Translate

Tuesday, June 8, 2021

#QEERROON QABSOO OROMOO GANAMAA EESSAA KA,E

#Qeerroon_Qabsoo_Bilisummaa_Oromoo_Hammayyaa_Keessatti_Jalqaba_Warreegame_Eenyuu?.
RAMADAAN MAALIIF DAGATAME?. 

Gootichi Oromoo Soorreessi Jaarraa Abbaa Gadaatiis tahe miseensoonni Qeerroo ganamaa hanga ammaa lubbuun jiran tokko tokko waa'ee hundeessuu ABO, eegallii qabsoo bilisummaa Oromoo fi wa'ee Qeerroo Ganamaa hogu haasawan yoo dhageessan maqaa dargaggoo tokkoo irra daddeebi'anii ni kaasu. Dargaggoon kun eenyu?!. Goota Saba isaa biratti DAGATAME!!. 

Qeerroon Ganamaa marsaa 1ffaa fi marsaan 2ffaanis erga leenjii fi deeggarsa meeshaa waraanaa biyyoota ambarraa argatan booda, jiddu gala qabsoo biyya keessaa #battala_Carcar_Xirrootti gaggeessuuf sababni murteessanii fi gara carcar imaluuf karoorfachuun isaanii wanni namatti agarsiissuu yoo jiraate, miseensi baayyeen Qeerroo Ganamaa ilmaan Oromoo Ona Ituurraa tahuu isaanii fi battala qabsoo carcar Keessa jirtuu duraanumayyuu sirritti kan beekan tahurraa akka tahe hubachuun salphaa dha. 

Qabsoon Bilisummaa Oromoo bifa hammayyaan biyyoota Ambaa keessatti unkuramtee, san boodas gara biyyatti as tarkaanfattee Harargheetti gaggeefamuu jalqabde keessatti, warreegamni lubbuu inni jalqabaa kaffalame lubbuu ilmaan Oromoo Ituu akka tahe wal nama hin gaafachiissu. Warreegamni qabsoo sochii bilisummaa bifa hammayya "A" jattee kan eegalte gootota Ituu Akka Ramadaanii (Biyyaa Alatti) fi Hundee Dhaabaa (biyya keessatti) tiin tahuusaa seenaan qabsoo bilisummaa Oromoo ragaa dha.

Arraaf warreegama jalqabaa biyya keessatti kaffalame mooggaatti dhiisnee warreegama bilisummaa Oromoo biyya ambaa keessatti yeroo jalqabaatiif kaffalame haa ilaalu.  Asirratti Maqaan Dargaggoo Goota gootarra dhiiraa tokkoo osoo hin kaafamne darbuun irbuu dha. #Ramadaan_Husseen_Kaliil. 

Dubbichi akkanaan jalqaba. Seenaa qabsoo Qeerroo Oromoo yeroo ammaa Oromiyaa bira taree Itoophiyaa guutuu keessatti shoora guddaa taphachuu dandayye kana gadi fageenyaan hubaachuuf seenaa Dargaggoota Bilisa Baaftoota Oromoo/ Qeerroo Gananaa ofduuba dachaane ilaaluun dirqama nutti taha. 

Tuutni Qeerroo Ganamaa ABO Erga hundeessan booda, hojii Diploomaasii ulfaataa hojjataniin loltoota Oromootiif biyya Yemenitti leenjiin waraanaa Kumaandummaa fi leenjii siyaasaa addunyaaleessaatiin ofcimsanii, akkasumas barnoota hammayyaa yeroon isaan gaafattus fudhatanii, deeggarsa meeshaa waraanaa biyyoota Syria fi Iraq irraa argataniin deeggaramuun hidhannoo guutatanii gara biyyaa seenanii sochii qabsoo bilisummaa Oromoo bifa hammayyaatiin gaarreen Carcar Keessatti balaqqiissuuf imala gara biyyaa ofii jalqaban. Marsaan duraa miseensa wabo Qeerroo ganamaa jechuun kan beekaman, Qeerroo ciccimoon 36 gara Oromiyaa lixanii akka seenanii fi san booda kutaa oromiyaa hunda keessatti warraaqsa bilisummaa qabsiisuuf ofqopheessaniin amni jalqabame. Yoo kana Qeerroon Ganamaa hooggansa Abdukariim Ibraahim(Jaarraa Abbaa Gadaa)tiin Onkoleessa 7/ bara 1970 Yaman Edanirraa doonii lamatti Meeshaa waraanaa fe'atanii gara biyyatti qaceeluun, halkaan lamaa fii guyyaa lama booda xarafa biyya Somaaliiyaa gahan. 

Akkaatuma karoora dheeraa qabatanitti gaarreen carcar seenanii qabsoo waraana diddaa gabrumma jalqabuuf dura gammoojii Soomaaliyaa qaxxaamuruun dirqama itti taate. Kanuma milkeessuuf deemsa gara biyya abbaa isaanii jalqaban. Haa tahu garuu Bakki dooniin meeshaa waraanaa isaaniif fee'atte akka itti dhaabatuuf barbaadan Kaaba Soomaaliyyaa Zeeyilaa fi Asab jidduu ture. Garuu doggoongoora Shufeerii Doonichaa taasiseen bakka #Saahil_Kundhahar ja'amtutti bu'uuf dirqaman. Otoo meeshaa isaanii kaan ashawaa fi tussii keessatti awwaalatanii, uffata Waraanaa uffatanii, hidhannoo isaanii Ziinnaara mudhii guutatanii isaanumaa deemsaaf ka'ee loltoonni mootummaa Soomaalee Lafaa fi Samiin Taankii fi Xayyaaraan Qeerroo jajjabee akka sibiilaa tana marsan. Duuba Sahilii fi guyyaan kun warreegama qabsoo bilisummaa ummata Oromoo isa #jalqabaa taate Qeerroo tana gaafachuunsaa hin oolle. 

Qeerroo Oromoo Mataa tuutaa tan biyya keessattis mootummaa diinaa isaanii tahen falmanii, dadhabnaan deeggarsa biyya ambaa itti kadhatanii, ofiif warreegamanii Saba isaaniitiif dukkanaa ibsuuf gammoojii Yamanii ka'anii, gammoojiii Soomaaliyaa osoo qaxxaamuruuf jadhan Kokkee Waraana Ziyaad Barree jidduuti qarqabamuu mudatan kana keessa dargaggoo Onneen Gaaraa, Goota Lapheen sibiilaa tahe tokkootu ture, Ramadaan. 

Loltoonni Ziyaad Barree kuun oliin taankii fi Xayyaararraa xuluubsaa bubbu'uun, kuun lafoo dallayya tahanii marsuun, akka qeerroon hidhannoo lafa kaayyanii fi bakka jiranirraa hin sassoone qajeelfama kennan. Qeerroon Oromoo Saba Bal'aa Oromoo keessaa bahanii kophaa biyya ambatti diinaan marfamte tunnis,"#Nutti_Warra_Mootummaa_Soomaaliyaa-mormuu_miti, nutti Saba Naf*anyaan biyya nurraa fudhattee, lafa teenyarratti waan nu gabroomsaniif bilisummaa argachuuf qabsaa'uuf deemu malee isinii wajiin #rakkoo_hin_qabnu. Biyya keessan keessa darbuu qofa barbaanna malee dhimma tokko biyya keessanirraa hin qabnu....." jechuun Loltoota mootummaa Soomaaliyaa amansiisanii bira darbuuf yaaliin taasisanis hin milkoofne. Loltooni Soomaaliyaa "#isin_Osoo_nu_hin_hayyamsiisin_biyya_keenya keessa akka feetanitti seentanii baatu, biyyi keenya araddaa abbaa keessanii seetan moo...." jechuun akka harka kennan yookiin akka isaan rukkutan qeerroo ganamaatti akkeekkachiissan. 

Yeroo kana keessa ture dargaggeessi Onnee Gaaraa, kan lapheen Sibiilaa "#erga_diinni_diina_tahefuu rukkuteen du'a malee harka kenne hin du'u, harka kennee booji'amuuf miti kaniin manaa bahef, diinni Oromoo kan manaatis, kan alaatis diinni diinuma, tokkumma, lubbuun koo isin obboloota kiyyaaf fidaa haa taatu, ani osoon lubbuun jiruu isin nadura rukkutamtanii du'a keessan ilaalu hin fadhu...." jadhee Jaallan qabsoo isaa miseensa qeerroo ganamaatiif dhaamsa dabarsee, meeshaa waraanaa harkaa qabu gara loltoota Soomaaliyaati gara galche. Garuu maal godha gaa loltoonni mootummaa Soomaalee jalqabayyuu qophaa'ani eegachaa jiran, isa dursanii rassaasa itti roobsan. Warreegamni Qabsoo bilisummaa Oromoo kan maqaa Dhaaba ABO tiin gaggeefamuus yeroo duraatiif achitti kaffalamuu gaafate. Warreegama kana kaffaluun, duungoo bilisummaa Oromoo dhiiga isaatiin gammoojii Soomaaliyyaa keessatti namni jalqaba qabsiise kunnis #RAMADAN_HUSSEEN_KALIIL goota Oromoo maqaan isaa dhokate kana tahe. 

#Ramadaan_Husseen_Kaliil Akka lakkoofsa faranjii bara 1945 Ona Ituu Carcar, toora kaarra qurqurraa naannoo Laga Arbaatti akka dhalate himama.  Ramamadaan dhimma sabaarratti warra laayyoo hin qabne, warra Maqaan Badduu mannaa mataan badduu wayya ja'ee gootummaan ummata ofiitiif if warreegu, warra goototaa kan Kanniisaan duule diinarraa qawwee hiikatu, warra nama ganuu hin beekne kan si dura lubbuu ofii siif dabarsee laatu ilmaan Kura Galaanirraa dhiira uumamee as burqee dha. Gameessa Aadaa fi hooda kana keessatti guddatee daraare dha. Ramadaan ilma Adeera #Dr_Sheikh_Mahammadrashaad_Abdullee kan tahe ilma #Husseen_Kaliili. Hortee warra #Ituu_Baayee ti. 

#Ramadaan Husseen Kaliil osoo Sahillitti warreegama qabsoo Oromoo isa jalqabaa tahee hin warreegamin dura, tuuta qeerroo ganamaa keessatti malayyii dhimma Alaa WABO tahun tajaajilaa ture. Gita hojii isaa kana keessattis milkaa'ina guddaa galmeessuun gahuumsa isaa hojiin goota agarsiisuu dandayyee dha. Warreegamuu Ramadaaniin booda, Jaarraa Abbaa Gadaa fi miseensonni Qeerroo ganamaa hafan #35 qabamanii Soomaaliyaa magaalaa #Barbaraa mana hidhaa #Mandheeraa jedhamutti, Onkoololeeysa 10 bara 1970 hidhaman. Walii galatti wagga 5 fi guyyaa 12 akka mana hidhaa keessa turan ragaan ni addeessa. 

Miseensi Qeerroo ganamaa fi billiqii biiftuu bilisummaa Oromoo #Ramadan_Husseen_Kaliil nama shiileessaa qabsoo Bilisummaa Oromootaa tahuun lubbuu isaa dabarsee kennuuf hiriiree qofa osoo hin tahin, murataa seena dagatamuun hin qabne dhiigaan ummata Oromootiif barreesse, kutataa guyyaa cinqii ti. Goota Elemoo Qilxuutis tahe, Hundee Dhaabaa, Taaddasaa Birruutis tahe Laggasaa waggii dura waggoota meeqa dursee sabaaf warreegamuun billiqqii biiftuu qabsoo bilisummaa Oromoo dhiigaan addeesse kana maqaan isaa hanga kaafamuu qabu osoo hin dhawamiin awwaalamee hanga ammaa hafuun isaa waan Hedduu nama gaddisiissuu dha!!. "Sa'aa Abbaan Gaafa Cabse Ambitti ija jaamsitti" ja'anii mitiree!!.
Seenaan bara baraan Goota Gootarra Dhiiraa Jaal Ramadaan Husseen Haa Yaadatu. Rabbi Jannataan Haa qananniissu.

#Horaa_Bulaa 
     Deebanaa.
Ituu Oromoo Post Madda Beekumsaa fi Oddeefannootti. Follow fi Like Gochuun hordoofaa!!.

No comments:

Post a Comment

mootittii saba'a Queen of sheba

"Mootittii Saba'a""Queen sheba" ----------------------------------------------------------------- ★Miky Sultan Bar...