Translate

Saturday, February 27, 2021

#Carcar-ጨርጨር

Bara1896 G.C, Lola Adawa booda laftii qonnaan bultootaa tan naannoo carcar keeysa 
Jirtuu irra guddoon malkanyaafi Abbaa burqaa, warra Lola Adawa gubbatti hirmaateef Adda goodamtte.haa tahu bara 1900 G.C booda warri
Garee tafarii mokonnin jalatti hiriiree humna godhachuun lafa hedduu dhunfachuun heegaree Algaa warash (tafarii mokonnin) bareechan.laftti bunaa guddoon tan  booramaafi naannoo
Magaalaa baddeessa jirtuu iristii Algaa warash tan tafarii mokonnin taatte.laftii bishaan harawaacatiin qabii, shanan dhuuggootirraa kaasee hamma doobbaa jirtuu iristii tafarii mokonnin taatus,fitawraarin takala hawariyat takal mariyam lafa Amma magaalaan hirnaa irra jirtuu iristii isaa godhachuun harka lafa jalaatiin tafarii mokonniniif haala mijeessaa ture.gara biraatiin laftii naannoo ciroo iddoo malkanyaan hedduun irra jirtuu taatus, garuu laftii Amma magaalaan ciroo irra jirtuu tun iristii malkanyaa Nama Lola Adawa gubbatti gurri isaa duudee iristii walda tsadiqi turtte.
Haa tahu garuu bara 1924tii ergamaan Algaa warash  fitawraari takala hawariyat yeroo awraaja carcar hundeessu malkanyaa fi  Abbaa burqootaa warra naannoo magaalaa ciroo maadheefatee jiru kaasuun 
Lafa Amma magaalaan ciroo irra jirtuu (jachuun lafa iristii malkanyaa walda tsadiqi) tana ykn laga ciroo qallaa gara mirgaatii dhisuun, lafa tana bakka afurtti addaan qooduun malkanyoota irra qubsiise.(madda:kitaaba fitawraari takala hawariyat: ya hiyoot taarik fuula 356- 366)
     Yeroo san irraa guddaa warri lafa San gubbaa qubate deegartoota tafarii mokonnini.yoo yaadane tahee Lola naannoo mi'eessootti deegartoota tafarii mokonniniif loltoota lij iyaasu jiddutti godheme gubbatti irraa caalaa warri hirmaatee malkanyoota kanaa.
   Akka ityoopiyaatti laftti yeroo duraa bifa awraajaatiin hundeeffamtte Awraajaa carcari.
Fitawraari takala hawariyat bara 1924 yeroo hundeessu ona kurnan ituu irraa akka jiruutti fudhachuun warra gosa afaar kan lafa oromoo naannoo Awshiifi afdam,mulluu keeyssa qubatee jiruu carcar jalatti moggaasuun, afdamtii warra afaar muuduun awraaja carcar hundeesse.kan Nama ajaa'ibuu akka kitaaba isaa kana gubbatti fitawraari takala hawariyat ifa godhetti naannoon Amma maqaa dhahe kana keeysa gostii somalee warri issa lafa San keeysa hin ture.warri biyyoo karaabaa magaalaa (bitaa gurgurii) wallin qabu afaariifi oromoodha.kanaaf ragaan kitaaba fitawraari takala hawariyatii)
Awraajaan carcar waradaa kudhan qabaachaa ture, isaaniis:- xuulloo, doobbaa, qunnee, ciroo,bishaan harawaacaa,bookee, habroo, gubaa qorichaa, balbaleetii, Adal/Afaar.

No comments:

Post a Comment

mootittii saba'a Queen of sheba

"Mootittii Saba'a""Queen sheba" ----------------------------------------------------------------- ★Miky Sultan Bar...