Translate

Sunday, March 7, 2021

MEESHAA AADAA XAXXOO

MEESHAA AADAA XAXXOO
Xaxxoon meeshaa Aadaa Oromoo Walloo keessaa isa tokko.
Xaaxxoo kanatti kan gargaaramu akka aadichaatti dubartoota.
Xaxxoon kan irraa tolfamu muka lookoo harooressaati. Lookoo
harooressaa kana babbaqaqsuun
 erga hojjatamee booda gogaa 

looniitiin hodhama.
Faayidaan xaxxoo uffata urgeessuuf tajaajila. Kunis, xaxxoo
kana boolla qayyaarratti gombisuun uffata gubbaatti uwwisuun
jalaan qayyi itti aarfama. Akka Aadaa Oromoo Wallootti
dubartiin qayya qayyattu takka xaxxoo manaa hin dhabdu.
Xaxxoon kun keessumattuu, yeroo dubartiin deesse uffata
daa'imaa urgeessuuf baay'ee filatamaadha.
Xaaxxoon Aanoota shanan keessaa Aanoota afran jiran keessatti irra caalaa fayyadamani.kan Aanaa baateen alaa..baatettis nii fayyadamu garuu irra caalatti Aanotan afran jiran irratti fayyadamu.

/2012/6/3/

Kitaaba Abbaa hagaa irraa

No comments:

Post a Comment

mootittii saba'a Queen of sheba

"Mootittii Saba'a""Queen sheba" ----------------------------------------------------------------- ★Miky Sultan Bar...