fufu tan goote. Murtii laataman keessaa takka gosa Qaalluu duraan jilbuu Kuraa Keessatti yaamamtu Kura, Galaanii fi Warree keessaayyis walaba akka taate ofdandeessee dhaabbattu tahe. Sababni kun murtaaheefis osoo amba ifjidduu hin galchiin waldhabdee hortee Ituu Warree fi Kuraa Galaan jidduutti uumamte walabbummaan akka ilaalan, murtii badii raawwatamte madaaltu Qaallichi, Hayyoonni fi Manguddoonni gosa Qaalluu keessas walitti bahaanii akka ilmaan warree irratti kennamtu tahe. Murtii Qaallichi, Hayyoonni fi manguddoonni gosa Qaalluu Ituu tahan kun dabarsan kamuu gosti Ituu hundi akka fudhattu fi hojjiira oolchan kakhatanii, irbuu waliif seenan. Isaaniis Darrabaati hassaasanii, yaa'ii Ituun hundi Odaa jala teessarratti murtii laatan. Murtiin Kennamte ta akkami?. Yeroo kana boode gosa Qaalluu Ituu keessaa Abbaa bokkuu filamuun hafte. gosti Qaalluu Ituu achumaan gosa akkaataa waaqni Oromoo fadhurratti ummata haqaan tajaajiltu akka taatu, siyaasaa gaggeesuurraa bilisa taatee, muuda qofaa fi dhimma waaqaan walqabatu tan gaggeessitu akka taatu tahe. San booda Heerri Oromoo Ituu Saddeeti Saddeetiitti Heerame. Waggaa Saddeettiti Akkaataan Sirni Bokkuu Gadaa Ituu wal Harkaa fuudhuudhaa bifaa fi qabiyyee amma mul'atuun akka kabajamuu kan akkeekkame ja'u Hayyoonni. Jechamni ITUUN SAGALII QAALLUU WAJJIIN KUDHAN ja'uu kunnis gosti Qaalluu Ituu man boobbaa (Jilbuu) Warree, Kuraa fi Galaan jalaa baatee murtii ilmaan warreerratti kennitu akka taatu Finna Gadaa Ituu kan jalqabaa kana keessatti waan mul'ateef, san booda "Ituun Sagalii Qaalluu wajjiin kudhani" jechamni ja'u (man boobbaa jalaa bahuu ishii baada) jalqabame. Finna Gadaa Ituu kan jalqabaatiin dura Gosa Qaalluu Ituu keessaa Abbaan bokkuu fi abbaan duulaatis kan filamaa ture tahu manguddoonni tiyya mirriiggaan mirkaneessan. Akkana jechuun, dheeraadha keessaa muraasa;- " ...Tuqoo wayyuu innaayyee Lammii siree iyyaaguu Guuta innoo guyyoo Lammii Abbaa bokkuu Hayyisa Abbaa dulaa Bita'oo jiloo huloo Qaalluu beerii hidhabu Lammii dooyyoo daarimuu..." Askeessatti, Qaalluu Beerrii Hidhabuu, Lammii Dooyyoo Daarimuu... kan ja'uu jira. Dooyyoo Daarimuu Abbaa Gadaa Caffee Gadaa Ituu kan qosa Qaalluu Ituu keessaa tahe tahuu manguddoonni Ituu ni seeneessu. Dooyyoo Daarimuu jaarraa 13ffaa keessa bara 1225-1232 Abbaa Gadaa Caffee Gadaa Ituu tahuu Seeneessitoonni hammayyaa baayyeen kitaaba isaanii hedduu keessatti barreessanii jiru. Qosti Qaalluu Ituu Qaallicha Abbaa Muuda Ituu tahu wallabummaadhaan kophatti taa'aanii if keessaa muudu. gosa Biraa keessaa Abbaa muudaa tahuun san duras hin turre, san boodas Qaalluu Ituu keessaa malee hin taane. Qaalluun Ituu Muuda gandaa fi gosa Sadeen bareentummaa keessatti gaggeefamu kamuu, isaantu sirna muudaa fi eebbaatiis raawwata. Sababni Qaalluun Ituu Ona Ituutiin malee Afran Qalloo keessa, Humbannaa keesee hanga Wallootti Ona Ilmaan Bareentummaa bakka hedduu qubatanii argamaniif keessaa tokko muudaa fi eebbaaf bakka hedduutti dur muudamanii hojjachaa waan turaniifi jechuun ni dandayyama. Sirni Muudaa gaggeefamu kan Abbaa Gadaa itti muudan qofa hin sahinaa, guyyaa daa'iimni Bareentummaa dhalate, umrii Maxxarriirraa kaasee hanga gadaa moojiitti marsaa gadaa hunda keessa hogu dabran hunda sirni Qaalluun gaggeefamu hedduu tu jira. sirna kaneen hunda ganda saddeen bareentumaa hunda keessatti kan gaggeessuu warra Qaalluu Ituu ti. Bakka Gosti Qaalluu Ituu hin gahinitti, Noolee Keessaa ibiddi tokko bakka bu'ee sirna muudaa gaggesssuu mala Afran Qalloo keessatti. Kana Malees, Qaalluun Ituu Amantaa islaamaa warri saddeen bareentumaa keessaa jalqaba fudhataniis isaanuma keessaayi waan tahaniif, Islaamummaa Barachuu, barsiissuu fi babal'issuuf jecha bakka hedduu qubachuu dandayyanii jiru. Murtiin Heeraa Finna Gadaa Ituu kan jalqabaa kana keessatti kennamte tan biraa, murtii Ilmi Ituu Tokkoo mirga amantaa fadhe qabaachuu ti. Murtii tanaan dura kan amantaa waaqqeefatarraa jijiirate oromummaan isaa irraa mulqamee maqaa warra amantii isa jijjiirsiiseetiin yaamamu ture. Murtii tana keessatti mirga amantaa biraa hordoofuutu labsame waan tahef, ilmi Ituu Eenyummaan Oromummaa isaa osoo hin tuqamiin, amantaa biraa qabaachuu dandayya jechuun heeramte. warra amantaa biraa qabanis ilma gosa ituu godhanii mooggaassuun jalqabamte, kan akka Aw Sa'iid faa. Haa tahuu malee Kaneen Akka Obbo Lukkuu [(Biyyoo Galamsootti, (Qabrii Lukkuu)], Nama dhalootaan Ituu tahe kan jalqaba Amantii islaamaa jaarraa 15ffaa keessa qeebale)] faa yoo taate malee, Irra guddaan Oromoo Ituu Hanga dhuma jaarraa 19ffaa osoo islaamummaa hin fudhatiin hafan. Roorroo Minilik Oromoota Ituu walloo keessa jiranii fi Oromoo walloo, akkasummattis gaafa hararghee too'atu irrattti gaggeessuu jalqabe san akka waan Minilik moormuutti danuun nama Ituu Islaamummaati seene. Murtii fi Heerroonni Finna Gadaa Ituu kan jalqabaa kana keessatti dabran Keessaa tokko murtii ajjaa'ibsiisaa fi seena qabeessa tan taatee fi siyaasa addunyaa hammayyaa amma jiru kana dura tarkaanfattuu tahuu Caffee tanaa mul'iissu dha. Kunnis ilmaan Warree irratti murtii laatamte. Murtiin laatamte tan akkami?. ilmaan Warree san booda yoo akkam tahan?. amma yoo eessa jiran?. Finni Gadaa Ituu kan Lammaffaa fi Saddaffaa yoo jaarraa kam gaggeefame?. Murtii akkam faatu isaan keessatti yoo laatame?. Kitaaba Kiyya kan gaafa Harki Naguute Maxxansuuf taa'uu keessaa kaniin isinitti raabseerraayi. Hanganaahuu qorqooda dhabuu fi icciitii qabachuu dadhabuu kiyyaafiin isinitti jabaa ja'e. Kitaabni kun yoomuma maxxanfama naan hin ja'iinaa. Akka tokkootu akka tokko tahee!!. Ituu Oromoo Post

Wednesday, March 9, 2022

የወሎ: የጎንደር ቅማንት (ካምኣት ) የጎጃም አገው ኦሮሞ ህዝብ ታሪክ

የወሎ: የጎንደር ቅማንት (ካምኣት ) የጎጃም አገው ኦሮሞ ህዝብ ታሪክ ~~~~~~~~~~~~~√√√√~~~~~~~~~~~~~ ወሎ የከረዩ አንጋፋ ልጅ ነው : ከረዩ ደግሞ የበሬንቱ የበኩር ልጅ ነው። ወሎ፣ ከሚሴ ፣ ባቲ ፣ ቀርሳ፣ሰንበቴ፣ ደዌ፣ ጃርሳ፣ ኡርጌሳ፣ ወረ ቃሉ፣ ወራ ባቦ፣ ወራ ወረሴህ፣ ወረባያ፣ ወረምኛ፣ ቦረና፣ጭቀታ፣ግምባ፣ለገ አምቦ፣ ጭሮ፣ ቱሉ አውልያ፣ኮምቦልቻ፣ ገርባ፣ ወራ ዋዩ፣ ወራ ገርፋ፣ ወራ ኢሉ፣ ወራ ቆቦ፣ ወራ ራያ፣ ወራ የጁ፣ ወራ ቃሉ፣ጉጉፍቱ፣ሱሉለ፣ ጉባ ላፍቶ፣ጨርጨር፣ወልደያ፣ ሮቢቴ ። በወሎ ስር ሰባት ጎሳዎች አሉ። ወረ ኢሎ፣ ወረ ሂመኖ፣ ወረ ቃሉ፣ ወረ ኖሌ አሊ፣ ለገ ጎራ፣ ለገ ሂዳ እና ወረ ኩዩ ይባላሉ። ጎንደር የኦሮሞ ጎሣ የቦጂያ ብሔረሰብ ግዛት ነበር፡፡አበሲኒያ ቦጂያን ሥም ወደ “ቤጃ” ለዉጣ ጎንዳርን የቤጃ ምድር አለች፡፡ ቀጥላ ቤጃን ምድርን “በጌምድር” አለች፡፡በመጨረሻ በጌምድር ማለቱን ትታ ጎንደር አለች፡፡ጎንደር በቅማንትኛ ጓንግዳር ( በሁለት ወንዞች መካከል አንገረብና ቃሃ) የሚል ትርጉም ሲኖረው በአፋን ኦሮሞ “ከጉንዶ” የመጣ ሥም መሆኑን ታሪክ ይናገራል፡፡ጉንዶ የኦሮሞ ቃል ሲሆን ትርጉሙ ሰፌድ ማለት ነዉ፡፡ በጎንደር በዘር ተለይቶ ለዘመናት ማንነቱን መሰረት ተደርጎ እየተጮቆነ የሚኖረዉ የኩሽ ዘር የሚባለዉ ቅማንት (ካምኣት )የኦሮሞ ጎሣ ነዉ፡፡አበሲኒያ ካምአትን ወደ “ቅማንት” ለዉጣ አሮሞ መሆኑ እንዳይታወቅ አደረገች፡፡ካም አት ማለት “አንተ የትኛዉ ነህ” ማለት ነዉ፡፡ጎንዳር የኦሮሞ ሀገር እንደ ነበር የሚያረጋግጡ እስከ ዛሬ ድረስ በኦሮሞ ቃል የሚጠሩ በርካታ ስፍራዎች ይገኛሉ፡፡ የቅማንት ህገልቦና እምነትና የሸንጎ ወንበር ስርዓት ከኦሮሞ ዋቄፈና እና የገዳ ስርዓት የአንድ ሳንቲም ሁለት ገጽታ ያላቸው ሃይማኖታዊ :ማህበራዊና ፓለቲካዊ አንድ እሴቶች ናቸው ። አገው ኦሮሞ እንጅ አገው አማራ የሚባል በታሪክ የለም አገው ኩሽ ብቻ ሳይሆን ከኦሮሞ ጎሳዎች አንዱ ነው። አገው የሚለው ቃሉ ሃ-ገኡ (Haa ga’u) ከሚል የafaan Oromoo ቃል የተወረሰ ሲሆን ትርጉሙም ይብቃ ማለት ነው። አገው ስሙን ያገኘውም የአገው-ኦሮሞ ማሕበረሰብ ከሌሎች የኦሮሞ ማሕበረሰብ ትንሽ ነጠል ብሎ በመኖሩ ምክንያት ከሌሎች ብሔሮች በተለይም ድንበር ከሚጋራቸው ሌሎች ብሔሮች ጋር ይደርስበት የነበረው የመዋጥ (assimilate) አደጋዎች እንዲበቃ ትግል ሲጀምር የመዋጥ አደጋ ይብቃ (Haa ga’u) ብሎ በመነሳቱ ተቀናቃኞቹ Haa ga’u ዎች ተነሱ ሲሉ በዚያው ከዘመናት ቆይታ የማሕበረሰቡ ስም አገው ሆኖ ቀረ። በጎጃምና ጎንደር በኦሮምኛ ቃል የሚጠሩ አያሌ ቀበሌዎችና ቦታዎች መካከል እኔ የማውቃቸውን ጥቂቶችን እንመልከት:- √ማጫ √ዲማ √ሰቃላ √ቆራቲ √ጃዊ √ቡሬ √ቄሮ √ጂጋ √ባሶ √ጋሌ √ሊባን √ሜታ √ዳሞቴ √ሙጣ/ሞጣ √ቡሬ ዝጉርጉር √ኢለማን ዲንሳ የሚባሉት ስያሜዎች ይገኛሉ። በጎንደር የቅማንት አካባቢዎች በአፋን ኦሮሞ ትርጉም ያላቸው የአካባቢ መጠሪያዎች - ማጫ -እንተላ -አይራ -ብልኮ -ጋላገር -አምቦ በር -ከበጁ -ፎገራ -ደምቢያ -ሮቢት -ወለቃ -ሳቤራ -ሌንጫ -ጉባይ -ደለጉ -መቃ -ኮኪት -ጋባ እናም በጣም በርካታ ስሞች አሉ በደንብ የማላስታውሳቸው ። ባላምባራስ ነጋሽ Negash Qemant

mootittii saba'a Queen of sheba

"Mootittii Saba'a""Queen sheba" ----------------------------------------------------------------- ★Miky Sultan Bar...