Translate

Saturday, April 30, 2022

#masgiida burraaqsaa

masgiida burraaqsaa,Hagam beektu laata? 

kutaa 1ffaa 

Masgiidni Burraaqsaa Walloo Godina saba oromoo Aanaa Dawwee Harawaa Ganda buraaqsaatti argama.! 

Masgiidni kuni iddoo sanatti osoo hin ijaarramin  bara 300 dura dursee lafti isaa qa'ee yeroo sana ture jidduutti dallahamee (dhakaan bu'uura kaahamee)turuutu himame.! 

Masgiidichi erga ijaarramee;hojjii eegalee bara 53 oli lakkoofsisee jira.
Sheekicha burraaqsaa iddoo sana qubsiisuu keessatti Olomaa'ii fi sheekoolii hedduun kan shoora gurguddaa qaban yoo tahu,#Abbaayyeen  (#sheek_Sa'iduu_Qarsaa) Rabbiin irraa haajaalatuu,.namoota adda durummaan gahee gurguddaa bahatanii akka Hojjiin diinii kuni achitti gadi dhaabbatu,godhan keessaa isaan hangafa.! 

Burraaqsi,Amaananbaa,dhaale(bakka bu'e)
Amaananbaan,Daanaa,dhaale(bakka bu'e)
Daanaan;Aanniyyi dhaale(bakka bu'e) 

Masgiida burraaqsaa keessatti kitaabooleen Amantii islaamaa Afaan Arabaafi Ajamaan qophaahan dabalattee kitaabootni yeroo durii fi ammaa qophaahan marti gosa gosaan laaybararii masgiidichaa keessatti seeraan kuufamanii argamu.
Kitaaboota kanneen keessaa muraasni,
~Tafsiira qur'aanaa
~Nahwii
~Hadiisa
~Faqihii
~kitaaba shonkiyyi
~Kitaaba Ajamii
~Ajam Ahmad shee siraaj
Fi kan kana fakkaatan gosa gosaan baay'eetu argamu.
Buraaqsatti yeroon hundi ibaadaadhaaf sa'attiin qoqqoodamee hojjiira oola.
Fkn solaata zuhuriittii-Solaata Asriitti yeroo qaraattii kitaabaati
Solaata magriibiin booda Awraada magriibtu gareen jedhama.
Solaata Ishaan booda Awraada iishaatu gareen jedhama.
Awraada ishaan booda qu'aanatu qara'ama.
Solaata subihiin booda Awraada subihiitu gareen jedhama.
Sa'attii 4:00-7:00 zihaaraa sheekootaatu adeemsifama.! 

Waggaa keessaa yeroon lama burraaqsatti Haala adda taheen dabarsama.
Kunis
1ffaa waziifaa Ramadaanaa fi
2ffaa waziifaa Rabi'al Awwal jedhamuun beekkama.! 

1ffaa waziifaa Ramadaanaa.!
Namoota zihaaraaf guyyaan guyyaaniin dhaqanii deebihan malee namootni 700-800 tahan yeroo ramadaanaa hunda iddoo adda addaatii masgiida burraaqsaatti walgahii soomana baattii tokkoo ibaadaan achitti xumuranii,galu.
Namootni kuni hundi yeroo ji'a tokkoo kanatti naamusa guddaa fi jaalaan waliin turanii addaan bahu.!
Yeroo ramadaanaa kana waziifaaleen adda addaa tartiibaan kan geggeeffaman yoo tahu,isaan keessaa muraasni
1ffaa Solaatni iishaa erga jama'aan solaatamee booda.!
~Qur'aan,jiggiidhaan qara'ama.!
~jigiitti aansee Tartiibaan qara'ama.!
~Awraada Ishaatu jedhama.!
~solaata Taraawihiitu solaatama.!
~Awraada waqtal sahariitu jedhama. 

2ffaa Subihiin ni solaatama.!
Awraada subihiitu jedhama. 

3ffaa saafawa sa'attii 4:00-7:00tti qur'aan jiggii qara'ama.
4ffaa Solaata zuhuriin booda yeroo qaraattii kitaabaati
Solata Asriittii Hanga magriib,awraada Asriitu gareen jadhama.! 

No comments:

Post a Comment

mootittii saba'a Queen of sheba

"Mootittii Saba'a""Queen sheba" ----------------------------------------------------------------- ★Miky Sultan Bar...