Translate

Saturday, February 27, 2021

# Walloof Harargee

Walloof Hararghee
(Kutaa 1ffaa)
Jaarraa 16ffaa dura lafa amma Walloo jechuun beekamturra
ummanni Oromoo bal’inaan akka jiraachaa ture seenaan
ummata Oromoo ni mul’isa. Jaarraa 16ffaa keessa Diini
humnoota Awurophaa fi biyya Olloota lafa Oromoo jiran irraa
kallattii adda addaatiin Duula Oromoorratti banuun baayyachaa
dhufte. Akkumma roorroo hamtuun nama cimsitti jadhamutti,
Oromoonis sirna bulchinsa gadaa jalatti daran cimanii fi
gamtoomanii diinoota kallattii addaa addaatiin itti bobba’an
hunda ofirraa qoolachuun, lafa dheedaa isaani of harka
tursiisuu danda’ani jiru. Kana malees lafa dheedaa qullaa jirtu
dabalataan of harka galchuus danda’anii ture.
Toora Walakkaa Jaarraa 16ffaatti Abbaa Gadaa Ituu ture kan
jadhamu # Abbayyii_Galaan fi Abbaa Gadaa Afran Qalloo ture
kan jadhamu # Buluuloo_Laangichaa Carcarii fi Ona Afran
Qallootirraa, akkasumas humni muraasni Booranaa fi Iluu
Abbaa Booraa irraa gara Wallootti akka duulan gumii Sabaa
waliigalaatiin Odaa Roobaati Murtaa’e ture. Abbaan Gadaa Ituu
# Abbayyii_Galaan gaantaa (garee) 12 kan gosota Ituurraa
walitti sassaaban gara Kaabaati akka duula gaggeessan
murteessan. Looltoota Carcarirraa Laga Hawaas
qaxxaamuranii duulan maatii isaani wajiin achuma Wallo
qubatanii akka lafa walloo diinarraa ittisaniif qajeelchan. Erga
Walloo tutuqaa Diinaa irraa faccisan booda achumma
qubatanii maatii horachuun wal hormaani hidda dhaloota Ituu
wallootis saaree daraaruu jalqabe.
Warri Carcarirraa walloo duule erga weeyrartootarraa lafa
Oromoo Walloo bilisoomsan booda, lafa bilisoomsan san
maqaa ganda isaanii kan hararghe # Carcar_Walloo jechun itti
moggaafatan. Kan Ona Ituu Habroo irraa duule # Habroo
jechuun, kan Waldayarraa Duulee # Waldaya jechuun, kan
Dirree Qaaluu fi gubbaa qorichaa Warra Qaaluu irraa duulan
# Warra_Qaaluu jechun, kan Ona Ituu Baabboorraa duulan
# Warra_Baabboo jechuun, kan Ituu Liibanirraa duuln
# warra_Liiban , kan Ituu Baaye irraa duulan # Warra_Baaye , kan
Ituu Jiille irraa duulan # Warra_Jiille jechun, kan Hararghe
bahaa Qobboorraa duulan # Qobboo jechun, kan
Komboolcharraa duulan # Koomboolcha jechuun, hangi xiqaan
iIuu abbaa booraa irraa duules # warra_Iluu jechuun, kan
Booranaa irraa duulanis # Boorana jechuuni ture lafa walloo
jadhamtu tana maqaa ganda dhalootaa fi irraa duulaniittiin
moggaafachaa turan. Sababa kanarraa ka’uuni ture hanga
arraa moggaasni lafa Harargheeti fi walloo, akkasumas
maqaan gosa Oromoo Hararghee fi Wallootis kan haala addatti
walfakkaachuu danda’eef.
Hanga ammaa uffannaan Aadaa Oromoota Hararghee fi Walloo
qofti kan walfakkaachuus danda’eefis kanumarraayi. Fakeenya
Oromoo keessaa uffata Aadaa Marxoo, Billawa, Goofaree,
Ulee, Shuuwaaka, Filaa, fi kkf uffata Aadaa Dhiiraa walfakkaatu
qabu Hararghee fi Walloo qofa kan tahu danda’eefis ka’uumsi
seenuma kanarraa akka tahe himama. Gara dubartiitiinis
Shurrubbaa, Shinshinii, Kaafuraa, Callee, Kilkillee, gumee fi
saakayyoo suuqachuunis aadaa hedduu walfakkaataa tokkoo
tahe kan qaban Hararghee fi Walloo kan taheefis kanumarraayi
jechuun ni danda’ama. Kanaafuu walitti dhufeenyi Walloo fi
Hararghee, (keessaafuu Ona Ituu) seenaa dheertuu fi
hidhatinsa hidda dhiigaa gadi fagoo kan qaban tahun sirriiti
hubatamuu fi hogu mara yaadatamuutu irra jiraata.
Seenaa teeenya ambi afaan, aadaa fi seenaa keenya hin
beekneetu akkumma fadheti nuuf barreesaa waan turaniif akka
biraati nuuf barreessaa turan. Ammaaf Dhimma hidhatinsaa
kanaa akkumma jirutti fuuldura kan itti dachaanu tahee,
ammaaf gara jaarraa 19ffaa ti haa deebinu.
.
.
.
Itti fufa

No comments:

Post a Comment

mootittii saba'a Queen of sheba

"Mootittii Saba'a""Queen sheba" ----------------------------------------------------------------- ★Miky Sultan Bar...