Translate

Saturday, February 6, 2021

#Argamsa ummata africa eessa?

 ARGAMIISSI UMMATA ADUUNYAA EESSA?

eerga dhumiisa ummata nabi nuuh jalqaba adunya irratti iddoon nami jiraachaa ture  Aardii Eshiyaati. Lammaffaa Afrikaadha,Achi booda Awurophaadha, dhumiisa irratti irratti Ameerikaadha.  Ummanni indoo ameerikaa jedhaman jaarraa kam keessa akka amerikaa seenan hin beekamu garuu ummanni adiin kan ameerikatti seenan  bara 370 as ture.

Aadamii hawaan iddoo Aden jedhamtu  Aardii amma yaman jedhamtee yaamamtu  jannata jidduu taa,aa turan,naannoo kun  dhiha eshiyaa laga efraxis irraa fagoo hin turre. Jannata keessaa balleessaa ajajaa seeyxanaan  uumaan hin balleesinaa jedhamaniin balleessaniin jannata keessaa bayani.

addunyaa guddoo tana irra jalqaba Adamii hawa qofatu ture. San booda  ilmoo horaa baayyachaa dhufanii naannoo laga ifraxis huunda iddoo jireenyaa godhatan.

achi booda gandoota,magaaloota addaa addaa godhachaa akkuma bayyachaa dhufaniin babalifachuu eegalani. San booda Akkuma baayyachaa dhufaniin rabbii tokkoon amanuu dhiisanii Amantii addaa addaa hordofuu jalqabani. Saniif namoota rabbiin ajajamuu didaniif ummata fuldura dhufuuf seenaa irraa baratan isaan kanaaf qixaata  godhee  ilmaan Nabi Nuh qofa hanbisee kaan baleesse.

San booda nabi nuh badiinsa kana rabbiin waan dursee itti himee jiruuf  dursee beeka ture. Achumaan nabi nuh Markaba guddaa tolche ijoollee isaatif bineensota lafa irra jira huunda lama lama dhiiraaf dhalaa godhuun marka irratti fe,e.san boona roobni guddaan Aardii lafaa tana huunda guutu roobee lafa huunda guutee waan lafa irra jiru balleesse.akkana ta,ee uuman namaa huundi badee ijoolleen warra tokkoo qofatti hafee isaanis ijoollee nabi nuh qofattu hafe. Kun kan tahe uumama lafaa baroota jidduu galaan booda.

Ummanni badiinsa bishaaniin dura turan Antideloviyan jedhamu turani. Ummanni badiinsa balaa bishaanitin dura lafa eshiya irra iddoo tokko tokko malee Africa,Awuropha, Amerikaa keessa namni hin jiru ture.

No comments:

Post a Comment

mootittii saba'a Queen of sheba

"Mootittii Saba'a""Queen sheba" ----------------------------------------------------------------- ★Miky Sultan Bar...