Translate

Thursday, February 25, 2021

# Walaloo Ormi Nutti Hinaafnaa

Walaloo Ormii Nutti Hinaafnaan
*****************-*********-***-*
Namni bishaan daaku qarqaraan lakkaawwata
<<ስያጌጡ፣ ሞሎጎጡ>> mammaaksa warra habashootaa
haqatu saaxile shira warra hattootaa

baga oromoo taane yoomuu 
Itti boonna.qarri diina keenyaa si argee haa doomuu

dirreetti hin gatu oromoon jabaasaa
gatuun yoo duedha, hin eeyyemu dheekkamsaa
warra onnee kana dhabe, hangam hinaafsisaa?
Barri kun gaaridhas badaadhas goobanas taaddasas gingilchee nuuf kaaye..barri kun gaaridhas heedduu irraa baranne enyutu keenya enyutu diinaa...barri kun badaadha jaboowwan keenya itti dhabne hayyootatu ittiin hidhame.
Kan boruu harra arguun bareeda..
Kan boruuf rabbiitu jira...boruuf yaaduf...
boruuf hoo maal nuuf yaaduu?xiinxaltootaafin dhiisa!
Harreen sodaa waraaboof ilma isaa hin awwaallatu.
keenya saniin bakka gahuu qabu sodaa lubbuuf hin hanqatu
nuhi dukkanni nu dadhabe kan orma guyyaan nyaatu.

tokkummaan ka,uun keenya diina naasiseera
gaafa waliif ajajamnee, walgalchine karaa
shakkii takka malee abdii kutachiifneerra
seeraan haa gaafatamu kan hayyootaaf gameeyyii oromoo fixee galaafate badii malee hidhaatti galche.
Seeran haa gaafatamu kan shira xaxu nurratti.

waan tokkotu jira goolii akka hin galle
nuuf moggaasuu barbaadu, maqaa nuuf hinmallee
adaraa sabakoo! maqaa amantaatiin akka walhin lolle!

haqaa fi shira ilaalaa abbootiin amantaa
<<chee jennaan harreen gurra
dhaabde.>>n eenyuunfaa fakkaata?
haa dhagahu galteenis, ofiif ofdoorsisee maalitti nuhimata

isinis manguddoon hangaftoonni keenya
kan waldogoggore hawaasa naannoo keenyaa
harka walqabachiisaa! akka aadaa keenyaa

duruu nibeekna! waraabu itti bari'e namaaf hinqabu naasuu
nu harkaa nyaachaa dhugaa warri kijiba hafarsu
mana murtii hintaane duaan murtii dabarsuu
mootummaallee hintaane labsiis ni dabarsu
oromoo, amantaa fi kutaan warri wali shakkisiisu

wayyoo! xumurasaanii, gaafa obsa fixanne
akkuma durii sehaniiti, akka gaafa waldiignee
<<ofiif haqnee haqnee qara ofitti baafnee>>
mammaaksa lukkuu sana akka hin mudanne!

keenyaafis dhaamsa qabna oflaali dhaabbadhuu
<<haadha hinqabdu akkayyaaf boossii>>sihiif himnee yaadadhu
IDA'AMUUn boodadha, dura mee dandamadhu
qeerroo harraan si gaheef kabaja qabaadhu!

hayyuu bakka si buuse kan ormi ragaa bahu
miidiyaa ija ummataa, kan dhugaa dirree kaahu
kan diinni isa dadhabe, osoo kaan akaahuu
doorsisuun siifhin maluu, humna hangana gahu

isinis yakkamtoonni warri diinaaf dibbee
oromoon tokkoomuun wari isiniif dhibee
biyya walaboomte keessatti kan hegereen sin dhibe
ati duubaa nu dhidhiibdaa ani siifin gaabbee
shiraan eessayyuu hingeessuu mee of qabi labbee
By miky sultan.
/ Galata Bariiso seid/

No comments:

Post a Comment

mootittii saba'a Queen of sheba

"Mootittii Saba'a""Queen sheba" ----------------------------------------------------------------- ★Miky Sultan Bar...