Translate

Saturday, March 6, 2021

# Gojoba/ # Gilee/ # Faaya Aadaa oromoota Walloo/ Waloo

Gojoba' Gilee''
*********------*************
Gilee'' Gojoba' Gileen meeshaalee faayaa Aadaa oromoota walloo keessaa isa tokkoodha.Hidhannoon akka kanaa akka waloo( walloo) oromootti Gilee'' Gojoba jedhamee beekama. Kan dalagamus hojjatootuma meeshaalee Aadaa bifa Aadaatin dalaganiin naannuma sanatti hojjatama.hidhannoon kun ijoollee umriin dargagguumma irraa ykn tiksee jalqabde irraa kaasee uffata aadaa wajjiin hidhatama.tikseen horii,re,ee ,gaalaa huundi hidhataniiti faayamanii deemu faayidaan isaa.. oromoonni walloo irra caalaa horsiisee bultoota waan ta,aniif yoo rakkoon irra qaqqabe dafanii gojoba kanaan akka itti fayyadaman isaan gargaara. Fkn. Yoo re,een, loon waa tokko jalaa ta,e ittiin qaluuf,waa ittiin irraa muruuf...faayaaf, diina ofirraa itti eeguufis nii ta,a.
Gojobattii gilee kan hidhannaan randaa takkaa goojjoo baanee teenya bultiin keenya takka bultiin keenya ganda jedhiin. Ajab ajab hayyohoo.....

Saanjaa kee hidhadhuu
Gilee ( gojoba) luqqifadhu
zinnaarii wajjiiniiin
kilaash darrabadhu
anis kan keetumaaa
atis bar kootuma
biyyis kan keetuma
Booniiti jiraadhu
Aadaaf enyummaan kee
Booniitii jiraadhu...

No comments:

Post a Comment

mootittii saba'a Queen of sheba

"Mootittii Saba'a""Queen sheba" ----------------------------------------------------------------- ★Miky Sultan Bar...