#Gosa #Oromoo #Qaalluu
*************★**********************
★Miky Sultan Wallo★
Oromoon damee gurguddoo Booranaa fi Bareentoo jedhamu qaba.
Oromoon gosa isaa lakkaawwatee Hundee Oromummaa isaa Booranaa fi Bareentootti of galcha. Akkuma san Qaalluunis gosa isaa waamatee oromootti galfata.
Qaalluun sirna gadaa keessatti idddoo qaba,booranatti qaalluun warra muudaati.
Hortee Bareentuma keessatti Qaalluun sadarkaa gosaatti of yaama, ilmaan baarentummaa walloo keessaa, Torban walloo keessaa Qaalluun gosa ilmaan walloo keessaa Isa tokkoodha.
Ammas ilmaanuma baarentummaa keessaa gosti qaalluu sadarkaa qaalluutti kan yaamamu ituu Murawwaa fi kaarrayyuu keessatti. Qaalluun damee laman oromoo booranaaf baareentuu keessatti kabaja guddoo qabu.
Akka gosaatti garuu qaalluu ilmaan baareentummaa keessatti lakkaawamti, fkn, Ituu Kudhan keessaa takka tan taate gosa guddoo "Qaalluu" jedhamuun beekamti. Ilmaan walloo 7 keessatti torban walloo keessaa Qaalluun gosa tokkoodha. Qaalluun gosa oromoo islaamaa kaabaaf kibba dhiha walloof harargee keessatti argamuudha.
Gosti Qaallluu hayyoolee sheekoota gurguddoo gootota gurguddoo oromoof horteedha, Qaalluun kabaja ulfina warra kitaabaati hayyuudha, abbaa eebbaati.
Gosaan Qaalluu taatee Balbala 7 walloof Saddeettan Beerree fi Torban Hidhabuu keessa tokko taata, saniif ati Qaalluu wallootiif Qaalluu Ituu Murawwaati. Qaalluun gosa arabaati jechuun diinummaadha. Oromoon gosa arabaa hin qabu. Ilmaan kuushiti kush ilma Kaam(Ham) Ham ilma Nuuhiti.
Saddeettan beerrre Qaalluu
↓
1.Goodaa
2.baatii/samarii
3.warre ykn jimjim
4.Tokkaay
5.Abburre
6.madar
7.Agaamsa
8. assalamannaa
Torban Hidhabuu(7)
↓
1.Bonayya
2.Saaluu
3.Anduu
4.Leemmoo
5.Caffee
6.Tuullee
7. Jaamii
Afran 4N
↓
Asheetee
Noolaa
Kayyuu
Areeroo jedhamuun yaamamu.
Gosti Qaalluu Walloo keessatti gosa qofa osoon taane Lafa isaa illee maqaa gosa isaatti "Qaalluu" jechuun moggaafatee gosa jiraachaa jiruudha. Qaalluun walloo Aanaa Qaalluu jedhamuu magaalaa guddittii Qaalluu duraa kan taate magaalaa Baatee hanga lafa dawwee,hanga caffaattti gosa diriiree jiraatuudha.
Aanaan warra qaalluu Harbuu jedhamtee waamamti, magaalaan guddoo ishee kombolcha. Qaalluun biyya sheekotaati, biyya Aalimootaati.
Gosti Qaalluu naannoo baatee jiran Samaa, fi Gaadullaa jedhee of yaama. Balbalti kun lafa warra waayyuu hanga garfaa hanga dawweetti qabatee jiraatuudha. Qaalluun gosa ummata isaa barumsa barsiisaa(Qaraasisaa)eebbisaa muudaa jiraateedha.
Gosti balballi ilmaan Qaalluu Ituu walitti 15. Isaan keessaa Birmaduun kudha lama. Birmaduun Irree Heenaa (Madhiichii) immoo sadii. Qaalluun Beerree Hidhabuu kan ja'aaman 15.
Qaalluu Beerree fi hidhabuu ilmaan murawwaa ituuti.
Horaa bulaa~