Translate

Tuesday, June 8, 2021

TARREE MAQAA QEERROO GANAMAA!!

#Goottan_Gootarra_Dhiiraa!!
TARREE MAQAA QEERROO GANAMAA 36!!

Goototni ilmaan Ituu, Afran Qalloo, Humbannaa, fi Arsii Shanan barreentummaa keessaa Afur bakka bu'u. Sirna mootummoota Naf*anyaa darban keessatti akka Saba tokkotti wal ijaartee dhiisi akka dhuunfattuu ani Oromoodha jatte, eenyummaa kee afaan guutattee himatte jiraachuun yeroo itti hin dandayyamne turte. Haa tahu garuu bara 1960n ta Oromoon sochii mirga ofii kabachiissu Iddoo hundaa sossoossurraa wanti ofduuba deebisuu dandayye hin jirtu. Ilmaan barreentummaa roorroon alagaa irra heddummaate fincila Oromoota Ituu, Fincila qotee bulaa Baalee fi diigamuu sochii Tuuta hawwissoo afran Qalloo booda, baha Oromiyaati walitti dhaamanii, bilisummaa ofiitiif falmachuuf gara biyya ollootaa qajeelan. Soomaaliyaa, Yamani, Egypti hanga Iraq akkaata deeggarsa itti argachuu dandayyan haala mijjeeffatan. 

Barri isaa sept 5, bara 1969 ilmaan Oromoo bareentummaa namni 51 gahan, hoggansa Jaarraa Abbaa Gadaa, Elemoo Qilxuu, Mullis Gadaa fi kkf niin qajeelfamanii, biyya Soomaalee Moqqaadishooti, boqqoonnaa qabsoo bilisummaa Oromoo bifa haarawaan falmachuuf biqiltuu #ABO jattu gadi dhaaban. Gurmuun tunnis baqqatoota Oromoo gara biyya Soomaalee fi Arabaatti dhangalaa turan baayyee ofitti dabalachuun Leenjii Loltummaa Biyya Yaman kibbaa, Edanitti Kaambii loltoota Eertiraa wajiin akka fudhatan Arab Leaguen hayyamameefi. Leenjii tanas qixxa gahan erga fudhataniin booda gara biyyaa qajeelan. Gurmii isaanii miseensa 36 qabdu tanaanis #Qeerroo_Ganamaa jechuudhaan of moggaasan. Namni Maqaan Ramadaan kan seenaa isaa Post kaleessaarratti ibsine Sahillitti kan  warreegame yoo tahu, Jaarraa Abbaa Gadaa dabalatee 35 hafan mootummaa Ziyaad Barree kan yeroo gabaabdu san qofaaf firummaa Mootummaa Haayilasilaasee wajiin horateen qabamanii murtiin du'aa itti kennamte. Yeroof murtiin du'aa sun osoo irratti hin raawwatamiin turuun mana hidhaa #Mandheer, Soomaalii laanditti waggaa 5 fi guyyaa 12 erga hidhaman booda dhiifamaan gadi lakkifamuu dandayyan. 

Itti aanaa hoggansaa yeroo sanii kan ture #Elemoo_Qilxuu yeroo Qeerroon ganamaa Humna mootummaa Somaaliyaa harkatti kuftu sanatti wajiin hin ture. Hoggansi Tokkooffaa Jaarraa Abbaa Gadaa waan tuuta kanaa wajiin marsaa durarratti sochoo'uuf murteesseef,  Elemoo Qilxuu yeroo kana achu yaman loltoota ABO kaambii leenjii ti hafan hogganuuf hafe. Haa tahu Elemoonis oduu Qeerroon ganamaa tan marsaa duraa too'annaa mootummaa Soomaaliyaa jala seenan jattu tun hammilee isa hin tuuyne, inumaa daran imaanaa gateetti isarratti kuftee galmaan gahuuf bara 1973 Qeerroo ganamaa Marsaa lammaffaa hogganuun, Ona Ituu Carcar Xirrooti qajeeluun gaarreen carcar irratti ibida qabsoo bilisummaa qabsiisuun, goota imaanaa Sabaa lafa hin keenye tahuusaa dhiigaan nu barsiise. 

#Maqaa_Miseensoota_Qeerroo1Ganamaa_marsaa_1ffaa, Ramadaan dabalatee kaneen Mandheeritti waggaa shan hidhamanii bahanii akka armaan gadii kanatti isiniif dhiheesina. 

1. Abdulkariim Ibrahim Haamid (Jaarraa Abbaa Gadaa)
2. Abdulkariim Aadam Lakkuu (Sooraa)
3. Mahamud Sheek Muhammad Umar Bookee
4. Umar Abubakar Ibraahim
5. Muhammad Abdulkariim (Areedoo)
6. Muhammad Abdullaahii (Koosum)
7. Bakrii Ibraahim (Abbaa Fatoo)
8. Barii Ahimad Baabilee
9. Muhammad Ahimed Umar (koormooso)
10. Muhammad Abdulqaadir Shaltaataa
11. Ahammad Nahaammad Umar( Caalaa)
12. Muhammad Abdullaahii Alii(Muudee)
13. Ahmad Muhammad Muussaaa (Mullata)
14. Muhammad Kabiir Iissaa(Jarjarso)
15. Ahmad Muhammad Usmaan (Daammacaa)
16. Muhammad Saanii Umar (Horoo)
17. Husseen Abbaa Waaqaa(Baale)
18. Jamaal Abdulqaadir
19. Ahmad Iissee
20. Aadam Muhammad Alii(Laafaa)
21. Ahmad Nuur Alii(Arroo)
22. Ahmad Nuur Hassan
23. Abdulkariim Muhammad Ana's(Jifaaraa)
24. Muhammad Sheek Hassan(Nibarbaannaa)
25. Aadam Abubakar(Moluu)
26. Ahmad Muhammad Abdurahmaan
27. Muhammad Ibraahim Waday(Shantam Shubbisaa)
28. Ahmad Nuur Muussaa Na'ee
29. Abdallaa Bakrii
30. Muhammad Alii
31. Ahmad Umar Abdallaa
32. Ahmad Haashii
33. Hajjii Maamoo
34. Ramadan Husseen Kaliil
35. Abdurahman Muhammad Yonis(Tuujii)
36. Ahmad Yuusuf Ibrahim (Turee Leencoo).

#Horaa_Bulaa 
Deebana
Ituu Oromoo Post Madda Oddeefannoo fi Beekumsaa ti.
@Oromographya
@Odaatiktok

No comments:

Post a Comment

mootittii saba'a Queen of sheba

"Mootittii Saba'a""Queen sheba" ----------------------------------------------------------------- ★Miky Sultan Bar...