Translate

Friday, February 26, 2021

# Kumsaa Moroda

#Kumsaa_Mooradaa (1870-1824). 
(Muceenis Goota, Kumsaanis Goota.
Fuggissoo Dubbii Keenyaa mee akkam nu gota?!!!).

Kumsaan Minilikiif erga gabbareen booda amantaa jijiiratee, amantaa Kirstaanaa fudhachuun, amanamummaa Atseef qabu kanaan itti mul'ise. Erga Kiristaanoomeen booda maqaan isaaf kenname #Gabra_Igizaabiheer yoo tahu, Kumsaa Mooradaa, Mootii Leeqaa Naqamti kan ture ilma Mootii Mooradaa Bakaree ti. Akkumma #Sulxaan_Abbaa_Jifaar, #Mahammad_Alii(Ras Haayila Mikaa'eel), #Ras_Taklahaymaanooti(Goojjaam) fi #Goobanaa_Daaccee faati, Kumsaa  Mooradaatis warra karaa nagayyaatiin Atse Minilikiiti harka kennuun, Minilik wajiin Itoophiyaa ijaaruun, capha Oromoo mootoota mirkaneessani dha. Bara jarri kun achii Minilik simatanii lafaa fi lafee Oromoo Harka nafxanyaa galchan, baha Oromiyaati immoo #Mucee_Ahmad_Mucee, #Yaayya_Alii_Siree, #Bakar_Waaree, #Ibroo_Shaxaa, #Leenjisoo_Diigaa fi kkf, "Osoo Lubuun jirruu lafaa fi lafee Oromoo abadan alagaaf dabarsinee hin laanu, Duunee baduu nuuf wayya" jechuun warra lubbuu ofii warreegama kaffale turan. Haa tahuu, Yeroo Ammaa Kumsaa Mooradaatis, Mucee Ahmad Mucee tis, #goota_Oromoo ja'amani waluma qixa ittiin yaamamu. Ulaagaan nama tokkoo Goota Oromoo jechisiiftee ittiin waamsistu hamma tarraa'ee kaayyame sabni irratti waliif gale hin jiretti, akkasitti hunduu yaamamuun humaa rakkoo hin qabu. 

Kumsaa Mooradaa gaafa lola gaarreen Adwaa waraana qabatee lolicharratti hirmaatee jira. Gumaacha Adwaarratti taasiseenis angoo Dejaazmaach ja'amtu argate ture. Mukeen fufurdaa masaraan Minilik Finfineeti ittiin ijaaramu baadhachiissee, Oromoota Wallaggaa baayyee hanga finfineeti akka fichisiise himama. Amna Karaa dheeraa kana jidduuti ilmaan oromoo muka san osoo gara finfinee fidanii dhuman seenaan haa tilmaamu. Kun akkumma jiruuti tahee, Kumsaa Mooradaa Magaalaa Naqamtee keessattis Masaraa ijaaratee qaba. Guddina Magaalaa Naqamtee tiif hedduu akka gumaaches seenaan isaa ni dubbatti. 

Akka ilaalcha dhunfaa kiyyatti, Kumsaa Mooradaatis haa tahu, Mahammad Aliitis (Abbaa Lij Iyyaasu) tahe, Goobanaa Daaccee, Capha Sirna Gadaa Oromoo mirkaneessanii, Itoophiyaa ijaaruun isaanii haa tahu waan rakkoo qabu miti haa jannu, Garuu erga Minilikii wajiin Sirna Gadaa cabsanii Itoophiyaa ijaaranii, guutuumaan guutuuti Itoophiyaa Nafxanyootaaf dabarsanii laachuun irra hin ture yaada ja'un qaba. Kumsaa Mooradaa bara 1924 du'aan adunyarraa darbe. Biyyeen itti haa salphatu janna moo Oromoon dhiifama haa gootuf jenna. Isintu beeka. 

Horaa Bulaa.

No comments:

Post a Comment

mootittii saba'a Queen of sheba

"Mootittii Saba'a""Queen sheba" ----------------------------------------------------------------- ★Miky Sultan Bar...