Translate

Sunday, February 28, 2021

# Seenaa Gamoo General Abbabaa Gammadaa

𝐒𝐞𝐞𝐧𝐚𝐚 𝐆𝐚𝐦𝐨𝐨 𝐆𝐞𝐧𝐞𝐫𝐚𝐚𝐥 𝐀𝐛𝐛𝐚𝐛𝐚𝐚 𝐆𝐚𝐦𝐦𝐚𝐝𝐚𝐚
🇸 🇪 🇪 🇳 🇦 🇦  🇬 🇦 🇲 🇴 🇴  🇬 🇪 🇳 🇪  🇷 🇦 🇦 🇱  🇦 🇧 🇧 🇦 🇧 🇦 🇦  🇬 🇦 🇲 🇲 🇦 🇩 🇦 🇦
••••••••••••••••••••••••••••••••••••••••••••••••••••••••••••••••
Gamoon kun Bara 1953 Ajejaa raayyaa kan turen Jeneraal Abbabaa Gammadaatin kan ijaarame dha. Gamoon kun Magaalaa Caffaa Roobit irraa gara bahaatti km 21 fagaate ganda qiciicoo keessatti argama.
Gamoo umurii dheeraa qabu kun dhakaa babbareedaa irraa qofan kan ijaaramefi yeroo amma kanaas akka waan haarawa ijaarametti kan miidhagu dha.
••••••••••••••••••••••••••••••••••••••••••••••••••••••••••••••••
Gamoon kun bara 1952 Jeneraala Abbabaa Gammadaa Ajajaa Raayyaa /Waraanaa/tureen bu,uura dhakaa kaahuudhaan bara 1953 ijaarsa isaa jalqabee yeroo gabaabaa keessatti akka raawwatamu kan taasifame dha.
 Ijaarsi gamoo kanaattis lafa bal ‘aa irratti bilookii jahaan qoodamee kan ijaarame dha. Bilookiin kunis faayidaa gara garaaf akka olu ta'e ka ijaarame dha.
••••••••••••••••••••••••••••••••••••••••••••••••••••••••••••••••
Haala Ijaarsa Gamoo Jeneraala Abbabaa Gammada 
••••••••••••••••••••••••••••••••••••••••••••••••••••••••••••••••
Haalli ijaarsa gamoo kana kan nama ajaa’ibsiisuufi dinqisiisu taasise keessaa:-
Dhaaka gurraacha naannawa tokko jiran qofa buqqisuun konkolaataa fe'umsaan akka dhufu godhame, cirracha fi bishaan ijaarsaaf oolu laga jaarraa irraa konkolaattoota akka dhufugodhamefi dhakoolee babbareedaa miidhaginaaf godhaman naannoo mashoolee jedhamu irraa fiduudhaan biyyoo nooraa adii naannoo laga boorkaannaa sheeh muqrii jedhamurraa human namatiin fi harreettin guuruudhaan akka ijaaramu kan taasifame dha. 
Inni biraa ogeessoota warra ijaarsa kana ijaaran naannoo kibbaa walloo / Dabuub Walloo Dasee irraa namoota ammaan dura warra xaaliyaanoota waliin hojjechaa turan barbaadamanii kan dhufan yammuu ta’u akkasumas,  namoota guyyaanii hojjetan naannoo daseetii kaffaltii guyyaniin qarshii tokko tokkotiin konkolaataa fe’umsaa lamaan fuudhamanii hojjetaa turan jedhama. 
••••••••••••••••••••••••••••••••••••••••••••••••••••••••••••••••
Gamoo Generaala Abbabaa Gammadaa kuni hanga ammaatti umurii dheeraa haa ta'u malee yeroo amma kanas akka waan haarawa ijaaramee kan fakkaatuu fi fuula duraafis yeroo dheeraa waan tajaajiluu danda'u dha.kanaafuu, Hundi keenyaa gamoo seenaa qabeessa kana haa daawwannuu ergaa keenya!!!!!!

/ Source Ahmed ibrahim/

No comments:

Post a Comment

mootittii saba'a Queen of sheba

"Mootittii Saba'a""Queen sheba" ----------------------------------------------------------------- ★Miky Sultan Bar...