Translate

Saturday, February 27, 2021

# Walaloo Hortee Baareentummaa

Walaloo Hortee Bareentumaa!!
☆☆☆☆☆☆☆
Hortee Bareentumaa
Sab-boontoota walloo
Madda Sab-boonummaa
Raayyaa fi Azaboo
Qobboof warra Yejjuu
Ilmaan Abbaa waaxoo
Iluuf warra Hebanoo
Yaa gootoota walloo
Baabboof wayyuu
Ilmaan dhiiga tokkoo
Gabrummaa buqaasaa
Itti fufaa qabsoo!!2

Walloo biyya gootaa
Biyya gootowwaanii
Jaalattoota haqaa
Jaallawwaan qaqqaalii
Jaallan hedduu dhabnee
Kan Sabaaf kufanii
Nutti dhiise madaa
Yaadannoon isaanii
Qabsoo itti fufaa
Daandii jaallawwanii
Bilisummaa jennaa
Gumaa dhiiga Saanii
Seenaan haa yaadatuu
Jaallawwan kufanii!!2

Jaallawwan warraaqoo
Kan qabsoof kufanii
Irraaffachuun qabnuu
Jaallewwan kufanii
Dirree gubbaa Ciisaa
Lafeen jaallawwanii
Warra Ofii kufee
Xurree nuuf Saaqanii
Warra dhiiga Saaniin
Qabsicha jaaranii
Yoomuu hin dagannuu
Galata isaanii!!2

Maqaa Saanii kaafnaa
Haa yaadannuu Saanii
Jaal M/d dirree(Goota babbaas)
Hiddee Liibantichaa
Sab-boontoota Sabaa
Urjii lola keessaa
Jaal Abduu Idiris
Jaal Yuusuf M/d
Jaal Adamii Leencaa
Jaalattoota Sabaa
Burqaa Sab-boontootaa
Jaal Umar Hiddiyyee
Jaal Sayyoo Aliyyee
Qabsoo Sabaaf jecha
Goota baay'ee dhabnee
Jaal Adamii maammaa
Jaal Huuseen Sooressaa
Gumaa dhiiga Saanii
Bilisummaan baasaa
Jaal Ahmad Siraajuu
Jaal Hiddee Adamee
Jaal Huusanee Idris
Isaan kufan malee
Qabsoon hin dhaabbannee
Jaal Idiris Abduu
Jaal Badhaasoo Idiris
Warra lolee kufee
Qabsoo Saba Saaniif
Jaal mahammad Abdoo
Jaal Ahimad Idiris
Seenaan haa yaadatuu
Jaallawwan kufanii
Jaal Aluwwaa Ussoo
Jaal Huuseen Fantaa'ee
Jaallan kana Cufa
Qabsoof jecha dhabnee
Jaal Idirs mahammad
Jaal Abduu Hiddee
Jabaadhaa Saba koo
Qabsoof jecha dhabnee
Itti fufaa qabsoo
Akka hin dhaabbannee
Jaal Adam Idiris
Jaal Sayyoo Alii
 Warraaqxoota haqaa
Gootowwan qaqqaalii
Bilbilaatii jiraa
Daandiin gootowwanii
Sab-boontoota walloo
Haa yaadannuu Saanii
Yoomuu hin dagatuu
Galmeen Saba Saanii!!2

Gootowwan walloodhaa
Hedduu isaan dhabnee
Kaanis galmeef dhiifnee
Kaanis fakkiif kaafnee
Dhaamsa Sab-bootootaa
Akka hin dagannee
Irbicha diiginaa
Eegaa nuti kufnee
Qabsoo itti fufaa
Akka hin dhaabbannee
Eegaa maal Abbaasaa
Qabsoof jecha dhabnee
Aadaa du'aa taanaan
Qonnee wal-Awwaallee
Murticha diiginaa
Eegaa nu dabarree
Jechuun dhaammatanii
Warri qabsoof dhabnee!!2

Dhaamsa gootowwanii
Sinitti dhaammannee
Imaanaa jaallewwan
Akka hin dagannee
Sab-boontoota walloo
Jaallan hidduu dhanee
Qabsoo itti fufaa

No comments:

Post a Comment

mootittii saba'a Queen of sheba

"Mootittii Saba'a""Queen sheba" ----------------------------------------------------------------- ★Miky Sultan Bar...