Translate

Saturday, December 31, 2022

#Hiikaa_Maqaa#Gosoota ilmaan #Baareentummaa.

#Hiika Maqaa #Gosaa
★******************-****************★
#Baareentuu=Jiraattoota  warra bahaa kara aduun bariituun jiraatan jechuudha.

#Walloo=Waloo jechuudha, Walee, Tokkummaa jechuudha.

#Raayyaa = Raayyaan gurmooftuu, Loltuu, humna jechuudha.

#Kaarrayyuu= Kaarra Hayyuu Beektoota hayyoota Aadaaf duudha isaanii jabeessanii jajjabduu jechuudha.

#Waayyyuu: Waayyuun Kabaja jechuudhaa.

#Murawwaa = kan namatti tolu, Kan haasooyni isaa mi'aawu jechuudha. 

#Ituu = itiitaa, tasgabaawaa, beekaa namaa jechuudha.

#Baabboo = Kan Abbaa Fakkaatu, ykn kan hiiriira duraarra jiru jechuudha.

#Gaadullaa = Kan loon horsiifattu, Carraaqataa, ykn ka gadaaf duule jechuudha. 

#Galaan = Galaana, ykn ka Heeraan deemu, Kan waa adda galchu jechuudha.

#Algaayyo = Kan alaaf gahan, kan diinaaf gahan, ka ofiif gahu jechuudha.

#Qaalluu = Qajeelchaa, Gargaaraa, Masoo ofii jechuudha. 

#Waayyee = Injifataa, kan boochissu, kan kuffissu, kan waa tiiysu jechuudha. 

#Arroojii = Arjaa, ykn kan dafee dhaqqabu ykn nama dafee aaru jechuudha. 

#Addaayyoo = Saafii, Adii , Qulqulluu namaa jechuudha. 

#Gaamoo = Gammachuu kan qabu,bashaasha namaa, ykn warra gamtaa qabu jechuudha. 

#Baaye = turee dhufaa ykn Ba'eessa namaa jechuudha"
Link:- website
Mikysultan.blogspot.com

#Goota #Imam Yesuf_ #AbbaaMarchaa

Goota Imam Yasuf,( Abba Marchaa)
 #Aba Marcha Baxi#
***************★★★****************
/bymakinsulatn Wallo/.....
Gootni imam yesuf abba marchaa kan dhalate walloo baatee naannoo garfaatti yeroo ta'u, Ammas nama jabaa samaa gaadullaan qabdu keessaa tokko.
 Yeroo mootumma hayilasillase sani hanga mootummaa dargiitti goota beekamaaf sodaatamaa ture.

Abbaan "marchaa" maqaa farda  isaati yoo ta'u, dur goonni maqaa farda isaanitin waamamu turani.
Goonni imam yesuf abba marchaa goota yeroo hayilasillaasee mootii bulchaa  walloo qaalluu hanga warra himanootti bulchaa tureedha.
Ammas naannoon Affaarii magaalaa baatee jala bulaa turte magaalaa guddoo Awsaa taatee bulchaa turte. Affaaronni oromoota walloo jala bulaa turani. 

Ammas yeroo hayila sillaase san waraanni warra somaalota gosoota iisaa fii  affaari daran hamaa waan tureef affaaronni baqatanii naannoo baatee qubatanii jiraachaa  turani.
waraanni Somaale gosoota 'isaa' baayyee cimaa waan tureef affaar gara oromoota wallootti dheessaanii jiraachaa turani. 

Goonni Imam Yesuf Abbaa marchaa waraana isaa garfaaf waayyuu, qaalluu  ammas affaaroota of jalatti hirirsuudhaan  waraana somaalota gosoota isaa waliin godhee hanga lafa jabuutii magaalaa  "dikel" jedhamtutti waraana godheen  injifatee galee jira.

Ummanni affaari Maqaa isaatin dhaadataa  turani, Nuti ilmaan abbaa marchaati/ Abba marcha Baxi/ jechaa dhaadatu ture. 
Gootummaa isaatin  itti geeraru ture.
Hiriyyaan ISaa yeroo Sanii Umaree Muhee ture. Umaree Muhee Enyu?

Goota Umaree Muhee
************************************
Gootni Umaree muhee kan dhalte walloo baataa garfatti yoo ta'u ummata biratti goota kabajamaaf jaalatamaa ture.
ummanni naannoo baatee garfaa waayyuu maqaa umaree muheetin dhaadatu "Dhufte Ijoolleen Baatee Gudfisaan Umaree" jechaa dargoof dubareen maqaa isaatin dhaadachaa taphatu.
Umaree muhee goota ija barbadaa diinaaf gadin jenne ture. 

Suuraa isaa argachuu hin dandeenye yoo argame ka umaree muhee akkuma arganneen maxxansina seenaa guutuu isaa wajjiin.

Thursday, December 29, 2022

#imam yesuf/Abba Marcha/#ኢማም የሱፍ_አባ መርቻ።

#ጀግና ኢምም የሱፍ(አባ መርቻ)
#imam Yesuf (Abba Marcha)
#አፋሮች የምሟገሱበት፣አባ መርቻ ( ኢማም የሱፍ)
---------------------------***---------------------------
     √*Abba _Marcha Baxi -- *

/By Makin Sultan Wallo/
ኢማም የሱፍ አባ መርቻ፣ በ ወሎ ክፍለ ሀገር፣ በባቲ ወረዳ ገርፋ ተወላጅ ስሆን። በ ገርፋና ዋዩ እስከ ወረ ሕመኖ ሀገር ገዢ ነበረ፣ በ ንጉስ ሀይለስላሴ ግዜ፣ኢማም የሱፍ በፈረሰቸው ስም አባ መርቻ ተብሎ ይጠሩ ነበረ። አባ መርቻ በጣም ጀግና ሀይለኛ ለማንም የማይበገሩ ጀግና የወሎ ሰው ነበሩ።አፋሮች የ አባ መርቻ ልጆች ነን እየሉ በ ስሙ  ይጠረሩበት ፣ይሟጋገሱበትነበረ። አባ መርቻ ፣በ ንጉሰ ሀይለስላሴ ግዜ የ ሶማሊ ጎሳ የሆኑት ኢሳዎች አፋሮችን ያስቸገሩ ስለነበረ። አፋሮች ወደ ባቲ መጥቶ ይኖሩ ነበረ።
አባ መርቻ የወሎ ባቲ ኦሮሞ ገራፋ ዋዩን፣አፋሮችንም  ጦር አሰልፎ  እስከ ዲኬል የምትባል ከተማ  ጅቡቲ ኢሳ ጎሳዎች ጋ ተዋግቶ ድል አድርጎ የተመለሰ ጀግና ነበረ። አፋሮች ለዚያ ነው፣ ኢማም የሱፍ እንደ አባት አድርጎ  ኣፋሮች የ አባ መርቻ ልጆች ነን እየሉ በ ገጠር ጫውታ ሙገሳ ላይ በሱ የምሟገሱበትና የምጫወቱት ፣የ አባ መርቻን ጀግንነት ስለምያውቁና ስለዩ ነው።
የ ኢሳ ጎሳ ሶማሊ ጦር አባ መርቻ ጦር በዚህ ገብቷል ከተባለ በጣም ይፈሩ ነበረ። ኢማም አባ መርቻ ቀጭን ሀይለኛ ለማንም የማይበገሩ፣ የወሎ ባለባት ሀገር ገዢ ነበሩ። በነ ኢማም የሱፍ ግዜ በጣም ጀግና እሳት የላሱ ጎደኞችአብሮት ነበሩ፣ ለምሳሌ የባቲ ሰው በስሙ የምሟገስበት ጀግና ኡመሬ ሙሄ የምባል ጀግና የባቲ የገርፋ ሰው ነበረ።የባቲ ሰው ጫውታ ላይ የአመሬን ጀግንነትን ስገልፅ /dhufte ijoolleen baatee guddusaan umaree/ እያሉ በስሙ ይሟገሱበታል። ትርጉሙ መጣ የባቲ ልጅ ጀግና የ ኡመሬ ትውልድ፣ልጅ ማለት ነው። አፋሮች ጭምር በባቲ ኦሮሞ ጀግኖች እኛ አባ መርቻ ልጆች እያሉ ራሰቸውን በጀግና ስምበ አባ መርቻ ኢማም የሱፍ ይጠሩ ነበረ።
ባቲ የዚያን ግዜ፣ ወሎ ክፍለ ሀገር አውሳ አውራጃ ነበረች፣የ ወሎ ጥንት ከተማና የአፋር ዋና ከተማ ነበረች። አፋሮች በባቲ ስር ይተዳደሩ ነበረ። ዋና መስርያ ቤተቸው አሳይታ ነበረ።

»|*|«  ኢማም የሱፍ  አባ መርቻ»|*|«   (( ገ ር ፋ  ))

= ኢጆሌ ገርፋ  ፣ የጦር መድሃኒት =

= እንኳን  ቀንና  ፣ ይዋጋል ሌሊት  =

:

= ጀግናው ሲጋልብ ፣   በላይ ፈረሱ  =

= አስደሳች   ነበር   ፣ ግርማ ሞገሱ =

:

= ግርማው አስፈሪ ፣ የዳልግ አንበሳ =

= ኢማም የሱፍ ነው ፣  የ ማ ይ ረ ሳ =

by #miky sultan_wallo

by #miky sultan_
Website:-https://mikysultan.blogspot.com/?m=1
Youtube gallee subscribe haa goonu.
https://youtube.com/channel/UC28cmklQecQdOikbnwfG8XQ
https://t.me/+5lATA7899SU3OGM0
Nu dubbisuu yoo barbaadan:- @Mikysultan1
https://www.facebook.com/wallo.lion.9?mibextid=Z

Thursday, December 22, 2022

#seenaa ayyuub abubakar

#Seenaa Gabaabduu 
Ayyuub Abuubakar


Bara 1936, Xaaliyaan bulchiinsa Amaaraa hudduun buqqisee biyya teenya dhunfa jala naqachuun jijjiirama guddaa fide. Gochi gaafasii san, sirna gabrummaa Amaaraa kan hiddi qabachaa ture findige. Nafxanyoota baadiyyaa keessaa buqqisee, mirriitii qe’ee arihe. Karoorri gabroomsaa ummata gabroomsee fii qabeenya biyya isaanii-rratti abboomuu tahullee, bulchiinsi Xaaliyaan kan Amaaraa biratti faarfamaa dha. Kana akkoo tiyya tan sirna lachuu agarterraa dhagayaan guddadhe. Haala kana laalchisee, namni Corrado Zoli ja'amu, barruu ji'a Onkololeessa bara 1937 bareeyserratti, "the Italian victory had liberated the peoples of Ethiopia not only from slavery but from all sorts of servitudes and barbarous tyrannies." jechuun adunyaaf gabaase.

Yaroo bulchiinsa Xaaliyaan san, gabrummaa Amaaraa tan hoonga hin qabne jalaa lammii qofa odoo hin taane afaan Oromoo-llee tu bilisoome. Afaan Oromoo jalqaba bara 1937-rraa kaasee raadiyoona Xaaliyaan biyya keessatti dhaabe keessaan tamsaasamutti seene. Garuu, walabummaan afaan Oromoo bulchiinsa Xaaliyaan jalatti helee fii gammachuun ummataa, Ebla 05, bara 1941, gaafa Ingiliz mooticha biratti baqate Finfinnetti deebise, umrii gabaabbatte. Hayle Sillaaseen akka aangoo-rratti deebi'een, tamsaasa raadiyoonaa kan sagantaa afaan Oromoo kan afaan Amaaraatti bakka buufate.

Mootichi hoggaa kana godhu, galiin karoorfate, ummata Oromoo keessa beekkomsa afaanii fii aadaa dhabamsiisee Amaareeysuu fi. Garuu, waggaa kudha sadii booda, bara 1954, sagantaan afaan Oromoo raadiyoonaa biyya Misraa keeysaa dhagayamuu jalqabe. Yaroo tana, Mootichi, "tuni natti hin taatu"-n, mootummaa Misraa waan feetuun gunatee saganticha ukkaamse. Haalli afaan Orommo sab-qunnamtii keessaa dhabamuu yaroo hamma tokkoof Hayle Sillaasee hara fudhachiisullee, waggaa saddeet booda, bara 1962 keessa, Ayyuub Abuubakariin raadiyoona Mogdishoo keessaan dhawaaqe.

Ayyuub maatii isaa Abuubakar Mahammad fii Ardoo Aadam irraa, bara 1941 keessa, magaalaa Ciroo-tti nama dhalate. Ayyuub barnoota sadarkaa duraa naannoo itti dhalate-tti akka xumureen, kan lammadaa tiif, Biyyoo Adaree geeyfame. 

Ayyuub barnootatti haalaan cimaa ture. Barnootaan alattiis, nama ispoortii akkaan jaalatu. Hoggaa barnoota hin qabne yaroo isaa kan itti dabarsu, qu’annaan alatti, fiiginsa, utaalchaa fii ispoortii sibiila-rraan rarraa’uu ti. Ispoortiilee kanatti akkaan cimee, dorgommii mana barnootaatti godhaman bira taree, kanneen sadarkaa kutaa fii biyyaatti adeemsifaman injifachuun badhaasa hedduu arkate.

Ji’a Hagayyaa tan bara 1959 keessa, yaroo boqonnaa mana barnootaa, akkuma Finfinnee ol baheen, guyyaa tokko isaa akka aadaatti diiramaan fiigu, General Mangistuu Nawaay, ajajaan raayyaa Kibur Zabanyaa gaafasii arke. Ayyuubii qumxaa uffatee qalbii takkaan karaa-rra ceehu agarraan Generaaltichi akkaan dinqifate. Makiinaa dhaabee dubbise. Wal barnoonni akkasitti jalqabe, odoo hin turin, Ayyuub, waahela Mangistuu Nawaayii fii hojjataa mootummaa godhe.

Ayyuubii mootummaaf hojjachaa jiruu, waahelli isaa, Mangistuu Nawaay, kanneen itti dhihaatan waliin, mootummaa Hayle Sillaasee fonqolchuuf karoorfatan. Karoora isaanii galgala Arfaasaa 13-i, tan bara 1960-a, Hayle Sillaasee imaltaawe, duubaa, hujiirra oolchutti bobbahan. Haa tahu malee, garee mooticha gargaaraniin dura dhaabbiin cimtuun isaan mudatte. Lola finiinaa guyyaa afuriif gaggeeysan irratti warri Hayle Sillaasee aangorratti tursiisuu barbaadan irra aananii tuuta Mangistuu adda facaasan. Yaroo tana, Mangistuu fii obboleesi, Garmaamee Nawaay, karaa ganda warra isaanii, Moojotti baqatan. Yaanni isaanii, warra adda faca'an waliin achitti gurmaawanii garee mooticha tin’isanitti duuluuf ture. Garuu, gargaartuun mootichaa walitti deebi’anii gurmawuuf yaroo hin laanneef. Bakka jiranitti faana duulan. Haala kanaan, Magistuu fii obboleeysi, Arfaasa 24, warra isaan barbaaduun marfaman. Garmaameen, marfama jalaa miliquuf hiree akka hin-qabne hubannaan, lubbuu harka isaa tiin galaafate. Mangistuun, boojihamee, Bitooteessa 30, bara 1961, fannifame. 

Mootummaan Hayla Sillaasee, baaraga mudatte keessaa akka bayyanatteen, waaheloota Mangistuu kanneen du’arraa oolan, fardaa-lafaan adamutti seente. Ayyuub warra kana keessatti ramadamee barbaadamaa jiraachuu hubannaan, Soomaalee-tti jalaa baqachuuf karaa seene. Garuu, oduun isa adamuu waan haalaan facaatee biyya wal geeyseef, isaa amna walakkaa gaye, Toogoo-Caalee (Tokko-Caale)-tti qabame. 

Ayyuub lubbuun arkachuu irraa mootummaan gammachuu machooyte. Shaggar fiddee dooyaa-rratti hamma fanniftuu afachuu dadhabde. Kanaafiis, warri qaban akka daddaffiin Finfinnee fidan ajajje. Amrii kennamteef hujiirra oolchuuf, jarri, Ayyuub hatattamaan Dirree Dhaawaa fidanii, achirraa, baaburaan, karaa Finfinnee qaceelaniin. 

Ayyuub, boolla du’aa tan ittiin deeman if dura arke. Habashaan galaafatamuu-rra, akka Garmaammee-tti, harka isaa tiin if halaakuu filate. Tanaa fiis, kan harki lameen hidhaa, naannoo Khooraa-tti, baabura ceehurraa if darbe. Duuba, nama ispoortii tahiinsi isa gargaaree, rakkoo silaa mudattu bororaan irra aane. Achii, kan huccuun irratti cicciramtee qaamnii sosolloqe, warra barbaada isaa dachii-samii findigaa jiran jalaa dhodhokachaa, halkan leeylii, intala adeeraa, Maryam Yuusuf, tan magaalaa Baddeeysaa keessaa jirtutti hulaa dhadhawe. 

Maryam, yaroo Ayyuub haala sanitti agartu onneen dhaabbachuu geeyse. Haata malee, barbaada isaa tiif baayyina dargaa kan biyya keessa facaafame waan beeytuuf, jara harkaa bahee lubbuun isii bira gayuu isaa tiif “Alhamdu-lillaah” jatte. Hamma daadarkaa kufiinsaa fii tumiinsa warra qabee irraa khabsatuu dachi-gaar (mana lafa-jalaa)-tti dhooysite. Hadhaadhiyyaa barbaachiftu gootee fii, akka barbaanni isaa khushuufuu mirkaneeyfatteen, mudawwarii fii khalooytaa adii uwwiftee, khaliixaa bobaa jala keeysee, imaamata ceekhurratti darbitee, gosa Soomalee keessa takka qu'achiiftee, nama Soomaaliyaan isa gayu jala keeyse.

Ayyuub haala darasaa ilmii barbaada deemtuu tiin, taraa lamadaa tiif, karaa Soomaalee sossoohe. Amna miilaa dheertuu fii daadarkeeysituu booda, walakkaa bara 1961 timjii qaxxaamuree, nagaayaan biyya Soomaalee seene.

Yaroon Ayyuub Soomaaliyaa itti seene, yaroo mootummaan biyya sanii, bilisummaa gonfattee nama raadiyoona isii keessaan Xoophiyaa-rratti olola oofuuf akkaan itti barbaaddu ture. Haalli san, akkuma achi seeneen, Ayyuub, gaazeexessaa raadiyoona Soomaalee kan segentaa Afaan Amaaraa godhe. 

Ayyuub, akka miykiroofoona raadiyoonaa tiin wal arkateen, mootummaa Hayle Sillaasee-tti, olola gurraan dhagayuu hin dandeenye roobsuu jalqabe. Haala san keeysa, dhuma sagantaa qophii, afaan Oromoo tiin, dhaamsa xixiqqaa daddabarsutti seene. 

Haalli Ayyuub raadiyoo Soomaalee keeysaan afaan Oromoo tiin dhaamsa dabarsuu, mootummaa Amaaraa bira dabree, nama waahelaaf eegu waliin wal afaan buuse. “Afaan heeraan alaa raadiyoona-rratti haasawa” ja’amee, Ayyuub waahela isaa Geetachaw Gaarradawiin yakkamee hooggana waajjiraa duratti dhaabbate. Ayyuub, baannata irratti dhihaateef, "wanni inni godhe, dhaamsa mootummaa Soomaalee afaan ummanni bal’aan biyya Xoophiyaa dhagayaniin dabarsuu taachaa ibse." Hooggantichi afaan Ayyuub raadiyoo-rratti haasawe kan irra hedduun ummata biyya sanii dhagayanii fii dubbatan tahuu qofa ilma Geetaachoo gaafate. San mirkanooynaaniif, Ayyuubiin, “dhaamsa kee itti fufu!" je’e. 

Akki san, shira Geetachaw Gaarradaw Cuuphataa fashalsiisuu bira taree, ji’a Birraa, bara 1962, Afaan Oromoo, maqaa “Faraqaa Afaan Qottuu” tiin raadiyoona Soomaalee keessaan akka dabru taasise. Ayyuubiis gaggeeysaa sagantaa isii godhe.

Carraan haarayni Ayyuubiif jibbaa fii dura dhaabbii mootummaa Amaaraa tiif qabu ibsachuuf daandii bal’oo saaqe. Hiree arkamte-tti dhimma bahuun, sodaa malee, mootummaa lammii isaa gabroomfatte, tan firoota, aalotaa fii qe’ee dhalatee itti guddate keessaa kaa’imummaan isa ariite-tti sagalee qarate. Ayyuub, seenaa kijibaa tan Amaarri himatan jalaa fashalsiisutti seene. Hayle Sillaasee kan Afrikaa keessa taa’ee shanyii Yahuudaa himatuun, “akkas taanaan maal Afrikaa keessaa goota?” je’e. San bira kutee, shira aangoo itti qabate saaxileessuun, seenaa himatu harkatti carqeesse. Mooticha akka Far’oonaatti naaf sujuudaa ja’u, kaabbaa kijibaa irraa saaquu bira taree, tuuta wi’elaa-tti ramade. San malees,

Dachii teeysan masnoo teeysan
Kan irraa nyaatu adawwii teeysan!
                   fii
Gaala gadoo hi dheesanii
Maaf hin kaanee tateeysanii!

jechuun, geerarsaa fii mirriiysaan, ummanni Oromoo akka ka’anii qabsaawanii diina ifirraa fonqolchan amma-amma yaadachiisutti seene. 

Gaafa radiyoonni moojaa Soomaalee irraan haala armaa oliitti, afaan Oromoo tiin, olola irratti oofuu jalqabe, Hayle Sillaasee, mataan wareere. Olola afaan Amaaraa tiin itti ol lallabamu liqimsee, kan afaan Oromoo laagaa gadi dabarsuu dadhabe. Dargaan isaa, firoota Ayyuubii fii warra qunnamtii waliin qabaachuu shakkan kanaa-sanii malee hidhatti guuranii qu'iinsaa fii zaalla-gaafiin irra gattaa'an. 

Gama kaaniin, Hayle Sillaaseen, akka sagantaa afaan Oromoo kan Misra keessaa dabruu jalqabe ugguretti kanaas callisiisuuf mootummaa Soomaleetti manguddoo ergate. 

Mootummaan Soomaalee, booyinsa Hayle Sillaasee-rraa akkaan gammadde. Manguddummaa ergachuun isaa ololli Ayyuub bakka tiillateef rukutuu mirkaneeyseef. Kanaaf, manguddoota itti ergamaniin afaan ummata bal’aa ugguruun gaarii tahuu dhaba ibsanii fii, Ayyuubiin “waan itti jirtu itti fufi!” ja’an.

Ijibbaanni sagantaa afaan Oromoo dhaabuu fii Ayyuub ugguruu karaa mootummaa Soomaalee tiin fiixa bahuuf hanqannaan, xiyyeeffannaan mootumaa Amaaraa, gama Ayyuub garagalte. Basaasonni mootummaa Hayle Sillaasee, nugusa isaanii kan shiifni irraa yaa’ee saaxil bahaa jirutti khafana qabuuf, Ayyuub lubbuun qabanii mooticha dura dhaabuuf kakatan. Warra kana hujiirra oolchuuf, haala barbaachisu-rratti leenjisanii, horii gayaa waliin, Maqdishotti ergan. 

Warri Ayyuub qabuuf ajajaman, dirqama hujiirra oolchuuf, Soomaalee keessatti horii bitaa fii mirga faacaasanii Gurraandhala 13, bara 1967, Ayyuub ukkamsanii dhunfa jala galfatan. Borumtaa, ija hagooganii, harka duubatti hidhanii, kubbaa teenisaa tiin afaan haqanqaalanii, isaanii Land-Roveriin karaa Xoophiyaa deemuun, magaalaa Balad Weeynitti, qabaman.

Gaafa kaan, Ayyuub, hujiin shiftoota itti ergamanii fiixa bahuu dhaba, sagalee isaa tiin raadiyoona-rraa beeysise. Warri biyya keessaa milkii boojii eeggachaa turan, gaafa tana dhagayan onnee if qaqqabatan. Tan duraa jalaa fashallaan karoora lamadaatti tarkaanfatan. Taraa tana, qondaalummaa shiraa faranjiif kennan. Faranjicha Suwiidin tokko jalatti, namoota Geetaachoo fii Mellees ja’aman ramadanii hujitti bobbaasan. Hoggaa Soomaaliyaa seenan, Faranjichi, akka nama gaazexessaa-tti Ayyuubitti dhihaate. Guyyaa kaan, isaa waajjira beeysisaa keessaa barruulee haadhu qaban. Yaroo sakatta’an, waraabbii sagalee tii fii barruulee Ayyuub irratti arkanii hidhan. Garuu, horii dhangalaasaa tureen, keeysummaa Generaal Mahammad Abshiri ja’amee, hidhaa-rraa gadhiifame.

Torbaan lama booda, Caamsaa 20, bara 1967, Ayyuub akka bahara Hindii daakee, galuuf, mana uffata itti jijjiirratamu seeneen, warra faana deemaa turaniin, ukkaamame. Mootummaan Soomaalee yaroo tana dhageeysu karaa-lee magaalaa Moqdishoo keessaa alatti nama baasan hundaatti keellaa dhaabde. Warri Ayyuub ukkaamsan magaalaa keessaa isa baasuu akka hin dandeenye hubannaan, guyyaa sadaffaa, ajjeesanii, reefka isaa bakkuma irraa ukkaamsanitti deebisan. Yaroo reefki Ayuub arkame, midhaan qochummaa keessa ture haaraya tahuu Doktorri qorate ibse. San malees, dhiiyni funyaaniin irraa yaa’aa turuu fii, mormi isaa diraa ablee tii fii asxaa hudhaa haadaa qabaachuu gabaase. 

Jara sadeen Xoophiyaa-rraa itti ergaman malees, Qondaala Eegiinsa Nagaya Soomaalee kan gaafasii, Faarah Suguullee, akkasumatti ammaas Generaal Mahammad Abshirii fii harki namoota ammaaf maqaa dhawuun hin barbaachifnee kan biraa tiis, ajjeechaa Ayyuub irraa qooda qabaachuu tu shakkama.  

Jeeynich Oromoo, Ayyub Abuubakar, mootummaa Hayle Sillaasee (Amaaraa) tan gaafasitti utubaa sibiilaa ja'amaa turtetti summii toohaa odoo bu'ura dandeeysaa jiruu, Moqdishoo, lafa firaa fii aaliirraa fagaatte keessatti, Caamsaa 23, bara 1967, umrii diiyaddii jahatti, qaxara caphee, fedhii fii hegeree isaa tiin adda bahe. 

Rabbi jannataan haa qanani'u!

Oromiyaan Ni Bilisoomti! 

Abbaa urjii

Saturday, July 2, 2022

#Afran Qalloof Ona Ituu

Mootummaan Turkii kan loltoota Misraa kumaatamaan hirrirse erga biyyoo Adaree too'atee Gadaa tokko gayuus, abdii Ona Oromoo Afran Qalloo fi Ona Ituu of jalatti cabsuuf qabu akka laaftuutti kutachuu hin dandeenye. Ingliizoonnis mootummaan Turkii biyya Misraa keessattis, biyya Oromoo keessattis akka injifatamu halkaniif guyyaa carraaqaa turan. Haala Ingiliizootaa kanaan Carraa hidhannoo hammayyaa argachuuf saaqamte akka laayyootti dabarsuun oromoo bareentummaa biratti waan tahu hin taane. Kanaaf bara 1882 keessa Loltoonni Caffee Gadaa Ituu shira ingliizoonni harka lafa jalaatiin Minilikiif haala mijeessaa jiraachuu isaanii osoo hin hubatiin, ingiliiz cinaan hiriiruun warra Ingliizootaa irraa qawwee muraasa hidhachuun, mootummaan Ra'uuf Paashaa akka baha biyyattii irraa gara Ona Ituutti as hin tarkaanfanne ittisuuf lolaa turan. Taateen tun Oromoon yeroo jalqabaatiif humna mootummaa alaa irraa meeshaa waraanaa muraasa yeroo itti argachuu dandeesse ture jadhu hayyoonni seenaa tokko tokkoo. 

Haa tahuu malee Bara 1883 hogu Minilik Ona Ituu kallattii lamaan weeyraruuf sochii godhutti seenu, ingliizootaa wajjiin hariiroo turte addaan kutanii weyrartoota Nafxenyaa dura dhaabbachuuf hiriiran. ingilizoonni Minilik wajjiin jiraachuu isaanii kan argan loltoonni Ituu #Jiiysaa jachuun beekaman, hidhannoo hamma xiqqoo inglizootarraa argatan  (ingiliizoonni irraa hiikachuu barbaadanis osoo tole hin ja'iin) malees, Mootii Affaar kan ture Sulxaan Mahammad Hanfarree wajjiin hariiroo qaban haaroomsuun biyya Awsaa keessaan Zeeyilarraa meeshaa waraanaa muraasa galfachuu dandayyanii ture. 

Loltoonni Caffee Gadaa Ituu haala kanaan eefa ofjaaran booda, waraana minilik kan Fitawurari Cherinnetti Daggifeetiin durfamu afaan bahuun Hawaashitti dura dhaabbatanii waggaa sadii caalaa falmaniini jiru. Waraani Ituu yeroo kana kan ajjajamuun Abbaa Duulaa yeroo sanii kan ture Ittisaa Roobaa tiin ture. Waraana Minilik kan deeggarsa hidhannoo waraana hammayyaa Biyyoota Awuroophaatirraa argateen ifwallaalee amman Ituu cabsee, magaalaa guddiitii goonfa Afriikaa yeroo sanii tan turte Adaree Biyyoo harkatti qabadha jachuun guluufaa ture ilmaan Murawwiichaa qabrii Hawaash godhaniifi jilba cabsan. Alaattiin gammoojjii hawaashiis gaafas soora garaa guutate. Irra Hedduun loltoota Ituu meeshaa waraana ingliizootaa hidhatanii duulan sun bara 1883-1886ti Lola Fantaallee hanga Bordooddee, akkasumas Hancaarii hanga gaara Arba Guugguu jidduuti gaggeefamaa ture keessatti kan wareegaman tahuu seenaan ni dubbati. 

Haa tahu malee warreegamuu Ittisaa Roobaa boodaan Abbaa Duulummaa loltoota Ituu kan bakka bu'ee lolchiissaa ture gootichi Mucee Ahmad Mucee capha Ituu boodas Fincila kan itti fufee ture yoo tahu, walakkeessa bara 1887ti haramfama Ciroo keessatti qabamee, bordooddeetti moormaa gad awwaalamee, "gad ja'ii wayiin sitti himaa" ja'ee Walda Gabreel Abbaa Seeyxaan sobuun, waan moormaa gad awwaalamee jiruuf, xiyyiitiin maayii tan qabu ilkaan isaa fayyadamuun gurra walda gabreel jalatti irraa qurxee warreegame. Haa tahu malee reeyfa Mucee gosti isaa Elleelle fudhatee awwaalcha isaa Aanaa Ciroo, Arraddaa madhiichoo ganda Mucee jechuun beekamutti akka raawwatame afseeneefama. 

Gaafa san booda barri Oromoon qawwee itti argatte bara 1936 gaafa xaaliyaan biyya seene san ture. Haa tahuu malee, gaafa Ingiliz xaaliyaan cabsee Haayila silaassee biyyatti deebisu, ilmaan Oromoo warri xaaliyaan irraa qawwee hidhatee ture kun dursee osoo waraanni Hayila silaassee Ona Ituu hin seenin dura irra caalaa lafa Carcar dhuunfachuu dandayyanii ture. Fincilli oromoota Ituu kun erga Haayilasilaaseen biyya bulchuutti seenullee kan akka laafutti too'atamu hin taane. Mootummaa Haayilasilaasee kan lafa carcar loltootaa fi dajjaazmaachoota isaa kaneen bara shanan san keessatti isaaf amanamoo turan sassaabee akka badhaasaatti (MAADARIYAAtti) lafa raabsuu ture, akkasumas Goojjaamirraa qubattoota fidee bal'inaan carcar qubsiisuuf sochoo'aa ture fi Oromoota Carcar kan gocha mootummaa kana mormaa turan jidduutti finciilaa (lolaa) waggaa 8 caalaa ture yoo tahu, bara 1941 - 1949 ti mootummaan Haayileee Finciltoota Oromoo Carcar kana goonkuma injifachuu hanqatee ture.  Moormii Oromoota Ituu (Capha Minilikiin booda, Finciila diddaa gabrummaa Oromootaa keessaa kan Jalqabaa kan ture) kan waggaa dheeraa kanaaf too'achuu dadhabee ture kana, maqaa #Girriigirrii_Mahammad_Jiloo jechuun nama yeroo san finciila kana qindeessaa turen mooggaassuun yaama ture. 

Dhumarratti-Mootunmaan Haayilee bulchitootaa fi abbootii lafaa iddoo biraatii fidee oromoota Carcarirratti muuduun humnaan too'achuuf yaaluus, kunnis hanga barbaadame osoo milkaa'uu hin dandayyin hafe. Haala kanaan finciila kana too'achuun akka salphaatti kan hin dandayyamne tahuu waan hubateef, mootummaan karaa tooftaa nagayyaatiin finciila kana qabaneessuu filate. Sababa kanaatiif hoogganoonni Fincila kanaa Muhammad Jiloo fi hiriyoonni isaa torban karaa nagayyaatiin harka kannatanis, warri akka #Umar_Abdullaa, #Sheikh_Umar, #Huulloo_Wadaay, #Biiftuu_Abdurqee, #Boruu_Soodduu fi kkf faan hamma sochii ijoollee Baalee sanitti Qabsoo osoo hin laafisiin  itti fufuudhaan, finciilicha gara baddaa Baaleetti tarkaanfachiissuu dandayyanii jiru. Ammas Baaleerraa ofduuba deebi'uun dhuma Bara 1973ti Ona Ituu keessa Xirrootti Warraaqsi bilisummaa Oromoo bifa hammayyaatiin dhoohee, Qabsoon sunnis dhalootarraa dhalootatti daddabraa, hanga guyyaa arraatti lubuun turuu dandeesse jirti. Dhugumatti Galata guddaatu warra kanaaf Mala. 

Horaa Bulaa
Ituu Oromoo Post Madda Beekumsaa fi Oddeefannoo, Daawwiitii Isa Kaleessa Keenyaa ti. 
-

Thursday, June 23, 2022

#Abbaa-hagaa/Abbaa-dhiiraa

 Kitaaba "Abbaa-Hagaa/Abbaa-Oormaa.
Barressaan: Makiin( miky)Sultan Seid Wallo.

Aadaaf seenaa oromoota walloo.
Gosoonni Oromoo hedduun jaarraa hedduuf lafa abbaa isaanii kan ta’e kaaba Itoophiyaa har’aa( kaaba Oromiyaa)  jiraachaa  jiran hedduu dha.
Isaan keessaa Waloo(Walloo), Yajjuu, Raayyaa, Jiillee, Arxummaa,  Qorii Fursee  fi Dhummuugaan, kan eeramuu danda’anii dha.
Gosoonni Oromoo kunneen Wiirtuu  Amantaafi Siyaas-Dinagdee bakka tokkootti qaban qabu. Akkaataadhuma jiruu ittiin jirataniifi qubannaa isaaniinis Gooree isaanitti wiirtuu amantaa fi siyaasaa mataa isaanii kan qabanis jiru.  
Wiirtuun Amantaafi Siyaasaa isaanii inni   beekamaan bakka tokkotti qaban tokko  Odaa Garaadooti. 
Gosoota Oromoo kanneen jalaa Sababaa sirnoota cuunqursitootaatiin  Aadaa fi Afaan   isaanii kaan isaanii jalaa  baaay’ee   dadhabeera.
Haa ta’uu,   malee  gosonnii Oromoo  baay’een  kan Walloo  kibbaa  jiraatan  dhiibba sirnoota nafxanyootaan  isaanirra gahaa ture hundaa  damdamachuun   Aadaa  fi  Afaan  abbaa isaanii kan Oromoo  har’a illee itti fayyadamaa jiran hedduu dha.  
Walloo  dabalatee gosoonni Oromoo kaaba Oromiyaa (Itoophiyaa har’aa) jiraatan akkuma gosoota Oromoo kaanii  Jaarraa   hedduuf  sirna Gadaan of bulchaa  turan. Yeroon   booda garuu  akkuma dhiibbaan  kallaattii  hedduun itti cimaa dhufeen sirni  kun waan  jalaa   dadhabaa dhufeef  Odaa Garaadootti wal-gahaanii Seera Abbaa Ormaa kan jedhamu  tumatani jedhu manguddoon Oromoo kan seenaa ummatichaa  beekan kanaan irraa odeeffadhe.
(HUB:-Ragaaleen tokko tokkoo garuu seerri abba ormaa seera oromoon osoo gadaa hin tolfatiin dura ittiin bula turedha jedhu.)
1.Seerri Abbaa Ormaa kun  seera Oromoo jechuu dha..
Seerrii  kun   maqaa   isaa  irraa  kan  hafe  baay’een  isaa  seeruma  sirna  Gadaa  keessa jiru dha, akka   manguddoonnii Jiillee  Kaaba Oromiyaa jiraatan tokko natti himanitti.
Wallootti Seerri  Abba Ormaa akkuma sirna Gadaa caasaawwaan  bulchiisaa  hedduu  of  jalaa qaba.

Warra  Seera tuman, warra seera hojiirra oolchan,  caasaa  nageenya   uummataa eegu fa’aa  qaba.
HOJJA DHEERESSA
Caasaan  Seera  Abbaa Ormaa gaggeessan   ykn  kan   hojiirra  akka ooluuf hojjetan   Hojja Dheeressa  jedhamu. 
Gareen  kun  namoota  umuriidhaan raagan ykn manguddoota. Hojja Dheeressi kun   Qaama olaanaa  dhimma  hawaasaa  irratti   murtee kennudha. Hojja dheeressaan Gumii olaanaa ykn immoo Caffee jechuunii dandeenya.

2.SEERA ABAGAARUMMAA
Abbagaar sirna Aadaa orromooti walloo Abbaa alangaa ta,ee furmaataa rakkoo huundaa  ittiin furaniidha.
Abbagaar jechuun seera Aadaa oromota walloo rakkoo ittiin furmaata kennan kan sirna isaa ittiin raawwattan maqaa namoota sirna Aangoo sanii ittiin waamamaniidha.
Abbagaarri iddoo jiraniti ummaticha keessati rakkoolee addaa addaa uumaman kan ittin furanifi kan ittiin araaramsan mandhee warra Aangoo saniif kennameedha.
mandheen sun Rakkoolee xixiqqoo irraa kaasee hanga rakkoo gurguddoo hanga namootii ajjeechaa raawwatani  rakkoolee jiran sadarkaadhan furmaata kennuu Aangoo qabani. Angoo kana dhiiroolee qofattu ittiin hirmaata.
Aangoo Abbagaarummaa karaalee lamaan Argamu.
Kan jalqabaa sanyii irraa kan dhaalamu yeroo ta,u ka lammaffaa immoo ummataan filamuudhaan kan argamuudha.
Abbagaarummaan sanyiidhan argamu abbaa irraa  kara ilma dhiiraatti dhaalchisamaa kan  dhufuudha.Abbagaar ilma dhiiraa hin qabne intala isaatii dhaalchisuu hin dandayu.garuu immoo filannoo abbagaarichaatin ilma obboleessa isaatif ykn ilma obboleetti isaatif abbagaarumma dhaalchisuu nii dandaya.ilmi abbagaar filatu sun abbagaarummaf umriin isaa gahuu barbaachisa.kaadhimamaan abbagaar sun hanga abbagaarummaf gahu nama jabaa akka tahuuf abbagaar haqiif furmaata sirrii akka kennu godhuuf umrii bara 30 fi sanii ol tahuun dirqama.
Abbagaar lammafaan immoo kan filannoo ummataatin Aangoo argatuudha.naannoo isaa keessatti,jaalatamaa,dhaggeefatamaa,fudhatamaa,kabajamaa kan ummatan walii galu tahun ummanni filannoon Aangoo abbagaar kennuufidha.
Abbagaar ummanni filate sun Aangoo Aantummaan kennameef san yoo seeraan itti fayyadamuu dhabaate ummatuma saniin Aangoo irraa buusuufi kan iddoo abbagaa biraa buusuu ummatuma saniini.
Akka Abbagaar isa sanyiin Aangoo abbagaarummaa qabuu san ilma ofiitii dabarsuu hin dandayu.
Abbagaar Abbootii nageenyaati. Namoota wal ajjeesan walitti araarsu, dhiiga gogsu walitti tolchu. Irra caalaan ummati walloo osoo Amantiin adda isa hin qoodin Abbagaarummaan rakkoo furu.
Abbagaaroonni/ maanguddoonni/ namoota jalaa du,eef namoota jalaa ajjeesan san walitti fidu. Nageenya abbagaar dhamsa araara hin fudhadhu kan jedhu hin jiru. Yoo jiraateyu ummata san irraa adda baya. Seerri Araara abbaaar ummata huunda biratti bayyee kabajama.
hundaafuu Abbagaar goojjoo jiguuf kaatee,mana jaarsaaf jaartiin jalaa jige dhaaba.

#mootii#kumsaa#moradaa

Mootii Kumsaa Morodaa

Kitaaba Seenaa Oromoo jalqabaa Kumsaa Morodaatiin barreeffame.

Bara kudha sagal soddomoota keessa xalayaan baallee tokkoorratti barreeffamtee Naqamteerraa ergamuun Finfinnee qaqqabde. Xalayaa kana kan barreesse ilma Mootii Kumsaa Morodaa kan ta'e Dajjaaash Hafte-maariyaa Kumsaa ture. Kan barreeffameef ammoo Mootii biyyattii yeroo sanaa Haayile Sillaaseetiif.

Xalayyichi Afaan Amaariffaatiin kan barreeffame yoo ta'u, qabiyyeen isaas akkas jedha:

"Seenaa Abaabiloota keenyaa maanguddoota bubbulan irraa qorachuudhaan Abbaankoo Gabiraigzaaber (Kumsaa Morodaa) barreessuu eegalee ture. Haa tahu malee utuu hin xumurin lubbuun darbe. Ani ilmi isaa ammoo Maanguddoota Oromoo naannoo keenyaa qofa utuu hin taane, maanguddoota Oromoo naannoo kan biraa qoradhee, seenaa hidda sanyii Oromoo ballisee barreessuun, waan abbaankoo jalqabe xumureen jira. Kana kan goonuuf ammoo ijoolleen keenya sichi dhalatan waa'ee hidda isaanii sirriitti akka beekaniif jenneetu. Macaafa kana maxxansiisuun kan danda'amu, yoo isin Nugusni dhaalaa (aalgaa waraash) Tafarii Mokonnin hayyama kennitan qofa akka ta'e dhageenye. Kanaaf adaraa keessan akka maxxanfamuuf naaf hayyamaa. Ijoolleen Oromoo hidda sanyii abbootaa isaanii akka beekaniif hayyama nuuf kennaa" jedha ture.

Mootiin Itiyoophiyaa yeroo sanaa Haayilesillaaseen xalayyaa kanaaf yoo deebii kennu, akka maxxanfamuu hin dandeenyeefi yaalii akka kanaallee lammata akka hin yaalamne akeekkachiise. Hafte-maariyaam Ilmi Kumsaa Morodaa garuu gad hin jenne. Ammas tooftaa kan biraa ittiin kitaaba kana maxxansu soquu eegale. Dhumarras faranjii mishinerii wangeela lallabuuf dhufee naannoo Naqamtee keessa ture tokko argate. Karaa macaafa kana maxxansuun danda'amu irrattis itti mari'ate. Garuu kitaabnichi qubee Giizii waan ta'eef, maxxansuuf rakkisaa ta'uutu itti himame.

Dajjaash Haftemaariyaam Kumaas ammas gad hin teenye. Mootummaan biyyattii seenaa Oromoo hukkaamsuu isaatiif gubatee, fala ittiin Oromoo biliisa baasu qopheessuu eegale. 

Hafte-maariyaam Kumsaa nama barnoota ammayyaa qabu ture. Isa qofas osoo hin taane, ilmi Jootee Tulluu Mardaasaa Jootee jedhamus barnoota ammayyaa ni qaba. Isa kanaaf jecha, Jimma, Iluufi Wallaggarraa namoonni 36 walitti dhufanii waa'ee biliisummaa Oromoo irratti marii eegalan.

Dhumarras yaada walabummaa jedhu irratti waliif galan. "BIYYA OROMOO HUNDEESSUU" pirojektii jedhu wixineessan. Namoota ijaaru, akkamittiin akka biyyi ijaaramuu danda'uufi waraana qopheessuurratti qorannoo eegalan. Utuu kanaan jiranii Xaalayinaaniin biyya weerarte. Mootiin Itiyoophiyaa Haayile Sillaaseenis baqatee biyyaa ba'e. 

Yoo kana weerara xaaliyaanii kana akka carraatti ilaalan. Dafanii walitti dhufuunis, wixinee biyya hundeessuu saffisan. Wixinee guddaa qopheessuunis, mardaasaa Jootee gara Qoonsilaa Biritish Goree buufatanii jiraniitti ergan. Mardaasaa Jootee Tulluu afaan Ingiliffaa nama beeku waan ta'eef rakkoo malee qoonsiloota Biriitish waliin waliif galaa ture.

Wixinee Biyya Oromoo hundeessuu jedhus gara Goree deemuudhaan ibsame. Wixinee kana keessattis deggarsa meeshaa waranaafi siyaasaa akka godhamuuf gaafatan. Akka wixinee kanaattis Oromoon Iluu, Jimmaa, Wallaggaafi Shawaa Lixaa mootummaa Oromoo walii galaa hundeeffamu kana jalatti argamu. Buufatni isanaiis Gooree ta'a. Wixinee kanarratti namoota, qoroowwan, ijoollee mootii 36-tu mallatteesse. 

Sochiin kun eegalmee utuu baayyee hin turin, Xaaliyaan biyya gad dhiistee baate. Yeroo ba'aan garuu biyya gad dhiisan haa jedhamu malee waan hedduutu bade. Wixineen Biyya hundeessuuf dhihaate dabalatee, kitaabni seenaa Oromoo ofirraa qabu kan jalqabaa Kumsaa Morodaatiin barreeffame "Hidda Sanyii oromoo" jedhus xaaliyaanota kanaan fudhatame.

Yeroo ammaa kana Macaafni seenaan latiinsaafi hdda Oromoo irratti barreeffame, kan jalqabaa sun, Biyya Roomaa Akkaadaamii #Di_Lenche jedhamu keessatti argama. 

mootittii saba'a Queen of sheba

"Mootittii Saba'a""Queen sheba" ----------------------------------------------------------------- ★Miky Sultan Bar...