Translate

Thursday, June 23, 2022

#Abbaa-hagaa/Abbaa-dhiiraa

 Kitaaba "Abbaa-Hagaa/Abbaa-Oormaa.
Barressaan: Makiin( miky)Sultan Seid Wallo.

Aadaaf seenaa oromoota walloo.
Gosoonni Oromoo hedduun jaarraa hedduuf lafa abbaa isaanii kan ta’e kaaba Itoophiyaa har’aa( kaaba Oromiyaa)  jiraachaa  jiran hedduu dha.
Isaan keessaa Waloo(Walloo), Yajjuu, Raayyaa, Jiillee, Arxummaa,  Qorii Fursee  fi Dhummuugaan, kan eeramuu danda’anii dha.
Gosoonni Oromoo kunneen Wiirtuu  Amantaafi Siyaas-Dinagdee bakka tokkootti qaban qabu. Akkaataadhuma jiruu ittiin jirataniifi qubannaa isaaniinis Gooree isaanitti wiirtuu amantaa fi siyaasaa mataa isaanii kan qabanis jiru.  
Wiirtuun Amantaafi Siyaasaa isaanii inni   beekamaan bakka tokkotti qaban tokko  Odaa Garaadooti. 
Gosoota Oromoo kanneen jalaa Sababaa sirnoota cuunqursitootaatiin  Aadaa fi Afaan   isaanii kaan isaanii jalaa  baaay’ee   dadhabeera.
Haa ta’uu,   malee  gosonnii Oromoo  baay’een  kan Walloo  kibbaa  jiraatan  dhiibba sirnoota nafxanyootaan  isaanirra gahaa ture hundaa  damdamachuun   Aadaa  fi  Afaan  abbaa isaanii kan Oromoo  har’a illee itti fayyadamaa jiran hedduu dha.  
Walloo  dabalatee gosoonni Oromoo kaaba Oromiyaa (Itoophiyaa har’aa) jiraatan akkuma gosoota Oromoo kaanii  Jaarraa   hedduuf  sirna Gadaan of bulchaa  turan. Yeroon   booda garuu  akkuma dhiibbaan  kallaattii  hedduun itti cimaa dhufeen sirni  kun waan  jalaa   dadhabaa dhufeef  Odaa Garaadootti wal-gahaanii Seera Abbaa Ormaa kan jedhamu  tumatani jedhu manguddoon Oromoo kan seenaa ummatichaa  beekan kanaan irraa odeeffadhe.
(HUB:-Ragaaleen tokko tokkoo garuu seerri abba ormaa seera oromoon osoo gadaa hin tolfatiin dura ittiin bula turedha jedhu.)
1.Seerri Abbaa Ormaa kun  seera Oromoo jechuu dha..
Seerrii  kun   maqaa   isaa  irraa  kan  hafe  baay’een  isaa  seeruma  sirna  Gadaa  keessa jiru dha, akka   manguddoonnii Jiillee  Kaaba Oromiyaa jiraatan tokko natti himanitti.
Wallootti Seerri  Abba Ormaa akkuma sirna Gadaa caasaawwaan  bulchiisaa  hedduu  of  jalaa qaba.

Warra  Seera tuman, warra seera hojiirra oolchan,  caasaa  nageenya   uummataa eegu fa’aa  qaba.
HOJJA DHEERESSA
Caasaan  Seera  Abbaa Ormaa gaggeessan   ykn  kan   hojiirra  akka ooluuf hojjetan   Hojja Dheeressa  jedhamu. 
Gareen  kun  namoota  umuriidhaan raagan ykn manguddoota. Hojja Dheeressi kun   Qaama olaanaa  dhimma  hawaasaa  irratti   murtee kennudha. Hojja dheeressaan Gumii olaanaa ykn immoo Caffee jechuunii dandeenya.

2.SEERA ABAGAARUMMAA
Abbagaar sirna Aadaa orromooti walloo Abbaa alangaa ta,ee furmaataa rakkoo huundaa  ittiin furaniidha.
Abbagaar jechuun seera Aadaa oromota walloo rakkoo ittiin furmaata kennan kan sirna isaa ittiin raawwattan maqaa namoota sirna Aangoo sanii ittiin waamamaniidha.
Abbagaarri iddoo jiraniti ummaticha keessati rakkoolee addaa addaa uumaman kan ittin furanifi kan ittiin araaramsan mandhee warra Aangoo saniif kennameedha.
mandheen sun Rakkoolee xixiqqoo irraa kaasee hanga rakkoo gurguddoo hanga namootii ajjeechaa raawwatani  rakkoolee jiran sadarkaadhan furmaata kennuu Aangoo qabani. Angoo kana dhiiroolee qofattu ittiin hirmaata.
Aangoo Abbagaarummaa karaalee lamaan Argamu.
Kan jalqabaa sanyii irraa kan dhaalamu yeroo ta,u ka lammaffaa immoo ummataan filamuudhaan kan argamuudha.
Abbagaarummaan sanyiidhan argamu abbaa irraa  kara ilma dhiiraatti dhaalchisamaa kan  dhufuudha.Abbagaar ilma dhiiraa hin qabne intala isaatii dhaalchisuu hin dandayu.garuu immoo filannoo abbagaarichaatin ilma obboleessa isaatif ykn ilma obboleetti isaatif abbagaarumma dhaalchisuu nii dandaya.ilmi abbagaar filatu sun abbagaarummaf umriin isaa gahuu barbaachisa.kaadhimamaan abbagaar sun hanga abbagaarummaf gahu nama jabaa akka tahuuf abbagaar haqiif furmaata sirrii akka kennu godhuuf umrii bara 30 fi sanii ol tahuun dirqama.
Abbagaar lammafaan immoo kan filannoo ummataatin Aangoo argatuudha.naannoo isaa keessatti,jaalatamaa,dhaggeefatamaa,fudhatamaa,kabajamaa kan ummatan walii galu tahun ummanni filannoon Aangoo abbagaar kennuufidha.
Abbagaar ummanni filate sun Aangoo Aantummaan kennameef san yoo seeraan itti fayyadamuu dhabaate ummatuma saniin Aangoo irraa buusuufi kan iddoo abbagaa biraa buusuu ummatuma saniini.
Akka Abbagaar isa sanyiin Aangoo abbagaarummaa qabuu san ilma ofiitii dabarsuu hin dandayu.
Abbagaar Abbootii nageenyaati. Namoota wal ajjeesan walitti araarsu, dhiiga gogsu walitti tolchu. Irra caalaan ummati walloo osoo Amantiin adda isa hin qoodin Abbagaarummaan rakkoo furu.
Abbagaaroonni/ maanguddoonni/ namoota jalaa du,eef namoota jalaa ajjeesan san walitti fidu. Nageenya abbagaar dhamsa araara hin fudhadhu kan jedhu hin jiru. Yoo jiraateyu ummata san irraa adda baya. Seerri Araara abbaaar ummata huunda biratti bayyee kabajama.
hundaafuu Abbagaar goojjoo jiguuf kaatee,mana jaarsaaf jaartiin jalaa jige dhaaba.

#mootii#kumsaa#moradaa

Mootii Kumsaa Morodaa

Kitaaba Seenaa Oromoo jalqabaa Kumsaa Morodaatiin barreeffame.

Bara kudha sagal soddomoota keessa xalayaan baallee tokkoorratti barreeffamtee Naqamteerraa ergamuun Finfinnee qaqqabde. Xalayaa kana kan barreesse ilma Mootii Kumsaa Morodaa kan ta'e Dajjaaash Hafte-maariyaa Kumsaa ture. Kan barreeffameef ammoo Mootii biyyattii yeroo sanaa Haayile Sillaaseetiif.

Xalayyichi Afaan Amaariffaatiin kan barreeffame yoo ta'u, qabiyyeen isaas akkas jedha:

"Seenaa Abaabiloota keenyaa maanguddoota bubbulan irraa qorachuudhaan Abbaankoo Gabiraigzaaber (Kumsaa Morodaa) barreessuu eegalee ture. Haa tahu malee utuu hin xumurin lubbuun darbe. Ani ilmi isaa ammoo Maanguddoota Oromoo naannoo keenyaa qofa utuu hin taane, maanguddoota Oromoo naannoo kan biraa qoradhee, seenaa hidda sanyii Oromoo ballisee barreessuun, waan abbaankoo jalqabe xumureen jira. Kana kan goonuuf ammoo ijoolleen keenya sichi dhalatan waa'ee hidda isaanii sirriitti akka beekaniif jenneetu. Macaafa kana maxxansiisuun kan danda'amu, yoo isin Nugusni dhaalaa (aalgaa waraash) Tafarii Mokonnin hayyama kennitan qofa akka ta'e dhageenye. Kanaaf adaraa keessan akka maxxanfamuuf naaf hayyamaa. Ijoolleen Oromoo hidda sanyii abbootaa isaanii akka beekaniif hayyama nuuf kennaa" jedha ture.

Mootiin Itiyoophiyaa yeroo sanaa Haayilesillaaseen xalayyaa kanaaf yoo deebii kennu, akka maxxanfamuu hin dandeenyeefi yaalii akka kanaallee lammata akka hin yaalamne akeekkachiise. Hafte-maariyaam Ilmi Kumsaa Morodaa garuu gad hin jenne. Ammas tooftaa kan biraa ittiin kitaaba kana maxxansu soquu eegale. Dhumarras faranjii mishinerii wangeela lallabuuf dhufee naannoo Naqamtee keessa ture tokko argate. Karaa macaafa kana maxxansuun danda'amu irrattis itti mari'ate. Garuu kitaabnichi qubee Giizii waan ta'eef, maxxansuuf rakkisaa ta'uutu itti himame.

Dajjaash Haftemaariyaam Kumaas ammas gad hin teenye. Mootummaan biyyattii seenaa Oromoo hukkaamsuu isaatiif gubatee, fala ittiin Oromoo biliisa baasu qopheessuu eegale. 

Hafte-maariyaam Kumsaa nama barnoota ammayyaa qabu ture. Isa qofas osoo hin taane, ilmi Jootee Tulluu Mardaasaa Jootee jedhamus barnoota ammayyaa ni qaba. Isa kanaaf jecha, Jimma, Iluufi Wallaggarraa namoonni 36 walitti dhufanii waa'ee biliisummaa Oromoo irratti marii eegalan.

Dhumarras yaada walabummaa jedhu irratti waliif galan. "BIYYA OROMOO HUNDEESSUU" pirojektii jedhu wixineessan. Namoota ijaaru, akkamittiin akka biyyi ijaaramuu danda'uufi waraana qopheessuurratti qorannoo eegalan. Utuu kanaan jiranii Xaalayinaaniin biyya weerarte. Mootiin Itiyoophiyaa Haayile Sillaaseenis baqatee biyyaa ba'e. 

Yoo kana weerara xaaliyaanii kana akka carraatti ilaalan. Dafanii walitti dhufuunis, wixinee biyya hundeessuu saffisan. Wixinee guddaa qopheessuunis, mardaasaa Jootee gara Qoonsilaa Biritish Goree buufatanii jiraniitti ergan. Mardaasaa Jootee Tulluu afaan Ingiliffaa nama beeku waan ta'eef rakkoo malee qoonsiloota Biriitish waliin waliif galaa ture.

Wixinee Biyya Oromoo hundeessuu jedhus gara Goree deemuudhaan ibsame. Wixinee kana keessattis deggarsa meeshaa waranaafi siyaasaa akka godhamuuf gaafatan. Akka wixinee kanaattis Oromoon Iluu, Jimmaa, Wallaggaafi Shawaa Lixaa mootummaa Oromoo walii galaa hundeeffamu kana jalatti argamu. Buufatni isanaiis Gooree ta'a. Wixinee kanarratti namoota, qoroowwan, ijoollee mootii 36-tu mallatteesse. 

Sochiin kun eegalmee utuu baayyee hin turin, Xaaliyaan biyya gad dhiistee baate. Yeroo ba'aan garuu biyya gad dhiisan haa jedhamu malee waan hedduutu bade. Wixineen Biyya hundeessuuf dhihaate dabalatee, kitaabni seenaa Oromoo ofirraa qabu kan jalqabaa Kumsaa Morodaatiin barreeffame "Hidda Sanyii oromoo" jedhus xaaliyaanota kanaan fudhatame.

Yeroo ammaa kana Macaafni seenaan latiinsaafi hdda Oromoo irratti barreeffame, kan jalqabaa sun, Biyya Roomaa Akkaadaamii #Di_Lenche jedhamu keessatti argama. 

mootittii saba'a Queen of sheba

"Mootittii Saba'a""Queen sheba" ----------------------------------------------------------------- ★Miky Sultan Bar...