Translate

Tuesday, May 11, 2021

#ቦለ ቀያ

ቦለ ቀያ
የቦለቀያ ጭስ የመታጠን ጥቅም እና ስርዓቱ  
by( miky sultan &Abdu moh)
ቦለቀያ የኦሮምኛ ቃል ሲሆን #ቦለ ማለት ጉድጓድ #ቀያ ማለት ደግሞ የወይባ እንጨት (ጪሰ) ማለት ነው ። ሲጠቃለል የጪስ ጉድጓድ እንደማለት ነው ። #ቦለ_ቀያ በአማራ ክልል በወሎ ኦሮሞ አስተደዳደር ዞን በተለይ በገጠሩ ማኅበረሰብ ዘንድ እጅግ በጣም የሚወደድ እና የሚዘወተር በቤት ውስጥ የሚዘጋጅ ባህላዊ ጭስ የመታጠን ስርዓት ነው።
እርግጥ ነው ቦለ ቀያ በወሎ ባብዛኛው አከባቢ እንዲሁም በኦሞሚያ ክልል ይጠቀሙታል።  

ባከባቢው ባህል መሰረት የቦለ ቀያን ጭስ ያላገቡ ሴቶች አይታጠኑም ፣ በዋናነት የሚታጠኑት ያገቡ ሴቶች ሲሆኑ አግብተው የሚያውቁም ይጠቀማሉ። አዲስ ያገባች ሙሽራ በጫጉላ /ቁልፎ/ ውስጥ እያለች /ባገባች ማግስት/ ጀምራ ቦለ ቃያ መጠቀም የዘወትር ተግባሯ ነው፡፡ ለዛም ሲባል ባልዪው ለሙሽሪት ከሚያዘጋጃቸው ነገሮች መካከል የቦለቂያ ጉድጓድ እና መለሆ ዋነኞቹ ናቸው ማለት ነው።
በተጨማሪም የሙሸሪት ቤተሰቦች ሊጠይቋት ባገባች በሶስተኛ ቀኗ ሲመጡ ይዘው ከሚመጡት ቁሳቁሶች መካከል አንዱ ወይባ (መለሆ) መሆኑ ደግሞ ማህበረሰቡ ለቦለቀያ የሰጠውን ትኩረት እጅግ ከፍተኛ መሆኑን ያሳያል።   

እንዴት እንደሚከወን ደግሞ በዝርዝር እንመልከት  
መጀመሪያ ለጭስ ማጨሻነት እንዲያገለግል ተደርጎ በጠባቡ ጉድጓድ ይቆፈራል፣ ለእግር ማሳረፊም ከታች ከወለሉ ከፍ ብሎ አግድም በአንድ እንጨት ይሰራል፣ በመጨረሻም የጠባቡን ጉድጓድ ዙሪያ ተከትሎ ከፍ ተደርጎ በጭቃ ዙሪያውን በጭቃ ይመረጋል፣ በመጨረሻም ለመቀመጣ ይሆን ዘንድ ጠርዙ ላይ የእንጨት ርብራብ ተሰርቶና ተስተካክሎ በደንብ ይዘጋጃል ። 

 ለማጨስ የሚጠቀሙት የእንጨት አይነቶች < ቢሬንሳ (መለሆ) አገምሰ፣ እና ምስራች፣ የሚባሉትን ሲሆን በዋናነት ግን "መለሆ" በመባል የሚታወቀውና ቢጫ መልክ ያለውን   የእንጨት አይነት ይመርጡታል ። መለሆም ሆነ ሌላ በአቅራቢያ ያለውን ከላይ ከጠቀስኩት የእንጨት አይነት አንዱን በጣም ሳይቀጥን ይሰነጣጠቃል፡፡ ከዚያም በጠባቡ በተቆፈረው ጉርጓድ ውስጥ በተያያዘው የእሳት ፊም ላይ በማስቀመጥ በደንብ እስኪጫጫስ ይጠበቃል፡፡ 

ለመታጠን የምትፈልገው ሴት ወደ ጭሱ ከመግባቷ በፊት ገላዋን ትታጠብና ሰውነቷን በሙሉ በ "ቀሉ" ቅቤ በደንብ ትለቀለቃለች ። ከዚያም በጭሱ ዙሪያ በተዘጋጀው ማረፊያ (መቀመጫ)ላይ ትቀመጣለች ፣ ጭሱ እንዳይወጣ ተደርጎ በቁርበት /የቆዳ ምንጣፍ/ አሊያም በተለያዩ ልብሶች ማለትም ጋቢ ወይም ብርድ ልብስ በመሳሰሉት ተጀባቡና ለተወሰኑ ሰዓታት ትቆያለች ፡፡ ከታች ወደላይ የሚጨሰው ጭስ ግለቱ ሰውነቷን ሙሉ በሙሉ በላብ እንዲጠመቅ ያደርጋል፣ በደንብ ካላባት በኋላ እንደተጀቧቦነች ንፍስ እንዳያገኛት በጥንቃቄ ትነሳና እንደተጠቀለለች ለተወሰነ ደቂቃ (ላቧ አስኪደርቅ) ጋደም ትላለች (ትተኛለች) ።በዛ ቆይታ መካከል ግን በሕህሉ መሰረት ገንፎ ፣ሙቅ፣ ጨጨብሳ ወይም ሌሎች መሰል ምግቦችን በመመገብ ሰውነቷን ካቀዘቀዘች በኋላ ተነስታ ገላዋን ታጥባ ልብሷን ትለብሳለች፡፡ 

ባከባቢው ባህልመሰረት ቦለቀያ የማተትጠቀም ሴት ራሷን የማትጠብቅ፣ለውበቷና ጠረኗ የማትጨነቅ፣ለባሏ ክብር 
/ግድ/  የሌላት፣ ሰነፍና ዝርክርክ እንደሆነች ተደርጋ ነው የምትታሰበው ፣ ውግዘትም ይገጥማታል ፣ሴት ልጅ ካገባች እጅና እግሮቿን በእንሶስላ ማቅላትና የወይባ ጠረን ሊኖራት የግዴታ ያህል ይጠበቃል። ቦለቅያ መሞቅ ለሴት ልጅ ጥሩ መዓዛዋ እንዲያውድ የፈካ ውበት እንዲኖራት ከማስቻሉም በላይ በርካታ ጥቅሞች እንደሚሰጥም  ያነገራል ። ቆዳን ያጠራል፣ ቡጉር ያጠፍል፣ ፀጉር ያረዝማል፣ የማህፀን በሽታ ይከላከላል፣ የንፍስ በሽታን ያድናል፣ ከወሊድ ቦሃላ የሚፈጠሩ ቁስሎችን በቶሎ ይፈውሳል፣ ሰውነት ያጠነክራል ፣በተለይ በባልና ሚስት መካከል ያለውን መቀራረብ ያሳምራል (ፍቅር) እንዲጨምር እጅግ ይረዳል ። 

ይህ የቦለቅያ መታጠን ስርዓት የወሎ ኦሮሞ አስተዳደር ዞን ከሚታወቅበት የባህል እሴቶቹ መካከል አንዱ ቢሆንም ዛሬ ላይ ከገጠር ወጥቶ በዛው በወሎ የተለያዩ አከባቢዎች እንዲሁም በራያ ፣በኦሮሚያ ክልል ደግሞ በጉጂ፣ አርሲ፣ እና ቦረና ፣ በስፍት አገልግሎት ላይ እየዋለ ይገኛል ።ከተወሰነ ጊዜያት ወዲህ ደግሞ እውቅናው ጨምሮ በትላልቅ ያገራችን ከተሞች ጭምር እየተለመደ መጥቷል፡፡ 

በተለይም በአሁኑ ሰዓት በአዲስ አበባ እና በአንዳንድ የሃገራችን ከተሞች የቦለቅያ መሞቂያ ቤቶች ተከፍተው ለሴቶች የውበት መጠበቂያነት እየዋሉ ሲሆን የገቢም ምንጭም ለመሆን ችሏል ። አስፈላጊው ምርምርና /ጥናት/ ሳይንሳዊ በሆነ መልኩ ተከናውኖ ስለ ጥቅምና ጉዳቱ የተባለ ነገር ባይኖርም ከተጠቃሚዎቹ በተገኘው መረጃ መሰረት ከላይ የዘረዘርኳቸውን ጥቅሞች እንደሚሰጥ  ይታመናል፡፡  አበቃሁ ።።።

ባህላችን ዉበታችን እና የማንነታችን መገለጫ ነው ።
@Oromo_graphya1
@Odaatiktok
http://t.me/Oromo_graphya1

#BOOLLA QAYYAA

     BOOLLA QAYYAA!!  
 Faayiddaa boolla Qayyaatiifi ulannaa isaa, seera isaa.
by (miky sultan)
Boolla qayyaan afaan oromoo yeroo ta,u jechumti isaa Boolla kan jedhuufi Qayya kan jedhu irraa dhufe.Qayya jechuun immoo muka birreensaa ( Aara birreensaa) jechuudha.
Boolli qayyaa naannoo Amaaraa Goodina saba oromoo wallootti irra caalaa naannoo ummata baadiyyaa biratti kan baayyee jaalatamuufi baayyinaan mana keessatti kan dalagamu Aadaa seera Aarfannaati.
Sirriidha boolli qayyaa naannoo wallooti baayinaanif akkasumas naannoo oromiyaattis ittii fayyadamu.
Akka aadaa naannichaatti Aara boolla qayyaatti durbeen hin heerumne hin aarfattu.irra caalatti kan aarfatan durbee heerumtee jirtuudha.akkasumas kan heerumtee beektuudha.misirroon heerumte tokko guyyaa heerumtee  (caagulaa) seentee kaatee aarfachuu eegalti.Saniif jecha jaarsi ishee misirratti wantoota dalaguuf keessa inni tokkoffaan boolla qayyaa uruufiifi wantoota qayyaaf barbaachisan huunda guutufidha.fkn,muka birreensa ykn ijersaa mukeelee urgaayan kkf guutaaf jechuudha.

Dabalataan firri misirattii yeroo gaafachuuf ishee bira dhufan eerga heerumtee guyyaa sadaffaa isheetti yeroo dhufan meeshaalee fuudhanii dhufan keessaa tokko muka qayyaaf ta,u Birreensaa ykn ijersaadha.ummatichi ilaalcha boolla qayyaaf kennee jiru baayyee jabaadha.
Akkamitti akka ittiin fayyadamamu ballinaa haa laalluu.
Jalqaba lafa Aaraaf gargaara jedhame yaadamu lafa uraa dhiphaa urama.miila irra kaayachuuf akka toluuf jecha jidduu uraa kanaa ol mukni dalgee tolchama.dhumiisa irratti uraa dhiphaa kana jala deemuu ol siqee naannoo isaa dhoqqeedhan tolfama( maragama). Dhumiisa irrati teessoof jecha afaan boollaa irratti mukni afamee babbareechamee nagayaan dalagama. 
Aarsuuf mukoolee barbaachisan> Birreensaa,Agamsaa,fi muka misiraach,ijeersaa mukoolee jedhaman yeroo ta,u.  Garuu irra caalaa qayyaaf kan barbaadamu muka birreensaa jedhamu muka gogaan isaa "keelloo" fakkaatudha.Birreensaas ta,e muka aaraaf barbaachisan naannoo san jiran fiduudhaan osoo baayyisanii hin qaqalisin mummurama.San booda boolla uramee tolchame san keessa ibidda cilee buufamee jiru san keessatti  galchuudhan hanga nagayaan Aarri aaru eegama.
Durbeen Aarfachu barbaadde sun qaama ishee nagayaan dhiqachuudhan qaama ishee Qaluu( dhadhaa) dibatti.
Achi booda naanno boolli aarfannaaf qophaaye san galuun irra teessi.Akka aarri sun hin baaneef gogaa kallee( birdlibsii) ykn gaabii uffachuudhan ofitti martee sa,atii  murtaa,eef teessi.gadii ol Aarri aaru sun ho,a waan jiruuf Aarri sun  qaama ishee akka dafqu godha.eega qaamni ishee ho,ee qaamni ishee dafqaan waliin ga,ee booda akkuma gaabii uffate jirtu saniin irraa ka,uudhaan hanga dafqi ishee qorruuf yeroof akka qilleensi ishee hin dhoofne( rukunne) maratteetuma rafti. Akka Aadichaati idduma raftee booqannaa fudhachaa jirtu sanitti hanga dafqi qorruuf dhaangaan(nyaati) akka, marqaa,muuqii,caccabsaa ykn nyaatoota qophaayanii jiran  biraas nyaachuudhaan eega of qabbaaneesiteen booda kaatee qaama ishee dhiqattee qulqullooftee  uffata ishee uffatti.
Akka Aadaa naannichaatti durbi boolla qayyaa hin fayyadamne.
Durbee mataa ishee hin eeganne qulqullinni hin qabne, ta urgii qaama isheetiif hin dhiphanne jaarsa isheetif kabaja kan hin qabne Aadmaleetti godhamtee ilaalamti.Arrabsamuus dandeessi.
Durbi eega heerumtee boolla qayyaa seenuunifi harkaaf miila isaanii hinnaadhaan diimeefachuun dirqama itti ta,a.Boolla qayyaa Aarfachuun akka durbeen tokko qaamni ishee bareeduufi qaamni ishee urgaa,uuf ishee gargaara. Qaama qulqulleessa,Bugurii balleessa,rifeensa dheeressa, dhukkuba mahatsanii irraa nama tiksa.dhukkuba qilleensaa irraa nama fayyisa.dhukkuba da,aan booda dhufan akka saffiisaan fayyan gargaara,Qaamni akka jabaatu gargaara,waa huunda caalaa jaalala jaarsaaf jaartii jidduu jiru jabeessa. 
Sirni boolla qayyaa Aarfannaa kun sirna Aarfanna Aadaa goodina oromoo walloo kesssaa isa tokko ta,us amma irratti garuu  baadiyya bahee naannoo walloo addaa addaatti fkn Raayyaati,naannoo oromiyaatti achi darbee Gujii,Arsii,fi Booranas ballinaan faayidaa irra oolaa jira.yeroo xiqqoon asi beekkamttii argatee magaalee addaa keessatti beekamaa dhufeera.
Yeroo ammaa kanatti  magaalaa finfinneetti fi magaaloota addaa addaatti boolli qayyaa banamanii dubartootaf bareedinnaaf akka oolu ufi galii bussines ta,ee jira.Qorannoon barbaachisaan karaa saayinsiitin qoratamee faayidaaf miidhaa isaa wanti jedhamee jiru jiraachuu baatus  warroota fayyadaman irraa akka argannetti wantooti olitti dhawaman(waamaman)faayidaa akka kennan amanama.
Aadaan keenya bareedinaafi ibsaa enyummaa keenyaati.
@Oromo_graphya1
@Odaatiktok
http://t.me/Oromo_graphya1

Monday, May 10, 2021

#SEENAA GOOTICHA ELEMOO QILXUU

Seenaa Oromoo:
​​🏹SEENAA GOOTICHA OROMOO ELEMOO QILXUU

Kutaa tokkoffa
( 1936-1974 ) Jireenya Ijoollummaa Seenaan ijoollummaa Elemmoo Qilxuu baayyee hin beekkamu. Garuu bara 1956 Elemoon barnoota Islaamaa baratee magaalaa Dirre Dhawaa keessatti daldalaa Arabaa sooressa tokkoof hojjachaa ture.
Daldalaan kunis Elemoo fudhatee gara Eden, Yaman bara 1956tti deeme. Eden akkuma ga’een maqaa isaa gara Elemoo Qilxuutti jijjiirrate. Boodarraa dubartii Oromoo achi jiraattu tookos fuudhe, bizinesii jalqabe. Bizinesiin achitti jalqabe kunis baayyee milkaa’eef. Siyaasa Keessa Seenuu Elemoon waa’ee siyaasa nama dhimma qabu hin turre; garuu bara 1966tti manni isaa bakka itti sabboontonni Oromoo wal gahan ta’e. Kunimmoo qoonsilaa mootummaa Itoophiyaa yaaddessaa deeme.
Elemoonis diinota mootummaa Itoophiyaa qarshiin gargaara jedhamee shakkame. Bara 1967, namni Hararii (Harari businessman) mootummaa Itophiyaatif hojjatu tokko, Eden dhaqee Elemoorraa mi’a liqeeffate. Elemoodhanis yeroo Finfinnee dhufteen sii deebisa jedheen. Akkuma Finfinnee ga’een, Elemoon qabamee gocha shororkeessummaa mootummaa Itoophiyaarratti geggeessun himatame. Mana hidhaa kessattis qorannoo hamaa, reebicha fi miidhaa sammuu (psychological torture) guddaatu isarra ga’e. Kunimmoo Elemoon irra caala akka inni siyaasa keessa seenu godhe.......


Akka itti fufunu warri barbaadan like gochun natti agarsisaa.

​​SEENAA GOOTICHA OROMOO ELEMOO QILXUU

Kutaa 2 ffaa

Kunimmoo Elemoon irra caala akka inni siyaasa keessa seenu godhe. Hiriyoonni Elemoo qarshii walitti qabanii erga malaamaltummaan dura ta’aa nageenyaa namicha tureef qarshii kennanii booda gadi lakkifame.
Yeroon Eleomoon mana hidhaa keessatti dabarse akka inni sabboonaa kutataa ta’u isa godhe. Erga mana hidhaatii baayee booda sochii sabboonumma Oromoo kan akka Waldaa Maccaa fi Tuulamaa keessatti hirmaachu jalqabe. Bara 1968, Elemoon dhoksaadhan gara Moqaadishoo deemee walga’ii sabboonummaa Oromoo irratti hirmaate. Achittis hojiin sabboonummaa Oromoo uummata biyya Arabaatti baballisun isatti kenname. Gara Edenittis deebi’ee dhaabbata hawaasa Oromoo hundeesse. Bulchiinsa magaalaa Edenis amansiisee akka isaan biiroo siyaasaa banuuf isaa eeyyaman godhe. Gargaarsa mootummoota Arabaa fi akkasumaas Dhaabbata Bilisummaa Paalestiin fi Adda Bilisummaa Eertiraa irraa gaafate. Gargaarsa mootummaa Iraaqitiin, leenjii waraanaa ji’a torbaa erga kennee booda addaa riphee lolaa hundeessee. Adda kanas hooggansa hiriyaa isaa Abdulkarim Hajii Ibraahim, irra caala maqaa Jarraa Abbaagaddaa jedhamuun beekkama, bobbaase. Addi kun odoo gara Itoophiyaa seenuf yaaluu mootummaa Somaaliyaatin rukutamee, booji’amee gara mana hidhaa galfame. Kunis ta’u, Elemoon odoo abdii hin kutatin meeshaa waraanaa, gargaarsa Adda Bilisummaa Eertiraatin, dhoksaadhaan karaa gammoojjii Affaar keessan gara Itoophiyaatti glachuu fi kuusuu jalqabe. Bara 1973tti, Elemoon walga’ii sochii qabsoo Oromoo Finfinneetti akka hirmaatu waammame. Walga’iin kunis ummamuu Adda Bilisummaa Oromoo kan xumurame yoo ta’u Elemoonis qabsoo waraana akka jalqabuuf dirqamni itti kenname. itti fufa

Na waliin warri jirtan haarkan natti agaarssisaa👍
@Odaatiktok
@Oromo_graphya1
http://t.me/Oromo_graphya1

#EEBBISAA ADDUUNYAA

EEBBISAA ADDUNYAA

Seenaa qabsoo Oromoo keessatti qooda guddaa kan qabu weellisaa Eebbisaa Addunyaa, Hagayya 30, bara 1996 wareegame. Sirboota qabsoo Ummata Oromoo daranuu jabeessan hedduu gumaacheera Eebbisaan.
Kana malees sirboota aadaa, kan jaalalaa fi geerarsaanis ni beekama jedhu hiriyoonni isaa.
Seenaan Eebbisaa kan hanga ammaatti hin dubbatamneef ga'ee inni Afaan Oromoo guddisuu keessatti gumaacheedha.
Ogummaa gitaaraa, walaloowwan jajjaboo hamilee ummataa cimsanii fi dhuunfaadhaanis qabsoo keessatti nama qooda fudhateedha Eebbisaan.
Qabsoo Oromoo keessatti aarsaa barbaachisu kaffaluuf kutataa akka ture yerosumayyuu argaa turre jedhu aartistoonni Oromoo isa beekan
Eebbisaan eenyu?
Bara 1962 gara dhumaarra dhalatee, umuriinsaa barnootaaf wayita ga'u mana barumsaa sadarkaa tokkoffaa Oliiqaa Dingil seene kan jedhan harmeen Eebbisaa Addunyaa Aadde Sanaayyit Kabbadda Gosaa, Sadarkaa 2ffaa ammoo Qellemitti barate jedhan.
''Maatirikii fudhatee utuu qabxii eeggataa jiruu Fulbaana keessa warri keenyaa ABOn dhufanii jennaan isaanumatti makame.'' jedhan.
Lixa Oromiyaa magaalaa Dambi Doolloo keessatti dhalatee umurii ijoollummaasaa qabsoo Oromootti dabarse kan jedhan Aadde Sannaayit , keessumaa qubee afaan oromoo barsiisuurratti magaalaa Danbi Doollootii haga Asoosaatti demee hojjeteera jedhan.
Boodas gara magaalaa Finfinnee deemee sirboota qabsoo Oromoof hundee ta'an hedduu utuma shaakaluu gara Booranaatti ramadamee ture jedhu.
Booranatti erga ergamasaa ba'ee booda Finfinneetti deebi'ee hiriyootasaa waliin utuu sirboota qabsoo hojjetanii , wayita haalli rakkisaa ture sana keessatti lubbuusaa dhabe, wayita sanallee an duubatti hin jedhu naan jedhaa ture jedhan.
@Odaatiktok
@Oromo_graphya1
http://t.me/Oromo_graphya1graphya1

#SEENAA GOOTICHA EEBBISAA ADDUUNYAA

SEENAA GOOTICHA OROMOO EEBBISAA ADDUNYAA.

Seenaa qabsoo Oromoo keessatti qooda guddaa kan qabu weellisaa Eebbisaa Addunyaa, Hagayya 30, bara 1996 wareegame. Sirboota qabsoo Ummata Oromoo daranuu jabeessan hedduu gumaacheera Eebbisaan.
{{Artistii‎| | Maqaa = Eebbisaa Addunyaa | Maqaa dhalootaa = Mucee Addunyaa | File = | Guyyaa dhalootaa = | Bakka dhalootaa = Dambi Doolloo | Guyyaa du'aa = Hagayya 30, 1996 | Bakka du'aa = Finfinnee | Ogummaa = Weellisaa, walalee

ABOtti Makamuusaa

Bara 1991, odoo Eebbisaan ramaddii yuunivarsiitii eeggachaa jiruu, humnoonni ABO, ABUT(TPLF), fi ADWUI(EPLF) mootummaa Dargii kuffisan. Magaalaa Eebbisaan keessa jiraatu Dambii Doolloo keessatti, ABOn buufata waraana guddaa dhaabe. Yeroo sana, Eebbisaan haalli jireenya ummata Oromoo garbrummaa ta'uusaa waan hubateef akkasumas barbaachisummaa Oromoon hireesaa ofiif murteeffachuuf qabu waan itti amaneef, kanaaf qabsaawuuf jecha dhaqee ABOtti makame. Eebbisaan jalqaaba akka daballeetti kan leenji'e yoo ta'u dandeettii addaa waan agarsiiseef, buufata ABO kan Dambi Doolloo keessatti leenjisaa dabballootaa ta'ee muudame. Dandeettii waraanaa qofa odoo hin taane, Eebbisaan dandeettii sirbaas ni qaba ture; kennaa sagalee isa qabu bukkeetti meeshaalee muuziqaa baayyees ni taphata. Sababa kanaaf, Eebbisaan hawwisoo ABOtti makamee aadaa, wallee, fi eenyummaa Oromoo mullisuurratti ga'ee guddaa taphate.
Bara 1991 fi 1992 guutummaassa, Eebbisaan Oromiyaa keessa naannoo adda addaa (kibba, kibba lixaa, giddu galeessa, dhiha) deemee weellisaa ture; sirboonni isaa sirba aadaa yoo ta'an ergaan isaanii garuu kan warraaqsa (revolution) kakaasan turani. Eebbisaan, sirboota isaatin hacuuccaa ummata Oromoorra ga'u ifatti baasee kan ibsu yoo ta'u karaa ittiin Oromoon mirga isaa gaafatuu fi falmatus ni ibsa.
Akka nama dhuunfaatti, Eebbisaan nama gara laafessa ture; ummata Oromoo garaa guutudhaan jaalata ture, baayyee dimmaafis ture. Eebbisaan namoota gargaaruu fi dhimmuufiif nama duubatti hin jenne ture; obboloota isaa, firootasaa, ollaasaa, namoota gargaarsa barbaadan kamiyyuu ni gargaara ture. Eebbisaan artisitii baayyee jaalatamaa, dinqisiifamaa, fi saboonaa dha. Eebbisaan jalqabaa qabee gootummaadhaan beekkama. Erga ABOn biyyaa ba'ee geggeessitoonni isaa biyyaa baqataanii ABO dhoksaadhaan socho'uu jalqabee boodalle, Eebbisa sirba isaatin hammenya mootummaan Itoophiyaa ummatarraan ga'u ibsuu hin dhiifne. Eebbisaan baayyee ija jabeessa, kan hin sodaanne fi ifatti hojii shororkeessummaa mootummaan Itoophiyaa ummata Oromoorraan ga'u balaaleffachuurraa duubatti jedhee hin beeku. Deeggarsa WBOtif qabus amma dhumaatti ittuma fufe.
Sababa Eebbisaan ija jabeessa ta'eefi ifaan ifatti ajjeechaa fi sarbama mirgaa mootummaan Itoophiyaa raawwatu balaaleffatuuf, ofuma isaayyuu ilaalcha mootummaa keessa akka galu godhe. Akka Oromia Support Group Press Release No 17 jedhutti, nama umurii 26 kan ta'e hiriyaan Eebbisaa mootummaan akka isaan hordofaa fi too'achaa(surveillance) akka jiru bare; Eebbisa iddoowwan waltajii adda addaatti konkolaatadhaan kan geessu isa ture. Gaafa Hagayya 30, 1996 Eebbisaa Addnuyaa ergamtuu mootummaa Itoophiyaatin manasaa keessatti Finfinneetti ajjeefame.
@Odaatiktok
@Oromo_graphya1
https://t.me/Oromo_graphya1

#SEENAA JENERAL TAADDASAA BIRRUU

​​​​SEENAA GOOTICHA OROMO GENERAAL TAADDASA BIRRUU 

Kutaa 1ffaa
Gootichi beekamaan ilma Oromoo onneen isaa waa’ee saba isaaf dhiigdu kun kan dhalatee guddate Godina shawaa kaabaa nannoo salalee aanaa Hidhaabuu Abootee iddoo addaa Siree Morose jedhamutti dhalatee akka guddate seenaan tarree gootota Oromoo keessatti barreefame hedduun ragaa baha. J/Taddasaa Birruu akkuma ijoollee naannoo isaa biro ijoollumaan loon tiksaarra darbee umriin isaa yoo barnootaaf gahu mana barumsaa amantaa ortodoksiitti afaan gi’izitiin barumsa amantaa hodofuudhaan afaan gi’iizii bareessuu fi dubbisuun kan yeroo itti hin fudhanne ture. Haa ta’u malee daa’imni kun abbaan isaa quuqama sabaa waan qabuuf yeroo lola Xaaliyaani irratti duulee dirree waranaa irratti wareegamee ture. yeroo kana duuti abbaa isaa baay’ee isa gaddisiisee osoo jiruu Haati isaas rifaatuu abbaa manaa isherraan kan ka’e abbaan manaa ishee du’ee guyyaa saddetammaanitti(80) lubbuun isheellee darbuu danda’eera. Qormaanni jireenya walirratti leenca kana qunnamte akka inni barnoota isaa addaan kutuuf itti lallabde.

Kana booda dargaggeessi jaalala maatiisaa dhandhamee hin quufne kun karaa abbaa isaa qabachuun Xaaliyaani irratti duuluuf bosona akka gale dirree seenaa gootota oromoo keessatti barreefameera. Yeroo kanatti Essumni(obboleessi haadha isaa) Baraanbaraas Beekaa jedhamu waliin kutachuudhaan loltoota mataa ofii ummatanii biyya isanii faashistoota irraa buusuuf gara hallayyaa Calanqootti kutaan.

Xaaliyaanoonni meeshaa waranaa Ammayaa fi loltoota saanyinsii quufaan qabattee waan hirirteef falmiin ture caalmaa warra xaliiyaaniif dhundhumtee,waraana sa’aa 24 taasifameen J/Taddasaanfaa naannoo hoolqa Fincii jedhamtee waammamtuutti marfamanii harka laataan.sana boodaas akka qabamanii Hidhamtoota baay’ee waliin Gara Moqaadishootti ergamanii achitti J/Taddasaa Birruu hidhaan umrii guutuu akka itti murteefamu taasifamee ture.Egaa umrii sanatti dararamuun faashistootaani abdii kan kutachiise osoo hin taane,caalatti jabina kenneefi seenaa Ummanni oromoo har’a akka warqeef meetiitti laalu kana dalaguu danda’eera....itti fufa
@Odaatiktok
@Oromo_graphya1
http://t.me/Oromo_graphya1

#EEBBA OROMOOTA MACCAA

Eebba Oromoo Maccaa 

Hayyee! Hayyee! Hayyee!
waaqa uumaa waaqa uumamaa
Gurraacha Garaan Garbaa
Tokkicha maqaa dhibbaa
leemmoo garaa taliilaa
waaqa saglan booranaa torban baarentummaa
waaqa ciicoo gurraattii
waaqa bokkuu gurraachaa
waaqa shanan gadaa oromoo
waaqa shanan odaa oromoo
-------------------
kan nagaan nu bulchite nagaan nu oolchi!
irraa gora nu oolchi!
dogoggora nu oolchi!
Citiin sadii, citii sadan nu oolchi!
kan roobee tortorsu nu oolchi!
kan caamee goggogsu nu oolchi!
walii galtee nuuf kenni!
waliif galii nuu toli!
sonii nuuf roobi!
waan rooba keessa jibban nu baasi!
waan caama keessa jibban nu baasi!

* Eegaa barri quufaa
Gadaan gabbinaa,Gabbisi waaq!! leeel! leel!

Eebba oromoo maccaati!
@Odaatiktok
@Oromo_graphya1
https://t.me/Oromo_graphya1

mootittii saba'a Queen of sheba

"Mootittii Saba'a""Queen sheba" ----------------------------------------------------------------- ★Miky Sultan Bar...