Translate

Friday, March 19, 2021

# Masjiida Sattawwaa

𝐎𝐛𝐬𝐚𝐚𝐧 𝐚𝐤𝐤𝐚 𝐝𝐮𝐛𝐛𝐢𝐟𝐭𝐚𝐧 𝐚𝐟𝐟𝐞𝐞𝐫𝐚𝐦𝐭𝐚𝐧𝐢𝐢𝐭𝐭𝐮!

S͟E͟E͟N͟A͟A͟ G͟A͟B͟A͟A͟B͟A͟A͟ M͟A͟S͟J͟I͟I͟D͟A͟ S͟A͟T͟T͟A͟W͟W͟A͟A͟

Masgiidni Sattawwaa aanaa 𝐁𝐚𝐚𝐭𝐞𝐞  ganda 𝐆𝐚𝐚𝐫𝐢𝐫𝐨𝐨 araddaa 𝐒𝐚𝐭𝐭𝐚𝐰𝐰𝐚𝐚  jedhamu keessatti magaalaa Baatee irraa gara kallattii kaabaatti fageenya 21𝐊𝐌  irratti argama.

Y͟E͟R͟O͟O͟ F͟I͟ H͟A͟A͟L͟A͟ I͟J͟A͟A͟R͟S͟A͟ M͟A͟S͟J͟I͟I͟D͟I͟C͟H͟A͟A͟

✔︎ Masgiidni kun yeroon itti ijaarame yeroo mootummaa 𝑯𝒂𝒚𝒍𝒂𝒔𝒊𝒍𝒍𝒂𝒂𝒔𝒆𝒆 bara 1924 yammuu ta’u erga ijaaramee umrii waggaa 89 kan lakkoofsiseedha. Kanaafuu, masgiidota umrii dheeraa fi seena-qabeessa ta’an keessaa isa tokkoo dha.Bosona bakka amma masgiidni kun irra qubatee jiru ciruun akka ijaaramu kan godhan 𝐒𝐡𝐞𝐡 𝐀𝐝𝐚𝐦 𝐘𝐮𝐬𝐮𝐟 𝐈𝐛𝐫𝐚𝐚𝐡𝐢𝐦 kan jedhaman turan. Lafti masgiidni kun irratti ijaaramee kun  kan haadha manaa 𝐒𝐡𝐞𝐡 𝐀𝐝𝐚𝐦 ture. She Adam sheekota waahiloota isaanii waliin ta’uun ummata gurmeesuun dhagaa nooraa fi daaraa akkasumas, muka waliin makuun akka ijaaramu taasisaniiru.

ꨄ︎  Bal'inni masgiida kanaas 27𝒎 x 26𝒎 dha. Egaan, masgiida kana malee masgiidotni xixiqqoon dalluma masgiida guddaa kana keessatti ni argamu. Masgiidni guddaan gara kallattii kaabaatiin yemmuu argamu masgiidni inni xiqqaan immoo gara kallattii kibbaatiin argama. Kana malees, godoowwan xixiqqoon dallaa masgiida kanaa keessatti argamu. 
ꨄ︎ Naannoo masgiidni kun itti ijaarame baadiyyaa haa ta’uu malee dallaa masgiida kanaa keessa yoo seenan baadiyyaa osoo hin ta’in magalaa keessa waan jiran fakkaata. Keessi masgiida kanaas kutaa akka saaloonii guddaa tokkoo fi kutaalee xixiqootti kan qoodaman 7 of keessatti qabateera.  Kutaawwan xixiqqoo kana keessaa afatni lafaa halluuwwan adda addaatiin bareedaniin afamee jira. 
ꨄ︎  Masgiidni kun erga ijaaramee yeroo dheeraa kan lakkoofsise yemmuu ta’u waggaa waggaan ayyaana moowlidaa sababeeffachuudhaan amma danda’ameetti masgiidichi ni suphama. 

M͟O͟G͟G͟A͟A͟S͟A͟ M͟A͟S͟J͟I͟I͟D͟I͟C͟H͟A͟A͟

Masgiidni 𝐒𝐚𝐭𝐭𝐚𝐰𝐰𝐚𝐚  kun kan moggaafame maqaa araddaa sattawwaa jedhamu irraa yoo ta’u bakki masgiidni kun qubatee argamus achuma araddaa Sattawwaadha.

T͟A͟J͟A͟A͟J͟I͟L͟A͟ M͟A͟S͟J͟I͟I͟D͟I͟C͟H͟I͟ Y͟E͟R͟O͟O͟ A͟M͟M͟A͟A͟ L͟A͟A͟C͟H͟A͟A͟ J͟I͟R͟U͟

✔︎ Namoonni wal-lolan gara Sheekolii masgiida kanaa deemanii araaramu. 
✔︎ Barattoota amantaa Muslimaa Qur’aana qaraasisuu irraa eegalee sadarkaa hanga Sheekumaatti nibarsiisa.
✔︎ Yeroo hongeen hammaatuu ummatni Muslimaa naannawa sanaa walitti yaa’uun Uumaa isaannii araara kadhatu
✔︎ Guyyuutti salaatni jama’aadhaan itti solaatama.
✔︎ Torbeetti guyyaa 𝐉𝐢𝐦𝐚𝐚𝐭𝐚𝐚  jama’aa guddaatu itti solaatama.
 ✔︎ Yeroo 𝐌𝐨𝐰𝐥𝐢𝐝𝐧𝐢 kabajamu durii namoonni Shawaa, Jimma, Eejjuu, Warra Baabboo, Garfaa fi k.k.f irraa dhufaniin kabajan turan jedhama. Yeroo amma kana garuu namoonni hamma durii baay’achuu habaataniillee malee ummanni hedduun bakka adda addaa irraa dhufuun masgiida kana irratti haala ho’aa taheen nikabaju!    

Ragaa kan sassaabe:-𝑨𝒃𝒅𝒖𝒍𝒒𝒂𝒂𝒅𝒊𝒓 𝑴𝒂𝒉𝒂𝒎𝒎𝒂𝒅 𝑴𝒂𝒂𝒎𝒎𝒐𝒐
Qindeessee kan barreesse:-𝑴𝒖𝒉𝒂𝒎𝒎𝒂𝒅 𝑨𝒃𝒅𝒖𝒖𝒕𝒊

By miky sultan

No comments:

Post a Comment

mootittii saba'a Queen of sheba

"Mootittii Saba'a""Queen sheba" ----------------------------------------------------------------- ★Miky Sultan Bar...