Translate

Monday, May 10, 2021

#EEBBA OROMOOTA MACCAA

Eebba Oromoo Maccaa 

Hayyee! Hayyee! Hayyee!
waaqa uumaa waaqa uumamaa
Gurraacha Garaan Garbaa
Tokkicha maqaa dhibbaa
leemmoo garaa taliilaa
waaqa saglan booranaa torban baarentummaa
waaqa ciicoo gurraattii
waaqa bokkuu gurraachaa
waaqa shanan gadaa oromoo
waaqa shanan odaa oromoo
-------------------
kan nagaan nu bulchite nagaan nu oolchi!
irraa gora nu oolchi!
dogoggora nu oolchi!
Citiin sadii, citii sadan nu oolchi!
kan roobee tortorsu nu oolchi!
kan caamee goggogsu nu oolchi!
walii galtee nuuf kenni!
waliif galii nuu toli!
sonii nuuf roobi!
waan rooba keessa jibban nu baasi!
waan caama keessa jibban nu baasi!

* Eegaa barri quufaa
Gadaan gabbinaa,Gabbisi waaq!! leeel! leel!

Eebba oromoo maccaati!
@Odaatiktok
@Oromo_graphya1
https://t.me/Oromo_graphya1

#EEBBA GUJII

Eebba Gujii
Ee…… Ati Waaqi Ardaa
Waaqi Abbaa
Ka Me’ee Bokkoo
Ka Dibbee Dhugoo
Ka Garba Aannoo
Waaqi Gujii Gurraachaa ati nuu dhageyi
Dhageettu nuu Owwaadhu
Ta olii oliitti nu hanqisi
Ta gadii gaditti nu hanqisi
Ta dallaa lamaanii achumatti nu hanqisi
Barri nageya
Bariin nageya
Jaarsi nageya
Jaartiin negeya
Ilmi nageya
Intalti nageya
Ka fuudhu nageya
Ta heerumtu nageyaa
Uchumti nageya
Bobbaan nageya
Tissaa uleen nageyaa
Elemaa gaadin nageya
Ardaan yaa’aa nageya
Me’een Bokkoo nageya
Duddaa daawwaan nageya
Sabbaa Oddoon nageya
Gooroon Doolaa nageya
Gooroon Oromoo teennaa martinuu nageya
Handhurri Oromiyaa Finfinneen nageya.
@Odaatiktok
@Oromo_graphya1
http://t.me/Oromo_graphya1

#EEBBA OROMOOTA TUULAMAA

Eebba Tuulamaa == Hayyee,Hayyee! Hayyee, Hayyee!

Waaqa uumaa Waaqa uumamaa

Waaqa Burqaa Haroo Walaabuu

Waaqa sagaltama garbaa

Waaqa salgan Booranaa

Waaqa torban Baarentummaa

Waaqa Bokkuu Gurraachaa

Waaqa Ciicoo Gurraattii

Waaqa Caffee Tumaa

Waaqa shanan Gadaa Oromoo

Nagayaan nu olchitee nagayaan nu bulchi

Nagayaan nu bulchitee nagayaan nu olchii

Kan faantii lafaan lolte

kan sammuun Waqaan lolte nurraa qabi

Irraa-gora nu oolchi

Dogoggora nu oolchi,

Hamaa nurraa qabi

Tolaa nutti qabi,

Xiqqaa nuu guddisi

Guddaa nu muldhisii/bulchi

Waan qabnuun nu bulchi

Rooba nagayaa roobi

Baraa nagayaan nu basii

Gadaan roobaa nagayaa

Barri quufaa gabbina
@Odaatiktok
@Oromo_graphya1
http://t.me/Oromo_graphya1

#EEBBA KAARRAYYUU

Eebba Karrayyuu...

Miinya tahi!………………………..........ziz
Foduu tahi!………………………..........ziz
Alalaasi!…………………………….......ziz
Alaa gali!………………………….........ziz
Oli reebi!……………………………......ziz
Maatii raaphu!…………...………….....ziz
Gadi reebi!…………………………..…ziz
Karra raaphu!……………………….…ziz
Adaboon gooba!.………………….......ziz
Goobni geerarsa!……………………...ziz
Hurrubni Mirga!………..………….......ziz
Dirreen Dannaba!……...……………..ziz
Simoo ta’i! ………………………….....ziz
Sin simin!……………………………....ziz
Dandoo ta'i! ……………………..........ziz
Sin danda'in! ……….………………....ziz
Doobbii ta'i! …………………...……....ziz
Diina gubi !………………………….....ziz
Guchii ta'i !……………………….........ziz
Baalaan booni !….…….……………...ziz
Citaa ta'i! …………………………......ziz
Gurmuu baasi! ……………………….ziz
Daddaraari! ……………..……………ziz
Dilboo ta'i! ………..…………………..ziz
Babbaroodi .………………………….ziz
Cibraa dhoosi ……..…………………ziz
Gaara ta'i! ...................………………ziz
Itti jigi!……....................
……………...ziz
Haladdaq ta'i.……..……………..……ziz
Bal'adhu!…………..…………………..ziz
Fantaallee ta'i!..……………………….ziz
Mul’adhu!......................
………….......ziz
Qabadhu!......................................
.....qabadhu!
@Odaatiktok
@Oromo_graphya1
http://t.me/Oromo_graphya1

#Jechoota Hayyoota Oromoo Nama Meeqatu Beeka?

Jechoota Hayyoota Oromoo Kana Nu meeqaatu Beeka Laata?
***
~. Duuti koo du’a gootaati, dhiigni kiyya dhiiga tasa dhangalae miti. Dhiiga saba kiyya bilisoomsuuf dhangalae.(K/Maammoo Muzammir)
~. Dubbiin keenya bofa eegeen citte ta'e, yoo harkisan ni cita, gadi dhiisan itti lixa..(Hayilamaariyam Gammadaa)
~. Ofumaa Dhamaatu malee Ana rasaasni na hin danda’u(Agarii Tulluu)
~. Gabrummaarra duuti bilisummaadha..(Elemoo Qilxuu)
~. Gabrummaa dandeenyu hiddaan buqqifna, dadhabnu ilmaan itti guddifna(G/Waaqoo Guutuu)
~. Gabrummaa irra du'a woyya, kanaaf fincillee daggalatti galle(Usmaayyoo Muusaa)
~Qawwee qofa kan bilisa nu baasu (Ilfinesh Qannoo)
~Kan keessa beekuuf lolli tapha.(Abbishee Garbaa)
~. Jayni malkaa, Qaroon Malkaa, Dureessi Malkaa(Jaatanii Alii)
~. Jeedala ta’ee waggaa dhibba jiraachurra, leenca ta`ee aadee du’uu naaf woyya(Huseen Bunee)
~. Namni seenaa isaa hin beekne bishaan gabatee irraati, gara argetti jallata(Eebbisaa Adunyaa)
~. Lubbuu gaafa dhalatte duute, du’a sodaa haqarraa hin dabin(H/Adam Saaddoo)
~. Ummatni Oromoo barachuu qaba, lammiin barate immoo mirga isaa gaafata (G/Taaddasaa Birruu)
~yoom ille Itoophiyummaa dura Oromummaa koo dursa Iam Oromo first) ...(Jawar Mohammed,
~Ummata Oromoo Kan Moo'u Jaalala Qofa.
(Pr. Lammaa Magarsaa )
~Ummannii waan nyaatu dhabe, mootummaa isaa nyaata.
Dr. Maraaraa Guddinaa)
~ Hidhaan Oromoof harayaa miti, furmaataas miti.
(Baqqalaa Garbaa)
~ “Osoo laftii Itiiyoophiyaa gadii fageenyaan qootame lafee ummata Oromootu bahaa” (Artiist Haacaaluu Hundeessaa).
@Odaatiktok
@Oromo_graphya1
Seenaa Oromoo
https://t.me/Oromo_graphya1

#HORA FINFINNEE

​​IRREECHA HORA FINFINNEE 

"Hora Finfinneerraa kaasee hanga Aqaaqi gahutti lafa horaati. Lafa horaa waan ta'ef ni ulfeessu. Oromoon irratti irreeffata" jedhu qorataan seenaa fi aadaa Obbo Alamaayyoo Haayilee.
Hora jahaan Oromoo Tuulamaa keessaa Horri Finfinnee hora isa hangafaati.
Abbaan malkaa hora kanaa gosa Gullallee akka ta'e kan himan Obbo Alamaayyoon iddoon horaa kun gosoota Tuulamaa adda addaan kan marfame ta'uu himu.
"Abbaan malkaa yookin kan daggala lafa kanaa saaqee aara kan aarse Gullallee dha. Naannoonsaa immoo Galaan, Gumbichu fi Eekkaadhaan marfame" jedhan.
Kan iddoo hora kanatti irreeffachaa turanis gosoota Oromoo kunneen ta'uu nutti himan. Yeroo keessa Oromoon iddichaa buqqa'uu erga eegalee fi qe'ee isaatii erga fagaatee booda aadaasaas gatee diinagdeensaas irraa fudhatame jedhan.
"Hanguma magaalummaan Finfinnee dabalaa dhufe Afaan Oromoo baadiyyaatti dhiibame, aadaansaas baadiyyaatti dhiibame" jechuun himu qorataan aadaaf seenaa Obbo Alamaayyoo Haayilee.
Hora Hangafaa…
"Horri hangaftittiin Horri Finfinnee ardaa warri qaalluu irratti irreeffatu ture" jedhu Obbo Alamaayyoon.
Itti aansunis horawwan akka Harsadii, Kiloolee, Baabboggaayyaa fi Warxoo akkasumas tulluuwwan irratti irreeffatamaa turuu nutti himan. Lafti hora Finfinnee inni qara itti irreeffatamu yeroo ammaa hoomtuu irratti osoo hin ijaaramin jira. Iddoon kun lafa bishaan hoo'aa lafa keessaa itti burqu yemmuu ta'u lafa caffaa dha.
Teessumni lafichaa gama bahaatin hoteela Finfinnee fi masara preezidaantii biyyattiin gama Lixaatin immoo waajjira mana amantaa adveentistin akkasumas gama kibbaatin hoteela Giyoonin daangeffamee akka jiru Obbo Alamaayyoon himu.
Horri Finfinnee iddoowwan Daalattii, Dabbasoo, Hulluuqqoo Kormaa fi kunneen birootin marfamti. Daalattiin iddoo mootin Minilik masara isaanii itti ijaarratan yemmuu ta'u araddaa warra Duulaa Ara'eeti. Maatin kun asii buqqa'ee kun gara Saaris kuun immoo gara Ejeree fi Hoolataatti akka qubatan taasifamu qorataan seenaa fi aadaa Obbo Alamaayyoo himu. Dabbasoon iddoo giddugalli aadaa Oromoo irratti ijaarrame yemmuu ta'u araddaa warra Masqaloo Guyyaateti. Hulluuqqoon Kormaa immoo iddoo yeroo ammaa addabaabayii Masqalaa jedhamuun beekkamu dha.
Oromoo aadaasaatu sarbame…
 Lafasaarraa buqqaa'uun uummata Oromoo uummaticha kallattii garaagaraan akka miidhe kan dubbatan Obbo Alamaayyoon dhiibbaan xiinsammuu addaan cituun Irreecha Hora Finfinnee fides olaanaa ta'u himu.
"Uummatichi gama diinagdeen lafa isaarraa buqa'ee loon horsiifachuu dadhabe. Lafa isaa qotee omishatee jiraachuu dadhabe. Ummanni heddus ni dhume" jedhu.
"Kana malees uummatni Oromoo afaansaa akka hin dubbanne taasifame. Mirgis aadaan isaas ni sarbame" jechuun dubbatan.
"Afaan dhabuun, diinagdee dhabuun waa hunda dhabuu jechuu dha. Akka namaatti jiraachuu hin dandeenye namaa gadi jiraatte" jechuun seenaa hadhaawaa yaadatu Obbo Alamaayyoon.
Wabii walin jireenyaa…
Aadaa Oromoo keessatti Irreechi walin jireenya, jaalala fi galateeffachuu ta'uu himu Obbo Alamaayyoon.
Haaluma kanaan "kabajamuun Irreecha Hora Finfinnee waliin jireenya uummata magaala Finfinneef wabii guddaadha" jedhan.
Kana malees hawwataalee tuurizimii magaalattii keessaa tokko ta'uunis faayidaa argamsiisuu akka danda'u himu.
Irreechi kun uummatni Oromoo aadaasaa miidhamee ture waltajjii addunyaatti baasuf carraa isa tokko ta'uu isaas himan.
@Odaatiktok
@Oromo_graphya1
Seenaa Oromoo
https://t.me/Oromo_graphya1
👇👇👇👇👇👇👇👇

#SHEK BAKRII SAPHALOO

░K░U░T░A░A░ ░1░F░F░A░A░
                  𝐒𝐡𝐞𝐞𝐤 𝐁𝐚𝐤𝐫𝐢𝐢 𝐒𝐚𝐩𝐡𝐚𝐚𝐥𝐥𝐨𝐨

Sheek Bakrii Saphaalloo (maqaa dhalootaa: Abubakar Garad Usmaan; Sadaasa 1895 - 5 Ebla 1980) hayyuu Oromoo fi walaleessa (poet) fi barsiisaa amantiiti. Hunda caala kan inni ittiin beekamu qubee Afaan Oromoo ittiin barreeffamu uumuu isaatini.

                       Jireenya Isaa 

Sheek Bakrii Saphaalloo ilma Garad Usmaan Odaati; Garad Usmaan Odaa naannoo laga Saphaallootii lafa qaba ture. Lafti isaanii kun yeroo Minilik Harar qabatu bulchiinsa sana keessa oole. Abubakar kan dhalate erga Harar Minilikiin booji'amte waggaa 8 booda yoo ta'u erga abbaansaa amantii Islaamaa fudhatee waggaa 16 booda ture. Abubakar obboleeyyan dhiiraa sadi'ii fi obboleeyyan durbaa afur qaba. Garad Usmaan musliima bayeessa fi dandeettii Afaan Oromoo kan qabu yoo ture barnoota garuu hin qabu; kanaaf dubbisuu fi barreessuu hin danda'u. R. J. Hayiwaardi fi Mahaammad Hasan akka tilmaamanitti, ati isaa Kadijjaan Musliima ta'uu akka hin hafne dubbatu. Erga barumsa sadarkaa tokkoffaa fixee booda, Abubakar gara Carcar deemee barsiisaa amantii Islaamaa Sheeh Umar Aliyyii Balballeetti jalatti barate. Itti aansee Harar deemun waggaa baayyeef Sheek Yusuf Adam jalatti barate. Barsiisota amantii Islaamaa kan biroo jalattillee kan barate yoo ta'u seenaa isaanii (biography) kan inni barreessee kanuma isaan kana qofaati.

Sheek Bakrii Saphaalloo ilma Garad Usmaan Odaati; Garad Usmaan Odaa naannoo laga Saphaallootii lafa qaba ture. Lafti isaanii kun yeroo Minilik Harar qabatu bulchiinsa sana keessa oole. Abubakar kan dhalate erga Harar Minilikiin booji'amte waggaa 8 booda yoo ta'u erga abbaansaa amantii Islaamaa fudhatee waggaa 16 booda ture. Abubakar obboleeyyan dhiiraa sadi'ii fi obboleeyyan durbaa afur qaba. Garad Usmaan musliima bayeessa fi dandeettii Afaan Oromoo kan qabu yoo ture barnoota garuu hin qabu; kanaaf dubbisuu fi barreessuu hin danda'u. R. J. Haywar fi Mahaammad Hasan akka tilmaamanitti, ati Sheek Bakrii Kadijjaan Musliima ta'uu akka hin hafne maqaa ishiirraa ka'uun tilmaamu. Erga barumsa sadarkaa tokkoffaa fixee booda, Abubakar gara Carcar deemee barsiisaa amantii Islaamaa Sheeh Umar Aliyyii Balballeetti jalatti barate. Itti aansee Harar deemun waggaa baayyeef Sheek Yusuf Adam jalatti barate. Barsiisota amantii Islaamaa kan biroo jalattillee kan barate yoo ta'u seenaa isaanii (biography) kan inni barreessee kanuma isaan kana qofaati.
@Odaatiktok
@Oromo_graphya1
https://t.me/Oromo_graphya1

mootittii saba'a Queen of sheba

"Mootittii Saba'a""Queen sheba" ----------------------------------------------------------------- ★Miky Sultan Bar...