Translate

Monday, May 10, 2021

#SEENAA GOOTICHA EEBBISAA ADDUUNYAA

SEENAA GOOTICHA OROMOO EEBBISAA ADDUNYAA.

Seenaa qabsoo Oromoo keessatti qooda guddaa kan qabu weellisaa Eebbisaa Addunyaa, Hagayya 30, bara 1996 wareegame. Sirboota qabsoo Ummata Oromoo daranuu jabeessan hedduu gumaacheera Eebbisaan.
{{Artistii‎| | Maqaa = Eebbisaa Addunyaa | Maqaa dhalootaa = Mucee Addunyaa | File = | Guyyaa dhalootaa = | Bakka dhalootaa = Dambi Doolloo | Guyyaa du'aa = Hagayya 30, 1996 | Bakka du'aa = Finfinnee | Ogummaa = Weellisaa, walalee

ABOtti Makamuusaa

Bara 1991, odoo Eebbisaan ramaddii yuunivarsiitii eeggachaa jiruu, humnoonni ABO, ABUT(TPLF), fi ADWUI(EPLF) mootummaa Dargii kuffisan. Magaalaa Eebbisaan keessa jiraatu Dambii Doolloo keessatti, ABOn buufata waraana guddaa dhaabe. Yeroo sana, Eebbisaan haalli jireenya ummata Oromoo garbrummaa ta'uusaa waan hubateef akkasumas barbaachisummaa Oromoon hireesaa ofiif murteeffachuuf qabu waan itti amaneef, kanaaf qabsaawuuf jecha dhaqee ABOtti makame. Eebbisaan jalqaaba akka daballeetti kan leenji'e yoo ta'u dandeettii addaa waan agarsiiseef, buufata ABO kan Dambi Doolloo keessatti leenjisaa dabballootaa ta'ee muudame. Dandeettii waraanaa qofa odoo hin taane, Eebbisaan dandeettii sirbaas ni qaba ture; kennaa sagalee isa qabu bukkeetti meeshaalee muuziqaa baayyees ni taphata. Sababa kanaaf, Eebbisaan hawwisoo ABOtti makamee aadaa, wallee, fi eenyummaa Oromoo mullisuurratti ga'ee guddaa taphate.
Bara 1991 fi 1992 guutummaassa, Eebbisaan Oromiyaa keessa naannoo adda addaa (kibba, kibba lixaa, giddu galeessa, dhiha) deemee weellisaa ture; sirboonni isaa sirba aadaa yoo ta'an ergaan isaanii garuu kan warraaqsa (revolution) kakaasan turani. Eebbisaan, sirboota isaatin hacuuccaa ummata Oromoorra ga'u ifatti baasee kan ibsu yoo ta'u karaa ittiin Oromoon mirga isaa gaafatuu fi falmatus ni ibsa.
Akka nama dhuunfaatti, Eebbisaan nama gara laafessa ture; ummata Oromoo garaa guutudhaan jaalata ture, baayyee dimmaafis ture. Eebbisaan namoota gargaaruu fi dhimmuufiif nama duubatti hin jenne ture; obboloota isaa, firootasaa, ollaasaa, namoota gargaarsa barbaadan kamiyyuu ni gargaara ture. Eebbisaan artisitii baayyee jaalatamaa, dinqisiifamaa, fi saboonaa dha. Eebbisaan jalqabaa qabee gootummaadhaan beekkama. Erga ABOn biyyaa ba'ee geggeessitoonni isaa biyyaa baqataanii ABO dhoksaadhaan socho'uu jalqabee boodalle, Eebbisa sirba isaatin hammenya mootummaan Itoophiyaa ummatarraan ga'u ibsuu hin dhiifne. Eebbisaan baayyee ija jabeessa, kan hin sodaanne fi ifatti hojii shororkeessummaa mootummaan Itoophiyaa ummata Oromoorraan ga'u balaaleffachuurraa duubatti jedhee hin beeku. Deeggarsa WBOtif qabus amma dhumaatti ittuma fufe.
Sababa Eebbisaan ija jabeessa ta'eefi ifaan ifatti ajjeechaa fi sarbama mirgaa mootummaan Itoophiyaa raawwatu balaaleffatuuf, ofuma isaayyuu ilaalcha mootummaa keessa akka galu godhe. Akka Oromia Support Group Press Release No 17 jedhutti, nama umurii 26 kan ta'e hiriyaan Eebbisaa mootummaan akka isaan hordofaa fi too'achaa(surveillance) akka jiru bare; Eebbisa iddoowwan waltajii adda addaatti konkolaatadhaan kan geessu isa ture. Gaafa Hagayya 30, 1996 Eebbisaa Addnuyaa ergamtuu mootummaa Itoophiyaatin manasaa keessatti Finfinneetti ajjeefame.
@Odaatiktok
@Oromo_graphya1
https://t.me/Oromo_graphya1

No comments:

Post a Comment

mootittii saba'a Queen of sheba

"Mootittii Saba'a""Queen sheba" ----------------------------------------------------------------- ★Miky Sultan Bar...