Translate

Thursday, January 27, 2022

#Gadaa

GADAA 1.Hiikkaa Gadaa Gadaan waan jecha tokkoon himamuu miti. Kana jechuun gadaan hiika hedduu qaba jechuudha. Innis akka armaan gaditti ibsama. Gadaan sirni ittin bulmaataa Oromooti Gadaan maqaa waliigalaa kan ittin bulmaataa dimookiraatawaa taheedha. Sirna dimookiraasii hayyoota Oromootiin uumameedha. Sirni gadaa heera saba Oromoo guutuu kan siyaasaa, dinagdee fi hawaassummaan sabichaa ittin murteeffamuu dha. Kan miseensi sabichaa mirgaa fi dirqama isaa beekee itti walii galu wabii tokkummaati. Gadaan sadarkaa umriiti Sirni gadaa sirna dhalli Oromoo hoodaa fi itti gaafatama adda addaa kan itti qabatanii dha. Hojiileen raawwatamu hundi sirna gadaan walitti hidhata qaba. Kana jechuun gadaan sirna aadaa, seenaa, afaan, hawaasummaa, dinagdee Oromoo irratti hundaa’ee ijaarame jechuudha. Dhallii oromoo sadarkaa umrii waggaa saddeet saddeettin tokko irra gara biraatti dabraa bara saddeetama booda sadarkaa gadamoojjii /kudha tokkoffa irra gaha. Namni tokko sadarkaa gadaa tokko keessa bara saddeet qofa tura. Yeroo sadarkaa gadaa tokko irra kan biraatti cehu sirna adda addaatuu raawwatama. Sadarkaaleen gadaa kunis akka armaan gadiitti dhihaatu. 2. Sadarkaalee Gadaa maxxaarii (0-8) Sadarkaa kun sadarkaa daa’imaati Daa’imni sadaekaa kana keessa jiru rifeensi isaa hin haadamu Daa’imni tokko yeroo sadarkaa kana hulluqu maqaa arkata. Maatiin daa’iman sadarka kana keessa jiran qaban yoo aannan hin qabne gosaatuu keennaf. Daa’imni sadarka kana keessa jiru hamtuufi toltuu, firaa fi alagaa addan baasuuf fa’a. kana malees hibboo fi seenaa akaakkayyuu fi abaabilee isaa irra barata. Akkasumaas, gaggeessa paartii gaafa dhalatan taayta irra ture waliin akka miseensaatti fudhatama. Sadarkaan kun Oromoo Ituu biratti maxxaarrii jedhama. Ruubaa/Itti makoo (9-16) Daa’imni tokko yeroo sadarkaa kana seenu rifeensi irra haadamee booda ayyaanni qophaahee keennaan gabbisaa /goramsa tokko/ keennameefii sadarkaa itti makkootti seena. Yeroo kana hammachiifamee maqaan baafamaf. Guyyaa kanarra eegalee maqaan kanaan beekkama. Ijoolleen sadarkaa kana seenani bara afur booda gaammaa haaddatanii, roggee filatan Gahee hojii isaanii Bishaan daakuu, farda gulufsiisuu fi sirba fi geerarsa baratu. Kanamalees hidda sanyii isaanii, hojiitiksaa, adamoo, ispiirtii aadaa fi jibrii foo’uu baratu. Akkasumaas , siyaasaa (mirga, dirq ama, seera) fi hawaasummaa baratu. Dhumma irrattis ayyaana ijoollee kan tabooree jedhamu hiriyaa isaanii walin kabaju. Sadarkaan kun – Boorana keessatti – Gammee xixiqaa jedhama Goobama/Dabballee (17-24) Da’imni sadarkaa Ruubaa keessa dabree sadarkaa goobamaa ykn dargaggoo keessa seena. Gahee hojii Leenjii waraanaa baratu Biyya irra deemuun sirba saban wal baru Yeroo gadaan buttaa qalu goobamaatuu korma kuffisee qabaaf sadarkaan kun bakkoota adda addaatti maqaa adda addaa qaba. Tuulama – Foollee Borrona – Gammaa Gurguddaa Gujii – Kuusaa Afran Qalloo – Goobama Raaba/Foollee (25-32) Namni tokko sadarkaa gobama keessa bahee sadarkaa raabaatii seena. Sadarkaan kun sadarkaa loltummaattii. Namni sadarkaa kana seenee waraana taha jechuudha. Sirna gadaa keessatti murni kun murna loltuu ture. Namni umriin isaa sadarkaa kana seenee hundi loltummaa tahuuf dirqama qaba. Gahee hojii Raabaa Leenjii waraanaa baratanii yeroo diinni biyya weerare meeshaa waraanaa kan akka xiyyaa, eeboo, gaachanaa fi fardaan duulanii diina ofiirra deebisu. Dhimmoota biyyaan wal qabatan barachuu jalqaban. Sadarkaan kun bakka adda addaatti maqaa adda addaa qaba. Kunis Booranatti – Kuusaa Tuulamatti – Qondaala Gujiitti – Raabaa Afran Qallootti – Raabaa jedhamu Doorii (33-40) Sadarkaan kun yeroo itti ilmaan kormaa aangoo qabachuuf qophii barbaachisu itti godhaniidha. Haalii hojii isaanii warra biyya bulchan waliin waliitti hidhata qaba. Gahee Hojii Doorii Bakka warri gadaa itti murtii seeraa keennan rakkoo gosaa ilaalanii fi marii adda addaa godhanitti argamanii seea baratan. Manguuddoo biyyaa irraa aadaa, seenaa, amantii, fi seera baratan. Yaa’ii caffee gadaarratti hirmaatanii duudha bulchinsa gadaa baratan. Rakkoolee xixiqqaa uumamte furanii muuxannoo hojii horatan. Biyya keessa deemanii ummatan wal baru. Sadarkaan kun bakka adda addaatti maqaa adda addaa qaba. Kunis :- Booranatti – Raabaa Doorii Tuulamatti – Luuba Afran Qallootti – Doorii /Raaboodoorii/ Gujiitti – Doorii jedhama. Waluma galatti sadarkaan doorii kun yeroo itti ilmaan kormaa aadaa, duudhaa, seenaa, safuu, seeraa fi heera baratanii angoo qaphachuuf itti of qopheessaniidha. Gadaa (41-48) Sadarkaan kun yeroo ilmaan kormaa aangoo siyaasaa itti qabatanii biyya bulchanii dha. Kana malees yeroo seera itti seeraa ilaalanii rakkoo gosaa furaniidha. Akkasumas abbaan gadaa biyya bulchu yeroo kana filamee hojii mootummaa godhaa itti jalqaba. Sadarkaan kun bakka adda addaatti maqaa adda addaa qaba. Innis :- Booranatti – Gadaa Gujiitti – Gadaa Tuulamatti – Luuba Arsiitti – Luuba Waluma galatti sadarkaa gadaa kana keessatti biyya guutuu keessa deemanii rakkoo dinagdee, hawaasaa, siyaasaa fi waraanaa furuuf itti gaafatama qaban. 7.Abbaa Bokkuu(49-56). 8.Abbaa muudaa(57-64) 9.Hayyuu(65-72) 10.Gada Mooji(73 -80) Sadarkaan kun yeroo murni duraan aangoo irra ture aangoo itti dabarsu keennuun aangoo irra buhuudha. Manguddoonni yeroo aangoo isaanii fixan akka angafootti ilaalaman. Abboottii Gadaa aangoo irra jiran gargaaran ykn gursu. 3/ Gadaan maqaa miseensoota paartiilee gadaati. Gadaan oromoo shani ykn gaggeessa gadaa shan qaba. Gaggeessa gadaa jeechuun miseensa paartiilee siyaasaa jechuudha. Gadaan tokko waggaa saddeet qaba. Gaggeessi tokko waggaa saddeet biyya bulchee kan itti aanuuf aangoo keenna. Abbootiin gadaa waggaa saddeet saddeetiin aangoo waliif dabarsu. Waggaan saddeet gadaa tokko maqaa mataa isaa qaba. Kunis gaggeessa ykn miseensa gadaa jedhama. Kunis bakka adda addaattii maqaa adda addaa qaba. Boorana – Gaggeessa Gadaa Tuulama – Miseensa Gadaa Ituu – Miseensa Gadaa Arsii – Miseensa Gadaa Gujii – Baalii jedhama. 4.Marsaa Gadaa Gaggeessi gadaa tokko tartiibaan deemee kan jalqabaatti yoo deebi’u marsaa tokko tahu. Kunis Marsaa Gadaa jedhama. Gaggeessi gadaa tokko waggaa 40 booda bakka isaatti deebi’a ykn aangoo qabata. Ilmaan gadaa moojii warra gadaati. Kana jeechuun abbaan gadaamoojii yoota’u ilmi isaa abbaa gadaa ta’a. Gaggeessa Gadaa Afran Qalloo Hormaata Sabbooqa Dibbeessa Fadataa Daraaraa fa’a. Gaggeessii kun tartiibaa marsaan gadaan yoo mul’atu kan armaan gadii fakkaata. Sabbooqa Hormaata Dibbeessa Daraaraa Foodataa Waluma galatti gaggeessi gadaa 5 marsaa gadaa tokko tahu. Tartiiba yeroo idileetiin yoo laallu jireenya namaa tokko keessa marsaa gadaa lamaatu jira. Isaaniis Marsaa duraa – Gadaa Abbaa Marsaa Boodaa – Gadaa Ilmaa Dhalii oromoo tokko guyyaa itti dhalatee eegalee hanga umrii waggaa (80) miseensa paartii gadaa tokko tahee jiraata Kana jechuun abbaa fi ilma jidhuu garagarummaa umrii waggaa 40 jira. ——————————————————- Ababoota laamishaahuu fi Guutummatti dhababmuu sirna Gadaa Raabaa fi Doorii Ittin bulmaatni Mootummaa Raabaa fi Doorii Harargee Kuniis laamshaahuu kan eegale . Jalqaba jaarraa 18ffaa keessa sababa Abbootiin Gadaa Rabaa fi Doorii tokko tokko Amiirota hararii waliin hariiroo Fuudhaa fi Heeruma uumuu dabalatee Amirota Harararii gosa orommoo lallabachuu barbaadaniif akka gosti moggaafamtuuf godhan booda. Adeemsi kuniis muudamni Abbaa gadaa akka duraatti kan heeraafi seera sirna gadaa eggatee deemu osoo hin taane Angoon abbaa Gadaa maatii irraa gara maatiitti akka darbuuf xurree saaqe. Sababnii bara hariiroon kun uumamu Angoon Amiirota kan warra maatii tookko waan tureef Aboottiin Gadaa raabaa fi Dooriitiis Adeemsa kana dhaaluu jalqaban fkn Amiir Ali ibn Da’ud kan bara(1647-1661)bulchaa ture irraa eegalee hanga Amiiraa isa dhumaa Amir Abdullahi ibn Muhammed kan bara(1885-1887)harar bulchaa turetti Amiirumaan Abbaa irraa gara ilmaa ykn obboleessa irraa gara obboleessaattii dabraa turte. Gara oromootiinis Abbootiin Gadaa adeemsa kanan bulchaa turan akka fkntti Ballaa Buubaa ,Caammaa Nuur,kormooso,wadaay galmoo faan isaan muraasa. Adeemsa fuudhaa fi heerumaatiin walqabatee Ali ibn Da’ud kan bara(1647-1661)bulchaa ture niitiin issaa oromo Anniyyaa yammuu taatu Amiir muhamad kan(1866-1875)Harar bulchaa ture nitiin isaa oboleettii koormoosoo kan abbaa gadaa afrn qalloo ture yammuu taatu inniis kudha lamaana alaa keessaa gosa warra Abbaadhooti. Akkasumaas kormoosoos intala Amir Abdul Karim (1825-1834),kadja tan jedhamtu fuudhee akka ture ni himama. Gara biraatiin naannoon Oromiyaa Bahaa tun Afaan qawwee weerartoota Arabaa jechuun Mootummaan Turkii fi Mootummaan Misraatiin A.L.A bara (1875-1885) Weeyraramuun ittiin bulmaaatni sirna Gadaa Raabaafii Doorii Oromoota hararg kun daran akka laamishaahu ta`e. Adeemsa kanaaniis Weeyrartoonni kun bakka Abbootii Gadaa Duursitoota Gosaa gosoota oromoo kan naanno kana jiraatan keessaa filanii Maqaa Damiina,Garaada fi Malaaqa jedhamu moggaasuudhaan angoo kennaniifi akka adeemsi ittiin bulmaaata sirna Gadaa sabni kun ittiin walbulchaa ture dadhabu taasisan. Dhuma irrattis Sirni Gadaa boonsaan Oromoon ofii kalaqatee ittin of bulchaa ture Kun xumura Jaarraa 19ffaa keessa weeyrara nafxanyootaatiin guutuutti Barbadaahuu isaa yaadannoo kaleessaatti. Xumura Akukuma jalqaba irratti ibsine sirni Gadaa sirna Dhimma jiruu fi jireenya ummata Oromoo fuula hundaan kan ilaalu sirna siyaasa, aada diinagdeefi amantiiti. Akkaataan jireenya maatii, fuudhaafii heerumaa, hariiroon uumaa, Akkaataan qabannoo qabeenyaa itti loon bobbaasan, ,akkaataan itti qabeenya horatanii dhimma ittiin bahan hundi aadaa Gadaa keessatti bakka olaanaa qabu. Namuu qabeenya mataa isaa irratti mirga guutuu qaba. Akkaataan baasiin gumaa, adabni seeraa cabsanii fi sababa biraalleeofitti makanii itti waliin jiraatan hundi aadaa sirna kanaantiin gaggeefamu. Akka bara saniitti eenyulleen aadaa kana nifudhata. Murtiin adabbii yoo irratti dabrellee namni sun beekeeti eegumsa tokko malee, taa’ee adaba isarritti raaw’atamu eeggata. Aadaa kanaa ala bahuun, badiidha, namuu aadaa tahuu isaa waan beekuuf sirna Gadaa keessa jiru osoo keessaa of hinbaasin kabajee jiraata. Walumaa galatti sirni Gadaa sirna tokkicha ilmaan Oromoo hundi ittiin wal-bulchaa ture har`a addunyaa biratti fudhatama argachuun Galmee UNESCO irratti Galmaa`e waan ta`eef sirna kanaan yoo har’a wal-bulchine tokkummaa Oromoo gutumaan guutuutti mirkaneessuu bira dabree eenyummaan Saba Keenyaa daran Addunyaa irratti akka beekamu taasisaa. kanaafuu sirna miidhagaa sabni keenya ittiin walbulchaa ture kan gita bittaan nafxanyaa akka awwaalamu taasise ture kana iddoo jalqabaatti deebi`ee akka dagaagu gochuuf ga`een tokkoo tookkoo abbaa aadaa kan ta`e saba oromoo irraa eegamu ol`aanaa waan taheef gumaachi yaadaa fi beekumsaa nuti gumaachinu eegala dhuma hin qabneedha

No comments:

Post a Comment

mootittii saba'a Queen of sheba

"Mootittii Saba'a""Queen sheba" ----------------------------------------------------------------- ★Miky Sultan Bar...