Translate

Saturday, February 27, 2021

#Fannoo_ Gabaa _Baatee

Fannoo Gabayaa Wiixataa.
<<<<<<<>>>>>>>>>>>
Gabayyaa wixataa gidduu kan argamu sibiila fannoo namaa kun yeroo Haylasiilasee bara 1942 Baateen magaalaa guddittii Awsaa naannoo walloo turte.fannoon kun  kantiibaa kaasaa maaruutiin akka ijaarame seenaan  dubbatamee jira. sababnii isaas yakkaa hir'isuuf akka ta'e barameera . haa ta,u malee dhalata garfaa dugugguru ( kaarra ujubaa)kan ta'e Ga,aas Mahammad boddoyyaa Affaaronii lama Alii Kaareef Sayid Ayitilee jedhaman karaatti eeguun gilleen /shootalaan/ morma isaa kutuun waan ajjeesaniif hidhaadhaan akka adabaman murta'us haadhii manaa isaa faxumaan, ol-iyyaannoo mana murtii wallii gala Finfinneetti iyyachuun namootin yakka kana  raawwatan fannifamanii akka ajjeefaman murtii fiddee jirti. Haaluma kanaan gabayaa wiixataa gabayaa baatee iddoo dhaabachuumsaa  bakkaa jedhamuun fannoon isaani rawwatameera.garuu, osoo hin fanifamin duraa durboonni naannoo keenyaa tarkaanfi fudhatame deeggaruun.
"Qilxiim kee miidhegdaa akka agaddaa gannoo" Ga'aasoon halaaltaa Alii Kaareen fannoo"
Jechuun weleliisanii jiruu.
Haa ta'u malee yakkii garfaa fi warra-waayyuu keessatti ummaamuu guutuun isaa yoo baduu baatuu illee yakkiichii akka hir'attee odefannoon nii mul'isa.

/ By miky Sultan/

No comments:

Post a Comment

mootittii saba'a Queen of sheba

"Mootittii Saba'a""Queen sheba" ----------------------------------------------------------------- ★Miky Sultan Bar...