Translate

Monday, March 8, 2021

# Hora Caacaatuu

H͟O͟R͟A͟ C͟A͟A͟C͟A͟A͟T͟U͟U͟

Horri Caacaatuu magaalaa 𝐁𝐚𝐚𝐭𝐞𝐞 irraa gara baha biiftuutti daandii 𝔸𝕨𝕤𝕒𝕒 deemsisuun fageenya 10𝐊𝐌 ta’u irratti ganda 𝐂𝐚𝐚𝐜𝐚𝐚𝐭𝐮𝐮 keessa araddaa ℂ𝕒𝕒𝕔𝕒𝕒𝕥𝕦 jedhamuun beekamu keessatti argama.

ꨄ︎ Moggaasni hora kanaas kan moggaafame maqaa araddaa inni keessatti argamu irraa akka ta’e seenaan barreeffamee fi manguddoonni biyyaa ni dubbatu. Hurki hora kanaa bahu lafa qarsaa keessaa yoo ta’u madda bishaanichaa irratti manni kutaa 𝐥𝐚𝐦𝐚 qabu waan ijaaramee jiruuf hurki bishaan ho’aa kana keessaa bahu achuma keessatti  dacha’uun gungumaa lola’uun dhiiraa fi dubara bitaa mirgaan wal qixxeessee arjummaa isaa oolaaf. Kanas namni achi dhaqe ijaan argee fi gurraan  dhagaheetu ragaa ba’aaf. Ho’inni hora Caacaatuu akkuma hora godina keenyaa,𝗔𝘄𝘄𝗲𝗲𝘁𝘂𝘂 fi 𝗕𝗼𝗿𝗸𝗮𝗻𝗻𝗮𝗮 kan ho’u ta’ullee yeroo ammaa kana ho’i isaa gadi hir’ataa jira. Hurki isaatis gad bu’ee  jira. 
kunis dawummaa (qorichummaa) isaa akka hin hir’isne waan shakkisiisuuf itti yaadamuu qaba. 
Horri kun kan argamu tabba 𝗦𝗮𝗱𝗶'𝗶(3) marfatee laga Caacaatuu maddiitti olsiqee gaarreenii fi masgiida umriin baay’ee turaa fi seena-qabeessa ta’e cinaatti argama. Akkasumas, tabba kanneen keessaa tulluun fuula dura horichaatti guntuttee argamtu maqaa fi seenaa ishee qabattee isin eegdi. Maqaan tabba kanaas yeroo ammaa kana 𝘁𝗮𝗯𝗯𝗮 𝘄𝗮𝗮𝗻 𝗸𝗼𝗿𝗿𝗲𝗲 jedhamuun beekama.𝗖𝗮𝗮𝗰𝗮𝗮𝘁𝘂𝘂𝗻 harkashee diriirsitee daawwattoota ishee simachuuf, hawwata uumamaa fi nam-tolchee bakka tokkotti walitti qabameen imaltuu bashannansiisuuf ammas irra deddeebitee nadaawwadhaa jetti… deebii kennaafii.

✔︎ Horri Caacaatuu haala ammayyaatiin misoomee hojiirra ooluu baatullee haawaasni naannichaa ijaarsa gargaarsa “Amhara Rehablitation and Develpoment Organization” irraa argateen ammayyeessuuf yaalaniiti jiru.Bashanaanaan alattis bishaan kun faayidaa adda addaa kennuu irratti argama.Fakkeenyaaf,uffata ittiin miiccachuuf, qaama nama laamsha’ee ittiin diriirfachuuf, dhukkuuba hoktoo, riihii fi dhukkuba qilleensaa (qurxumaanii)dhaaf guyyaa 3 hangaa 7 tti deddeebi’uun dhiqachuudhaan dhukkubootarraa bilisa ta’u.Bishaan Caacaatuu kun loon dhukkubsates obaasanii dhibeerraa fayyifachuuf itti fayyadamaa jiru.

シ︎ D͟u͟r͟i͟i͟r͟r͟a͟a͟ j͟a͟l͟q͟a͟b͟e͟e͟ h͟a͟n͟g͟a͟ h͟a͟r͟'a͟a͟t͟t͟i͟ h͟o͟r͟r͟i͟ k͟u͟n͟ h͟a͟a͟l͟a͟ a͟k͟k͟a͟m͟i͟i͟ i͟r͟r͟a͟ j͟i͟r͟a͟?

Yeroo mootummaa 𝗛𝗮𝘆𝗹𝗮𝘀𝗶𝗹𝗹𝗮𝗮𝘀𝗲𝗲 namichi maqaan isaa 𝗕𝗶𝗹𝗮𝗮𝘁𝘁𝗮𝗮 𝗞𝗮𝗮𝘀𝗮𝗮  jedhamu mana hora kanarratti ijaarsisuudhaan manneen keessummoonni keessa qubatanis manneen 3 ijaaramanii tajaajila kennaa turan. Dallaanis itti dalla’amee waardiyyaan qacaramee namoonni hora kanatti dhiqachuu dhufan saantima 𝗦𝗵𝗮𝗻𝘁𝗮𝗺𝗮(50) kaffaluudhaan itti fayyadamaa turan. Yeroo mootummaa 𝗗𝗮𝗿𝗴𝗶𝗶 immoo kaffaltiin isaa kun saantima 𝗗𝗶𝗴𝗱𝗮𝗺𝗶𝗶 𝘀𝗵𝗮𝗻(25) gad hir’isuudhaan kaffalchiisuun,kaffaltiin tajaajilamtootaa kun yeroo mootummaa lamaanittuu waardiyyaaf kaffalamaa ture. Yeroo mootummaa ℍ𝕒𝕪𝕝𝕒𝕤𝕚𝕝𝕝𝕒𝕒𝕤𝕖𝕖 qarshiin miinda waardiyyaa irraa hafe mootummaaf yommuu galu yeroo mootummaa 𝔻𝕒𝕣𝕘𝕚𝕚 garuu gandaaf galaa ture.

༄ Erga manni hora kanarratti mootummaa H/sillaaseetiin ijaaramee yeroo dheeraadhaaf suphaan waan hin taasifaminiif miidhaan jiguu irra dhaqqabuu dandahee jira. Yeroo mootummaa Dargii lolaan(yaa’i bishaanii) akka hora kana bakka isaa hin balleessine 𝙳𝚘𝚘𝚣𝚊𝚛𝚒𝚒𝚍𝚑𝚊𝚊𝚗  tolchame ture. 

𒊹︎︎︎ Ergasii booda bara as dhiyoo kaanatti faayidaa hora kanaa bu’uura godhachuun 𝐖𝐚𝐚𝐣𝐣𝐢𝐫𝐫𝐢 𝐀𝐚𝐝𝐚𝐚 𝐟𝐢 𝐓𝐮𝐮𝐫𝐢𝐳𝐢𝐦𝐢𝐢 𝐀𝐚𝐧𝐚𝐚 𝐁𝐚𝐚𝐭𝐞𝐞 dhaabbatoota mootummaa fi miti-mootummaa waliin ta’uun mana imaltoonni itti boqatan kutaa 𝐉𝐚𝐡𝐚(6) qabu ijaarsisee jira. Waan kana ta’eef qaamni dhimmi ilaalu hundi hawwata uumamaa kanaa fi kan biroos dhaloota itti aanutti dabarsuuf dirqama lammummaa habaanuu jechaa bulchiinsa aanaa irraa qabee tuurizimii aanaa keenyaaf xiyyeeffannoo halaannu dhaamsa jedhu dabarfanna. 

/sourc:- Turizimii Aanaa baatee/

No comments:

Post a Comment

mootittii saba'a Queen of sheba

"Mootittii Saba'a""Queen sheba" ----------------------------------------------------------------- ★Miky Sultan Bar...