Translate

Monday, May 10, 2021

#SEENAA JENERAL TAADDASAA BIRRUU

​​​​SEENAA GOOTICHA OROMO GENERAAL TAADDASA BIRRUU 

Kutaa 1ffaa
Gootichi beekamaan ilma Oromoo onneen isaa waa’ee saba isaaf dhiigdu kun kan dhalatee guddate Godina shawaa kaabaa nannoo salalee aanaa Hidhaabuu Abootee iddoo addaa Siree Morose jedhamutti dhalatee akka guddate seenaan tarree gootota Oromoo keessatti barreefame hedduun ragaa baha. J/Taddasaa Birruu akkuma ijoollee naannoo isaa biro ijoollumaan loon tiksaarra darbee umriin isaa yoo barnootaaf gahu mana barumsaa amantaa ortodoksiitti afaan gi’izitiin barumsa amantaa hodofuudhaan afaan gi’iizii bareessuu fi dubbisuun kan yeroo itti hin fudhanne ture. Haa ta’u malee daa’imni kun abbaan isaa quuqama sabaa waan qabuuf yeroo lola Xaaliyaani irratti duulee dirree waranaa irratti wareegamee ture. yeroo kana duuti abbaa isaa baay’ee isa gaddisiisee osoo jiruu Haati isaas rifaatuu abbaa manaa isherraan kan ka’e abbaan manaa ishee du’ee guyyaa saddetammaanitti(80) lubbuun isheellee darbuu danda’eera. Qormaanni jireenya walirratti leenca kana qunnamte akka inni barnoota isaa addaan kutuuf itti lallabde.

Kana booda dargaggeessi jaalala maatiisaa dhandhamee hin quufne kun karaa abbaa isaa qabachuun Xaaliyaani irratti duuluuf bosona akka gale dirree seenaa gootota oromoo keessatti barreefameera. Yeroo kanatti Essumni(obboleessi haadha isaa) Baraanbaraas Beekaa jedhamu waliin kutachuudhaan loltoota mataa ofii ummatanii biyya isanii faashistoota irraa buusuuf gara hallayyaa Calanqootti kutaan.

Xaaliyaanoonni meeshaa waranaa Ammayaa fi loltoota saanyinsii quufaan qabattee waan hirirteef falmiin ture caalmaa warra xaliiyaaniif dhundhumtee,waraana sa’aa 24 taasifameen J/Taddasaanfaa naannoo hoolqa Fincii jedhamtee waammamtuutti marfamanii harka laataan.sana boodaas akka qabamanii Hidhamtoota baay’ee waliin Gara Moqaadishootti ergamanii achitti J/Taddasaa Birruu hidhaan umrii guutuu akka itti murteefamu taasifamee ture.Egaa umrii sanatti dararamuun faashistootaani abdii kan kutachiise osoo hin taane,caalatti jabina kenneefi seenaa Ummanni oromoo har’a akka warqeef meetiitti laalu kana dalaguu danda’eera....itti fufa
@Odaatiktok
@Oromo_graphya1
http://t.me/Oromo_graphya1

No comments:

Post a Comment

mootittii saba'a Queen of sheba

"Mootittii Saba'a""Queen sheba" ----------------------------------------------------------------- ★Miky Sultan Bar...