Translate

Wednesday, June 9, 2021

#Dhayi Balaa karaa masalaa

#Dhayi_Balaa_Karaa_Masalaa !!!

Akkumma Beekamu 1950n Keessa sochiin diddaa gabrummaa bal’oon yeroo adda addaa Carcar keessatti gaggeefamte turte. Sochiin tun osuma deemtuu 1960nitti Oromoo kutaa adda addaa bira bifa adda addaatiin dhaqabee sabni Oromoo sochii lafa jala wal ijaaruu keessa gale. Dhuma 1960ni fi jalqaba 1970nitti Dhaaba Siyaasaa oromoon mataa jalatti qabachuun mirga ofiitiif ittiin qabsaa’aan ABO uume. Dhuma Bara 1973 G.C. Qabsoon hidhannoo bilisummaa oromoo bifa hammayyaan yeroo jalqabaatiif achumma Ona Ituu bakka sochiin falma bilisummaa Oromoota Ituutiin 1950n keessa itti jalqabamtetti deebitee, XIRROOti bifa hammayyaatiin abuuramte. Hawaasni Oromoo Carcar sochii #Girrigirrii_Mahammad_Jiloo jechuun, seenaa Oromoo keessatti beekamtuu fi sana boodas sochii Dhahi Balaa karaa masalaa ittiin jadhamterraa kaasee hamma danda’ee lafa jala caasaa qabsoo fi qabsaa’ootaatiin wal ijaaraa turan. 

Icciitiin Qabsaa’oota gameeyyii Oromoo akka Jaarraa Abbaa Gadaa, Elemoo Qilxuu, Hundee Dhaabaa, G/r Taaddassaa Birruufaatiin Onni Ituu #Xirroon Iddoo qabsoon hidhannoo bifa hammayyaatiin akka itti jalqabamtu filamteefis kanumaaf ture. Kun Assoosama osoo hin tahin seenaa qabatamaa yeroo dhihoo fi umrii abbootii keenyatti ture, kan Oromoon kamuu mataa ol qabatee ittiin boonu dha.

Kun akkumma jirutti tahee, Ammaaf waan hawaasa Hararghee hunda biratti baratamee akka salphaati afaan isaaniitii hin buune #Dhahi_Balaa_karaa_Masalaa yaada ja’urraa dubbachuun barbaada. Oromoon Aanaa dhuugootiin ala jiru Taphaafis tahe qoosaaf, rakkoo ulfaataan hogu irra gahees tahe, akka irra hin geenye hawwuuf “DHAHI BALAA KARAA MASALAA” yoo ja’an dhagayuun eenyuumaafuu haarawa kan tahu nati hin fakkaatu. Dhimmi kun yoo afaaniin ja’amu salphaa haa tahu malee, waan laayyooti jadhamuu danda’ee miti. Dhiiri meeqa itti warreegameeti malee. 

Dubbiichi akkana, mootummaa Abbaa Irree fi Abbaa Lafaa kan ture “mangistiin” Atsee Haayilasilaasee Mookooniin Haayilamikaa’eel Guddinaa, Xaaliyaaniin biyyaa ari’amee waggaa 5niif “#Tiyyaan_na_baasii biyya ingiliizitti koola galee jiraachaa turuun isaa ni beekama. Biyyi Xaaliyaani fi Jarman Lola Addunyaa 2ffaa keessatti akka malee waan moo’atamaniif biyyoota koolooniin qabatanii turan bulchuu mitii, biyya isaanii keessattuu mootummaan isaanii dandammachuu hin dandeenye. Sababa kanaatiin Warraani Ingiliiz kan biyya ollaa teenyaa Keeniyaa fi Suudaan kooleeneefatanii bulchaa turan kallattii lamaan gara Itoophiyaa duuluun, waraana Xaaliyaan kan warreeree Itoophiyaa keessa gara goru wallaale jiru, Biriitiiyeen akka Itoophiyaa bahu goote. San booda Atsee Haayilasilaasee Ingiliizii fidanii angoorratti deebisan. Atseen akkumma angoorratti deebi’een tarkaanfiin isaa tan jalqabaa Oromoota “Erga Gabrummaan gabrummaa taate, gabrummaa warri wallaalaan sigabroomsurra gabrummaa warra baratee wayya” jechuun xaaliyaanoota jalatti leenjii waraanaa adda addaa fudhatan faa adamsuu, Raadiyoo Afaan Oromoo Xaaliyaan Finfineeti jalqabde cuffuu, kitaaboota sagantaa barnoota naannoo Oromoon heddumaatuuf jadhame qophaa’ee barbadeessuu, kaneen gaafii sirni bulchinsaa fooyya’aan haa nuuf hundaa’u jadhani gaafii kaasan kaneen akka Balaay Zallaqaa faa fannissuu fi tarkaanfiilee kkf fakkaatan fudhachuun xaxame. 

Kanatti aansee Maatii fi namoota bara Xaaliyaan sana keessa akka sirni Haayilasilaasee deebi’u amanamoo tahani turaniif, sadarkaa guddina aangoo adda addaa kennuufii jalqabe. Rammadiin kutaa oromiyaa adda addaa irratti shuumanyaa godhaman. Irra caalaan isaanii warra naannoo Amhaararra gara jiddu gala biyyattiti dhufan turan. Keessaaffuu Ona Ituu Carcaritti kan muudame akka waan dachaan badhaafamanitti oflakkaa’uu turan ja’ama. Dur Carcar guutuuti lafa maggariisa taatus garuu, leellistummaan Shanan Dhuugoo moo hanga ammaa adda. Akkaataa kanaan, Hortee warra sanii keessaa nafxanyooni filamanii, lafti Shanan Dhuugoo Abbootii lafaa hedduuf adda qoqoodamte. Ganda Dajjaazmaach Laggasaa (Abbaa Addissuu Laggassaa) kan toora Laga Gaaleeytiitii kaasee, Dhuugoon, Gooliyyaan, Gooroo Re’eetiin, Waltaasisiin, Haranfamaan, Ajjaawaan, Coomaan dabalatee, lafti toora kanaa, tan maggariisaa fi jiidha qabdu hundi Nafxanyoota abbootii lafa jidduuti bifa haarawaan raabsamte. Yoo kana Ilmaan Oromoo Ituu araddaa ofiirraa Soomananii “Chiisanyummaa” mudatan. Lafa Shanan Dhuugoo Gaaleeytii kaasee hanga Malkaa ballooti jirtu,  tan dur SHANAN DHUUGOO jechuun beekamtu maqaa irraa jijiiruun WARADAA MASALAA jadhaniin. 

Duuba, Lafa gar tokkoon Ona Algaa, Gar tokkoon Ona Galaan turtee fi akkasumas Ilmaan Oromoo Ituu Gaaddullaa tahan hedduumiinaan irra jiran tana, hortee Abbootii lafaa muraasa harkatti galfatanii, akka booyraa jaldooti kudhuub ja’anii irra tattaa’uun, osoo hin laffa’iin Cooma jajji’aachaa, callaa saffarachaa, Deeymaaf Dhadhaa irraa nyaachuu turan.  Akkaataa kanarraa kan ka’ee maggariisummaa fi badhaadhummaa Carcar tan “Ilmaan Oromoo unatan, tan ilmaan Nafxnyaa dibatan” tahuuf dirqamte. 

Osoo kun akkanaan jiruu,jalqaba Bara 1950nootaa keessa wanni wayii Gaaleeytiin gamatti dhalatte. Ilmaan Oromoo Ituu roorroon guyyumarraa itti jabaachaa dhufte kun, mataa gad cabsanii #Balaa_Itti_dhufte tana Aamiin ja’anii fudhachuuf obsa dhaban. Kanaaf “Balaa nutti dhufte tanaaf fala kennuu qabna” jechuun sochii #Dhahi_Balaa jettu jalqaban. Akkumma “Ituu Garaa Hin Beekan” ja’amu sanitti osoo namuu irratti hin beekin hayyuulee gosaa keessaan lafa jala walittis lallaban. Malkaa Bal’oo, Shanan Dhuugoo (#Masalaa) fi hanga Gabiibatti irra jijireeyiin namaa walitti dhufuun maayibaasiilee baadiyaa toora Magaalaa Masalaa guutuuti marsan. Abbootii lafaa kaambii jireenya magaalaa Masalaa godhachuun,Bintoow rarraafatanii,  Gaangee Koranii kallattii hundaan boobba’uun callaa fi gibirra sassaabbachuuf turan bahaaf gala dhoorkan. 

Callaa Saffarattoota (#Balaa) baadiyaa noonnoo tanaa keessa, Malkaa Bal’oo kaasee Coomaan hanga Gabiibaa ti maadheefachuu jalqaban hedduu (#Balaa) qawwee irraa hiikatanii guuysuun masalaatti dachaasan. Duulli Balaa (Abbootii lafaa fi hortee abbootii lafaa) balleessuu kana Masalaan gahanii qofa hin dhaabne,  osuma dhahan osuma dhahan gaaleeytiin qaarsanii ganda Fiitaawuraarii Takla Hawaariyaati, Bishaan Boostaa (Hirna) ti galchan. “Abadan Amhaari Nu Hin Bulchu” jechuun caasaa Mootummaa Shanan Dhuugoo seenuu dhoorkan. Mootummaan jiddugaleessa Abbaa Irree Abbootii Lafaa 6 kiiloo ture dhimma kana dhagayyuus, murannoo fi kutannoo oromooni shanan Dhuugoo akka laaftuu hin tahin hubate, akka waan gaafii ummataa fudhatee deebii kennuufii fakkeessuuf, nama Oromoo Hararghee fi Saahiba amanamaa Haayilasilaasee tahe #Fiitaawraarii_Hussoo_Alii_Sharoo Ona Nooleerraa fidee irratti muude. Sochiin akkanaa tun obboleeyyan keenya kan Afran Qalloo, #Ona_Alaa keessattis hamma tahe kan jalqabamte turte yoo tahu, Abbaa Jaarraa Abbaa Gadaa #Fiitawraarii_Abraahim_Haamid muuduun araarfachuuf yaaliin godhamte ture. 

Ofiifuu biyya reefuu xaaliyaan jalaa baatee, kaznaa qullaa Haayilasilaaseen itti deebi’e, sababa lola addunyaa 2ffaa kufaatii diinagdee hamtuu keessatti argamtu fi Faalama qilleemsarraa kan ka’ee hoongeen kutaa biyyatti adda addaa waxalaa jirturraan, Oromoo Ituu sadarkaa kanatti sochii jalqabanitti kanaa ol boortaan deemuun, miidhaa salphaa hin taane akka qaqqabsiisu Tafarii Mokooniin waan hubateef, namoota sochii san keessatti bahanii mumul’atan lafti akka deebituuf tahee manguddumaan araarfachuun, tooftaan yeroof sochii san qabaneessuun danda’amtuus, sochii falma mirga oromoo bifa kanaan Carcaritti jalqabamte guutuumaan guutuuti qancarsee ajjeessuun osoo hin danda’amiin haftee arra gahuu dandeesse. 

Sochii Balaa Olii dhufte tana (Kaabaa) dhahuu keessatti, Gandaan jiroonni fi adda duroonni sochii diddaa gabrummaa Oromoota Shanan Dhuugootiin aliif Baa ja’amte san qindeessaa, gamtaan dursaa turan keessaa muraasni #Garaad_Ahmad_Daadhii (Damiina Gaadullaa jechuun dhagaye), #Baaburee_Adam_Jiloo_Cancaloo (nama ammas lubbuun jiru), #Abdulaxiif_Husseen_Kilichuu(dulluma keessa wayyaaneen rasaasa 27 ajjeefte)
#Haji_Umar_Alii Fi #Ahmad_Alii_Ahmad (Gootota Ituu warra Malkaa Bal'oo) turan. 

Sochii maqaa qabsoo “Balaa Oromooti Dhufte Dhahuu” jattun Masalaa ti finiintee turte sun, bulchinsa Sirna Minilikiin Booda injifannoo jalqabaa maqaa Oromootiin mootummarratti galmooyte taate hafte. 
 Sochii Oromoon hadheefattee jalqabde waan turteef, mootummaan humnaan osoo hin tahin manguddummaan ofirraa kadhachuudhaan akka qabanooftu taasise. Kun tahuu kan hubatan Oromooni Masalaan ala bakka biraa jiraatan Oduu gammachiiftuu kanaan gammachuu itti dhagayame ibsachuuf:-
 #Dhahi_Balaa_Karaa_Masalaa
#Achi_Geenyaan_Eentu_Gala
jechuu jalqaban. 

Kana jechuun dubbii dachaati. 
Tokkooffaa:- sochummaan tunuu mata duree #Balaa_Dhahuu jattu qabdi ture. Tana laf jala namuu gurraa qabu waan tahaniif ja’an ja’ama. 
Lammaffaa:- Wanti sookkoon jadhamu barbaadame Masalaan Bakka Gootootni Oromoo jirani, “yeroo sanirraa kaasee gootota Balaan feete yoo dheeyxe isaan hin dandeenyeetu jira waan tahef, rakkoon bulchinsaan irra gahuuf warra harka hin kenninee Masalaa waan jiraniif, Roorriftoota achitti qorichi qootamuufii dandayya”, dinqisiifannaa jettu ofkeessaa qabdi. Haa tahu malee yoo nama gari garii, ummata seenaa kana qabutti qishnaa godhuuf kan jadhamu sahuun, warra Masalaa hoguma arge mara “dhahi balaa karaa masalaa” jechuun itti qishnuu barbaada. Gari garii immoo “Dhahi Balaa Karaa Masalaa” jachuusaa malee, waanuma dubbiin tun ja’amteefuu kan irraa quba hin qabneetu jira.  Waa Hundaafuu, afoolli “DHAHI BALAA KARAA MASALAA” jadhu hanga ammaa jecha Sabni Oromoo martuu, Oromoota Carcar kan toora Malkaa Bal’oo fi Masalaa jiraniif dinqisiifannaa qaban Afoola ittiin ibsan tahuun seenaa qabsoo bilisummaa Oromoo keessatti hafee hanga arraa hojiirra oolaa jira!!.

HORAA BULAA!!. 

#ItuuOromooPost madda Beekumsaa fi Oddeefannoo ti. 
@Oromographya
@Odaatiktok

No comments:

Post a Comment

mootittii saba'a Queen of sheba

"Mootittii Saba'a""Queen sheba" ----------------------------------------------------------------- ★Miky Sultan Bar...