Translate

Wednesday, June 9, 2021

#Walloof Ituu

#Warra_Nagiin_Nagayyaa
(WALLOO FI ITUU)
Nagiin nagayya jechuun irra caalatti du'aayii ilmaan Oromoo bareentumaati. Oromooni hundeen isaanii shanan Bareentoo keessaa ilmaan Murawwaa biratti immoo Nagiin nagayya jechuu hogu du'aayiin godhamtu qofaa miti kan itti fayyadaman. Akka Waan barakaan siif haa haftu jechuuti, dhimma tokkorraa zigaaluufis aadaa itti fayyadamnu dha. Raabsii jimaatis haa tahu, qiinxaa (kismidaal), kennaa weyiitis haa tahu, afeeraa siif laatamerraa hanga tokko erga fudhatan booda kan hafe nama isaaniif waa kenne saniif hogu deebisan, NAGIIN NAGAA jadhu. Kunnimoo maqaa mataa isaa dandayyee hawaasa oromoo biratti qaba, #Zigaal_Ituu jedhama. Zigaal Ituu jechuu Oromoon gurraa hin qabne kan jiru nati hin fakkaatu. Wanni horteen Oromoota Ituu ittiin beekaman hedduu keessaa tokko #Zigaaliin waan tahef. Oromoota Ituu biratti "Namni Zigaal hin qabne akka nama rakkishaa, ykn nama guutuu hin tahinitti beekama. 

Abaabuun ofii hangamillee adda faggaatee qubsuma taasistus, aadaa,haalaa fi amala abaabuu ifii guutuumaan guutuuti gatuun waan akka salphaati taatu miti. Wanni ifii akka laafutti nama gadi hin dhiistu akkumma ja'amu kana, Aadaan kun Carcar keessa qofatti miti kan hafe. Kaaba biyya teenya Oromoota walloo keessattis #Nagii_Nagayyaan aadaa guyyarraa hawaasa jiddutti mul'atuu dha. Manguddoon Walloo, Naannoo Baatiitis tahe godina Raayyaa (Tigraay Kibbaa) yoo waaqa kadhatan NAGIIN NAGAA jechuun jalqabu. Itti fufuun, "Shanan Wacaale, Afran Baabboo, Torban Bareentumaa..." jechuun du'aayii yoo itti fufan argamu.  Mee arraaf xiqo Lafa Oromoo Walloo, warra Yejjuu (Ejjuu,Eeja) keessa haa yaanu. 

Walloo Dheeyxee Magaalaa #Baate(Baatii) irraa #Koomboolcha Dheeyxa, San booda #Dasee,san booda gara #Marsii(Marsaa) deemta. Giranarraa meeyxee #Waldaya(Waldiya) dheeyxa. Magaalota Haraa, Haroo, Daanaa, Dirree Rooqaa, Jaarraa..... kana kana keessaa deemta. Kun hundi lafa Yejjuu (Ejjuu/Ejjee) ti. Lafa Ejjuu tana keessa Gara Jaarraatiin gaarreen gurguddoo lamaatu argama. Tokko #Gaara_Akeekachiissaa ti. Gaarii akeekachiisaa Ejjuu Sodoomarraa kaasee hanga Warra Baabbooti dheeratee argama. Gaarii biraa gaara Zamzami. Oromooni Walloo naannoo kana jiraatan Oromoota Harargheeti wajiin aadaa fi faaya qofaan kan wal fakkaatan osoo hin tahin, akkumma Oromoota Harargheetis ummata qashtii, ummata fannaani. Silattuu hiddaatu tokkoo mi?!!. 

Gaara #Zamzamirra Ganda Oromoo 5 tu jira. 
Ganda Reede ti. 
Ganda Eelelle
Ganda Ajoo (Funyaan Ajoo)
Warra Moomajii
Ganda Gaara Diimaa tu jira. 

Warri Walloo kan toora kana qubatanii jiran Oromoota baha Oromiyarraa jaarraa 13 ffaa irraa kaasee hoggansa Caffee Gadaa Ituu jalatti duulanii lafa san too'achaa, achumaan achi qubatuu jalqaban akka tahan seeneefama. Oromoota Ituu jaarraa 13ffaa jalqabee garas sochoo'ani turan yoo taate malee, Sana dura lafa sabni kamuu irra hin turin akka taates seenaan Itoophiyaa ni addeessa.  Erga Oromooni irra qubatan booda mootummooni Abisiniyaa Amda Tsiyoonirraa jalqabee itti fufinsaan fadhii lafa tana weeyraruun, itti abboomuudhaa agarsiisaa turani jiru. Haa tahu garuu, Haalli siyaasaa, Diinagdee fi Waraana Sabni Oromoo jaarraa hedduuf hanga jaarraa 20ffaa irra ture kan isaaniif hayyamu hin taane. Inumayyuu akkuma olirratti tuuqne Dhuma Jaarraa 16ffaarratti horteen Oromoo Booranaa fi Bareentuu gosoota isaanii keessaa humna loltuu (#Humna_Waloo jechhun) walitti babaasuun diina Abisiniyaa (Tigraayi fi Gondarii) saaminsa lafaatiif yeroo hedduu gad sossoo'uuf yaalaa ture dura gamtaan dhaabbachuun lafa Oromoo Walloo ittisuuf murteesan. Walloon Lafa Oromoo haala kanaan tutuqaa fi saaminsa diinarraa ittifamte dha. achumaan Oromooni duula dhaqanii fi san booda itti goodaananis irra qubatan. Sababa duulli fi qubsumti gaggeefamte Hortee gosa Oromoo Boranaa fi Bareentoo adda addaarra taateef, Akka Ona Ituu,Ona Afran Qalloo, Ona Anniyyaa, Ona Xummuugaa, Ona Tuulamaa fi kkf jennutti,  lafa Oromoo kaabaa Itoophiyaa jirtu ONA gosa Abaluuti jechuun hin dandayyamne. Garuu #Lafa_Oromoo_Waloo (Walloo) jechuun saba Oromootiin moggaafamte. Gootummaa , Gamnummaa, Dhiigaa fi lafee ilmaan Oromootiin tikfamtee lafa arrra geesse malee arjoomaa fi kennaan kan horatamte miti. 

Sun akkuma jirutti tahee, Dur oromoon yoo iddoo tokkoorraa  sossoo'uun lafa haarawarra qubatan lafa san maqaa gosa isaan keessaa irra hedduutiin moggaasu ture. Ona Ituu Ona Afran Qalloo.... kan jadhu kunnis kanarraa dhufe. Garuu lafa Oromoo Kaaba Itoophiyaa jirtu Walloo haala kanaan moggaassuun waan hin danda'aminiif, Oromooni iddoo adda addarraa garas duulanii fi goodaanaan lafuma Oromoo Walloo jechuun moggaafatan tana keessa bakka adda addaa irra hedduu maqaa gosa,Ibidda gosaa fi balbala gosa ofii kan keessaa dhufan baasaniif. (Garuu guutuu lafa Oromiyaa birarras haaluma kanaan qubsumti qindeessummaa caffeelee gadaa Oromoo hundatiin gaggeefamaa ture). 

Maqoota ganda Walloo kan armaan olitti ilaalle kana ilaaluu qofaan hawaasni irra jiru Oromoota dur Carcar (Ona Ituu) irraa ol duulanii achummaan qubattan tahuu salphummatti hubachuun ni dandayyama.  Caffeen Gadaa Ituu kan Odaa Bultum hanga gumii sadeen bareentumaa tahun tajaajilaa turetti, Gosoota,ibidda gosaa fi Balbala gosoota Oromoo hararghee gara Kaabatti duulanii fi qubattan iddoo qubsuma amma irra jiran wajiin adda baasurratti qorannoo gaggeessuun hojii guddaa hojjachaa jirra. Rabbiin nu haa gargaaru malee Fuuldura bal'inaan kan walittiin dachaanu taha. Anis Zigaal naqabe. Ammaaf kanaa ol Isinitti hin dheereessu.

Madda ItuuOromooPost.
@Oromographya
@Odaatiktok

No comments:

Post a Comment

mootittii saba'a Queen of sheba

"Mootittii Saba'a""Queen sheba" ----------------------------------------------------------------- ★Miky Sultan Bar...