Translate

Saturday, February 6, 2021

#Goota hasan rashiidee

GOOTA HASAN RASHIIDEE

By miky sultan

Hasan rashiidee walloo 

Aanaa dawwee Harawaa

Ganda islaamo jedhamtutti

Dhalatee guddate.


Haadha isaa Seenaa ishiitin 

sinitti hima harra

Akkuma beekkamu Harka 

Ilma ishiitti qondaaltoota tigraay Ciccimoofi Waraanni mallasaa

Heeduutu dhume Kan Lakkoofsaan 

Hin beekamneedha bayy'inni jaraa..

Hasan rashiidee Loltummaarratti

Kennaa rabbii qaba, Eenyuuttuu

Tilaamuu hin dandahu Ani

Gamna Colleedha Ogeeshaa waraanaati .


Waraanni hasan rahiidee  loluuf

Ergamu Akka waan humna mootummaa biraa taheetti

Baayy'inaafi meeshaa gurguddaan

Qindaawee itti dhufaa ture.

Qofaa isaa qabsaahaa ture.

Boodarra ilmi Abbeera isaa

Itti dabalamee isaa waliin diina loluuf  gargaaraa turrrdha. innis 

Aliyyi Abdalbaari jedhama.

Innis goota jabaadha.


Waraanni isaanitti ergamee dhufe

Garuu dhufuu malee deebiin hin Jiru ture.

Yoodeebi'es Reeffa qofattu 

Guuramaa ture !!!


Boodarra ilmichii Abbeera isaa 

Diina  hedduu wareege 

Ofiis Harka jaraatti Wareegame.


Hasan rashiidee garuu

Mootummaan gabroonfataan

Yeroo dheeraf  Lolee dadhaabe ture 

Boodarra tooftaan itti deemuun

Nama inni walitti dhiheenya qabu

Qarshii guddaan bitanii 

Haala gantummaatin Wareegame.


Sanbooda Aarii qabanirraa kan ka'e reeffa isaa qabanii Maagaalaa Harawaa walakkaa geessuun aduu keessa cibsanii

Dirqamaan kottaa laalaa

Jedhanii Ummata  dirqisiisaa turani.


Kanuma keessa Haadhi

Isaatis dhuftee yeroo ilma 

Ishii kana lafatti Argitu

Waa jette wanni ishiin jettes.


Humaa miti ilma koo kormi 

Yeroo lama hin baroodu

Seenaa hin qabdu yeroo dheeraaf barooddee jirta  jettee dubbatte.seenaan sin dagatu.


Qondaaltoonni  tigree Kan garaan

Gubateeru Achi dhaabatanii

Afaanuma namaa Eegan

Inni tokko Haadha baanee

Aariidhaan Inumaahuu 

Nigadditaa jedhee?


Deebii Haadha Hasan dhagahaa

Yoonin gaddee qofaan gaddeere

Isinis singaddisiiseera ilmi kiyya

Jetteen.


San booda jeneraaltichi

Akkana jedhe= Haadha goota isa Akkanaa

Keessaa bahaa Eessaa namaaf tola jedhe.


No comments:

Post a Comment

mootittii saba'a Queen of sheba

"Mootittii Saba'a""Queen sheba" ----------------------------------------------------------------- ★Miky Sultan Bar...