Translate

Tuesday, May 11, 2021

#BOOLLA QAYYAA

     BOOLLA QAYYAA!!  
 Faayiddaa boolla Qayyaatiifi ulannaa isaa, seera isaa.
by (miky sultan)
Boolla qayyaan afaan oromoo yeroo ta,u jechumti isaa Boolla kan jedhuufi Qayya kan jedhu irraa dhufe.Qayya jechuun immoo muka birreensaa ( Aara birreensaa) jechuudha.
Boolli qayyaa naannoo Amaaraa Goodina saba oromoo wallootti irra caalaa naannoo ummata baadiyyaa biratti kan baayyee jaalatamuufi baayyinaan mana keessatti kan dalagamu Aadaa seera Aarfannaati.
Sirriidha boolli qayyaa naannoo wallooti baayinaanif akkasumas naannoo oromiyaattis ittii fayyadamu.
Akka aadaa naannichaatti Aara boolla qayyaatti durbeen hin heerumne hin aarfattu.irra caalatti kan aarfatan durbee heerumtee jirtuudha.akkasumas kan heerumtee beektuudha.misirroon heerumte tokko guyyaa heerumtee  (caagulaa) seentee kaatee aarfachuu eegalti.Saniif jecha jaarsi ishee misirratti wantoota dalaguuf keessa inni tokkoffaan boolla qayyaa uruufiifi wantoota qayyaaf barbaachisan huunda guutufidha.fkn,muka birreensa ykn ijersaa mukeelee urgaayan kkf guutaaf jechuudha.

Dabalataan firri misirattii yeroo gaafachuuf ishee bira dhufan eerga heerumtee guyyaa sadaffaa isheetti yeroo dhufan meeshaalee fuudhanii dhufan keessaa tokko muka qayyaaf ta,u Birreensaa ykn ijersaadha.ummatichi ilaalcha boolla qayyaaf kennee jiru baayyee jabaadha.
Akkamitti akka ittiin fayyadamamu ballinaa haa laalluu.
Jalqaba lafa Aaraaf gargaara jedhame yaadamu lafa uraa dhiphaa urama.miila irra kaayachuuf akka toluuf jecha jidduu uraa kanaa ol mukni dalgee tolchama.dhumiisa irratti uraa dhiphaa kana jala deemuu ol siqee naannoo isaa dhoqqeedhan tolfama( maragama). Dhumiisa irrati teessoof jecha afaan boollaa irratti mukni afamee babbareechamee nagayaan dalagama. 
Aarsuuf mukoolee barbaachisan> Birreensaa,Agamsaa,fi muka misiraach,ijeersaa mukoolee jedhaman yeroo ta,u.  Garuu irra caalaa qayyaaf kan barbaadamu muka birreensaa jedhamu muka gogaan isaa "keelloo" fakkaatudha.Birreensaas ta,e muka aaraaf barbaachisan naannoo san jiran fiduudhaan osoo baayyisanii hin qaqalisin mummurama.San booda boolla uramee tolchame san keessa ibidda cilee buufamee jiru san keessatti  galchuudhan hanga nagayaan Aarri aaru eegama.
Durbeen Aarfachu barbaadde sun qaama ishee nagayaan dhiqachuudhan qaama ishee Qaluu( dhadhaa) dibatti.
Achi booda naanno boolli aarfannaaf qophaaye san galuun irra teessi.Akka aarri sun hin baaneef gogaa kallee( birdlibsii) ykn gaabii uffachuudhan ofitti martee sa,atii  murtaa,eef teessi.gadii ol Aarri aaru sun ho,a waan jiruuf Aarri sun  qaama ishee akka dafqu godha.eega qaamni ishee ho,ee qaamni ishee dafqaan waliin ga,ee booda akkuma gaabii uffate jirtu saniin irraa ka,uudhaan hanga dafqi ishee qorruuf yeroof akka qilleensi ishee hin dhoofne( rukunne) maratteetuma rafti. Akka Aadichaati idduma raftee booqannaa fudhachaa jirtu sanitti hanga dafqi qorruuf dhaangaan(nyaati) akka, marqaa,muuqii,caccabsaa ykn nyaatoota qophaayanii jiran  biraas nyaachuudhaan eega of qabbaaneesiteen booda kaatee qaama ishee dhiqattee qulqullooftee  uffata ishee uffatti.
Akka Aadaa naannichaatti durbi boolla qayyaa hin fayyadamne.
Durbee mataa ishee hin eeganne qulqullinni hin qabne, ta urgii qaama isheetiif hin dhiphanne jaarsa isheetif kabaja kan hin qabne Aadmaleetti godhamtee ilaalamti.Arrabsamuus dandeessi.
Durbi eega heerumtee boolla qayyaa seenuunifi harkaaf miila isaanii hinnaadhaan diimeefachuun dirqama itti ta,a.Boolla qayyaa Aarfachuun akka durbeen tokko qaamni ishee bareeduufi qaamni ishee urgaa,uuf ishee gargaara. Qaama qulqulleessa,Bugurii balleessa,rifeensa dheeressa, dhukkuba mahatsanii irraa nama tiksa.dhukkuba qilleensaa irraa nama fayyisa.dhukkuba da,aan booda dhufan akka saffiisaan fayyan gargaara,Qaamni akka jabaatu gargaara,waa huunda caalaa jaalala jaarsaaf jaartii jidduu jiru jabeessa. 
Sirni boolla qayyaa Aarfannaa kun sirna Aarfanna Aadaa goodina oromoo walloo kesssaa isa tokko ta,us amma irratti garuu  baadiyya bahee naannoo walloo addaa addaatti fkn Raayyaati,naannoo oromiyaatti achi darbee Gujii,Arsii,fi Booranas ballinaan faayidaa irra oolaa jira.yeroo xiqqoon asi beekkamttii argatee magaalee addaa keessatti beekamaa dhufeera.
Yeroo ammaa kanatti  magaalaa finfinneetti fi magaaloota addaa addaatti boolli qayyaa banamanii dubartootaf bareedinnaaf akka oolu ufi galii bussines ta,ee jira.Qorannoon barbaachisaan karaa saayinsiitin qoratamee faayidaaf miidhaa isaa wanti jedhamee jiru jiraachuu baatus  warroota fayyadaman irraa akka argannetti wantooti olitti dhawaman(waamaman)faayidaa akka kennan amanama.
Aadaan keenya bareedinaafi ibsaa enyummaa keenyaati.
@Oromo_graphya1
@Odaatiktok
http://t.me/Oromo_graphya1

No comments:

Post a Comment

mootittii saba'a Queen of sheba

"Mootittii Saba'a""Queen sheba" ----------------------------------------------------------------- ★Miky Sultan Bar...