Translate

Monday, March 8, 2021

#Masjiida_ Badree -Walloo Baatee.

S͟E͟E͟N͟A͟A͟ G͟A͟B͟A͟A͟B͟A͟A͟ M͟A͟S͟J͟I͟I͟D͟A͟ B͟A͟D͟R͟E͟E͟

Masjidni kun bara 1943 yeroo mootummaa Hayila Sillaasee kan ijaarame yoo ta’u, masjiida kana namni  hojjachiise Sheh Abduu Amaan jedhamu. Namichi kun amantii isaatti baay’ee cimaa waan ta’eef  ummata qindeessuun ummanni humna qabuu fi qarshii qabuun waliin akka hojjatan gahee guddaa
taphateera. 
Sheh Abduu Amaan nuffii tokko malee dadhabe osoo hin jedhin ummata cinaa ta’uun hojjachiiseera. 
Masjiidni kun dura bifa mana citaatiin ijaaramee erga waggaa 24 tajaajileen booda achumatti qorqorroodhaan akka haaromfamu godhameera. 
Masjiidni Badree magaalaa Baatee irraa tilmaamaan fageenyaan   30KM irratti ganda Daamatoo araddaa Addeelleetti argama.
Gandootni masjiida kana kallattii afraniin daangessan 
Kallattii bahaan ganda  Malkaa Taa’aa
Kallattii dhihaan  ganda Qabballee
Kallattii kaabaan ganda Garfa Uranee 
Kallatti kibbaan  ganda  Coqortii
Masjidni Badree bara 1993 irraa  eegalee jenereetara abbaa qabeenyaa dhuunfaa tokkoon bitameefiin itti fayyadamaa jiru. 
Maqaan masgiidichaa jecha afaan Arabaa BADIR  kan jedhurraa kan dhufe yoo ta’u hiikni isaas QULQULLUU jechuudha. 
Bal’inni masjiidichaa  25m x 28m yoo ta’u masjiidichi kutaa tokko qofa ta’ee baay’ee bal’aadha. Masjiidni kun hojjatamee xumuramuuf waggoota shan(5) lakkoofsiseera. 
Namichi (ogeessi) masjiida kana ijaare biyyaa suudan irraa fidanii waan isa barbaachisu hunda kanneen akka qarshii, mana galmaa fi wantoota nyaataaf  ta’u hunda gargaarsa ummataan kan laatamuudha.

                  M͟E͟E͟S͟H͟A͟A͟L͟E͟E͟ M͟A͟S͟J͟I͟I͟D͟N͟I͟ K͟U͟N͟ I͟R͟R͟A͟A͟ I͟J͟A͟A͟R͟A͟M͟E͟

Keessi lafasaa  biyyee irraa  kan  ijaarame  dhaabni masjiidichaa dura dhagaa fi nooraa yoo ta’u  isa booda tokkummaa ummataatiin yeroo ammaa kana cirrachaan suphameera. Masjidni kun waggaa 68tiif balbala (hulaa)  fi foddaa hin qabu ture. Bara 68 booda balballi masjiidichaa sibiila laameraa fi foddaan 4 muka xaawuulaa irraa hojjatamera. Haa ta’uu malee foddaan tokko yeroo  ammaa kana banuu fi cufuurratti  rakkoo guddaa qaba. 

Y͟E͟R͟O͟O͟ A͟M͟M͟A͟A͟T͟T͟I͟ M͟A͟S͟J͟I͟I͟D͟N͟I͟ K͟U͟N͟ T͟A͟J͟A͟A͟J͟I͟L͟A͟ A͟K͟K͟A͟M͟I͟I͟ H͟A͟W͟A͟A͟S͟A͟A͟F͟ L͟A͟A͟C͟H͟A͟A͟ J͟I͟R͟A͟?

Namootni ganda sana jiran guyyaa guyyaan achi deemuun akkasumas torbee torbeen guyyaa  Jimaataa bakka sana deemuudhaan solaata jama’aa solaatanii uumaa isaanii  kadhaatu. Baruumsi amantaas gama abbootii amantaatiin ni barsiifama
Ummatni yeroo ayyaana adda addaa fknf:- yeroo ayyaana Iid al-Faxiir, Iid al-Adahaa fi yeroo moolidaa bakka sanaatti wal ga’uun sirna kabaja  ayyaanichaa ni kabaju.
Yeroo  adda addaa;-Fakkeenyaaf, yeroo caamni hammaatu  namootni bakka masjiidichaatti wal yaamuun sirna kadhannaa niraawwatu,namootni wal dhaban bakka kanatti sirna araaraa nitaasisu(keessumattuu namootni wal ajjeesan bakka kanatti sirna araaraa nigaggeessu),---

/Barreessaan:- Mahammed Abduuti/

No comments:

Post a Comment

mootittii saba'a Queen of sheba

"Mootittii Saba'a""Queen sheba" ----------------------------------------------------------------- ★Miky Sultan Bar...