Translate

Tuesday, June 8, 2021

TARREE MAQAA QEERROO GANAMAA!!

#Goottan_Gootarra_Dhiiraa!!
TARREE MAQAA QEERROO GANAMAA 36!!

Goototni ilmaan Ituu, Afran Qalloo, Humbannaa, fi Arsii Shanan barreentummaa keessaa Afur bakka bu'u. Sirna mootummoota Naf*anyaa darban keessatti akka Saba tokkotti wal ijaartee dhiisi akka dhuunfattuu ani Oromoodha jatte, eenyummaa kee afaan guutattee himatte jiraachuun yeroo itti hin dandayyamne turte. Haa tahu garuu bara 1960n ta Oromoon sochii mirga ofii kabachiissu Iddoo hundaa sossoossurraa wanti ofduuba deebisuu dandayye hin jirtu. Ilmaan barreentummaa roorroon alagaa irra heddummaate fincila Oromoota Ituu, Fincila qotee bulaa Baalee fi diigamuu sochii Tuuta hawwissoo afran Qalloo booda, baha Oromiyaati walitti dhaamanii, bilisummaa ofiitiif falmachuuf gara biyya ollootaa qajeelan. Soomaaliyaa, Yamani, Egypti hanga Iraq akkaata deeggarsa itti argachuu dandayyan haala mijjeeffatan. 

Barri isaa sept 5, bara 1969 ilmaan Oromoo bareentummaa namni 51 gahan, hoggansa Jaarraa Abbaa Gadaa, Elemoo Qilxuu, Mullis Gadaa fi kkf niin qajeelfamanii, biyya Soomaalee Moqqaadishooti, boqqoonnaa qabsoo bilisummaa Oromoo bifa haarawaan falmachuuf biqiltuu #ABO jattu gadi dhaaban. Gurmuun tunnis baqqatoota Oromoo gara biyya Soomaalee fi Arabaatti dhangalaa turan baayyee ofitti dabalachuun Leenjii Loltummaa Biyya Yaman kibbaa, Edanitti Kaambii loltoota Eertiraa wajiin akka fudhatan Arab Leaguen hayyamameefi. Leenjii tanas qixxa gahan erga fudhataniin booda gara biyyaa qajeelan. Gurmii isaanii miseensa 36 qabdu tanaanis #Qeerroo_Ganamaa jechuudhaan of moggaasan. Namni Maqaan Ramadaan kan seenaa isaa Post kaleessaarratti ibsine Sahillitti kan  warreegame yoo tahu, Jaarraa Abbaa Gadaa dabalatee 35 hafan mootummaa Ziyaad Barree kan yeroo gabaabdu san qofaaf firummaa Mootummaa Haayilasilaasee wajiin horateen qabamanii murtiin du'aa itti kennamte. Yeroof murtiin du'aa sun osoo irratti hin raawwatamiin turuun mana hidhaa #Mandheer, Soomaalii laanditti waggaa 5 fi guyyaa 12 erga hidhaman booda dhiifamaan gadi lakkifamuu dandayyan. 

Itti aanaa hoggansaa yeroo sanii kan ture #Elemoo_Qilxuu yeroo Qeerroon ganamaa Humna mootummaa Somaaliyaa harkatti kuftu sanatti wajiin hin ture. Hoggansi Tokkooffaa Jaarraa Abbaa Gadaa waan tuuta kanaa wajiin marsaa durarratti sochoo'uuf murteesseef,  Elemoo Qilxuu yeroo kana achu yaman loltoota ABO kaambii leenjii ti hafan hogganuuf hafe. Haa tahu Elemoonis oduu Qeerroon ganamaa tan marsaa duraa too'annaa mootummaa Soomaaliyaa jala seenan jattu tun hammilee isa hin tuuyne, inumaa daran imaanaa gateetti isarratti kuftee galmaan gahuuf bara 1973 Qeerroo ganamaa Marsaa lammaffaa hogganuun, Ona Ituu Carcar Xirrooti qajeeluun gaarreen carcar irratti ibida qabsoo bilisummaa qabsiisuun, goota imaanaa Sabaa lafa hin keenye tahuusaa dhiigaan nu barsiise. 

#Maqaa_Miseensoota_Qeerroo1Ganamaa_marsaa_1ffaa, Ramadaan dabalatee kaneen Mandheeritti waggaa shan hidhamanii bahanii akka armaan gadii kanatti isiniif dhiheesina. 

1. Abdulkariim Ibrahim Haamid (Jaarraa Abbaa Gadaa)
2. Abdulkariim Aadam Lakkuu (Sooraa)
3. Mahamud Sheek Muhammad Umar Bookee
4. Umar Abubakar Ibraahim
5. Muhammad Abdulkariim (Areedoo)
6. Muhammad Abdullaahii (Koosum)
7. Bakrii Ibraahim (Abbaa Fatoo)
8. Barii Ahimad Baabilee
9. Muhammad Ahimed Umar (koormooso)
10. Muhammad Abdulqaadir Shaltaataa
11. Ahammad Nahaammad Umar( Caalaa)
12. Muhammad Abdullaahii Alii(Muudee)
13. Ahmad Muhammad Muussaaa (Mullata)
14. Muhammad Kabiir Iissaa(Jarjarso)
15. Ahmad Muhammad Usmaan (Daammacaa)
16. Muhammad Saanii Umar (Horoo)
17. Husseen Abbaa Waaqaa(Baale)
18. Jamaal Abdulqaadir
19. Ahmad Iissee
20. Aadam Muhammad Alii(Laafaa)
21. Ahmad Nuur Alii(Arroo)
22. Ahmad Nuur Hassan
23. Abdulkariim Muhammad Ana's(Jifaaraa)
24. Muhammad Sheek Hassan(Nibarbaannaa)
25. Aadam Abubakar(Moluu)
26. Ahmad Muhammad Abdurahmaan
27. Muhammad Ibraahim Waday(Shantam Shubbisaa)
28. Ahmad Nuur Muussaa Na'ee
29. Abdallaa Bakrii
30. Muhammad Alii
31. Ahmad Umar Abdallaa
32. Ahmad Haashii
33. Hajjii Maamoo
34. Ramadan Husseen Kaliil
35. Abdurahman Muhammad Yonis(Tuujii)
36. Ahmad Yuusuf Ibrahim (Turee Leencoo).

#Horaa_Bulaa 
Deebana
Ituu Oromoo Post Madda Oddeefannoo fi Beekumsaa ti.
@Oromographya
@Odaatiktok

Monday, June 7, 2021

#Gooticha Abishee Garbaa

OromoGraphya1:
Seenaa goototaa:
Abishee Garbaa

Abishee Garbaa abbaa duulaa (mootii jechuunis ni danda'ama) ummata Oromoo naannoo Horroo jiraachaa turee yoo ta'u goota beekkamaadha. Abbaan Abiishee Garbaa Hurruubaa yoo ta'u haatisaa ammoo Dagattee jedhamti. Aadde Dagatte daldaltuu beekkamtuu yoo taatuu abbaansaa ammoo abbaa duulaati.

Seenaa Duubaa

Abiishee Garbaa ilma abbaa duulaa Odaa Bulluq kan naannoo Horroo kan ture kan Garbaa Hurruubaati. Garbaa Hurruuba sirna Gadaatin Odaa Bulluqiin filatamee akka abbaa duulaatti bara 1850-54tti tajaajilaa ture. Waggaa afur akkuma tajaajileen Garbaan ni du'e. Abishee Garbaa kanatti fayyadamuun abbaa duulummaa abbaasaa kan waggaa afur hafe kana qabachuuf gaaffii dhiyeesse. Kunimmoo sirna Gadaa keessatti fudhatama kan hin qabne waan ta'eef mormiin isa mudate; garuu deeggartoota muraasaa keessattu dargaggoota ni qaba ture. Boodarra Abisheen abbaa duulummaa abbaasaa kana humnumaan dhaalee abbaa duulaa ta'e. Kunis bara 1855tti. Waggaan arfan hafan xumuramanis Abisheen aangoo akka sirna Gadaatti hin gadhiifne, ittuma fufee warra kaan amansiisun warra kaan ammoo doorsisuun akka aangoosaa fudhatan godhe. Naannoo Horrootti weerarri Goojjam yeroo yeroon kan dhufu waan tureef Abishen ammo kana sirriitti faccisaa waan tureef namoota birattis fudhatama argate. Abiisheen lolee naannoo kuma kudha shan ta'u qaba ture.

Gaadi'amuusaa

Goojjamoonni Abiishee waraanaan injifachuu waan dadhabaniif, tooftadhaan qabuuf shira xaxan. Haala kanaan, waliigaltee nagaa si wajjin uumuu barbaadna jechuudhan ergaa karaa nama Qadiidaa Wannabee jedhamuu dhaamsa itti ergan. Karaadhuma Qadiidaas kennaa beennacha fardaa warqiirraa hojjatame erganiifi. Akkaataa kanaan Abiisheen Raas Darasuu wajjin walitti dhufee akka mari'atu haala mijeessan. Akka seera Oromoottis walii kakachuudhan wadaa nageenyaa kana Abiishee fi Goojjamoonni xumuran. Kakuun kan dhugaa akka hin taane abbotin duulaa Oromoo akka Dabalaa Gannaa fi Dagaa Hooroo jedhaman itti himanillee Abiisheen isaan hin dhageenye.

Haala kanaan waliigaltee erga uumanii booda, Goojjamoonni Laga Mormor ce'anii odoo Abiishen hin beekin daangaa Guduruu fi Horro gidduu jiru qaxxaamuranii loltusaanii Goodaa Kokor kan teessuma Abiishee Dooyyorraa 20km fagaatu qubachiisan. Abiishen erga kana dhaga'ee booda loltuusaa kan lakkoofsan kuma afur ta'an qabatee gara Goodaa Kokor deeme. Waliigalteen duraan waan qabaniif Abiishen waraanaf hin deemne. Erga achi ga'ee booda akka seera Oromootti bakara qabatanii man ol seenun safuu waan ta'eef Abiishen meeshaasaa ala ka'ee gara dunkaana Goojjamootaa mariif ol seene. Gojjamoonnis duskaana keessatti Abiishee qabanii gaadi'ani. Qabamuusaa kan ibsuufis dibbee yeroo rukutan loltoonni Abiishee waan raawwatame barani. Loltoonni Abiishes waraana jalqabani warra Goojjamootaa rukutuu jalqaban. Garuu jarri duraan qophaa'anii waan turaniif loltoota Abiishe ni injifatani. Lola kanarratti abbaaduulaa Dabaloo Gannaa dabalatee loltoonni baayyen du'ani, obboleessa Abiisheemmoo qaamnisaa irraa murame. Duulli kun Duula Goodaa Kokor jedhamee beekkama.

Duula Goodaa Kokor kan Gurraandhala 13, 1877 Abiishee fi Raas Darasuu Abbaa Xooboo gidduutti godhamee (Abiishen odoo hin beekin waan gaadi'ameef kana jechuun nama rakkisa) kanaan loltuun Abishee injifatame. Abiisheen erga gaadi'amee booda deemuu waan dideef akka qotiyyootti harqota itti godhanii harkisanii gara Goojjam geessan. Abiishenis gowwoomfamuusaa erga baree booda aaridhaan quba harkasaa tokko alaanfatee fixe jedhama. Erga Goojjam geessanii booda niitin mootichaa goota loltusaanii yeroo baayyee injifate kana arguuf fida jettee fidchisiifte. Abiisheen ergarama beelaa fi darararran kan ka'e fokkisaa ta'ee argame jedhama. Niitin mootichas godummaasaa kanaan arrabsite. Kanaafis dubartoonni Horroo yeroo mammaakan:

Kan goduma keerra kan gowwumaa ke siin jette niitin Adaal Tasammaa

San booda, Abiishen iddoo Jabalaa fi Maxaraa jedhamutti hidhame. Achitti, Goojjamoonni Abiishee mormaa gadi jiraa awwaalanii mataasaarratti soogida firfirsan. Itti aansanii, fardeen erga itti gadilakkisani; akkaataa suukaneessaa kanaan Abiishen qorqamee du'e, r

eefisaas bataskaana Dabra Maarqos keessa jirutti awwaallame. Kana dhoksuuf jecha garuu gifiraan akka du'etti odeessisiisaa turani.

Abiishen erga du'ee booda Goojjamoonni aangoo obboleessa Abiishee Fandalalaa Garbaatti kennani. Fandalalaan gumaa Abiishee deebisuu waan dideef, ummanni akkas jedhee ittiin geerare:

Fandee faandiyyaa Garbaa 
Gumaa mootichaa hin baafnee 
Siree mootichaa yaabdee 
Fudhatamni Fandalalaan uumata biratti qabu xiqqaa ture. Mootummaan Horroos odoo hin turin bakka adda addaatti qooddamuun warra Goojjamootaf amanamoo ta'aniif kenname, Fandalaan Gubayyaa qofa akka bulchu godhame. Yeroo Minilikii fi Goojjamoonni Waraana Imbaaboo geggeessan, Fandalalaan gara Goojjamootaa goree lolaa ture. Kanaafis, waraanni Minilik bara 1881tti Horroon rukutee ture.

Yaalii Deebisuu

Reeffa Abiishee Horrotti deebisuuf yaalin adda addaa godhamaa turullee hanga ammaatti hin milkoofne. Yeroo Xaaliyaanin biyya kana qabatte ilmi Abiishee Fiitaawurari Amanuun reeffa abbaasaa deebisuuf yaalii godhaa turus hin milkoofne. Bara 1950n keessa akaakayyuun Abiishee Fitaawuraarii Oljirraa yaalaa ture.
@Oromographya
@Odaatiktok
t.me/Oromographya

#Shantam Shubbisaa

🌹#SHANTAM_SHUBBISAA. 

#Alaabaa_Oromiyaa_Ibsituu_Biyyayyuu
#Si_arguu_nafeeti_qalbiin_too_hoggayyuu......
jechuudhaan akka lakkoofsa faranjii bara 1968ti nama yeroo jalqabaatiif Alaabaaf Alalaasee dha. Maqaan dhaloota isaa #Mahammad_Ibraahim_Wadaay yoo tahu kan beekamuun garuu maqaa artii keessatti argate #Shantam_Shubbisaa maqaa jadhuuni. Jiraa Afran Qalloo warra Noolee ti. Artii afaan Oromoo keessatti hayyumaan nama qixxee hin qabne tahuu isaa miliyoonootaatu ragaa bahaafi. Seenaan isaa bal’oo fi gadi fagoodha. Hamma muraasa qofa isin yaadachiissuuf:- 

✍️ #Kan_Dhalate:- Magaalaa Dirree Dawaa Ganda #Magaala__Xiqqoo ja’aamu ykn Amestegna ti.

✍️ #Baandii_Afran_Qalloo :- Abuubakar Muussaa fi Alii Shabboo faa jalatti tahuun Hundeessitoota #Baandiin_Afran_Qalloo akka lubbuu hortee dhaabbattu godhan keessaa Nama Tokko ture.

✍️ #Kan_ABO_Hundeesse:- Hundeessitoota #Dhaaba_ABO jalqaba Abuuran keessaa nama tokko.

✍️ #WABO_Ganamaa ti
Miseensa #Qeerroo_Ganamaa_36 {WABO} marsaa duraati Hidhatanii osoo Somaaliyaa qaxxaamuraa jiranii Mootummaan Ziyad Barree qabee waggaa 5 mana hidhaa #Mandheeritti Jaarraa Abbaa Gadaa (Dura taa’aa) wajiin hidhaman Keessaa Nama Tokko Ture.

✍️ #Abbaa_Goofataatii:- Biyya ambaa akka Somaalee keessa osoo jiranii,Dr Sheikh Mahammadrashaad Abdullee wajiin tahunis Raadiyoorratti hojjachaa ture. Kana malees Hundeessaa Hawwiissoo Qeerroo Ganamaa ture, Alalaas Shantam Shubbisaan. 

✍️ Afaan baayyee dubbachuu beeka. Afaan #Oromoo, #English, #Amhaaraa, #Somaalii, #Hararii, #Arabii fi kan biraati. 

✍️ Bu’uurreessaa Hawwissoo ti. Hawwissoo #Biiftuu_Biyya_Teenyaa ijaaruun Boodara Dhaaba Moormitoota Mootummaa Darguu kan tahe #Mesoniif dabarsee laate.

#Artii_Keessatti:- Artii Oromoo Keessatti nama bakka bu’aa hin qabne fi kan maqaansaa hanga hojiisaa hin dhawamin yoo tahu, hojii hammana hin jadhamne nuuf gumaachee jira. 

✍️ Jecha Afaan Oromoo Alaabaa jedhu yeroo duraatiif kan fayyadame qofa osoo hin tahin, Shantam mataansaa #Kuusa_Jechaa_Afaan_Oromoo (Dictionary) guddaa tokko dha. Kana malees, #Mana_Galmee_Seenaa Oromoo ti jedhame beekama. 
✍️ Nama_Jalqaba #Alaabaa Adda Bilisummaa Oromootiif walaloo barreesse fi Walliseefi dha.
✍️ Nama artii muuziqaa Oromoo keessatti yeroo jalqabaatiif waa’ee #biyya_Oromiyaa, waa’ee #Haadhaa, waa’ee #Abbaa_Ofii, waa’ee #ilmoo_ofii, waa’ee #guyyaa_Dhalootaa, waa’ee #haadha_mana_ofii fi kan kana fakkaataniif wallisuun, artistoota oromoo isa boodaan dhufan hedduudhaaf fakkeenya guddaa tahuu nama danda’ee, #Asxaa_Artii_Oromoo ti.

✍️ Walaloo Kuma Tokko Caalu nama barreessuu danda’ee fi kaanis ofiif kaanis artistoota birootiif kennuun akka ittiin wallifamu godhe yoo tahu, kana malees Walaloo hedduu kitaabaan maxxansuuf nama lafa kaayee jiru dha. 

#Umrii_Dheertuu_fi_Fayyaa_Guutuu_Haa_Kennuuf_Jenna!!.
Horaa Bulaa
Madda ragaa Ituu Oromoo Post.

@Oromoraphya
@Odaatiktok
t.me/Oromographya

Tuesday, May 11, 2021

#ቦለ ቀያ

ቦለ ቀያ
የቦለቀያ ጭስ የመታጠን ጥቅም እና ስርዓቱ  
by( miky sultan &Abdu moh)
ቦለቀያ የኦሮምኛ ቃል ሲሆን #ቦለ ማለት ጉድጓድ #ቀያ ማለት ደግሞ የወይባ እንጨት (ጪሰ) ማለት ነው ። ሲጠቃለል የጪስ ጉድጓድ እንደማለት ነው ። #ቦለ_ቀያ በአማራ ክልል በወሎ ኦሮሞ አስተደዳደር ዞን በተለይ በገጠሩ ማኅበረሰብ ዘንድ እጅግ በጣም የሚወደድ እና የሚዘወተር በቤት ውስጥ የሚዘጋጅ ባህላዊ ጭስ የመታጠን ስርዓት ነው።
እርግጥ ነው ቦለ ቀያ በወሎ ባብዛኛው አከባቢ እንዲሁም በኦሞሚያ ክልል ይጠቀሙታል።  

ባከባቢው ባህል መሰረት የቦለ ቀያን ጭስ ያላገቡ ሴቶች አይታጠኑም ፣ በዋናነት የሚታጠኑት ያገቡ ሴቶች ሲሆኑ አግብተው የሚያውቁም ይጠቀማሉ። አዲስ ያገባች ሙሽራ በጫጉላ /ቁልፎ/ ውስጥ እያለች /ባገባች ማግስት/ ጀምራ ቦለ ቃያ መጠቀም የዘወትር ተግባሯ ነው፡፡ ለዛም ሲባል ባልዪው ለሙሽሪት ከሚያዘጋጃቸው ነገሮች መካከል የቦለቂያ ጉድጓድ እና መለሆ ዋነኞቹ ናቸው ማለት ነው።
በተጨማሪም የሙሸሪት ቤተሰቦች ሊጠይቋት ባገባች በሶስተኛ ቀኗ ሲመጡ ይዘው ከሚመጡት ቁሳቁሶች መካከል አንዱ ወይባ (መለሆ) መሆኑ ደግሞ ማህበረሰቡ ለቦለቀያ የሰጠውን ትኩረት እጅግ ከፍተኛ መሆኑን ያሳያል።   

እንዴት እንደሚከወን ደግሞ በዝርዝር እንመልከት  
መጀመሪያ ለጭስ ማጨሻነት እንዲያገለግል ተደርጎ በጠባቡ ጉድጓድ ይቆፈራል፣ ለእግር ማሳረፊም ከታች ከወለሉ ከፍ ብሎ አግድም በአንድ እንጨት ይሰራል፣ በመጨረሻም የጠባቡን ጉድጓድ ዙሪያ ተከትሎ ከፍ ተደርጎ በጭቃ ዙሪያውን በጭቃ ይመረጋል፣ በመጨረሻም ለመቀመጣ ይሆን ዘንድ ጠርዙ ላይ የእንጨት ርብራብ ተሰርቶና ተስተካክሎ በደንብ ይዘጋጃል ። 

 ለማጨስ የሚጠቀሙት የእንጨት አይነቶች < ቢሬንሳ (መለሆ) አገምሰ፣ እና ምስራች፣ የሚባሉትን ሲሆን በዋናነት ግን "መለሆ" በመባል የሚታወቀውና ቢጫ መልክ ያለውን   የእንጨት አይነት ይመርጡታል ። መለሆም ሆነ ሌላ በአቅራቢያ ያለውን ከላይ ከጠቀስኩት የእንጨት አይነት አንዱን በጣም ሳይቀጥን ይሰነጣጠቃል፡፡ ከዚያም በጠባቡ በተቆፈረው ጉርጓድ ውስጥ በተያያዘው የእሳት ፊም ላይ በማስቀመጥ በደንብ እስኪጫጫስ ይጠበቃል፡፡ 

ለመታጠን የምትፈልገው ሴት ወደ ጭሱ ከመግባቷ በፊት ገላዋን ትታጠብና ሰውነቷን በሙሉ በ "ቀሉ" ቅቤ በደንብ ትለቀለቃለች ። ከዚያም በጭሱ ዙሪያ በተዘጋጀው ማረፊያ (መቀመጫ)ላይ ትቀመጣለች ፣ ጭሱ እንዳይወጣ ተደርጎ በቁርበት /የቆዳ ምንጣፍ/ አሊያም በተለያዩ ልብሶች ማለትም ጋቢ ወይም ብርድ ልብስ በመሳሰሉት ተጀባቡና ለተወሰኑ ሰዓታት ትቆያለች ፡፡ ከታች ወደላይ የሚጨሰው ጭስ ግለቱ ሰውነቷን ሙሉ በሙሉ በላብ እንዲጠመቅ ያደርጋል፣ በደንብ ካላባት በኋላ እንደተጀቧቦነች ንፍስ እንዳያገኛት በጥንቃቄ ትነሳና እንደተጠቀለለች ለተወሰነ ደቂቃ (ላቧ አስኪደርቅ) ጋደም ትላለች (ትተኛለች) ።በዛ ቆይታ መካከል ግን በሕህሉ መሰረት ገንፎ ፣ሙቅ፣ ጨጨብሳ ወይም ሌሎች መሰል ምግቦችን በመመገብ ሰውነቷን ካቀዘቀዘች በኋላ ተነስታ ገላዋን ታጥባ ልብሷን ትለብሳለች፡፡ 

ባከባቢው ባህልመሰረት ቦለቀያ የማተትጠቀም ሴት ራሷን የማትጠብቅ፣ለውበቷና ጠረኗ የማትጨነቅ፣ለባሏ ክብር 
/ግድ/  የሌላት፣ ሰነፍና ዝርክርክ እንደሆነች ተደርጋ ነው የምትታሰበው ፣ ውግዘትም ይገጥማታል ፣ሴት ልጅ ካገባች እጅና እግሮቿን በእንሶስላ ማቅላትና የወይባ ጠረን ሊኖራት የግዴታ ያህል ይጠበቃል። ቦለቅያ መሞቅ ለሴት ልጅ ጥሩ መዓዛዋ እንዲያውድ የፈካ ውበት እንዲኖራት ከማስቻሉም በላይ በርካታ ጥቅሞች እንደሚሰጥም  ያነገራል ። ቆዳን ያጠራል፣ ቡጉር ያጠፍል፣ ፀጉር ያረዝማል፣ የማህፀን በሽታ ይከላከላል፣ የንፍስ በሽታን ያድናል፣ ከወሊድ ቦሃላ የሚፈጠሩ ቁስሎችን በቶሎ ይፈውሳል፣ ሰውነት ያጠነክራል ፣በተለይ በባልና ሚስት መካከል ያለውን መቀራረብ ያሳምራል (ፍቅር) እንዲጨምር እጅግ ይረዳል ። 

ይህ የቦለቅያ መታጠን ስርዓት የወሎ ኦሮሞ አስተዳደር ዞን ከሚታወቅበት የባህል እሴቶቹ መካከል አንዱ ቢሆንም ዛሬ ላይ ከገጠር ወጥቶ በዛው በወሎ የተለያዩ አከባቢዎች እንዲሁም በራያ ፣በኦሮሚያ ክልል ደግሞ በጉጂ፣ አርሲ፣ እና ቦረና ፣ በስፍት አገልግሎት ላይ እየዋለ ይገኛል ።ከተወሰነ ጊዜያት ወዲህ ደግሞ እውቅናው ጨምሮ በትላልቅ ያገራችን ከተሞች ጭምር እየተለመደ መጥቷል፡፡ 

በተለይም በአሁኑ ሰዓት በአዲስ አበባ እና በአንዳንድ የሃገራችን ከተሞች የቦለቅያ መሞቂያ ቤቶች ተከፍተው ለሴቶች የውበት መጠበቂያነት እየዋሉ ሲሆን የገቢም ምንጭም ለመሆን ችሏል ። አስፈላጊው ምርምርና /ጥናት/ ሳይንሳዊ በሆነ መልኩ ተከናውኖ ስለ ጥቅምና ጉዳቱ የተባለ ነገር ባይኖርም ከተጠቃሚዎቹ በተገኘው መረጃ መሰረት ከላይ የዘረዘርኳቸውን ጥቅሞች እንደሚሰጥ  ይታመናል፡፡  አበቃሁ ።።።

ባህላችን ዉበታችን እና የማንነታችን መገለጫ ነው ።
@Oromo_graphya1
@Odaatiktok
http://t.me/Oromo_graphya1

#BOOLLA QAYYAA

     BOOLLA QAYYAA!!  
 Faayiddaa boolla Qayyaatiifi ulannaa isaa, seera isaa.
by (miky sultan)
Boolla qayyaan afaan oromoo yeroo ta,u jechumti isaa Boolla kan jedhuufi Qayya kan jedhu irraa dhufe.Qayya jechuun immoo muka birreensaa ( Aara birreensaa) jechuudha.
Boolli qayyaa naannoo Amaaraa Goodina saba oromoo wallootti irra caalaa naannoo ummata baadiyyaa biratti kan baayyee jaalatamuufi baayyinaan mana keessatti kan dalagamu Aadaa seera Aarfannaati.
Sirriidha boolli qayyaa naannoo wallooti baayinaanif akkasumas naannoo oromiyaattis ittii fayyadamu.
Akka aadaa naannichaatti Aara boolla qayyaatti durbeen hin heerumne hin aarfattu.irra caalatti kan aarfatan durbee heerumtee jirtuudha.akkasumas kan heerumtee beektuudha.misirroon heerumte tokko guyyaa heerumtee  (caagulaa) seentee kaatee aarfachuu eegalti.Saniif jecha jaarsi ishee misirratti wantoota dalaguuf keessa inni tokkoffaan boolla qayyaa uruufiifi wantoota qayyaaf barbaachisan huunda guutufidha.fkn,muka birreensa ykn ijersaa mukeelee urgaayan kkf guutaaf jechuudha.

Dabalataan firri misirattii yeroo gaafachuuf ishee bira dhufan eerga heerumtee guyyaa sadaffaa isheetti yeroo dhufan meeshaalee fuudhanii dhufan keessaa tokko muka qayyaaf ta,u Birreensaa ykn ijersaadha.ummatichi ilaalcha boolla qayyaaf kennee jiru baayyee jabaadha.
Akkamitti akka ittiin fayyadamamu ballinaa haa laalluu.
Jalqaba lafa Aaraaf gargaara jedhame yaadamu lafa uraa dhiphaa urama.miila irra kaayachuuf akka toluuf jecha jidduu uraa kanaa ol mukni dalgee tolchama.dhumiisa irratti uraa dhiphaa kana jala deemuu ol siqee naannoo isaa dhoqqeedhan tolfama( maragama). Dhumiisa irrati teessoof jecha afaan boollaa irratti mukni afamee babbareechamee nagayaan dalagama. 
Aarsuuf mukoolee barbaachisan> Birreensaa,Agamsaa,fi muka misiraach,ijeersaa mukoolee jedhaman yeroo ta,u.  Garuu irra caalaa qayyaaf kan barbaadamu muka birreensaa jedhamu muka gogaan isaa "keelloo" fakkaatudha.Birreensaas ta,e muka aaraaf barbaachisan naannoo san jiran fiduudhaan osoo baayyisanii hin qaqalisin mummurama.San booda boolla uramee tolchame san keessa ibidda cilee buufamee jiru san keessatti  galchuudhan hanga nagayaan Aarri aaru eegama.
Durbeen Aarfachu barbaadde sun qaama ishee nagayaan dhiqachuudhan qaama ishee Qaluu( dhadhaa) dibatti.
Achi booda naanno boolli aarfannaaf qophaaye san galuun irra teessi.Akka aarri sun hin baaneef gogaa kallee( birdlibsii) ykn gaabii uffachuudhan ofitti martee sa,atii  murtaa,eef teessi.gadii ol Aarri aaru sun ho,a waan jiruuf Aarri sun  qaama ishee akka dafqu godha.eega qaamni ishee ho,ee qaamni ishee dafqaan waliin ga,ee booda akkuma gaabii uffate jirtu saniin irraa ka,uudhaan hanga dafqi ishee qorruuf yeroof akka qilleensi ishee hin dhoofne( rukunne) maratteetuma rafti. Akka Aadichaati idduma raftee booqannaa fudhachaa jirtu sanitti hanga dafqi qorruuf dhaangaan(nyaati) akka, marqaa,muuqii,caccabsaa ykn nyaatoota qophaayanii jiran  biraas nyaachuudhaan eega of qabbaaneesiteen booda kaatee qaama ishee dhiqattee qulqullooftee  uffata ishee uffatti.
Akka Aadaa naannichaatti durbi boolla qayyaa hin fayyadamne.
Durbee mataa ishee hin eeganne qulqullinni hin qabne, ta urgii qaama isheetiif hin dhiphanne jaarsa isheetif kabaja kan hin qabne Aadmaleetti godhamtee ilaalamti.Arrabsamuus dandeessi.
Durbi eega heerumtee boolla qayyaa seenuunifi harkaaf miila isaanii hinnaadhaan diimeefachuun dirqama itti ta,a.Boolla qayyaa Aarfachuun akka durbeen tokko qaamni ishee bareeduufi qaamni ishee urgaa,uuf ishee gargaara. Qaama qulqulleessa,Bugurii balleessa,rifeensa dheeressa, dhukkuba mahatsanii irraa nama tiksa.dhukkuba qilleensaa irraa nama fayyisa.dhukkuba da,aan booda dhufan akka saffiisaan fayyan gargaara,Qaamni akka jabaatu gargaara,waa huunda caalaa jaalala jaarsaaf jaartii jidduu jiru jabeessa. 
Sirni boolla qayyaa Aarfannaa kun sirna Aarfanna Aadaa goodina oromoo walloo kesssaa isa tokko ta,us amma irratti garuu  baadiyya bahee naannoo walloo addaa addaatti fkn Raayyaati,naannoo oromiyaatti achi darbee Gujii,Arsii,fi Booranas ballinaan faayidaa irra oolaa jira.yeroo xiqqoon asi beekkamttii argatee magaalee addaa keessatti beekamaa dhufeera.
Yeroo ammaa kanatti  magaalaa finfinneetti fi magaaloota addaa addaatti boolli qayyaa banamanii dubartootaf bareedinnaaf akka oolu ufi galii bussines ta,ee jira.Qorannoon barbaachisaan karaa saayinsiitin qoratamee faayidaaf miidhaa isaa wanti jedhamee jiru jiraachuu baatus  warroota fayyadaman irraa akka argannetti wantooti olitti dhawaman(waamaman)faayidaa akka kennan amanama.
Aadaan keenya bareedinaafi ibsaa enyummaa keenyaati.
@Oromo_graphya1
@Odaatiktok
http://t.me/Oromo_graphya1

Monday, May 10, 2021

#SEENAA GOOTICHA ELEMOO QILXUU

Seenaa Oromoo:
​​🏹SEENAA GOOTICHA OROMOO ELEMOO QILXUU

Kutaa tokkoffa
( 1936-1974 ) Jireenya Ijoollummaa Seenaan ijoollummaa Elemmoo Qilxuu baayyee hin beekkamu. Garuu bara 1956 Elemoon barnoota Islaamaa baratee magaalaa Dirre Dhawaa keessatti daldalaa Arabaa sooressa tokkoof hojjachaa ture.
Daldalaan kunis Elemoo fudhatee gara Eden, Yaman bara 1956tti deeme. Eden akkuma ga’een maqaa isaa gara Elemoo Qilxuutti jijjiirrate. Boodarraa dubartii Oromoo achi jiraattu tookos fuudhe, bizinesii jalqabe. Bizinesiin achitti jalqabe kunis baayyee milkaa’eef. Siyaasa Keessa Seenuu Elemoon waa’ee siyaasa nama dhimma qabu hin turre; garuu bara 1966tti manni isaa bakka itti sabboontonni Oromoo wal gahan ta’e. Kunimmoo qoonsilaa mootummaa Itoophiyaa yaaddessaa deeme.
Elemoonis diinota mootummaa Itoophiyaa qarshiin gargaara jedhamee shakkame. Bara 1967, namni Hararii (Harari businessman) mootummaa Itophiyaatif hojjatu tokko, Eden dhaqee Elemoorraa mi’a liqeeffate. Elemoodhanis yeroo Finfinnee dhufteen sii deebisa jedheen. Akkuma Finfinnee ga’een, Elemoon qabamee gocha shororkeessummaa mootummaa Itoophiyaarratti geggeessun himatame. Mana hidhaa kessattis qorannoo hamaa, reebicha fi miidhaa sammuu (psychological torture) guddaatu isarra ga’e. Kunimmoo Elemoon irra caala akka inni siyaasa keessa seenu godhe.......


Akka itti fufunu warri barbaadan like gochun natti agarsisaa.

​​SEENAA GOOTICHA OROMOO ELEMOO QILXUU

Kutaa 2 ffaa

Kunimmoo Elemoon irra caala akka inni siyaasa keessa seenu godhe. Hiriyoonni Elemoo qarshii walitti qabanii erga malaamaltummaan dura ta’aa nageenyaa namicha tureef qarshii kennanii booda gadi lakkifame.
Yeroon Eleomoon mana hidhaa keessatti dabarse akka inni sabboonaa kutataa ta’u isa godhe. Erga mana hidhaatii baayee booda sochii sabboonumma Oromoo kan akka Waldaa Maccaa fi Tuulamaa keessatti hirmaachu jalqabe. Bara 1968, Elemoon dhoksaadhan gara Moqaadishoo deemee walga’ii sabboonummaa Oromoo irratti hirmaate. Achittis hojiin sabboonummaa Oromoo uummata biyya Arabaatti baballisun isatti kenname. Gara Edenittis deebi’ee dhaabbata hawaasa Oromoo hundeesse. Bulchiinsa magaalaa Edenis amansiisee akka isaan biiroo siyaasaa banuuf isaa eeyyaman godhe. Gargaarsa mootummoota Arabaa fi akkasumaas Dhaabbata Bilisummaa Paalestiin fi Adda Bilisummaa Eertiraa irraa gaafate. Gargaarsa mootummaa Iraaqitiin, leenjii waraanaa ji’a torbaa erga kennee booda addaa riphee lolaa hundeessee. Adda kanas hooggansa hiriyaa isaa Abdulkarim Hajii Ibraahim, irra caala maqaa Jarraa Abbaagaddaa jedhamuun beekkama, bobbaase. Addi kun odoo gara Itoophiyaa seenuf yaaluu mootummaa Somaaliyaatin rukutamee, booji’amee gara mana hidhaa galfame. Kunis ta’u, Elemoon odoo abdii hin kutatin meeshaa waraanaa, gargaarsa Adda Bilisummaa Eertiraatin, dhoksaadhaan karaa gammoojjii Affaar keessan gara Itoophiyaatti glachuu fi kuusuu jalqabe. Bara 1973tti, Elemoon walga’ii sochii qabsoo Oromoo Finfinneetti akka hirmaatu waammame. Walga’iin kunis ummamuu Adda Bilisummaa Oromoo kan xumurame yoo ta’u Elemoonis qabsoo waraana akka jalqabuuf dirqamni itti kenname. itti fufa

Na waliin warri jirtan haarkan natti agaarssisaa👍
@Odaatiktok
@Oromo_graphya1
http://t.me/Oromo_graphya1

#EEBBISAA ADDUUNYAA

EEBBISAA ADDUNYAA

Seenaa qabsoo Oromoo keessatti qooda guddaa kan qabu weellisaa Eebbisaa Addunyaa, Hagayya 30, bara 1996 wareegame. Sirboota qabsoo Ummata Oromoo daranuu jabeessan hedduu gumaacheera Eebbisaan.
Kana malees sirboota aadaa, kan jaalalaa fi geerarsaanis ni beekama jedhu hiriyoonni isaa.
Seenaan Eebbisaa kan hanga ammaatti hin dubbatamneef ga'ee inni Afaan Oromoo guddisuu keessatti gumaacheedha.
Ogummaa gitaaraa, walaloowwan jajjaboo hamilee ummataa cimsanii fi dhuunfaadhaanis qabsoo keessatti nama qooda fudhateedha Eebbisaan.
Qabsoo Oromoo keessatti aarsaa barbaachisu kaffaluuf kutataa akka ture yerosumayyuu argaa turre jedhu aartistoonni Oromoo isa beekan
Eebbisaan eenyu?
Bara 1962 gara dhumaarra dhalatee, umuriinsaa barnootaaf wayita ga'u mana barumsaa sadarkaa tokkoffaa Oliiqaa Dingil seene kan jedhan harmeen Eebbisaa Addunyaa Aadde Sanaayyit Kabbadda Gosaa, Sadarkaa 2ffaa ammoo Qellemitti barate jedhan.
''Maatirikii fudhatee utuu qabxii eeggataa jiruu Fulbaana keessa warri keenyaa ABOn dhufanii jennaan isaanumatti makame.'' jedhan.
Lixa Oromiyaa magaalaa Dambi Doolloo keessatti dhalatee umurii ijoollummaasaa qabsoo Oromootti dabarse kan jedhan Aadde Sannaayit , keessumaa qubee afaan oromoo barsiisuurratti magaalaa Danbi Doollootii haga Asoosaatti demee hojjeteera jedhan.
Boodas gara magaalaa Finfinnee deemee sirboota qabsoo Oromoof hundee ta'an hedduu utuma shaakaluu gara Booranaatti ramadamee ture jedhu.
Booranatti erga ergamasaa ba'ee booda Finfinneetti deebi'ee hiriyootasaa waliin utuu sirboota qabsoo hojjetanii , wayita haalli rakkisaa ture sana keessatti lubbuusaa dhabe, wayita sanallee an duubatti hin jedhu naan jedhaa ture jedhan.
@Odaatiktok
@Oromo_graphya1
http://t.me/Oromo_graphya1graphya1

mootittii saba'a Queen of sheba

"Mootittii Saba'a""Queen sheba" ----------------------------------------------------------------- ★Miky Sultan Bar...