Translate

Sunday, May 14, 2023

#Qaalluu

#Gosa #Oromoo #Qaalluu
*************★**********************
★Miky Sultan Wallo★
Oromoon damee  gurguddoo Booranaa fi Bareentoo jedhamu qaba.

Oromoon  gosa  isaa  lakkaawwatee Hundee Oromummaa isaa  Booranaa fi Bareentootti of galcha. Akkuma san Qaalluunis gosa isaa waamatee oromootti galfata.

Qaalluun sirna gadaa keessatti idddoo qaba,booranatti qaalluun warra muudaati.
Hortee Bareentuma keessatti Qaalluun  sadarkaa gosaatti of yaama, ilmaan baarentummaa walloo keessaa, Torban walloo  keessaa Qaalluun  gosa ilmaan walloo keessaa  Isa tokkoodha.

Ammas ilmaanuma baarentummaa keessaa gosti qaalluu sadarkaa qaalluutti kan yaamamu ituu Murawwaa fi kaarrayyuu keessatti. Qaalluun damee laman oromoo booranaaf baareentuu  keessatti kabaja guddoo qabu. 
Akka gosaatti garuu qaalluu ilmaan baareentummaa keessatti lakkaawamti, fkn,  Ituu Kudhan keessaa takka tan taate gosa guddoo "Qaalluu" jedhamuun beekamti. Ilmaan walloo 7 keessatti torban walloo keessaa Qaalluun gosa tokkoodha. Qaalluun  gosa oromoo islaamaa kaabaaf kibba dhiha walloof harargee keessatti argamuudha. 

Gosti Qaallluu hayyoolee sheekoota gurguddoo gootota gurguddoo oromoof horteedha, Qaalluun kabaja ulfina warra kitaabaati hayyuudha, abbaa eebbaati.

Gosaan Qaalluu taatee  Balbala 7 walloof  Saddeettan Beerree fi Torban Hidhabuu keessa tokko taata,  saniif ati Qaalluu wallootiif Qaalluu  Ituu Murawwaati. Qaalluun gosa arabaati jechuun diinummaadha. Oromoon gosa arabaa hin qabu. Ilmaan kuushiti kush ilma Kaam(Ham) Ham ilma Nuuhiti.

Saddeettan beerrre Qaalluu
1.Goodaa
2.baatii/samarii
3.warre ykn jimjim
4.Tokkaay
5.Abburre
6.madar
7.Agaamsa
8. assalamannaa

Torban Hidhabuu(7)
1.Bonayya
2.Saaluu
3.Anduu
4.Leemmoo
5.Caffee
6.Tuullee
7. Jaamii

Afran 4N
Asheetee
Noolaa
Kayyuu
Areeroo jedhamuun yaamamu.

Gosti Qaalluu Walloo keessatti gosa qofa osoon taane  Lafa isaa illee maqaa gosa isaatti  "Qaalluu" jechuun moggaafatee gosa jiraachaa jiruudha. Qaalluun walloo Aanaa Qaalluu jedhamuu magaalaa guddittii Qaalluu duraa kan taate magaalaa Baatee hanga lafa dawwee,hanga caffaattti  gosa diriiree jiraatuudha.

 Aanaan warra qaalluu Harbuu jedhamtee waamamti, magaalaan guddoo ishee kombolcha. Qaalluun biyya sheekotaati, biyya Aalimootaati.

 Gosti Qaalluu naannoo baatee jiran  Samaa, fi Gaadullaa jedhee of yaama. Balbalti kun lafa warra waayyuu hanga garfaa hanga dawweetti qabatee jiraatuudha. Qaalluun gosa  ummata isaa barumsa barsiisaa(Qaraasisaa)eebbisaa muudaa jiraateedha.

Gosti balballi ilmaan Qaalluu Ituu walitti 15. Isaan keessaa Birmaduun kudha lama. Birmaduun Irree Heenaa (Madhiichii) immoo sadii.  Qaalluun Beerree Hidhabuu kan ja'aaman 15. 
Qaalluu Beerree fi hidhabuu ilmaan murawwaa ituuti.

Horaa bulaa~


No comments:

Post a Comment

mootittii saba'a Queen of sheba

"Mootittii Saba'a""Queen sheba" ----------------------------------------------------------------- ★Miky Sultan Bar...