Translate

Monday, June 7, 2021

#Shantam Shubbisaa

🌹#SHANTAM_SHUBBISAA. 

#Alaabaa_Oromiyaa_Ibsituu_Biyyayyuu
#Si_arguu_nafeeti_qalbiin_too_hoggayyuu......
jechuudhaan akka lakkoofsa faranjii bara 1968ti nama yeroo jalqabaatiif Alaabaaf Alalaasee dha. Maqaan dhaloota isaa #Mahammad_Ibraahim_Wadaay yoo tahu kan beekamuun garuu maqaa artii keessatti argate #Shantam_Shubbisaa maqaa jadhuuni. Jiraa Afran Qalloo warra Noolee ti. Artii afaan Oromoo keessatti hayyumaan nama qixxee hin qabne tahuu isaa miliyoonootaatu ragaa bahaafi. Seenaan isaa bal’oo fi gadi fagoodha. Hamma muraasa qofa isin yaadachiissuuf:- 

✍️ #Kan_Dhalate:- Magaalaa Dirree Dawaa Ganda #Magaala__Xiqqoo ja’aamu ykn Amestegna ti.

✍️ #Baandii_Afran_Qalloo :- Abuubakar Muussaa fi Alii Shabboo faa jalatti tahuun Hundeessitoota #Baandiin_Afran_Qalloo akka lubbuu hortee dhaabbattu godhan keessaa Nama Tokko ture.

✍️ #Kan_ABO_Hundeesse:- Hundeessitoota #Dhaaba_ABO jalqaba Abuuran keessaa nama tokko.

✍️ #WABO_Ganamaa ti
Miseensa #Qeerroo_Ganamaa_36 {WABO} marsaa duraati Hidhatanii osoo Somaaliyaa qaxxaamuraa jiranii Mootummaan Ziyad Barree qabee waggaa 5 mana hidhaa #Mandheeritti Jaarraa Abbaa Gadaa (Dura taa’aa) wajiin hidhaman Keessaa Nama Tokko Ture.

✍️ #Abbaa_Goofataatii:- Biyya ambaa akka Somaalee keessa osoo jiranii,Dr Sheikh Mahammadrashaad Abdullee wajiin tahunis Raadiyoorratti hojjachaa ture. Kana malees Hundeessaa Hawwiissoo Qeerroo Ganamaa ture, Alalaas Shantam Shubbisaan. 

✍️ Afaan baayyee dubbachuu beeka. Afaan #Oromoo, #English, #Amhaaraa, #Somaalii, #Hararii, #Arabii fi kan biraati. 

✍️ Bu’uurreessaa Hawwissoo ti. Hawwissoo #Biiftuu_Biyya_Teenyaa ijaaruun Boodara Dhaaba Moormitoota Mootummaa Darguu kan tahe #Mesoniif dabarsee laate.

#Artii_Keessatti:- Artii Oromoo Keessatti nama bakka bu’aa hin qabne fi kan maqaansaa hanga hojiisaa hin dhawamin yoo tahu, hojii hammana hin jadhamne nuuf gumaachee jira. 

✍️ Jecha Afaan Oromoo Alaabaa jedhu yeroo duraatiif kan fayyadame qofa osoo hin tahin, Shantam mataansaa #Kuusa_Jechaa_Afaan_Oromoo (Dictionary) guddaa tokko dha. Kana malees, #Mana_Galmee_Seenaa Oromoo ti jedhame beekama. 
✍️ Nama_Jalqaba #Alaabaa Adda Bilisummaa Oromootiif walaloo barreesse fi Walliseefi dha.
✍️ Nama artii muuziqaa Oromoo keessatti yeroo jalqabaatiif waa’ee #biyya_Oromiyaa, waa’ee #Haadhaa, waa’ee #Abbaa_Ofii, waa’ee #ilmoo_ofii, waa’ee #guyyaa_Dhalootaa, waa’ee #haadha_mana_ofii fi kan kana fakkaataniif wallisuun, artistoota oromoo isa boodaan dhufan hedduudhaaf fakkeenya guddaa tahuu nama danda’ee, #Asxaa_Artii_Oromoo ti.

✍️ Walaloo Kuma Tokko Caalu nama barreessuu danda’ee fi kaanis ofiif kaanis artistoota birootiif kennuun akka ittiin wallifamu godhe yoo tahu, kana malees Walaloo hedduu kitaabaan maxxansuuf nama lafa kaayee jiru dha. 

#Umrii_Dheertuu_fi_Fayyaa_Guutuu_Haa_Kennuuf_Jenna!!.
Horaa Bulaa
Madda ragaa Ituu Oromoo Post.

@Oromoraphya
@Odaatiktok
t.me/Oromographya

No comments:

Post a Comment

mootittii saba'a Queen of sheba

"Mootittii Saba'a""Queen sheba" ----------------------------------------------------------------- ★Miky Sultan Bar...