Translate

Friday, February 25, 2022

#Shanan #Jiilleef#Saddeen #Makkannaa Walloo

Shanan jiilleef Sadeen Makkannaa ************************************* Annan jillee dhummuugaa Bara 1994 Akka LI Aanaa taatee hundooftee” Kaaban Aanaa harxummaa fursee.bahaan naannoo Affaar Kibbaan Aanaa Qaawwai dhihaan ifraataa gidimiin daangeffamtti, Yeroo ammaa gandoota 24 ol qabdii jedhama akkasuma Bulchiinsa magaalaa 1 qabdi. Magaalaan guddoon isaanii magaalaa Sanbateeti.Ummanni baay’inaan Magaalaa kana keessa jiraatu Shanan jiilleeti fi Sadeen Makkannaati jarri lamaan obboleeyyanii, Ilman shanan Jiillee 5nii, Jiillee ilma karrayyuu Bareentooti 1,ABBO 2,KARRAYYUU 3,BALA’A 4,LIIBAN. 5,WARRA QAALLUUTI Sadeen makkannaa jechuun makkani kan dullachaa Bareentoti Ilmaan sadeen Makkannaa (3″sadii) 1,ABBAADHO 2,NOOLE 3,GUTAA. gabayaan sanbatee kuni magaalaa guddoo Aanaa Kana keessatti argamti gabayaan guddaan kuni torban keessaa guyyaa Sanbataa guddaa dhaabbata. namoonni biyya fagoo jiran jala bultii waan dhufaniif baay’ina namaatiin guutamtee oolti. bal’inni lafa gabayaa Sanbatee heektaara 1.7825 yookiin karee meetira 17825 ta’a jedhamee Dubbatamas. Baay’inni ummata magaalaa Sanbatee 14475 ta’a Jedhama, Gabayaan Sanbatee gabayaa baay’ee bal’aa fi iddoowwan gabayaa gurguddoo biyya keessa jiran irraa kan adda taasisu sabaa fi sablammoonni adda addaa afurii ol gabayaa kana waan haajoman Bitachuuf ni dhufu. Sabaa fi sablammootni afran kunniin saba Oromoo, Amaraa, Argobbaa fi Affaari. Saboonni kunniin hundi isaanii uffata aadaa isaanii calaqqisiisu uffachuu fi meeshaalee miidhaginaaatin faayamanii Bareedanii Aadaa isaanii qabatanii argamu. Gabayaa kanarratti faaya miidhaginaa fi firiiwwan ogummaa harkaa baay’inaan waan dhufaniif gabayaa kanaa bareedina addaa kanna bitachuuf bakkeewwan gargaara irraa sablammoonni hedduun ni dhufu magaalaa finfinnee irraallee kan dhufan ni jiran. Karaa biraatiin. Magaalli kuni kan Sabaa fi sablammoonni hedduun filannoo Godhatanii keessa jiraachaa jiraniidha tahuus lafni kuni kan Oromooti magaalli kun dachee Qotee Bultoota Oromoo irratti hundooftee. Gabayaa kana malees Aanaan kuni Akkuma godina fi biyya keenyattis seenaa baay’ee qabdii Aanaan kuni iddoowwan seenaa Qabeessa tahan (3″sadii) qabdii, “Isaanis kanneenii 1,fakkeenya yoo fudhanne baargamoowwan Lij Iyyaasuun Bara Bulchiinsa isaa Walloorraa yeroo gara finfinnee deemu harka isaatiin dhaabe gabayaa kana qarqara waan jiruuf namoonni biyya alaas ta’ee biyya keessaa baay’inaan gabayaa kana dhufanii daawwatu. Akkasuma ummata magaalaa fi Aanaa kana keessattu ummata shanan Jiillee jedhamuu biratti iddoo guddaa qabdi Baahargamoo lij Iyyaasuu kan bukkee isa dhadacha Aadatu jira bakka seerri ittin bulmaataa ummata kana itti tumamaa ture waggaa torba torban wal gahiin seera baasa turan. akkasuma bakka kana bishaan “Qabii Caffee” jedhamutuun jira Caffeen Oromoo biratti iddoo guddaa qabdi. Bakka kanatti Ammallee Ummanni shanan Jiillee yeroo rakkoon uumamee fii haala ittin jireenya isaa wal mari’achuu yeroo barbaade bakkuma kanatti Caffee irratti wal gahuun marii geggeessaa Akkasumatti Abbaa dhiiraatin hoogganamu seera Abbaa ormaa jedhu akkas jechuun seera Oromoo “seera abbaa gadaa” jechuudha haala kanaanis tokkummaa isaanii eeggachuun Aadaa ofii Amantii ofii tiksuun hardha gahaniiru, 2,Masgiida faqii Abbaas kan jedhamu Aanaa kana keessatti argama. 3,Bishaan hawweetu bishaan kuni maqaa baay’ee qaba namonni maqaa adda addattin yaamu namoonni tokko tokko hoo’ituu jedhu gariin gashaa jedhu akkasumas haweetu jedhu nuti amma “Hawwatuu” kan jedhu yaa fudhannu bishaan hawweetuu qabeenya Uumama baay’ee nama hawwatuudha . .

Wednesday, February 23, 2022

#Jaal #Buruuysoo _#Boruu

👉SEENAA JAAL BURUUYSOO BORUU ☆☆☆☆☆☆☆☆☆☆☆☆☆☆☆☆☆ Seenaa dagannuus seenaan nama hin dagattu ! ~ Seenaa qabsaawootaa fi hogganoota bilisummaa Oromoo beekuun nurratti dirqama, keessattuu seenaa akka Jaal Buruuysoo kanafaa jechuudha. ~ Hanga maayyitti obsaan dubbisaa Share waliif godhaa ~ Jaal Buruusoo Boruu eenyu??? Jaal Buruuysoo Boruu ilma Oromoo qabsaawaa sabaa hogganaa ABO kan tureedha. ~ Jaal Buruuyso Boruu maqaa warri baaseef Abdulmaalik yoo ta’u Abbaa isaa Umar Abdushakuur fi Haadha isaa Raaziyee Haajii irraa Bara 1957tti baha Oromiyaa Harargee Bahaa koonyaa Gaara mullata magaalaa Baddannootti dhalate. eega yeroo inni dhalatu akkuma aadaa Oromootti, fira,maatii fi ollaan hundi haa guddatu, guddatees haa beeku,beekees lammiif kan ta’u haa godhu jedhanii eebbisan, eebbifamees hin hafne, eebbi isaanii milkaawuun innis akkuma guddatee lafaa ka’een lammii boonsuu jalqabe. ~ Jaal_Buruuysoo_Boruu dhalatee umriin isaa akka barnootaaf gaheen barnoota isaa mission naannoo sanitti argamutti kutaa 12 barate. ~Jaal Buruuysoo Boruu qabsoo diddaa gabrummaa Oromiyaa keessatti gaggeeffamaa ture irraa qooda fudhachuun nama guca qabsiise ta’uun hanga har’aatti yaadatamaa jira. ~ Lammiin Oromoo akka mataa ol qabatee eenyummaa isaatiin jiraatuuf namoota wareega qaalii kafaluun faajjii tahanii mataa ol qabachiisan keessan keessatti ramadama. ~ Gooti kun goota Oromoon hoggayyuu yaadattu goota sabaaf of wareegeedha. ~ Jaal Buruuysoo Boruu miseensa Adda Bilisummaa Oromoo(ABO) dirree qabsoo fi biyya jidduu nama hojjechaa tureedha. ~ Jaal Buruuysoo Boruu bara 1978tti dirree qabsoo seenee qabsoo hidhannootti makame, akkuma dirree qabsoo seenee leenjii fudhateen damee siyaasaa jalatti ramadamuun hojii barruu hojjechuu jalqabe. ~ Bara 1979tti yeroo Korri sabaa ABO taa’amutti koree qindeessituu keessatti ramadamuun barreessaa koree tahee filame, hanga wal gahiin hatattamaa koree jidduu bara 1984tti wal gahiin taa’amutti akka barreessaa fi WBOtti hojjechaa ture, wal gahii bara 1984tti taa’ame irratti Jaal Buruuysoo Boruu miseensa waajjira siyaasaa tahee damee dantaa Siyaasaa irratti hogganummaan filame. ~ Bara 1989 keessa yeroo korri Sabaa ABO irra deebi’amee taa’amutti Jaal Buruuysoo Boruu adda durummaan koree qindeessituu Kora Sanaa tahuun filame, ammallee irra deebi’uun barreessaa walii galaa kora sanaa tahuun filame. ~ Kora kana irrattis Jaal Buruuysoo Boruu damee siyaasaa irratti hogganummaan filamee dirqama isaa bahaa ture. ~ Bara 1990 keessa Jaal Buruuyso Boruu hojii diploomaasiitiif gara Soomaaliyaatti imale, hijii diploomaasii cinatti hojiin boonsaan jaalli kun hojjete keeysaa gurguddoon dhiheessi humna bahaa yeroo gabaabduu keessatti furuu isaatin kan yoomiyyuu yaadatamuudha. ~ Hanga biyya soomaaliyaa turetti humna ABO yeroo sanitti soomaaliyaa ture karaa taliiga bulchiinsaa,leenjisuu, hidhachiisuu fi bobbaasa qindeessuu irratti qoodni jaalli kuni gumaachaa ture guddaa dha. ~ Jaal Buruuysoo Boruu bara 1991 keessa yeroo mootummaan Ziyaad_Barree aangoo irra fonqolu waraana, miseensootaa fi deeggartoota ABO kan soomaaliyaa jiranii fi ilmaan Oromoo hunda akkasuma deeggartootaa fi miseensoota IFLO( Kan Jaarraa Abbaa Gadaa) jechuudha kan yeroo sanitti rakkoo ABO fi IFLO jidduu jirtuuf haala lolaa hamaa keessa waliin turan hunda wal dhabbii sanaaf osoo bakka hin kennin Oromummaa dursuudhaan IFLO dabalatee ilmaan Oromoo hundaaf akka karaan toolfamuu fi balaa achitti isaan mudate jalaa akka dandamatan godhuuf murtiin inni fudhate kan sadarkaa bilchina hogganummaa isaa agarsiisuu fi mirkaneessuudha. ~ Jaal Buruuysoo Boruu bara 1991 baatii caamsaa keessa yeroo Soomaaliyaa dhaqetti wal gahii kora jidduu ABO irraa qooda fudhachuun isaa ni yaadatama. ~ Wal gahii sanaan booda mootummaan #Dargii kufuuf biiyti waan jeeqamtee jirtuuf, haala jeeqamiinsaa san ilaaluun kufuu/Caphuun mootummaa dargii beekkame, eega yeroo kanatti kufaatii dargii kanaan ABO Oromoo akka biyya dhuunfattuuf hojii dhaaba ABO kan dirree bahaatti hojjatamtu hunda Jaal Buruuysoo Boruu ABO bakka bu’uun gaggeessaa haggana tureedha. ~ Bara 1991_1992 hanga ABOn mootummaa cehumsaa keessaa bahutti gaafatama waajjiroota ABO bahaa hunda fudhachuun, marii ABO fi TPLF jiddutti deemaa ture hunda ABO bakka bu’uudhaan nama gaggeessaa tureedha. ~ Yeroo sanitti karaa ajajoota TPLF shira walii galtee yeroo sanii diiguuf mata jabeenya fi moormii goggogduu warri TPLF oofan hunda gootummaan dura dhaabbatee falmaa hadhaawaa gaggeessaa waan tureef bara 1992 keessa humni TPLF Jaal Buruuysoo Boruu wajjiin haasoofnee rakkoo jirtu furra jechuun waajjira ABO magaalaa Harar(Adaree Biyyoo) tti maristee ajjeessuuf karoorfatte, haa tahu garuu iccitiin sun waan jalaa ba’eef ykn jalaa dhaga’ameef osoo itti hin milkaawin hafuun Jaal Buruuysoo Boruu humna waardiyaa isaa wajji gara magaalaa #Malkaa_Rafuu (Kombolcha) tti jalaa miliqee osoo hin turin gara dirree deebi’e. ~ Jaal Buruuysoo Boruu hagganummaa isaa cichoomminaan itti fufuun bara 1993 keessa yeroo hayyu dureen ABO yeroo sanii Jaal Galaasaa Dilboo gara biyya alaa yeroo bahu, bakka isaa bu’uudhaan akka hayyu dureetti gaafatamaa dhaabaa walii galaa fudhachuun hojjechaa ture jaal Buruuysoo Boruu. ~ Bara 1993_1995 jiddutti dura taa’aa walii galaa tahuudhaan taliiga bulchiinsaa gaafatama walii galaa tahuudhaan hogganaa osoo jiruu guyyaa 10/05/1995 tti lolli hamaan mooraa inni jirutti itti tahuun Jaal Buruuysoo Boruu murtii mataa isaa fudhachuun harka diinaa seenee qabamee wareegamuu irra jedhee murtii mataa isaatiin ofii isaatiif boombii lama ofitti dhoosee of wareeguun qabsaawootaa fi ilmaan Oromoo isa booda hafan hundatti kabajaa godhee wareegamee, qabsaawoota, deeggartoota, sabboontootaa fi ilmaan Oromoo hundatti sheenaa bara baraa tahee hafe. ~ Jaal Buruuysoo Boruu yeroo lubbuun jirutti miseensoota WBO,hogganoota fi deeggartoota dhaabaa akkasuma ummata Oromoo biratti nama kabajamaa fi Jaalatama ture. ~ Jaal Buruuysoo Boruu nama sirna,heeraa fi seera dhaabaa kabajee kabachiisuu irratti fakkii gaarii tahee hojjechuudhaan beekkama. Jaal Buruuysoon miseensoota WBO biratti akka hogganaa qofa osoo hin tahin akka Barsiisaa,Abbaa fi obboleeyyaniitti ilaalama ture, walumaa galatti yeroo hunda ganamaa fi galgala, yeroo deemu, yeroo taa’uu fi dhaabbatu hunda Furmaataa fi bilisummaa Dubbachaa, yaadaa, akkasuma nama hojjechaa ture tahuu isaa seenaan isaa ni dubbatti. ~ WAA’EE JAAL BURUUYSOO ILAALCHISEE JAALLAN LUBBUUN JIRAN KAN ISAA WAJJI TURAN KEESSAA HAMMA TOKKO YAADA ISAANII KANA DUBBISAA. Jaal_Urjii_Dhaabaa akkana jetti, Bara 1995 keessa Jaal Urjii Dhaabaa yeroo saniif miilaa dhawamtee madoo taatee mooraa Jaal Atoomsaa turte, xalayaan hatattamaa itti dhufuun gara Jaal Buruuysoo akka deemtu murtaawe yeroo kanatti jaallan isii wajji jiran Gaangee irra miila ishee diriirsuun kaayanii, yeroo Gaangee dadhabdetti qonyee irratti ba’atanii Jaal Buruuyso biraan gahan, akkuma achi dheeyxee toorbaan gaheen lolli hamaan mooraa Jaal Buruuyso keessa jiru kanatti itti tahee Jaal Buruuuysoo Boruu ishee biratti wareegame, haala inni itti wareegame yeroo ibsitu. ~ Seenaa qabsoo keessatti takka lolli hamaan akkasii isaan qunnamee hin beeku, akkasuma namni hanga Jaal Buruuysoo Boruu lolee lochiise wareegamee beeku akka hin jirretti ibsiti. ~ Jaal Buruuysoo Boruu Jaakkeeta ofirraa baasee T-Shirt Adii Alaabaa qabuun haa mul’attu jedhee lolaa ture, yeroo sanitti humni TPLF qabdu waan guddaa taheef Jaal Buruuysoo boruu akka jalaa miloqee hafuuf jaallan yeroo gaafatan wanni inni deebiseef kan daran gootummaa isaa agarsiisu ture, akkana jechuun deebiseef. 1, Jaallan na dura wareegaman lubbuu 2 wayii qabanii, anis lubbuma akka isaan qabaniitin qaba. 2, Humni Tigree kuni gootummaa nurra qaban moo humna nurra qaban? Jechuun cichoomminaan lolee lolchiisuu ture. Jaal Buruuysoo Boruu guyyaa lolli kuni itti ta’etti lafti inni ture gammajjii hamtuu waan taateef buseen nyaattee akka malee dhukkubsachaa osoo jiruu, yeroo lolli itti tahutti mirqaana qabuun hayyoota Tigree lola sana keessa jiran 3 . Abraha Siyyee..fi kkf gootummaa isaatiin harkaan qaqqabuun Qawwee(Girnoofa) isaanii harkaa fuudhee hunda isaanii walirra kaaye, Lola kana keessattis Jaal Buruuysoo eega harkaa dhawamellee gootummaan loluun maayyii irratti Tigreen humna dabalataa Helikoptariin akkasuma garaa Burqaatiinis tahee karaa fiilinis ol neeyxee humnaa ol itti tahuun Jaal Buruuysoo Boruu Asrii guyyaa 10/05/1995 tti harka kiyya diinatti hin kennu jechuun boombii ofitti dhoosee of wareeguu isaa qabatamaan waan bira jirtuuf ibsite, Dabalataanis Jaal Urjii Dhaabaa yeroo waa’ee jaal Buruuyso ibsitu Jaal Galaasaa Dilboo yeroo gara biyya alaa deemutti hayyu durummaa isarra kaaye deeme waan taheef akka hayyu duree ABOtti ilaalama jechuun dubbattee jirti. Gama biraatiin Jaal_Damissee_Kabbadaa yeroo waa’ee jaal Buruuysoo ibsu. Jaal Buruuysoon nama waahiloota isaa biratti kabajaa fi jaalala guddaa qabaachuu bira dabree barsiisaa tahuu isaa dubbata. Jaal Buruuyso biyya ollaatti diploomaasiif ramadamee deemuu yeroo murtaawe hojjechuu isaa erga dubbateen booda, hanga isarraa eeggamee ol Barsiisuu, karaa bahaa fi galaa qopheessuudhaan, hamma ammaatti Jaallawwan isaa kan isa yaadatu tahuus dubbata. Kanaafis Jaal Buruuyso goota kutataa, goota amanamaa tahuu isaatiin akka beekkamuus dubbatee jira jaal Damisseen. Jaal Damisseen itti dabaluunis Jaal Buruuyso Boruu dhuma bara 1991 fi jalqaba bara 1992 keessa lola hamaa guyyaa 15 deeme irratti adda durummaan nama gaggeessaa tuhuu isaa dubbatee jira. Wal gahii araaraa bara 1992 keessa ABO fi TPLF jiddutti taheen Jaal Buruuyso ABO bakka bu’uudhaan waaj dhufeef anilleen guyyaa san isa arguudhaaf carraa argadhe jechuun goolaban jaal Damisseen. Dabalataanis Jaal_Aslii_Oromootis akkana jechuun ibsiti waa’ee Jaal Buruuysoo Boruu, Jaal Buruuysoo Boruu haggana cimaa fi dandeeytii qabuudha, bara 1991 keessa Ana fi Jaal Buruuyso akkasuma Jaal Caalaa Leencoo yeroo gara soomaaliyaa deemnutti gaafatamni walii galaa ABO fi IFLO Jaal Buruuysootti kennamuu ibsiti Jaal Aslii_Oromoo. Eegaa waa’ee Jaal Buruuysoo_Boruu barreessanii fixuuf hedduu ulfaata kanaaf seenaa isaa hamma tokko keessaa bifa barruutiin isiniif qopheesse. Dabalataanis warri seenaa isaa bal’inaan beeytan seenaa goota keenyaa kana hanga irraa hafe itti nuuf guutaan dhaamsa kiyya. Share waliif gochuu akka hin daganne. Qabsaawaan ni kufa qabsoon itti fufa!!! Jaal Buruuyso_Boruu rabbi jannataan haa qananiissu.

mootittii saba'a Queen of sheba

"Mootittii Saba'a""Queen sheba" ----------------------------------------------------------------- ★Miky Sultan Bar...