Translate

Monday, May 10, 2021

#HORA FINFINNEE

​​IRREECHA HORA FINFINNEE 

"Hora Finfinneerraa kaasee hanga Aqaaqi gahutti lafa horaati. Lafa horaa waan ta'ef ni ulfeessu. Oromoon irratti irreeffata" jedhu qorataan seenaa fi aadaa Obbo Alamaayyoo Haayilee.
Hora jahaan Oromoo Tuulamaa keessaa Horri Finfinnee hora isa hangafaati.
Abbaan malkaa hora kanaa gosa Gullallee akka ta'e kan himan Obbo Alamaayyoon iddoon horaa kun gosoota Tuulamaa adda addaan kan marfame ta'uu himu.
"Abbaan malkaa yookin kan daggala lafa kanaa saaqee aara kan aarse Gullallee dha. Naannoonsaa immoo Galaan, Gumbichu fi Eekkaadhaan marfame" jedhan.
Kan iddoo hora kanatti irreeffachaa turanis gosoota Oromoo kunneen ta'uu nutti himan. Yeroo keessa Oromoon iddichaa buqqa'uu erga eegalee fi qe'ee isaatii erga fagaatee booda aadaasaas gatee diinagdeensaas irraa fudhatame jedhan.
"Hanguma magaalummaan Finfinnee dabalaa dhufe Afaan Oromoo baadiyyaatti dhiibame, aadaansaas baadiyyaatti dhiibame" jechuun himu qorataan aadaaf seenaa Obbo Alamaayyoo Haayilee.
Hora Hangafaa…
"Horri hangaftittiin Horri Finfinnee ardaa warri qaalluu irratti irreeffatu ture" jedhu Obbo Alamaayyoon.
Itti aansunis horawwan akka Harsadii, Kiloolee, Baabboggaayyaa fi Warxoo akkasumas tulluuwwan irratti irreeffatamaa turuu nutti himan. Lafti hora Finfinnee inni qara itti irreeffatamu yeroo ammaa hoomtuu irratti osoo hin ijaaramin jira. Iddoon kun lafa bishaan hoo'aa lafa keessaa itti burqu yemmuu ta'u lafa caffaa dha.
Teessumni lafichaa gama bahaatin hoteela Finfinnee fi masara preezidaantii biyyattiin gama Lixaatin immoo waajjira mana amantaa adveentistin akkasumas gama kibbaatin hoteela Giyoonin daangeffamee akka jiru Obbo Alamaayyoon himu.
Horri Finfinnee iddoowwan Daalattii, Dabbasoo, Hulluuqqoo Kormaa fi kunneen birootin marfamti. Daalattiin iddoo mootin Minilik masara isaanii itti ijaarratan yemmuu ta'u araddaa warra Duulaa Ara'eeti. Maatin kun asii buqqa'ee kun gara Saaris kuun immoo gara Ejeree fi Hoolataatti akka qubatan taasifamu qorataan seenaa fi aadaa Obbo Alamaayyoo himu. Dabbasoon iddoo giddugalli aadaa Oromoo irratti ijaarrame yemmuu ta'u araddaa warra Masqaloo Guyyaateti. Hulluuqqoon Kormaa immoo iddoo yeroo ammaa addabaabayii Masqalaa jedhamuun beekkamu dha.
Oromoo aadaasaatu sarbame…
 Lafasaarraa buqqaa'uun uummata Oromoo uummaticha kallattii garaagaraan akka miidhe kan dubbatan Obbo Alamaayyoon dhiibbaan xiinsammuu addaan cituun Irreecha Hora Finfinnee fides olaanaa ta'u himu.
"Uummatichi gama diinagdeen lafa isaarraa buqa'ee loon horsiifachuu dadhabe. Lafa isaa qotee omishatee jiraachuu dadhabe. Ummanni heddus ni dhume" jedhu.
"Kana malees uummatni Oromoo afaansaa akka hin dubbanne taasifame. Mirgis aadaan isaas ni sarbame" jechuun dubbatan.
"Afaan dhabuun, diinagdee dhabuun waa hunda dhabuu jechuu dha. Akka namaatti jiraachuu hin dandeenye namaa gadi jiraatte" jechuun seenaa hadhaawaa yaadatu Obbo Alamaayyoon.
Wabii walin jireenyaa…
Aadaa Oromoo keessatti Irreechi walin jireenya, jaalala fi galateeffachuu ta'uu himu Obbo Alamaayyoon.
Haaluma kanaan "kabajamuun Irreecha Hora Finfinnee waliin jireenya uummata magaala Finfinneef wabii guddaadha" jedhan.
Kana malees hawwataalee tuurizimii magaalattii keessaa tokko ta'uunis faayidaa argamsiisuu akka danda'u himu.
Irreechi kun uummatni Oromoo aadaasaa miidhamee ture waltajjii addunyaatti baasuf carraa isa tokko ta'uu isaas himan.
@Odaatiktok
@Oromo_graphya1
Seenaa Oromoo
https://t.me/Oromo_graphya1
👇👇👇👇👇👇👇👇

#SHEK BAKRII SAPHALOO

░K░U░T░A░A░ ░1░F░F░A░A░
                  𝐒𝐡𝐞𝐞𝐤 𝐁𝐚𝐤𝐫𝐢𝐢 𝐒𝐚𝐩𝐡𝐚𝐚𝐥𝐥𝐨𝐨

Sheek Bakrii Saphaalloo (maqaa dhalootaa: Abubakar Garad Usmaan; Sadaasa 1895 - 5 Ebla 1980) hayyuu Oromoo fi walaleessa (poet) fi barsiisaa amantiiti. Hunda caala kan inni ittiin beekamu qubee Afaan Oromoo ittiin barreeffamu uumuu isaatini.

                       Jireenya Isaa 

Sheek Bakrii Saphaalloo ilma Garad Usmaan Odaati; Garad Usmaan Odaa naannoo laga Saphaallootii lafa qaba ture. Lafti isaanii kun yeroo Minilik Harar qabatu bulchiinsa sana keessa oole. Abubakar kan dhalate erga Harar Minilikiin booji'amte waggaa 8 booda yoo ta'u erga abbaansaa amantii Islaamaa fudhatee waggaa 16 booda ture. Abubakar obboleeyyan dhiiraa sadi'ii fi obboleeyyan durbaa afur qaba. Garad Usmaan musliima bayeessa fi dandeettii Afaan Oromoo kan qabu yoo ture barnoota garuu hin qabu; kanaaf dubbisuu fi barreessuu hin danda'u. R. J. Hayiwaardi fi Mahaammad Hasan akka tilmaamanitti, ati isaa Kadijjaan Musliima ta'uu akka hin hafne dubbatu. Erga barumsa sadarkaa tokkoffaa fixee booda, Abubakar gara Carcar deemee barsiisaa amantii Islaamaa Sheeh Umar Aliyyii Balballeetti jalatti barate. Itti aansee Harar deemun waggaa baayyeef Sheek Yusuf Adam jalatti barate. Barsiisota amantii Islaamaa kan biroo jalattillee kan barate yoo ta'u seenaa isaanii (biography) kan inni barreessee kanuma isaan kana qofaati.

Sheek Bakrii Saphaalloo ilma Garad Usmaan Odaati; Garad Usmaan Odaa naannoo laga Saphaallootii lafa qaba ture. Lafti isaanii kun yeroo Minilik Harar qabatu bulchiinsa sana keessa oole. Abubakar kan dhalate erga Harar Minilikiin booji'amte waggaa 8 booda yoo ta'u erga abbaansaa amantii Islaamaa fudhatee waggaa 16 booda ture. Abubakar obboleeyyan dhiiraa sadi'ii fi obboleeyyan durbaa afur qaba. Garad Usmaan musliima bayeessa fi dandeettii Afaan Oromoo kan qabu yoo ture barnoota garuu hin qabu; kanaaf dubbisuu fi barreessuu hin danda'u. R. J. Haywar fi Mahaammad Hasan akka tilmaamanitti, ati Sheek Bakrii Kadijjaan Musliima ta'uu akka hin hafne maqaa ishiirraa ka'uun tilmaamu. Erga barumsa sadarkaa tokkoffaa fixee booda, Abubakar gara Carcar deemee barsiisaa amantii Islaamaa Sheeh Umar Aliyyii Balballeetti jalatti barate. Itti aansee Harar deemun waggaa baayyeef Sheek Yusuf Adam jalatti barate. Barsiisota amantii Islaamaa kan biroo jalattillee kan barate yoo ta'u seenaa isaanii (biography) kan inni barreessee kanuma isaan kana qofaati.
@Odaatiktok
@Oromo_graphya1
https://t.me/Oromo_graphya1

#Nadhii Gammadaa

Seenaa Oromoo:
NADHII GAMMADAA
Kutaa 1ffaa 

Qabsaawaa Oromoo
Nadhii Gammadaa (1955-) qabsaawaa mirga Oromoofi miseensa ABO ture. Nadhii Gammadaa bara 1993 keessa bakka buuteen isaa kan dhabame yoo ta’u du’uu ykn mana hidhaa jiraatuun isaa haga yoonatti hinmirkaneeffamne.
Seenaa Duuba
Nadhiin naannoo Oromiyaa aanaa
Zuwaay Dugdaatti Maqaan dhalootaa isaa Qaasim H/Usmaan Roobaa jedhama. Maqaan ittiin waamamu maqaa qabsoo Nadhii Gammadaa jedhamuun beekkama. Nadhiin bara 1955 Kutaa Arsii Aanaa Zuway Dugdaa keessatti, Abbaa isaa H/Usmaan Roobaafi Haadha isaa Aadde Amiinaa Borsee irraa dhalate. Maqaan Nadhii jedhu kun maqaa abbaa isaa kan H/Usmaan Roobaa ture. Abbaan isaa amantaa Islaamaa erga baratee booda, maqaa isaa gara H/Usmaanitti jijjiirrate. Nadhiin maqaa abbaa isaa kana fudhatee Nadhii Gammadaa jedhamee waammamuu jalqabe. Nadhiin obboloota dhiiraa saddeetiifi obboloota durbaa afur qaba.
Nadhiin mana barnoota sadarkaa 1ffaa irraa kaasee hanga yuunivarsiitiitti barumsaan cimaa ture. Nadhiin qormaata biyyoolessaa darbee
Yuunivarsiitii Finfinnee gale.
Yuunivarsiitii Finfinneetti barnootaa faarmaasii baratee waggaa tokko akkuma fixeen barnoota addaan kutee qabsoo bilisummaa Oromoo geggeessuuf bara 1978 ABOtti makame.
ABOtti makamee yeroo gabaabaa keessatti miseensa koree giddugaleessa ta’e.
Nadhiin bara 1993 wal ga’ii ABO irratti hirmaachuuf Waardiyoota isaa ja’a (6) wajjiin osoo gara iddoo Bookee 27 jedhamuutti deemuuu, bakka Asakoo jedhamu tan daangaa Arsiifi Harargee jidduutti argamtutti butamee, achi buuteen isaa dhabame. Nadhiin goota sammuu qaroo, kan yoo dubbatu haasawa isaa jechoota akka rasaasaatti onnee nama kutu, kan sagalee onnattummaafi kutannoon dubbatu saniin hedduu beekama. Akka namoonni tokko tokko jedhanitti Nadhii Gammadaa Maqaleetti dararaan mana hidhaatti irra gahaa jira yoo jedhan kaanimmoo Nadhiin lubbuun hin jiru jedhu. kunis ragaa qabatamaan kan deggerame miti.
Walumaa galatti Nadhiin seenaa Oromoo keessatti nama seenaan isaa barabaraan yaadatamu eessa akka jiru du’ee jiraafi lubbuun jiraan isaa kan hinbeekamne nama seenaa guddaa qabuudha. Nadhii Gammadaa as-buuteen dhabame haajedhamu malee, barbaacha isaaf xiyyeeffaannoon gama mootummaatiin wanti hojjatame hinjiru. Namnii namaaf falmuuu haa barbaadamu ilaalun gaariidha.
Akkuma sagalee haasawa isaa Nadhiin goota murannoofi kutannoo dhugaa kan qabuudha. Jechoota muraasa gatii qabdu, kan haasawa isaa humna qabeessaa keessaa;
1. “Biyya keenya jaalannu nama wajjiin qoodanna, feenu immoo akka barbaadnetti bulfachuun mirga keenya.!”
2. “Osoo halagaan biyya keenyarratti nu bulchuuf lafa dhiituu, kan hidhatee muratee dhaadatu, nuti ammoo mirga keenya kabachiisuudhaaf wanti murachuu nu hanqisu hin jiru.!”
3. “Hiree Ummata Oromoo kan murteessu, Ummata Oromooti malee, anatu sii beeka, karaa kana deemtu malee, kan nuun jedhuufi kan afaan qawweetiin nu doorsisu jiraatu, Ummanni keenya fudhachuuf qophii miti.!”
4. “Seenaa Abaaboota keenyaa kan Aanooleetti dhumanii san jiraachisuun, biyya keenya Oromiyaa harka Oromootti, Oromiyaa harka ilmaan haqaa kan Oromoo Ummata Oromootiif dhaabbataniitti galchuu qofaani.!”
5. “Hundi keenyayyuu; Ummanni Oromoo bakkayyuu, harka wal qabannee, waliin dhaabbannee, waan warri Aanoolee itti wareegamaniif san gatii itti godhuudhaaf fuuldura haa tarkaanfannuu.”
6. “Oromoon tokko. Amantiin addan bahu. Oromoon gosaan addan bahu. Lagaan addan bahu. Gaaraan addan bahu. Kan Oromoo adda qooduuf tattaafatu haa badu.”
7. “Biyya Oromoo irratti abbaan biyyaa Oromoodha. Biyya Oromoorratti Oromoo malee, namni biraa murteessuu hin danda'u. Kan warra biraa nurratti murteessisuu dhidhiibu haa badu.!” fi kan biroo jechoota hedduu Ummata Oromoo hundaaf dhaamee jira.”...itti fufa 
Seenaa Oromoo
https://t.me/Jecha_Haayyotaa

👆👆👆👆👆👆👆
NADHII!!!

Saba kee Bilisoomsuuf,
Yommuu ati yaaddu.
Gootummaadhaaf,
Onneen tee hin gaaddu.
Tolchitee dubbattaa,
Boonaaf of hin dhaaddu.
---
Walabummaa goonfachuuf,
Qabsootti cimtaa.!
Eessa jirta Nadhii,
Bakka jirtu nutti himtaa?.
Saba keetiif baatee,
Karatti maaliif timtaa?.
---
Cingala dabdemoo,
Waraabessatu sinyaate?.
Beekaati riphxemoo,
Biyya keessaa baate?.
Waa'een kee maaliif dide,
Nadhii atta taate?.
---
Ati hin duutu Nadhii,
Ni jirta siif waadaa.
Oromoon Booyee,
Garaatti qaata aadaa.
Dubbadhu mee Nadhii,
Si arguu barbaadaa?.
---
Bareedaa Oromoo,
Hayyuu hoonga hin qabne.
Iyyaafannoon si soqnee,
Akkamitti si dhabne?.
Nu Oromoon mara dunnine,
Hamileedha cabne.
---
Dubbataa beekamaa,
Qillisaa Sagalee.
Nama hunda hawwata,
Midhaga kiloolee.
Yoomuma as baatee,
Nuun jetta kunooree?.
---
Iyyaankee maafin argamne,
Maaltu nurraa sifooye. Jiraattu nutti himadhumee,
Eenyutu adda sidooye?.
Ati maaliif nu miliiyxe?
Barana Risaa bokkaa mooye.
--- Maaliif nuufin qoorsine,
Imimmaan firootaa. Gadaannisa seenaati,
Ati Utubaa dhalootaa.
Mul'adhu as bahii,
Sabni kankee si iyyaafataa.
********
@Odaatiktok
@Oromo_graphya1
Seenaa Oromoo
https://t.me/Oromo_graphya1

#Gooticha Jaagamaa Badhaanee

JAAGAMAA BADHAANEE

Qabsaawaan ni kufaa qabsoon itti fufa! Kan kaayyoof kufe lama dhalatee takka du’e, kana ofumaa du’e takkaa dhalatee lama du’e.Qabsoo bilisummaaf deemsifamaa ture keessatti goototi Oromoo qaqqalii ta’an itti wareegamaniiru. Wareegama isaanii kanatu har’a akka nuyi Oromummaa keenyaa beeknee sanaafis falmannu nu godhe. Haata’uu malee, wareegama haga har’aa kaffalameen qabsoon Oromoo galii isaa hin geenye. Garuu qabsoon keenyi guyyumaa guyyaan fuladuratti tarkaanfataa jira.
Goototii barattooti Oromoos qabsoo hangafooti qabsaawoti keenyi warri akka Jeneraal Taaddasaa Birruu, Baroo Tumsaa, Elemoo Qilxuu, Magarsaa Barii, Gadaa Gammadaa, Abbomaa Mitikkuu fi kkf itti wareegamanii aakka bakkan geenyuuf imaana nutti kennatanii dabran bakkan gayuuf qabsoo hadhawaa gochaa turuun isaanii ni beekama.
Keessatti baroota 2000 as wareegamni goototi baratoota Oromoo seenaa Qabsoo Bilisummaa Oromoo keessatti bakka guddaa qaba.
Wareegamtooti kanneen akka Geetuu Dirribaa/ Ambotti/ Diribee Jifaar /Dambidoollootti/ bara 2000 keessa kaffalan baratoota Oromoo bakka adda addaa tti fakeenyaa gootummaa ta’ee akka isaan qabsoo isaanii finiinsan isaan taasiseera. Maqaleett ajjeefamuun barataa Simee Tarrafaa ammoo baratoota Oromoo caalatti tokko ta’anii diina ija baasaa Oromoo lafa irraa dhabamsiisuuf itti jiru kana falmachuun waan furmaata hin qabne ta’uu isaa hubachiseera. Egaa akka kanaani qabsoon Bilisummaa baratoota Oromoo golee arfan Oromiyaa keessatti kan fininee itti fufee har’a as gaye.
Egaa fincilli diddaa gabrummaa amma itti jirus itti fufaa qabsoo goototaa qabsaawota keenya bilisummaa Oromoof gucaa ta’anii darbaniiti. Akka kanaan baratooti Oromoo fi hawaasi Oromoo bakka adda addaatti wareega qaqqalii kaffalaa jira. Isaan kana keessa gaafa roobii/ 9/11/05/ kan wareegamee Gootichaa Jaagamaa Badhaanee waa jetna.
Jaagamaa Badhaanee barataa Oromoo goota, gara kuteessa fi gamna barattoota kanneen kaniif fakkeenya garii fi dura bu’aa ture.
Sochii barattoota bara 2000 jalqabamee irraa kaasee adda durumaan kan baratoota qindeessaa turee fi kan sabboonummaa Oromoo barattoota keessatti dagagsaa turee dha. Gaafa sadarkaa tokkoffa/ kutaa 7ffaa/ baratuu illee maadhee dhoksaa barattootatti ijaaramee kan qindeessa ture ta’uun isaa hiriyooti isaa oso hirqinfatani dubbatu.
Jaagamaan beekaa kan dubbatee nama hin mufachiisnee fi kan namoota hedduuf fakkeenya ta’ee dha. Kana irraa ka’uun baratooti Oromoo naannoo Amboo akka “motora’ sochii isaanitti isa ilaalu. Wayyaneenis kanumaa irraa ka’uun akka inni mana barumsaa irraa wagga sadiif /2002-2005/ariyatamu goote. Haata’uu garuu Jaagamaatiin kun haamilee isa hin tuqne. Bakka jiru hundumaatti waa’ee gabrummaa Oromoo dubbatee hiriyoota isaa qabsoof kakasuu irraa duubaa hin deebine. Yeroo kana mana suuraa Tsiyoon jedhamu Amboo keessa waggota sadan kana yeroo hojjetaa tures sabbonota Oromoo mamiltooti isaa dinqisifanna fi jaalala guddaa horateera.
Egaa Wayyaneenis kana hundumaa waan beektuuf dursitee baratoota keessa isa baaftee kan isheen osoo baratooti dhaadhannoo isaanii illee dhageessisuu hin jalqabiin kan isheen rasaasa itti roobsite. Ummati fi baratooti Amboos Awwaalcha goota Oromoo kana irratti hedduminaan argamuun kabaja guddaa fi gootummaa isaa faarfachaa kan isaa awwaalan. Sana qofaas osoo hintaane ergaa awwaalchaa isaa irraa deebi’anii alabaa ABO qabatanii halkan guutuu goototaa Oromoo wareegaman fi Jaagamaa farsaa akka gumaan isaan deebisan dhaadhachaa kan bulan. Ammallee ummati Amboo “qabsaawaan ni kufa qabsoon itti fufaa!” Jechuun fincila didda gabrummaa itti fufaa jiru. Egaa gootii akkas ummata isaaf fakkenya te’ee du’ee barabaraan jiraata kan jedhamuufis kanumaafi.
Seenaa Oromoo
https://t.me/Jecha_Haayyotaa

#Mooticha -Hindii- Maalik- Ambaar

MOOTICHA HINDII MAALIIK AMBAAR (1549- 1626 )
Maaliik Ambaar dhalataa Oromoo mootii ta'uun mootummaa biyya Hindii nama bulcheedha. Maaliik Ambaar Jaarrraa16ffaa keessa gosa Oromoo Maayaa jedhamu irraa Afriikaa Bahaa ,Itoophiyaa, Naannoo Harargeetti dhalate. Akka barresitoonni seenaa jedhanitti Gosti Oromoo Maayaa kun lola xiyyaa darbachuutin baayyee akka beekkaman himama , gosti kuniis yeroo San Haramayaa , gaara dhangaggooti hanga carcar cirootti qubatanii jiraatu, seenaan tokko tokko jedhuutti maqaan hara-maayaa jedhu kun akka maqaa,gosa Oromoo Oromoo kana irraa akka mogga'ee himama , gosti maayaa kun yeroo ammaas Harargee bahaa , Aanaa Haramayaa baayyinaan jiraatu Maayaa xiqqoofi Maayaa guddoo jedhamuniis bekkamu.
Maalik Ambaar Maqaan dhaloota isaa Shambaa (,Shambuu ) jedhama.Maaliik Ambaar yeroo ijoollumma isaa warra garba gurguraniin butamee gabaa Harariirra gara galoo galaana diimaa Peershiyaa Kibbaa Yemeen gabaa Al-Muukahaan jedhamutti gurguyeroo sanitti gabaa sanitti argamee kan turee daldalaan lammiin Poorchuugal kan tahee Piiteer Prookeez " bifa habashaa aslii / sirrii kan ta'ee kan qabu " jedheeti ibse itti fufuun ammaas magaalaa dheeraa fulaa Roomaan fakkatuu habashaa aslii jedhee ibsee gabuma Yemeen sanitti yeroo duraaf kan gurgurame yoo tahuu kan gurguramee gar Iraaq Bahagaadaditti kan bitaate Khazii Husseen nama jedhama.
Khazii Husseen dandeetti fi ciminaa gabrichaa habashaa kana baruuf yeroos itti hin fudhannee jedhuu qorattootiin seenaa isaa gabroottan biraa irrahis addatti kophatti baasee mallaqaa baasuu galchuu ( Herreegaa) fi taligaa / bulchinsaa barbsiisee maqaa Ambaar jedhuus kan baasee guddifataa isaa Husseen du'e.Boodarraa achuma baha jidduu galeessaa Iraaq Baagdaaditti takkarra lama lamarraas sadi magaalaaf dhiyaatee nama Qaasiim
Al-Baghdaadii jedhamuuf gurgurame. Qaasim Al-Bahagdaadii isa qabee gabaa makkatti dhihessee, Gabaan makkaa kun ammoo jireenyaa isaa kan jijjiree tahuu barreesitoonni seenaa isaa ni ibsuu. Kan bitaate Muummee Miinisteeraa Nizaamshaayiii Chiingiiz Khaaniidha.Jaar
raa 16ffaa keessaa kibbaa Hindii bulchinsa Deekaan keessatti Aadalee fi amantilee gargaraa kabajamanii walqixummaan keessa jirataniidha.
Gabronnii Afriikaadha bitamaniis baayyinaan akka keessa jiraatan barreesitoonni hedduun ragaa bahuu.Habashannii hedduun ammoo bilisa bahanii lootummaan akka tajajjilaa turan seenaan ni dubbata. Looltonni habashaa kun amanummaa fi gootummaa lolaataniis akka beekaman dubbatama isaan tokko Maaliik Ambaarii. Namni kun Maaliik Ambaar akka ilmoo isaatti kunuunsuun Afaan Araabaa fi Faransaayii akkasumaas beekumsa waraanaafi taligaa( Bulchiinsaa)akka barsiisee himama Suutuma sutaan Maaliik sulxanoota Nizaamshahii Chiingiiz Khaan ykn Maaliik Daabiir akka tajajiluuf kennameef.
Gaafa Hinditti mootootaaf gurguramuus muuxannoo kana guddiifachuun maasaraa keessatti hanga waranaa dursuu gehee boodarra jabatee dhiha Hindii Deekaanitti lammilee Afriikaa dhalattoota Habashaa 1500 niin looltu mataa isaa jaaree sulxanoota deekaan kan Nizaamshaayiii tajajiluu jalqabe...
Itti fufa...
@Odaatiktok
https://t.me/Oromo_graphya1

#Balcha _Safo/#ባልቻ _ሳፎ

OromoGraphya1:
Seenaa Oromoo:
Dajjaazmaach # Baalchaa_Saafoo
==============================
===
Oromoon seenaa baay'ina isaatti seenaa guddaa fi gita hin qabne qabdi.Haa ta'u sababoota gara garaa irraan kan ka'e seenaan gootota Oromoo hedduun awwaalamuun akka dhokatu taasisaa turaniiru.Haa ta'u malee qabsoo hadhaawaa fi wareegama hedduu ksnfaluun kan waaqayyo du'arraa hambisuun namoonni seenaa gootota kanneenii sirriitti beekan lubbuun jiraachuun isaanii ammoo akka kitaaba seenaa tokkootti nu gargaareera.Dab
alataan ammoo # Gaazexaawwan yeroo sanatti maqaa gootawwan kanneenii
# Xureessuuf bahanii,garuu akka dhaloonni ammaa suura isaanii Argataniif gahee hedduu gumaacheera.
Meekaa har'a seenaa gooticha maqaansaa armaan olitti caqafame kanaa hamma tokko isiniif qooda!
………………………# DAJ_BAALCHAA_AB
BAA_NAFSOO
………………………………………
…………………………………………
Daj. # Baalchaa Saafoo/Abbaa nafsoo,shawaa kibba lixaa,Aanaa # Tolee keessatti dhalate.
Goota Oromoo tuqamuun isa jibbisiisu,weerara # Xaaliyaanii isa jalqabaa # Adwaa irratti minilik II ffaa wajjin,isa lammaffaa Hayilasillaasee waliin ammo # Maayicaw fi diddaa fincilaa waggoota shanii irratti nama sodaa tokko malee lammiif dursa laatee hiriiredha.Dirreewwan waraanaa lamaanirrattuu hiriyootaa fi namoota jaalatu hedduu,biyya isaa garuu nama gabrummaaf nama dabarsee laachuu hin barbaadne ture.
Abbaan Nabsoo,giiftii # Zawdituun muudamee bulchaa # sidaamaa osoi ta'ee jiruu # Raas_Tafariin bara 1916tti
# Awurooppaa deemee biyyootii gara garaa erga doow'atee deebi'een booda guddinaa fi qaroomina arge itiyoophiyaatti haala itti galee hojiirra oolu mariisisuuf abbootii taayitaa yeroo sanaa hunda Finfinneetti waame.Baalchaan garuu hin dhufu jechuun dide.,dhumarra garuu xalayaa
# Zawdituun Guraandhala 3,1920 isaaf barreessiteen hatattamaan akka argamuuf waamichi darbeef.
Baalchaan sanaan dura garuu waggoota 4 guutuuf Finfinnee osoo hin ejjetiin dabarsuun Guraandhala 16,1920 waamicha taasifameefiin loltoota isaa lakkoofsaa #500 Ta'an lafoo oofee#Sidaamaa irraa Finfinnee gale.Masaraas erga seenanii agarsiisa hiriira raayyaa erga agarsiisanii boodas raayyaan isaa yoo iddoo qabatee dhaabatu,giiftii zawdituu harka fuudhee,
# Tafarii garuu # nagaa_gaafachuu_dide . Sababni isaas muufuu ta'us, Qufaan waan na qabeef,lakkiin fuula dhorkatee irraa garagalee taa'e. Tafariin garuu irra deddeebiin sossobachaa ture.
Baalchaan,loltoita isaa 4,kan eegdummaan isa tajaajilan erga keessaa hambifateen booda,kaan sidaamaatti akka deebi'anii galan faggeessee mana jireenya isaa # Finfinneetti galee taa'e. Tafariin affeerraa irbaataa irra deddeebiin isa waamus Baalchaan du'een argamaan argamuu dide.
Raas Tafariin sababiin mufannaa Baalchaa galuufii baatus, # Tuffiirraa akka ta'e sirriitti galeefii ture jedhama.Kun ammoo Tafariu aarsee mar'immaan eelcheet ture.Eelees gubatee hin hafne,Guraandhala 28,1920 kaabinee Raas Tafarii kan turan,muudamaan
# Itaamaajor_Qantaazmaach_Saahil
ee_Isheetuu loltoota 20 qabatanii Baalchaa # Hidhanii akka fidaniif Tafariin ajaja dabarse. Baalchaanis dhaddacha mootii Tafarii biratti dhiyaatan. Baalchaan badiisaa akka amanu yoo gaafatamu,seenaa inni hojjete nama mitii,gaarreen # Adwaatuu dhugaa ba'utii sanyii lakkaa'anii wal # badhaasuun
# Wal_faarsuunis_ta 'ee_wal_muuduun duruu turteetti anoo hin mufanne,namuus hin tuffanne jedhee yoo dubbatu,Tafariin murtoo itti laate.
# Murtoo kanas akkanaan kaa'a;
*Har'aa jalqabdee # Bulchaa_Sidaamaa irraa buuteetta.Iddookee, # Daj ._Birruu_W/
Gabri'eel muudameera.
*Dajjaazmaach Baalchaa saafoo har'arraa eegalee # Hidhaan adabbii dhaabbii masaraa # Minilik keessatti eegumsa cimaan akka taasifamuuf murtaa'eera.Dhi
mmi isaas Qanyaazmaach Saahilee Isheetuun akka raawwachiisu,galmeen isaas cufameera:ol iyyannoon dhaddacha kanaan ala hin jiru.
Guraandhala 28,1920 ganama toora sa'aa 5:00 dhimmi Baalchaa otoo kanaan jiruu labsiin heera mootummaa Itiyoophiyaa bara 1923 boqonnaa 7 fi keeyyattoota 55 of keessatti hammatee ba'uun isaa ifoome.Heerri ba'es murtoo adabbii kan laatu mana murtiidha jedhus,Raas Tafariin garuu ofumaa # abbaa_murtii ,

# Abbaa_alangaa ,#ragaa,#poolisii ta'ee Baalchaa Hidhaa

dhaabbiin hidhe.Jaalala garaadhaa maddeen biyya isaa tajaajilus booddee garuu akka mammaaksa "#ITIYOOPHIYAA_INNAATEE_MONYIN
NAT_TALAALLAA
#YEMOOTELLISH_QARTOO_YEGEDDELE
SH_BALLAA!"……Hiikkaan isaa,"Itiyoophi
yaa haadhakoo,gowwittii wallaaltuu
kan siif du'e badee,kan di #Ajjeese nyaate!"…ta'ee,Baalchaan ifaajjeen isaa #Ajjeechaa ta'ee seenaan isaa #Reeffa isaa waliin awwaalame...ta'us har'a garuu ifa bahe!!……
@Odaatiktok
@Odaatiktok
Maddi:Seenaa Gootota Oromoo fi kaan
Maxxansa 1ffaa,@2007
Seenaa Oromoo
https://t.me/Oromo_graphya1

# Tigist _Maammoo

SEENAA GOOTITTI OROMOO TIGIST MAAMMOO 

Barattoota Oromoo kan Yuuiversitoota garagaraat osoo karaa nagaan hiriira bahani dhimma abba biyummaa isaanii falmata jiranuu lubbuun isaanii waraana mootummaa Wayyaanen darbite keessaa seenaa gabaabaa barattuu Tigist Maammoo Simaa isiniif qooda.Tigist Abbaa ishee Obbo Maammoo Simaa fi Haadha ishee Aaddee Ayeetuu Maammoo irraa bara 1992 akka lakkoofsa Oromootti Biyya Oromiyaa Godina Kibba lixa Shawaa Aanaa sadeen Sooddoo Ganda Saaririti jedhamutti dhalattee.Mana barnoota sadarkaa 1ffaa kan barattee 1_8 mana barnoota Calalaqa kan jedhamu miilan deemsa sa’a lama deemte barattee.sadarkaa 2ffaa 9_12 mana barnoota Harbuu Cululleetti baratte.Akkasuma qabxii gaarii fiduun Yuuniversitii  Maddaa Walaabutti waggaa 1ffaa barata osoo jirtuu  FDGf n gaaffii mirgaa baratooti Oromoo Ebla 28,2014 kaasaniin wal qabatee rasaasa diinaan wareega lubbuu saba Oromoof jecdha kafalte.
Gootittiin Oromoo Tigist Maammoo dhalattee ganna 22ti gootummaan uumata Oromoof wareega kafalete. Qabasaawaan yoo kufe illee Qabsoon itti fufee kaayyoo isaanii bakkaan ni gaha.
Seenaa Oromoo
@Odaatiktok
@Oromo ancient oromia and oromo
https://t.me/Oromo_graphya1

mootittii saba'a Queen of sheba

"Mootittii Saba'a""Queen sheba" ----------------------------------------------------------------- ★Miky Sultan Bar...