Translate

Wednesday, January 11, 2023

#Haji muhammad Walee

Haji muhammad walee fi
Bakka dhaloota isaanii.
*******-*****************************
/ makin sultan wallo/ kitaaba Abbaa-hagaa~irraa...
Bara 1353 hijra ji'a rajab guyyaa wiixataa dhalatani.Yeroo xaaliyaan biyyaa weeraru san umrii waggaa lamaa ture yeroo jedhanii haasayan dhagayeera jedhan jaalli isaanii tokko.
Akkuma kanaan bara 1928  dhalatan yoo jenne olitti isa ibsamee sanii waliin walitti dhufa.

Abbaan isaanii Aalima beekkamoo kabajamoo turani Haji Ahmad ibn umar ibn Musa ibn Wadajoo ibn sihin jedhamu.ka'umsi isaanii walloo warra himanoo yeroo tahu mootuwwan islaamaa kan turan sanyii warra maammadoota warra shek( seh) turani.
Haji Ahmad kan jiraatan naannoo darraa waan taheef haji Ahmad darraa jedhamuun beekamu.
Haati isaanii addee zubeeydaa bint sheh Ahmad ibn  haji muhammad arab ibn shek hussen ibn shek fiqih nuur yeroo tahan wanni aja'ibaa harmeen isaani karaa abbaatinis karaa haadhaatini sanyii warra ulama'oota beekamo turte.

Kunoo sheek muhammad waleen asuma  lafa ulama'ota kan taate walloo  keessa kan bahani.
Yeroo sadih  kitaaboota heedduu akatamaniiru irra daddeebin barataniiru.  kitaaba hanafiyi keessa hanga tokko barataniiru,Tawhid,tajwidi fi qorannoo urjiilee Abbaa isaani irraa barataniiru.
Kitaaba fiqih osoo hin xumurin dura Abbaan isaanii Haji Ahmad bara 1372 hijra keessa du'ani shek muhammad waleen barumsa isaanii hin dhaabne ture.barsiisa isaani guddaa boorana iraatti haji Ali adam  naannoo ciqaataatti  kitaaba seera fiqih barachuu itti fufanii achumatti xumurani.

Sheekni isaanitis akka isaan barsiisa ta'an katabanii eeyyama kennaniif. Afaan arabaa nahwii sorf barachuuf kara minnas boorana haji Abdul baasix ibn muhammad bira deemani.

Yeroo baayyef achitti baratanii achumatti xumurani.
Afaan arabaa barsiisuudhafis waraqaan ayyamaa sheeka isaanii irraa kennameef dalagaa itti Aanu immoo barsiisaa isaanii ykn hiriyyaa isaanii jaalatamoo Haji muhammad saani habib bashiir  bira madrasaa deemudhan," musxalhal hadiis"  ka'umsa hadiisaa baratani.
Kitaaba hanafiyyi fi shafi'iyy ka'umsa seeraa usul, ilmal ma'aanii akkasumas Qur'aan tafsiir, Achi boodas manxiq ykn loojik Haji saani jalatti baratani.
Shek hayaat ibn ali bira deemunis  bukaarif muslim barataniiru.
Shek muhammad waleen shek hayat irraa akka hadiisa barsiisan ayyama kennameefii jira.
Kutubu sittaa" Aalima kabajamoo haji muhammad raafi'iy irratti baratanii akka barsiisan ayyamni kennameefi.
Haji muhammad waleen Aalimoota babbeekamoo itiyophiya qofaani miti kan irratti  baratanii eebbisaman.

Magaalaa makkaa masjidal haram keessatti kan wal argan "mufti shek muhammad Abdarashad No'aman paakistaani beekumsi haji muhammad walee isaan dinqisiise "kutubu sittaa  " akka barsiisan waraqaa ragaa eeyyama kutubu sittaa barsiisu kennaniifii jiru.
Haji muhammad waleen erga xalayaa kabajaa  akka kara masrii Alazharitti dhufan godhameefi Aalimoota alazharifi Aalimoota sa'udiitin waraqaan ragaa kennameefii jira.
Zarfii biraatinis Aalimoota gurguddoo irraa ragaan kennamee jiraaf.fakkenyaf. shekni daanaa muhammad zeyn, marsaa kan jiraachaa turan shek mahdi ibn kaliifaa,shek bashi qaxxee, shek muhammad nuur ragaa  bahanii jiru.

Shek haji muhammad waleen adaraa sheekota isaaniti itti kenname barsiisuf waggaa 40 ol barsiisaniiru gorsaniiru.zikrii godhaniiru akkuma kanaan barattoota heedduu horataniiru Ummata barsiisaniiru.

Imaamummadhan: shek muhammad waleen  bara 20 ol finfinneetti kan argamu Nuur  masgiid imaama fi kaaxiba ta,anii faayyadaniiru.
Gaaggeessa majlisaa: shek muhammad waleen itti gaafatamaa majilisaa ta'anii  haji muhammad saani wajjin majilisa huundeessanii gaggeessas ta'anii kan hojjacha turan Aalima kabajamoo turani.
Bara 1983 as akka haaratti kan huundeeffame waaldaa Aalimoota  itiyophiyaa itti gaafatamaa ta'anii fayyadaniiru.
Shari'a fird bet: shek muhammad akka seera qabeessa ta'u akka huundeefamu bara 1983 hanga 1987bara jiran keesaatti qabsooo heedduu muslimootaf godhanii jiru.
Mootumma biyya bulchaa ture  mallas zenawii waliinis qabsoo jabduu godhaniiru waa'ee islaama irratti mari'ataniiru.
Mana hidhaa: bara 1987 keessatti osoo raabshan anwar masgidin hin buune dura  itti gaafatamaa majlisaa ta'anii fayyadaniiru.

Haa ta'u garuu walii galtee dhabamuudhan mana hidhaatti waggaa sadii ol hidhamaniiru.
Hidhaa keessa akka turaniin hiriyoota hidhamtoota isaanitis usulif, hadiisa,Qura'aan tafsiir heedduu barsiisaniiru.hidhaan itti hidhaman ragaa sobaa waan ta'eef badii tokko waan hin qabneef hidhaa irraa bilisaan baafamani. Shek muhammad waleen eega hidhaa bahanii nageenyi isaani gaari hin turre baayyee dhukkubsatani imaama tahuuf barsiisu waan dhukkubichi isaan sodaachiseef . Imala kara sa'udii godhuu filatani.

Saudi arabiyaa deemani achitti kitaabota barachuuf barsiisu itti fufani waraqaa enyumma osoon argatin baroota dheeraf sa'udii keessatti barsiisa ta'anii jiraachu eegalani. Achumaan barattoota heedduu horatanii beekumsa isaani ummataaf ballinaan barsiisa dhufani.san booda kara biyyaatti galani garuu qillensi sa'udi  baayyee waan itti tolee tureef kara sa'udi deebihani jidda jiraachu eegalan.

Dhumaratti shek muhammad waleen waraqaa enyumma sa,udi argatanii. Jidda qofaa osoon taane addunyaaf  intarnetan barsiisu eegalani. Ummanni sa'audii ilmii shek muhammad walee dinqisifatanii  magaalaa makkaatti  universty "ummal quraa" jedhamu keessatti akka barsiisan godhamani.

Shek muhammad yeroo xiqqoof dhukkubsatanii achumaan bara 1997  solaata dura firoottan isaani bilbilaan dubbisanii.
Solaata leyliif wudu'u akkuma godhatanii deebihaniin lubbuu isaani darbe. Rabbiin caffee jannataa isaan hakaahu sheeka keenya.

Shek muhammad walee abbaa manaafi ijoollee 11 qaban turani.
Shek muhammad waleen yoon du,e makkatti na awwaala waan jedhaniif. Ajaja rabbii ta'ee akka makkatti awwaalaman hayyamamefi.

website:-mikysultan.blogspot.com

No comments:

Post a Comment

mootittii saba'a Queen of sheba

"Mootittii Saba'a""Queen sheba" ----------------------------------------------------------------- ★Miky Sultan Bar...