Translate

Saturday, February 6, 2021

# Goota oromoo walloo Dawwee

 𝑶𝒃𝒃𝒐 𝑨𝒉𝒎𝒆𝒅

𝑰𝒏𝒅𝒊𝒓𝒊𝒔

𝑨𝒉𝒂𝒎𝒂𝒅𝒆𝒆 jedhamu kaaba oromiyaa goodina Addaa

saba Oromoo jiraataa Aanaa Dawwee harawaati gootni kun

Amma lubbuun jiru umriinsaa Amma waggaa 83 gaheera

qabsoo saba Oromoo bal'aa keessatti gahee guddaa qabu

Ergamtoota nafxanyoota dura dhabbachuun 1950moota irra

kaase nama aarsaa lubbuu kaffalaa tureedha 1954_1955

Bulchiinsa Yeroo sana Naannicha inni jiraatu ture

# Maamiree_Damisee kan jedhamtuun sababa Oromummaa fi

gootummaa inni qabu irraan kan ka'e wal dhabeenii

# Eeshumaa isaadhaa # Umar_faaris jedhamuu waliin bosona

seenee mootummaa nafxanyoota kokkee qabee jarri nafxanyaa

sodaatanii nama itti erganii kadhachisanii Araarfatan yeroo inni

araaramne jedhe gale Araaraa dagun gananii tola waa fudhattu

jechuun sobanii yaamun yeroo dhaqetti Akkuma gootota

Oromoo kanneen biroo qabanii hidhatti darbatan.

Walloo qabanii gaafa Finfinnee geessan gootonni Oromoo

yeroo sana nafxanyaaf Ajajamni Oromoo irratti shira dalagu

didani Oromoon dhugaa qaba jedhanii dura dhaabbatanii

falman kanneen Akka "J/Taddasaa Birruu K/Alamuu

qixxeessaa Mammoo mazammir mokonnon wasanuu seefuu

mokonnon daadhii Fayisaa Tasfayee dagaagaa" fa'aa waliin

Haylesillaaseen Ahmed indiris mana hidhaa makkalaawitti

hidheenii ture. Wanti nama ajaa'ibu Gootonni kun bakka

garaagaara taa'anii warra quba wal qabanii fi kayyoo tokkoof

warra qabsaawaantu mana hidhaa tokkotti wal gahan. Yeroo

sanatti Walloo taa'anii akkamitti quba wal qabaniin gaaffii

guddadhaa Oromoon bakka fedhees jiraatu kayyoo fi akeeka

tokkicha wal fakkaata akka qabu namatti mul'isa.

Yeroo Oromoon baratee naman wal qixxaatu qaba afaan

Oromoo baafna jedhanii gootonni Oromoo qabsoo hidhannoo

geggeessuuf bosona seenan Obbo Ahmed indirs Walloo

gootota bosona seenan keessa isa tokko ture Booddessaa

Obbo Ahmed indirs hidhamuun Akkuma Qabsaawota Oromoo

kanneen biroo murtiin du'aa Mooticha Hayilasilaseetin itti

murtaa'ee ture garuu lubbuu isaa Rabbiin baasee gara booddee

du'a irra gara umrii guututti jijjiiramee.

Obbo Ahmed indiris yeroo Maammoo mazamir nu biraa maqaa

yaamani ajjeesaan wan goonu wallaalee J/Taddasaa Birruu fi

qabsaawota kanneen biroo waliin boonye dhiifnee jedhan

"Gootichi Maammoo mazammir gootummaan dhiigni kiyya

dhiiga cunqurfamtoota ilmaan Oromoo kabachiisuuf

dhangala'e malee dhiiga gatii malee jigee hafee miti Oromoon

dhiga kiyya fi qabsaawota ana booddee du'aniin dhiiga ilmaan

isaan mirga isaa ni kabachiifata jechuun gootummaan

Oromoof of kenne harka isaa hidhanii yeroo nu biraa fudhanii

deemanii Ajjeesan wan of goonu dhabne jedhan Obbo Ahmed

indiris" osoo taddasaa waliin kan maammoo mazammir nu

gubee teenyee osoo booha jirruu namoota biroo maqaa

yaamun itti fufee ilmaan Oromoo jumlaan baay'ee Ajjeesan

jedhan.

Seena kana yeroo himu obbo Ahmed imimmaan ija guuta

garaa nama raasaa wantan Ani Taddasaa ittin yaadadhu "J/

Taddasaan Oromoo baay'ee jaalataa ijoollee Walloo naaf

fuudhi mee jedhe natti dubbata Ammallee nuti Oromoon

Itiyoophiyaa keesatti cunqursaa nurra gaha jiru cunqursaa

Afrikaa kibbaa keesatti ummata gurraacha irra gahaa jiru irra ni

hammata jedhe dubbachaa turee jedhan" gaafan seenaa isaa

kana yaadadhu garaa koottun na waadama jedhan. J/

Taddasaa fi Maammoo mazammir gatiin Oromoo kaffalan

guddadhaa keessuma Afaan ofiin Oromoon akka baratu qabu

barsiisu keessatti yoomiyyuu ni yaadatama Afaan Oromoo

baafna jedha. Mootummaan nafxanyaa kana gaafa dhaga'e

banne jedhe gocha suukanneessa qabsaawota Oromoo irratti

raawwate har'as Nafxanyaan Oromoon baratee akka angoo

qabatee biyya kana bulchu hin fedhanii Oromoon barannan

banne jedhanii yaadu jedhan Obbo Ahmed Indiris.

Maatii Qabsaawota ani waliin hidhamee sani osoon arge

akkan wan isaan Argettin gammadaa jedhan.









Guyyaa seenaa oromoonni walloo oromummaaf lafa isaanii irratti wareegamanii wareegan.

Guyyichi Ebla/Maajii/3/2011 A.L.A

☆Guyyaa Qeerroon Dawwee Diina Addaan Dhaabe

☆Guyyaa Sanyiin Hasan Rashiidee Shiftaa nafxanyaa Akka

Harreetti Ofdura Ariitee Likkitti Galchite

☆Guyyaa Qeerroon Hasan Ammee Zarraf Kaarriphoo Gubbaa

Kululfattee Diina Mataan Dhaabde

☆Guyyaa Gootootni Baddaa Walloo Diinatti Karaa Cufan

☆Goyyaa oromoon walloo tokkummaan duulee injifate.

☆Guyyaa Liyyuu haylii nafxayaa miila  Qullaa Qawwee Darbee Dawwee Keessa Fiige

☆Guyyaa Miidiyaan Walloo Qeerroo Walloo Hamilfachiise

☆Guyyaa Gootootni Dawaa Caffaa Qurquraa Abbaa Aliyyuutti

Qabdee Daaraa Gootu

☆Guyyaa Gootni Kululfatee Gantuun Riphitte

☆Guyyaa Reeffi Naafxenyaa Akka Agadaa Tahe

Seenaa tana hin irranfannu yoomuu.

"NAMATTU SEENAA DAGATA MALEE SEENAAN NAMA HIN

DAGATU"

No comments:

Post a Comment

mootittii saba'a Queen of sheba

"Mootittii Saba'a""Queen sheba" ----------------------------------------------------------------- ★Miky Sultan Bar...