#Kuullee #Koo
===========
Akkuma beekamu Walloon damee oromoo baarentummaa yoo ta’u gosa oromoo karrayyuu keessaa isa tokko.Latiinsi hiddasaa akka kitaaba piroofeesar Alamaayyoo Hayilee (seenaa oromoo hanga jaarraa 16ffaa) keessatti caqasametti, Karrayyuun hangafa baarentummaa yoo ta’u iddoo gurguddaa lamatti qoodama.Innis Baasoo fi Dullacha jedhama.Damee Dullachaa keessaa Liibanii fi Walloon karrrayyuurraa kan citan yoo ta’u, kan hafan maquma dullachaan Afaaritti makamanii jiru.Liiban gara kaaba Gondaritti kan hafe yoo ta’u, walloo immoo naannawa wallootti faca’ee maqaa naannootti of moggaasuun kan jiruudha jechaa itti fufa kitaabichi.
Haceen wallee isaa kanaan oromiyaa taa’ee, kutaa qaama isaa iraa addaan citetti yaadaan nu geessa. Tuulamaa fi walloo deebisee walitti hidha.Lafa malee garaan akka addaan nama hin fageessine walaloo bareedaa ta’een addeessa. Baale Madda Walaabuu ka’ee, shawaan qaar’iee walloo nu qubachiisa.
Osoo jennuu walaloo sirba kanaa yaada burqisiisuun irra jireessa isaa kan katabe dardara hog-barruu cimaa lafaa dhufaa jiru Lalisaa Indiris Adam dha.Dhihoo kana barruu qorannoo masters isaa hojiiwwan Haacaaluu irratti hojjatee qabxii gaariin defend godheera. Haceen amma dura walloo irratti sirba tokko dalaguu fedhii waan qabuuf sinnishaawu waliin wanta hafe itti dabaluun haala ajaa’ibaan dagaagsanii hojjataniiru.kanaanis waan seenaaf ta’u ol kaa’aniiru jechuu dandeenya.
Qabiyyee walalichaatti yoo dabarru,haceen yaaddoo bareedduu wallootiin cinqamee hirriba dhabuusaa,ati hoo akkuma kiyya na yaadaarta moo jechuun fala dhabuu isaa ibsuun jalqaba.
Yaadaa fi yaaddoo keetiin
Halkan ciisaa dhabe
Waanuma kee yaadutti
Maaf hirriba dhaba
Kee garaan akkamii
Kankoo ammas dide
Kunoo natti gama
Maal naaf wayya kuullee koo
Egaa maalinni falli koo (x2)
Itti aansee Jaarraa hedduu of duuba deebi’uun hundee oromoo isa ganamaa nu yadachiisa.Bakka tumaa seeraaf heeraa, iddoo seena qabeessa-Madda walaabuu. Abbootiin kee seera gadaa fi muudaaf walaabuutti deddeebi’aa turuu himaaf.Akkuma maccaa fi tuulamni “uumeen walaabuu baate” jedhu atis asii maddite jedhee sababa isiirraa cituu isa dhoorke itti aansa:
Yayyaba walaabuu maddite
Yaa taliila bishaan ganamaa
Lixee daakee ba’uu dadhabe
Danbalii yaada keen raafama (x2).
Biyya kanatti wanta namoota hedduu walii galchu tokko bareedina durba wallooti. Kitaabotaa fi walleewwan danuun kana raga bahaniiru. Haceenis kana dhugoomsuu irraa hin deebine:
Ayyaana keef safuu
Simboo kankeef safuu
Meeqa jilbaan oofee
Chorus (cabsata)
Ammas itti dabaluun maddi jaalala keetii bifa qofa osoo hin taane jaalala hidda gadi fageeffate,tasumaa na keessa dhabamuu hin dandeenyeedha jechuun mala gaafachuu itti fufa:
Oogdii jaalala kee
Lixee inni tumame
Utuu hin ba’in hafee
(Chorus)
Kana booda haceen jaalala isii qofa osoo hin taane namoota seenaa walloo keessatti beekaman keessattuu mootota maqaa dhaha.Taateewwan seenaa gurguddaa ta’anis achumaan nu hubachiisa:
Fakkii Amadee liiban
Tokkicha abbaa waaxoo
Walirraa nu dhiiban
Foon tokko naaf atoo
Gowwumaan Aliimaa
Karaa foddaa haa baatu
Otuu an siif jiruu ormaaf
Soddaa hin taatu
Heebanoof Maqdallaan
Korabiidhaan Sadii
An si fudheen gala
Kot’ na wajjiin badi (x2)
Amadee Liiban ykn maqaa farda isaatiin “Abbaa Waaxoo” Maqdalaa bulchaa kan tureedha.Aliimaa isheen jedhamte maqaa dhalootaa guutuudhaan Aliimaa Liiban yoo taatu boodarra 'Iteegee Manan' jedhamuun waamamti.As biratti seenaa Kaasaa (tewoodroos) kaasuun gowwummaa Aliimaa(Iteegee Manan) isa jedhame nuu ifoomsa. Bara mootummaa sirna Yajjuu naannoo Qu’aaraa bulchaa kan ture eessuma kaasaa kan ta'e Maaruu ture.Maaruun bara 1828 yoo du’u ilmi isaa kinfuun bakka bu’e.Tewoodiroos mana kinfuu keessatti guddate.Yeroo an du'e Kaasaan na dhaala jedhee waan sodaatuuf gidduu isaanii hariiroo gaariin hin turre.Kinfuun bara 1840tti yoo du’u bulchinsi Dambiyaa fi Quwaaraa isaaf osoo hin taane harmee Raas Alii(haadha warraa mootii yohaannis) Iteegeee Manan-Aliimaa Liibaniif kenname. Teewodiroos aangoo dhaalmayaa kana waan dhabeef shiftoomee bosona gale.Boodarra,Iteegee Manan isa to’achuuf jecha humnaan qabdee gara bulchiinsa quwaaraatti fiddee aangoo Dajjaazmachummaan alatti intala Raas Alii Tawaabach itti heerumsiifte.Tewoodiroos garuu yeroo lammataaf bosonatti deebi’uun waraana Iteegee Manan waliin godheen bara 1855 aangoo mootummaa gondaar qabate.Inni hafe immoo seenaadha(the rest is history) akka jedhamu san.Gowwummaan Aliimaa-Iteegee Manan wareegama hanga lubbuu isii baasise.Isa kana haceen foddaan haa baatu jedhe.Lammata akka hin deebine ergaa jedhu qaba.
Sarara itti aanu irratti kan ibsame yoo ilaallu Heebanoo irratti moototi akka Liiban Amadee hogganaa kan turan yoo ta’u gareen sadeen biraas mootummaa xixiqqaa hundeessuun isaanii ni yaadatama.Isaanis:Amadee Liiban (Abbaa Waaxoo), Alii liiban (Abbaa Bulloo) Warqituu fi Amadee Bashiir Liiban turan. Haaluma kanaan Amadee Liiban-Maqdalaa,Giiftii Mastaawat karaa ilmaa ishee Amadee Bashiiriin “korab” kan bulchite yoo ta’u, Giiftiin Warra Heebanoo Warqituun immoo karaa Ilma ishee Amadee Aliitiin Ambaassal bulchaa akka turte Piroofesar Alamaayyoon dabalanii gabaasaniiru.Haceenis isa kana ibsuu barbaade natti fakkaata.
Gadi bu’ees seenaa biraa nutti himuu itti fufa.Hayyuun oromoo tokko akka jedhanitti 'jarri habashootaa seenaa isaanii kitaaba irratti galmeessan,oromoon garuu seenaa isaa lafa isaa irratti galmeeffate' inni jedhu dhugaa ta’uu asirraa hubachuu dandeenya.Desseen dasee taatee waamamuu isii dura magariisummaa fi dirree fardeen Maariyyee Doorii (mootii yajjuu 1828-31 bulche) irra gulufan ta’uu yaadaan duubatti nu deebisa.Dalantaas Amadee Kolaasee fa’a bulchaa turuu eeruun kamisee buunee sirba aadaa “sidaamee” waliin taphanna jechuun goolaba. Haceen sirba kanaan nama iddoo sana beekuu qofaaf osoo hin taane kan hin beekne keessattis fakkii sammuu fi hubannaa seenaa guddaa uumuu danda’eera!!
Deesseen Dassee taatee
Magariituu dirree
Dirree itti wal ariitu
Fardeenni Maariyyee
Keessa qaxxaamurree
Dalantaan darbinaa
Kamiseetti buunee
Sidaamee sirbinaa (x3)
Qabii,qabii,qabiikaa
No comments:
Post a Comment