Translate

Saturday, February 6, 2021

# Qoqqoodama ummata Oromo/ ኦሮሞ

 Qoqqooddama ilmaan baareentu.


Ummanni Baarentuu/Baarentumaa qoqqooddama armaan gadi qaba (qoqqooddamni tokko deebi'ee mataasaatti qoqooddamuu danda'aa):


Oromoo Walloo, Oromoo gara kaaba ol fagaatee jiraatu, kan baayyinaan Naannoo Amaaraa jalatti argaman kaan Afaan abbaa isaa wallaalefi kanneen Godina Oromiyaa keessa jiraatu. Oromoon Walloo gara kaabaatti hanga Haroo Ashangeetti ol fagaatee kan jiraatu yoo t'u, Oromoon Raayyaa fi Oromoon Yajjuu as jalatti ramadamu.

Oromoo Ituu, kan naannoo Oromiyaa keessa Laga Awaash fi kibba Dirre Dhawaa gidduu jiraatu

Oromoo Karrayyuu, kan sulula Awaashi keessa godina Shawaa Bahaa fi Harargee Dhihaa keessa jiraatu

Oromoo Aniya, kan kibba Ituu fi dhihaa Laga Erer jiraatuu

Oromoo Afran Qalloo, kun Oromoo Qalloorraa dhalata afur yoo ta'an, isaanis:

Oromoo Ala, kan magaalaa Harar gara dhihaa jiraatu akkasumas naannoo Laga Erer

Oromoo Oborraa, kan Oromoo Ituu fi Oromoo Ala gidduu jiraatu

Oromoo Baabbilee, kan baha Laga Erer jiraatu

Oromoo Daagaa (Huumee, Noolee, Jaarsoo):

Huumee (), kan Laga Laaftoo fi Faafam gidduu jiraatu - magaalan guddoon isaani Gursumi

Oromo Noolee, kan baha Dirre Dhawaa fi kaaba Harar jiraatu

Oromoo Jaarsoo, kan fiixa kaaba-bahaa Oromiyaa keessa jiraatu

Oromoo Arsii, kan baayyinaan Godina Arsii keessa jiraatu; akkasumas Godina Baalee keessa jiraatu

Oromoo Qaalluu, kan Lagaa Awaashi fi Dirre Dhawaa gidduu jiraatu

Oromoo Worjii, kan bittinnaa'ee magaalaa Dasee fi Finfinnee keessa jiraatu

Oromoo Sharifa, kan Laga Awaashi fi Dirre Dhawaa gidduu jiraatu, akkasumas Hararge Bahaa keessa Baabbilee, Dadar, Gursum fi Hararge Dhihaa Galamsoo keessa jiraatu


  GOSOOTA WARJII

warjiin gosoota saboota heedduun walmakoodha.gosoonni worjii irra caalaa oromootaaf affaarootan walmakoodha. Akka warri seenaa beekuu dubbataniitti gosni worjii jedhamee waamamu gosa daldaltoota warra muslimaa irraayi.gosoonni worjii  shawaa,Arsii,baalee,jimmaa, irraa kaasee walloon dabalatee naannoo affaarii keessa hanga lafa yaman hanga ertirayatti gosa sabaaf sablamoottan walmakee jiraatiudha. Gosoonni worjii lafa shawaa naannoo daalattif,ammas hararin dabalatee, walloo lafa dawweef ,qaalluu ,baatee,baabboo hanga naannoo affaaritti oromootan walmakee gosa worjii jedhamuun oromoo ta,ee kan yaamamuudha. Worjiin gosoota oromoota muslimaa keessaa tokko. Worjiin yeroo ammaa kana akka gosa oromoo tokkootti kan yaammamuudha.

Worjiin ummaticha keessatti balbala gosootaa 38 ol qabu.isaan keessaa 25 akka armaan gadiitti argamu.

Fkn. 1.Shaanqoolii,2.imardiin,3.worji,4. Shumraddaa,5.Alisheto,6 Abdalloo,7.Abdii laabboo,8Maammudaash,9.Keekuu,10.Goobisoo,11.Jaldii,12wadafaree,13.dingaayzaroo,14.waqrabii,15.simeenee.16.Hajimaammadoo.17.Sarboo,18.Shokraa 19.Nyaa,aa.20Awlijjan.21.Aqobbii.22.Kaliifoo.23.Alqaawwa 24.Awwaasoo, 25Ajaliy...fi baayyetu jiru.


No comments:

Post a Comment

mootittii saba'a Queen of sheba

"Mootittii Saba'a""Queen sheba" ----------------------------------------------------------------- ★Miky Sultan Bar...