Translate

Thursday, February 25, 2021

Maatii tokko keessaa Dirree Waraanaa Qabsootti Galan

Maatii tokko keessaa: 
Jaal Abdu idiris fi jaallee kadra idiris.
Obboleeyyan 2meen, Wal duraa duubaan Miseensota WBO tahuun Bilisummaa biyyaa fi Mirga Saba Oromoo kabachiisuuf, Lubbuu isaanii jijjiirraa hin qabne nuuf kennuun kan aarsaa tahan,
Isaanis:-

1-J/Abduu Idiris, Wallo,Aanaa Baatee, Liibanticha,Jalqaba bara1999 WBO/ABOtti kan dabalame.
 J/Abduun Godina Kibba-Bahaatti dhuma bara 1999tti Jaallawwan isaa waliin dirqama fudhatanii sochiirra osoo jiran Lola WBO fi Waraana Weerartuu TPLF gidduutti taheen diina kuffisee, Kan kufe!!

2-J/Kadraa Idris,Wallo,Aanaa Baatee, Liibanticha, Dhuma bara 2003 WBO/ABOtti kan dabalamte.
Hawwisoo WBO tahuun Sirba qabsoo/warraaqsaa sirbuun Waraanaa fi Ummata dadammaqsuun beekamti ture!!

J/Kadraan Godina Bahaatti bara 2005tti Jaallawwan ishee waliin dirqama fudhatanii sochiirra osoo jiran Lola WBO fi Waraana Weerartuu TPLF gidduutti taheen diina kuffistee, kan kufte!!
Lachuu isaanii baaleetti wareegaman.

No comments:

Post a Comment

mootittii saba'a Queen of sheba

"Mootittii Saba'a""Queen sheba" ----------------------------------------------------------------- ★Miky Sultan Bar...