Translate

Sunday, February 28, 2021

# BISHAAN HOO,AA AWWEEYTUU

 '' Bishaan Hoo’aa Awweeytuu ''
********************
Mootummaa biyyolessaa naannoo Amaaraa bulchiinsa godina saba Oromoo aanaa Jiillee Dhummuugaatti argama.

Teessoo bulchiinsaa kan taate magaalaa Kamisee irraa kallattii kibbaatiin fageenya kiiloo meetira 64 irratti argama.

Daandii konkolaataa Finfinneedhaa Kamisee irratti daandicha bitaafi mirgaan hordofuun kan hundoofte magaalaan Sanbatee teessoo aanichaati.

Magaalaan Sanbatee bitaafi mirgaan gaaraan marfamtee argamuun magaalichaaf miidhagina addaa kenneeraaf.

Magaalaa Sanbatee irraa kallatti bahaatiin daandii cirrachaa xinnoo imaluun bishaan hoo’a uumamaa Aweeytuu arganna.

Imala xinnoo laga Sanbatee daandii keenyarraa gara harka mirgaatti kan mul’atu iddoo dhooqa lafaa agartu.Iddoo kanatti dacheen asiifi achiin hafuura hoo’aa of keessaa yemmuu ol baastuu daawwattu/bishaan hoo’aa Awweeytuu jechuudha.

Bakkicha bira yemmuu geessan immoo haala uumamaatti baay’ee dinqisiifattu,gidduu dhagaawwanii bishaan danfaa finni finni jechaa ol utaalu agartu.

Bishaan hoo’aan dhagaacha gidduun bulluq bulluq jechaa ol ba’u hoomocha uumuun dhagaachaafi wantoota biroo naannawa isaatti argamu affeelaa iddoo sanatti hurriin akka uumamu taasisa.

Fayyadamtoonni hurka bishaan hoo’aa kana keessaa ba’u irra dhaabbachuun dhibeewwaan adda addaatiif dhimma itti ba’u, akkasumas, sammuufi qaama ofii ittin booharsuuf gara bishaan hoo’a uumamaa Aweeytuu kutaalee biyyatti gara garaa irraa kan itti imalan hedduudha.

Hoo’i bishaan kanaa heddu ta’urraa kan ka’e daqiiqaa 10 keessatti wanta irra kaa’ame bilcheessuu ni danda’a,.

Fakkenyaaf namoonni garasitti yemmuu imalan boqolloofi hanqaaquu hoo’a bishaan kanaatiin ni waddu yookan yemmuu affeelan ni agartu.

Fayyadamtoonni bishaan hoo’a Aweeytuu kana yemmuu fayyadaman of eeggannoodhan ta’uu qaba.

Sababni isaas hoo’ii bishaan kanaa cimaa waan ta’eef kallattiin qaamarra of tuuksisuu osoo hin taane dhiheenya isaa dhaabbachuun yookaan taa’uun hurka isaa fayyadamuun qaama keenya miirri dadhabbii itti mul’aturraa bilisa ba’uun ni danda’ama.

Bishaan Aweeytuu iddoo laggeen lama itti wal-qunnaman irratti argama.Laga aanaa Dawaa Caffaa irraa dhangala’u laggeen Axaayyeefi Zaaroo jedhamaniifi laga karaa kallattii magaalaa Sanbatee irraa yaa’u laga Qabii waliin iddoo itti wal-qunnaman ta’uun isaa immoo bakkichaaf miidhagina qalbii nama booji’u akka qabaatu taasiseera.

Naannawni bishaan hoo’aa uumamaa Aweeytuu kun iddoolee ol ka’oo kanneen akka Dagaagaa,Kooloo,Ayaabariifi Agobdii jedhamaniin kan daangeffameedha.

Iddoon kuni qaama iddoolee sulula qiinxamaa keessatti argaman waan ta’eef dhiibbaa hoo’a volkaanoo keessa lafaatti argamuun kan uumame bakka qabeenya hawwataa uumamaa uumamaan uumameedha.

Gandooleen kanneen akka Warra Leencaa, Dullaafi Marawwaa Adaree kan wal daangessan haala teessuma lafa Awweeytuu diriiraafi ol ka’aa ta’ee naannawa isaa waliin kan daangessaniidha.

(Madda Ayyuub Muhammad)

No comments:

Post a Comment

mootittii saba'a Queen of sheba

"Mootittii Saba'a""Queen sheba" ----------------------------------------------------------------- ★Miky Sultan Bar...