Translate

Tuesday, August 25, 2026

Maqdallaa

#Maqdallaa — Biyya Oromoo Walloo keessatti gaara/marjaa( mooraa) ittisaa ture. Mootota Warra Himanoo lama — Queen of Wore Himano Mootittii Mastaawaat fi Mootittii Warqituu ★ Miky Sultan Barento ★ Galmee Encyclopaedia Britannica bara 1911 keessatti Maqdallaa “natural stronghold in the country of the Wollo Galla” jechuun ibsameera. Kana jechuun Maqdallaan naannoo Oromoo Walloo keessatti gaara uumamaan jabaa fi bakka ittisaa ta’e ture. Akkasumas, Mootichi Tewodros naannoo bara 1860 irraa eegalee Maqdallaa akka daangaa/marjaa waraanaa isaa isa ijoo godhatee qabachuu fi bulchitoota Walloo, keessumaa Warra Himanoo waliin walitti bu’iinsa waraanaa qabaachuu isaa madda seenaawaa keessatti ibsameera. Dabalataanis, odeeffannoon imala Krapf bara 1842 irraa argamu, Maqdallaan yeroo sana mooticha Imam Liibaan, bulchaa Warra Himanoo, qabiyyee/marjaa waraanaa inni qabu keessaa tokko akka turte agarsiisa. 2. Mootittiin Walloo Mastaawaat Ingilizoota waliin tumsa qabdi turte Kun ragaa cimaa qabu keessaa isa tokko. Qorannoon seenaa OSSREA tokko Mastaawaat yeroo mootummaa Tewodros keessa mootummaa isaa mormaa kan turte, bulchitoota naannoo Walloo keessaa tokko akka turte ibsa. Yeroo duulli Ingilizootaa bara 1868 dhufes, Mastaawaat Ingilizoota deeggaruu fi waliin hojjechuu ishee, akkasumas erga Maqdallaan tewedros ajjeefamee booda ykn maqdallaan qabamtee booda marjaan(mooraa) Maqdallaa isheedhaaf kennamuu isaa ibsa. Ragaan bara 1868 irraa argamu caalaatti kallattiidha. The Bombay Gazette, kan guyyaa 26 May 1868 maxxanfame, Mastaawaat: > “one of the rival queens of the Wollo Gallas”jechuun waama. Kana jechuun “mootittota Oromoo Walloo keessaa warra wal dorgoman keessaa tokko” jechuu dha. Maddi kun humnoonni naannoo Maqdallaa jiran Mastaawaat waliin hariiroo akka qabanis ibsa. 3. Humni Oromoo Walloo karaa Tewodros ittiin baqatu cufuufi irratti dhiibbaa qaba ture. Ragaan bara 1868 barreessame akka ibsutti, Imam Ahmad(Amadee) bashir, ilma Mastaawaat, naannoo Maqdallaa jiran keessa humna abbootii fardaa kuma hedduu irratti ajajaa dhiibbaa fi aangoo guddaa qaba ture. Tewodros Maqdallaa keessaa baqachuuf yeroo yaale, humnoonni Oromoo Walloo naannoo sana keessa jiran karaa inni baqatu cufanii akka ajjeefamu godhanii jiru. > “was owing to the way in which the hills around the fortress were occupied by the Gallas” jechuun ibsa. Hiikni isaa, “gaarran marjaa(mooraa) sana naannoo jiran humnoota Oromoon qabamanii turuu isaanii irraa kan ka’e” kara bahuun dhabee Tewodros gara gaara Maqdallaatti deebi’e jechuu dha. 4. Maqdallaan erga qabamtee tewdros eega ajjefameen booda Mastaawaatif kennamte. Kunis ragaa baay’ee barbaachisaa dha. Qorannoo seenaa tokko akka ibsutti, erga Ingilizootaa fi humnoonni Oromoo Walloo Maqdallaa qabatanii booda, marjaan Maqdallaa fi Mana Kiristaanaa Madhaanee’alaam Mastaawaatif kennaman. Maddi biraas erga Maqdallaan qabamtee booda, magaalaan sun: > “Wollo Galla Queen, Mastawat” jechuun “Mootittii Oromoo Walloo, Mastaawaat” tiif kennamuu isaa ifatti ibsa. 5. “Meeshaaleen waraanaa hundi Mastaawaatif kennaman” jechuun sirrii miti Ragaan jiru akka agarsiisutti, Ingilizoonni meeshaalee waraanaa Maqdallaa irraa booji'an bulchitoota naannoo gara garaa gidduutti qoodanii kennan. Fakkeenyaaf: Dejazmach Meshesha — qawwee 200, Bulchitoota Delanta fi Dawunt — tokkoon tokkoon isaanii qawwee 100,akka argatan galmeeffameera. Kanaaf: ❌ “Meeshaaleen waraanaa hundi Mastaawaatif kennaman” jechuu irra, ✅ “Maqdallaan Mastaawaatif kennamte; meeshaaleen waraanaa Maqdallaa tewedros irraa booji'aman immoo bulchitoota naannoo gara garaatiif qoodamanii kennaman” jechuun ragaa seenaawaa waliin kan walsimu dha. 6. Oromoo Walloo fi Tewodros gidduu mormiin ture Maddi seenaa tokko ifatti: > “The Wollo Galla … still remained in constant rebellion.”jedha. Hiikni isaa: “Oromoon Walloo … yeroo hunda fincila/mormii keessa itti fufe.” Kana irraa, bara mootummaa Tewodros keessatti humnoonni Oromoo Walloo mootummaa Tewodros mormaa turuu isaanii ragaan seenaa ni agarsiisa. Kanaaf, Meqdelaan duraanuu humnoota Oromoo Walloo waliin hariiroo qabdu turte; bulchitoonni Oromoo Walloo Tewodros mormaa turan; Mastaawaat Ingilizoota waliin tumsa qabdi turte; humnoonni Oromoo naannoo Meqdelaa keessa jiran karaa Tewodros ittiin baqatu irratti dhiibbaa qaba turan; erga duulli bara 1868 xumuramee boodas Meqdelaan Mastaawaatif kennamte. 7. Ragaa kallattii bara 1868 The Bombay Gazette — 26 May 1868 keessatti Mastaawaat: > “one of the rival queens of the Wollo Gallas”jedhamtee ibsamte. Akkasumas, maddi sun Warqituun Mastaawaat waliin dorgomaa akka turte fi uummanni Oromoo baay’een Mastaawaat deeggaruu akka turan ibsa. Kanaaf, ragaan bara 1868 kun Mastaawaat akka bulchituu/mootittii Oromoo Walloo tokkootti ilaalamuu ishee kallattiidhaan mirkaneessa. Xumura Ragaa kana hundaa walitti qabnee yoo ilaalle: Maqdallaan naannoo Oromoo Walloo keessatti argamtu, gaara uumamaan jabaa fi bakka waraanaa/ittisaa ta’e turte. Bara Tewodros keessa humnoonni Oromoo Walloo naannoo Maqdallaa keessatti humna siyaasaa fi waraanaa qabu turan. Mastaawaat immoo mootoota Oromoo Walloo keessaa tokko turtee, Tewodros mormuu fi bara 1868 Ingilizoota waliin tumsa qabaachuu ishee ragaan yeroo sanaa ni agarsiisa. Erga Tewodros kufee booda immoo Maqdallaan mastawat “Wollo Galla Queen, Mastawat” tiif kennamte. ★ Miky Sultan Barento ★ https://mikysultan.blogspot.com #Oromoo #Walloo #Meqdelaa #Mastaawaat #Warqituu #WarraHimanoo #Tewodros #SeenaaOromoo #WolloGalla

No comments:

Post a Comment

Maqdallaa

#Maqdallaa — Biyya Oromoo Walloo keessatti gaara/marjaa( mooraa) ittisaa ture. Mootota Warra Himanoo lama — Queen of Wore Himano Mootittii ...