Warqituu Oromtittii walloo, ishee Mootii habashootaa Tewdirosin galaafatte!
Gootitti Dubartii haadha Seenaa!
Walakeessa, bara 1868 uummati Oromoo Walloo, Olaantummaa Oromoo Kaaba xoopiyaatti sarbame jiru deebisuuf, dhamaatii guddaarra turan. Giftittii Oromoo Yajjuu kan taate, Warqituu fi Sheek Jaafar abbaan gooticha Tolaa, namoota warraaksa sana keessatti iddoo guddaa qabanii fi ga’ee wareegama lubbuu kanfaluuf ofitti murteessanidha.
Mootichi Teediroos, bara sana duguuggaa sanyii haalaan jabeesse ture. Ilma Warqituu #Hamadee jedhamu, kan booji’ee bakka buuteesaa dhabamsiises, Teediroos ture. Warqeen gumaa ilmashee sana ba’uuf, ciistee bultee hin beektu. Yeroo minilik seexantichi sun ka’ee Teediroosiin fonqolchuu yaales, jibba Teediroos irraa qabdu sanaaf “Diinni diina kootii anaaf fira kooti” jechuun, Minilikiin humna fardaan deggeraa turteetti jedhama.
Waraana Teediroosiin kan Momoriin as darbanii, uummata walloo Oromootti duulan, humni Warqeen durfamu, waraana habashticha Teediroosiin durfamu sana achi dachaasuun, Mormoriin ceesisanii, buufatata waraana Teediros biratti waraana namtittii hedduu erga fixanii booda, Warqeen gootittiin sanyii dhiiraa sun, maqdallaa irratti, Teediroosiin biyyoo nyaachistee, gumaa ilmoo ishee fi gumaa Oromoo ba’atte.
Bara sana waraanni Ingilizii Lammii Ingilizootaa, kan Teediros sababa doofummaasaaf, fuuluma diimatanii faranjii ta’aniif meeshaa waraanaa hojjetu jedhee yaadee “naaf hojjedhaa malee hin galtan!” jechuun humnaan qabee hidhe sana baafachuuf, dhufanii Kaaba Xoopiyaa jiruvturan. Biyyicha keessas Teediroosiin barbaadaa utuu jiranii dha; Warqeen kan isa ajjeeste.
Ajjeesuusheef faranjoonni sun gootummaa isheefi Oromoo baayyee ajaa’bsiifatan galan !
Suuraan ishee har’a Godambaa /museum Ingilizii keessa jira.
No comments:
Post a Comment